Biyyi waraana keessa jirtu Sudaanitti beelli daran babal'ate

Madda suuraa, Reuters
Addunyaa irratti sababa waraanaa fi gargaarsi biyyoota dureeyyii hir'ataa dhufeen lakkoofsi namoota beelaaf saaxilamanii ykn beelaan wal'aansoo qabaa jiranii hedduu dabale.
Biyyoota sababa waraana waliiniin rakkoo beelaa kanaaf saaxilaman keessaa Sudaan ishee tokko.
Akka gareen ogeeyyii wabii nyaataa jedhanitti, waraanaan rakkachaa kan jirtu Sudaan "rakkoo beelaa hamaa" keessa seenaa jirti.
Beelli kun biyyatti naannawa shan keessatti kan babal'ate yoo ta'u, namoonni gara miiliyoona 24.6 ykn gara walakkaa ummata biyyatti gargaarsa nyaataa hatattamaa akka barbaadan gareen kun beeksiseera.
Waraanni kun rakkoo namoomaa hamaa kan qaqqabsiise yoo ta'u, koreen qorannoo dhimma beela (FRC) kan UN'n deeggaramu yoo waldhabdeen kun hin dhaabbanne ta'e ''balaa guddaan'' uumamuu akka danda'u akeekkachiiseera.
Mootummaan Sudaan waraanaan deeggaramu kun, gabaasni koree kanaa ''gabaasa amansiisaa ta'ee fi abbaa biyyummaa fi kabaja Sudaan miidhu baase'' jechuun erga ibsee booda tumsa koree kana addaan kute jechuun Rooyitars gabaaseera.
Waraanni waliinii biyyattii beelaa fi gaaga'ama hamaa kana keessa galche erga bifa haaraan eegalee gara waggaa lamatti siqeera.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii bara 2025tti addunyaarraa yoo xiqqaate namoonni miliyoona 307 gargaarsa namoomaa akka isaan barbaachisu tilmaamera.
Kanneen keessa walakkaa kan ta'anillee gargaaruuf maallaqa gargaarsaa akka walitti qabu ibseera.
Akka dhaabbatichi jedhutti yeroo waldhabdeen bal'aan, jeequmsi siyaasaa fi haala qilleensaa hamaa ta'e kanatti gargaarsi akkan barbaachisaa ta'ullee gargaarsi walitti qabamu rakkoo jiru kanaaf deebii kennuu dadhabuun rakkoon sun akka hammaatuu taasisa.
Gareen Koree Integrated Food Phase Classification (IPC) jedhamu kan UN waliin hidhata qabuufi sadarkaa beelaa adda baasu Sudaan keessatti agarsiiftuwwaan beela hamaa akka jiru ibseera
IPC'n jalqaba baatii Hagayyaa keessa kaampii Zamzam bulchiinsa Sudaan Daarfuur keessatti argamu kan namoota walakkaa miliyoonatti dhiyaatan keessa dahatan keessatti beelli akka mudates gabaaseera.
'Gidiraa dhala namaa isa hamaa'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Koreen kun gabaasa dhiheenya kana baaseen kaampii Abe Shuk fi Al Salaam magaalaa El Faasher kan marfamte Daarfuur keessatti, akkasumas naannolee lama bulchiinsa Kordofaan Kibbaa keessatti beelli mudateera jedheera.
"Beelli mul'ate gidiraa dhala namaa isa hamaa ta'eedha, kufaatii balaa garmalee sirnootaa fi wwan lubbuun jiraachuuf barbaachisoo ta'anii kan bakka bu'uudha," jedhe
"Hanqina nyaataa qofa osoo hin taane fayyaa, jireenyaa fi hawaasummaa gadi fageenyaan diiguun hawaasa guutuu abdii kutannaa keessa galcheera," jechuun korichi dabalee ibseera.
FRC'n hanga Caamsaa dhufuutti Sudaan naannoowwan dabalataa shan Daarfuur keessatti hongeen mudachuu akka danda'an kan tilmaame yoo ta'u, balaan kun naannoolee 17 biroottillee babal'achuu akka danda'u akeekkachiiseera
"Naannoowwan walitti bu'iinsi cimaan itti baay'atutti hojii qonnaa haalaan kan miidhe yoo ta'u, qonnaan bultoonni haala rakkisaa sana keessaa qe'ee fi qonna isaanii dhiisanii baqachuuf dirqamaniiru. Kanaanis saamichii fi gaaga'amni mudateera."
Kutaaleen biyyaa Daarfurii fi Kordofaan Kibbaa waraana gara jabinaa keessa kan jiran yoo ta'u, lammiileen nagaa hedduun hidhattootaan badiin jajjaboo irra gahuu dhaabbileen mirgaa ibsaniiru.
Sudaanitti ergamaan addaa Ameerikaa kan turan Tom Perrilloo baatii Caamsaa darbe keessa akka jedhanitti, waraana kanaan namoonni hanga kuma 150 ta'an ajjeefamaniiru.
Rakkoon beelaa bakka wal dhabdeen itti jabaate akka Sooriyaa fi Filisxeem keessattilee akkan hamaadha.
Akka qondaaltootni UN jedhanitti dhiibbaan dinagdee fi siyaasni biyya keessaa jijjiiramaa deemuu isaatiin hangi deeggarsaa biyyoonni dureeyyiin taasisanii yeroo gara yerootti hir'achaa jira.
Yaaliin araaraa Sudaanitti waraana biyyattiifi Humna Addaa (RSF) gidduutti deemaa jiru dhaabuuf tasifamaa ture hanga yoonaa ffurmaata hin arganne.
Humni waraanaa Sudaanii fi RSF bara 2021 fonqolcha mootummaa waliin kan raawwatan yoo ta'u, waldhabdeen aangoo ajajoota isaanii gidduutti uumameen garuu bara 2023 biyyattii waraana keessa galche.












