MM Abiy kan Itoophiyaa weeraruuf abjotu 'si'a 10 yaaduu qaba' jedhan

Madda suuraa, FDRE Defense
Ministirri Muummee Abiy Ahimad qaami Itoophiyaa weeraruuf abjotu dursee si’a baay'ee yaaduu qaba jechuun akeekkachiisan.
‘’Eenyuyyuu Itoophiyaa weeraruuf gaafa barbaadu, tokko osoo hin taane si’a kudhan yaaduu qaba. Sababni isaa nuyi Itoophiyaanonni wanti guddaa dandeenyu tokko ofirraa qolachuudha.’’
Ministirri Abiy Ahimad kana kan dubbatan 'Guyyaa Birmadummaa' ALI guyyaa har'aa Qaam'ee 03, 2016 kabajame ilaalchisuun sagantaa qophaa'errattidha.
Dubbii isaaniin fedhiin Itoophiyaa nagaafi tasgabbii ta’u ibsaniiru. Ta’us, kanneen kana darbanii dhufan akka biyyi isaanii ofirraa qolattu dubbatan.
Ministirri Muummee Abiy biyya Itoophiyaa weeraruuf yaadde jedhan maqaan hin eerre.
Dubbiin isaanii garuu yeroo Gaanfa Afrikaatti muddamni hammaatee jirutti dhagahame.
Dhimma Hidha Haaromsaa irratti Itoophiyaa waliin dhibdee waggootaaf ture kan qabdu Masriin dhihoo xiyyaarota waraanaa lama Somaaliyaatti erguun muddama cimseera.
Itoophiyaafi bulchiinsi beekamtii idil-addunyaa hin qabne, Somaalilaand, kanaan yaaddoo jabaa ibsaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Xiyyaaronni Masrii Moqadiishoo kan qubatan erga Masriin biyya ollaa Itoophiyaa Somaaliyaa waliin waliigaltee waraanaa tolfatanii boodadha.
Itoophiyaan bulchiinsa Somaalilaand kan Somaaliyaan qaama kiyya jettu waliin waliigaltee wal hubannoo ulaa galaanaa mallatteessuun Somaaliyaa hin gammachiisne.
Itoophiyaan waliigaltee kana haqxuu malee loltuun Itoophiyaa Somaaliyaa keessatti nagaa kabachiisuuf bobba'e akka bahu Somaaliyaan ibsiteetti.
Bakka waraana Itoophiyaa kumaan lakkaa'amu waraanni Masrii bakka bu'uu mala gabaasi jedhu erga dhagahamee booda Itoophiyaan mufii ibsiteetti.
Gama kaaniin, Masriinis dhimma Hidha Haaromsaan walqabatee tarkaanfii barbaachisu akka fudhattu dhihoo xalayaa UN'tti barreessiteen dhaamteetti.
Osoo kanaan jiruuti bulchaan Itoophiyaa dhimma birmadummaa biyyattii kan dubbatan.
Ajajaan waraana Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaas Masriin 'duruu diina Itoophiyaati' jechuun sagantaa Baha Itoophiyaa tureerratti waamaniiru.
'Birmadummaarratti mariif hin teenyu'
Bulchaan Itoophiyaa Itoophiyaan birmadummaafi kabaja ishee mariif hin dhiyeessitu jechuunis ergaa dhaamaniiru.
‘’Itoophiyaan seenaa keessatti eenyuyyuu weerartee hin beektu, birmadummaa keenya sarbinaan [garuu] eenyuyyuu hin dhiisnu ’’ jechuun dubbatan.
''Nuti kan nama hin tuqnu, nu tuqnaan garuu fagoo ta'ee dhiyoorra qaanessine deebisuun kan ittin beekamnu.''
Ajajaa waliigalaa waraana Itoophiyaa kan ta'an MM Abiy wayita haasaa kana yeroo dhageessisan loltoonni toora galanii dhaabatanii, dungoo ibsaa wayita dhaaggeeffatan mul'ataniiru.
Itoophiyaan biyyoota Afrikaa qofaa otoo hin taane ardii Afrikaaan alatti nagaa eegumsaaf loltoota ishee seenaa keessatti bobbaafte akka turte eeraniiru.
''Jechi Itoophiyaa jedhu birmaduummaa, caalanii argamu, biyyaafi uummataaf wareegamuu wajjin walqaba’’ jedhanii haasaa isaanii itti fufan.
Itoophiyaan seenaa keessatti biyya weerara ofirra qolachuun beekamtu ta'uu ragaaleen seenaa ni ibsu.
Itoophiyaan dhiyeenya kana mootummaan Somaaliyaa ''qaamolee alaa waliin ta'un naannicha jeequuf'' sochiitti jira jechuun himattee turte.
Mootummaan Itoophiyaa haala Gaanfa Afrikaatti adeemaa jiruufi ‘’nageenya biyyaalessaa ishee yaaddorra buusuu malu dammaqinaan’’ hordofaa akka jirus ibsuun ni yaadatama.












