Xayyaarri Raashiyaa Sudaan keessatti rukutamee kufe

Bakka xayyaarri itti kufe

Madda suuraa, RSF

Ibsa waa'ee suuraa, Humni Addaa (RSF) xayyaara rukutee kuffisuu isaa viidiyoo qoodaa ture, lammiileen Raashiyaa keessa jiraachus ragaalee agarsiisaa ture

Xayyaarri fe'iisaa Raashiyaa Sudaan keessatti rukutamee kufuu ilaalchisee qorannoo gaggeessaa akka jiru embasiin Raashiyaa Sudaan jiru beeksise.

Xayyaarri Sudaan bulchiinsa Daarfur keessatti rukutamee kufe jedhame kun xayyaara fe'iisaa Raashiyaa lyushin Il-76 ta'uun adda bahee jira.

Miidiyaaleen Sudaan akka gabaasanitti xayyaarri Raashiyaa kun meshaaleefi qorichoota fe'ee magaala el-Faashaar bakka Humna Waraana Sudaanin to'atametti geessaa ture.

Guyyaa kaleessaa, Onkoloolessa 21, Humni Addaa Sudaan (RSF) xayyaara Raashiyaan hojjatte humni waraana Masarii balaliisaa tureefi ittiin "uummata nagaa ajjeese" jedhe rukutee kuffisuu beeksisee ture.

Xayyaarichi garuu Antoonoovii Raashiyaa ta'uutu adda baafame. Masiriin gamasheen, lola humna waraanafi humna addaa Sudaan gidduutti gaggeeffamu keessatti Humna Waraanaa Sudaan deeggarti hamii jedhu hin haalaa turte.

Waraaanni humnoota Jeneraal Al-Burhaanifi Hamdaan Dagaaloo gidduutti Ebla 2023 eegale waraana balaafamaa rakkoo namoomaa addunyaarratti hamaa ta'e qaqabsiise ta'uu UN gabaasee ture.

Erga waraanichi eegalee namonni 150,000 ta'an yoo ajjeefaman, miliyeena 10 ol kana ta'an qe'eesaanirraa buqqa'uu gabaasni UN ni ibsa.

Waa'een xayyaara rukutamee kufe jedhameefi kaayyon xayyaarichaa maal akka ta'e sirriitti ifa miti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Embasiin Raashiyaa Sudaanitti argamu, waa'ee xayyaara kufe jedhameefi namoota xayyaaricharra turanii humna waraanaa Sudaan waliin ta'uun odeeffannoo sassaabaa akka jiru beeksise.

Sudan Tribune akka gabaasetti, namoonni xayyaricharra turan- lammiilee Sudaan sadiifi kan Raashiyaa lama du'aniiru.

Akka gabaasa Sudan Tribune kanatti xayyaarichi kan kufe osoo gara magaala el-Fashaar osoo demaa jiruu kufe.

Bulchiinsa Daarfur keessaa magaala el-Faashaar qofaatu harka humna waraanaa biyyattii jira.

Viidiyoowwan miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa turan, loltoonni RSF bakka xayyaarri itti kufee paaspoortiifi waraqaa eenyummaa Raashiyaa agarsiisu qabatanii mul'ataa turan.

Gabaasaalen tokko tokko akka jedhanitti xayyaarichi rakkoon teeknikaa mudachuu mala. Humni Waraanaa Sudaanifi Humni Addaa (RSF) xayyaarichi rukutamee kufe jedhan.

Kaan ammoo xayyaarichi dogoggoraan rukutamee kufe jedhu.

Sudaanitti humnoota wal-lolan gidduutti waraanni gaggeeffamu akka dhaabbatu yaalin godhame si'a heddu kufeera.