US tattaaffii Itoophiyaan shororkeessummaa qolachuuf, naannawaa tasgabbeessuuf taasiftu nan deeggara jette

Ambaasaaddar Taayyee Asqesillaasee aanga'oota US walii Niiw Yoorkitti wayita mariyatan

Madda suuraa, Fuula FB Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa

Ameerikaan shororkeessummaa ittisuuf, akkasumas nagaa fi tasgabbii Gaanfa afrikaa eeguuf Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf kutannoo itti fufaa qabaachuu Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti Gargaartuun Dhimmoota Afrikaa Kaatiriin Moolii Fii mirkaneessan.

Yaa’ii waliigalaa 79ffaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Niiw Yoorkitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaataa kan jiran Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaasee hariiroo cimaa Itoophiyaan Ameerikaa waliin qabdu eeruun, dhimmota faayidaa waloo isaanii irratti marii itti fufiinsa qabu qabaachuun barbaachisaa ta’uu himan.

Ambaasaaddarichi yaa'ii walii galaa UN maddittis dhimmoota Itoophiyaa fi gaanfa Afrikaa irratti qaamolee gara garaa waliin marii taasisaaniiru.

Marii isaanii Kaatiriin Moolii Fii waliin waayita taasisan dhimmota haala nageenyaa Gaanfa Afrikaa, addatti ammoo ejjennoo Itiyoophiyaan nagaa fi tasgabbii naannichaa itti fufsiiftuirratti xiyyeeffataniiru.

Keessumaa, dhimma Somaaliyaa ilaalchisee tattaffii Itoophiyaan shororkeessummaa ittisuuf taasiftuu fi Somaaliyaatti Ergama Ce'umsaa Nagaeenya Gamtaa Afrikaa (ATMIS) Amajji keessa baha jedhamee eegamurratti of eeggannoo cimaan gaggeeffamuu akka qabu Ambasaddarichi Moolii Fiif ibsaniiru.

Masirii fi Somaliyaan waliigaltee waraanaa taasifachuu hordofee, Masiriin humni waraanashee ergana Somaaliyaatti nageenya kabachiisuu keessatti qooda fudhacuu barbaaddi.

Somaaliyaan loltoota Itoophiyaa kumaan lakkaa’aman bara 2006 irraa kaasee al-Shabaab loluurratti ishee gargaaraa turan akka baastu dhaadatte.

Somaaliyaan loltoota Itoophiyaa biyyasheetii baasuun humnoota Masirii ergama nageenyaa Gamtaa Afrikaa (AU) haaraa jalatti bakka buusuuf akka jirtu dubbatte.

Itoophiyaan ammoo Masiriin loltootashee yoo kan bobbaastu ta’e loltoota kumaan lakkaa’aman Somaaliyaa keessa akka tursiiftu dhaadatteetti.

Mootummaan Federaalaa Somaaliyaa ammoo waliigaltee Masirii waliin galuushee ilaalchisee keessoo isaatti qoqqoodamuun isa mudachaa jira.

Naannoleen Somaaliyaa tokko tokko loltoonni Itoophiyaa garee al-Shabaab loluun isaan gargaara ajiran akka hin baane gaafataa jiranis, mootummaan Moqadhisoo garuu akka bahan gaafachuun isaa ni yaadatama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aambaasaaddar Taayyeen Gargaaraa Barreessaa Olaanaa Oppireeshinii Nageenyaa Dhaabbataa Mootummoota Gamtoomanii Zhoon Piyoor Lakirooy waliinis wayita mari'atanittis haala Somaliyaa keessatti tasgabbiin hin jirretti dhiyeessin meeshalee waraanaa Masriin taasifamaa jiru nagaa naannichaa kan jeequ fi Shororkeessitoota hidhannoo meeshaa waraanan kan cimsuu akka ta'e dubbatan

Zhoon gumaachaa Itiyoophiyaan ergama nageenya kabachiisuu fi duula nageenyaa irratti UN waliin taasisaa jirtu dinqisiifataniiru.

Ambaasaaddar Taayyeen Itti-gaafatamtuu Ijaarsa Nageenyaafi Dhimmoota Siyaasaa UN Roozmarii Dekaarloo waliinis dhimma Somalaiyaa kaasanii dubbachuun isaanii gabaafameera.

Carraaqqii walirraa hin cinne Itoophiyaan shororkeessummaa loluurratti gochaa jirtu kan ibsaniif Ambaasaaddar Taayyeen, ATMIS -[Somaaliyaatti Ergama Ce’umsaa Afrikaan] booda sadarkaa itti gaafatamummaa, hanga humni sun gahu, deeggarsa maallaqaafi qindoomina jiru dabalatee yeroon barbaachisu kennamee erga sirriitti irratti dubbatamee booda murtaa’uu akka qabu jala muranii dubbataniiru.

Dabalataan Ambaasaaddar Taayyeen, meeshaaleen waraanaa humna alaatiin gara Somaaliyaatti fe'ama ajiran harka shororkeessitootaa galuu maluun nageneya naannichaa jeequu mala jechuun Itoophiyana yaaddoo qabaachuu ibsan.