Humni Addaa Sudaan keessatti duguuggaa sanyii raawwate jette US

Madda suuraa, Getty Images
Humni Addaa Sudaan (RSF) duguuggaa sanyii raawwate jechuun Ameerikaan qoqqobbii irra kaa'uu beeksifte.
Qoqqobbiin US kaa'uu beeksifte gaggeessaa garichaa kan ta'e Jeneraal Hamdaan Dagaaloo irratti.
Ministiirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan har'a ibsa kennaniin, Mohaammad Hamdaan Dagaaloo waraana waggaa lamaaf gaggeeffamaa jiruun lammiilee Sudaan irratti "haleellaa qindaa'aa waan raawwateef" akka adabamu himan.
Humni Addaa (RSF)fi milishoonni michuu garichaa ta'an ajjeechaa dhiirotaafi dubartoota akkasumas "daa'imman reefu dhalatan" irratti raawwataniif itti gaafatamu jedhan.
Dabaluunis humnoonni Humna Waraana Sudaan waliin lolatti jiran kun ajjeechaa qofa osoo hin taane, sanyii adda baasun haleellaa saalaa raawwachuusaanii ibsan Antoonii Biliinkan.
Milishoonni kun namoota waraana jalaa baqatan akkasumas namoota nagaa irratti xiyyeeffachuun ajjeechaa raawwachuu himan.
"Odeeffannoo kanarratti hundaa'un, misensonni RSFfi milishoonni michuusaa ta'an Sudaan keessatti duguuggaa sanyii raawwataniiru jedhee dubbachuuf murteessera," jedhan Biliikan.
Humni Addaa Sudaan (RSF) gamasaan US ejjannoo hin qabdu jechuun rakkoo deemaa jiruuf furmaata kennuu akka hin dandeenye ibse.
"Murtichi kufaatii bulchiinsi Baayidan rakkoo Sudaan keessa jiru furuuf hanqate...," jechuun gorsaa Hamdaan Dagaloo kan ta'e El-Basha Tbaeq fuula X gubbaatti barreesse.
Dabaluunis murteen US kun rakkoon Sudaanitti waraana dhale mariin akka hin furamneef wal-xaxaa taasisuu akka malu eere.
Humni Addaafi Humni Waraana Sudaan Ebla, 2023 irraa eegaluun wal-waraanutti jiru.
Sababa waraana kanaan lammiilen biyyattii 150,000 ta'an du'uutu himama. Antoonii Biliinkan waraana Sudaan keessatti deemu ilaalchisee yaada kennaniin, Humna Addaas ta'ee Humni Waraana Sudaan biyyattii bulchuuf gahuumsa hin qaban.
Qoqqobbiin US ajajaa RSF kan ta'e Hamdaan Dagaaloo irra keesse, akka inniifi maatinsaa US hin deemnefi qabeenyi innis ta'ee maatinsaa qaban akka ugguramuudha.
Akkasumas kaampaaniwwan torba RSF Yunaayitid Arab Emereetis keessaa qabuufi namni dhuunfaa biroo RSF meeshaa waraanaa akka argatuuf haala mijeessu qoqqobbii US jala galaniiru.












