Walleen bara beela 1977 gadhiifame waggaa 40 boodas falmisiisaa jira

Lammiilee Itoophiyaa ayyaana Qilee kabajaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Waggaa 40 dura beela Itoophiyaatti mudate viidiyoon agarsiisu BBC'dhaan erga gadhiifameen booda artistoonni muuziqaa beekamoon konsartii galii walitti qabuu qopheessanii ture.

Baandiin ogeeyyii muuziqaa Ingiliiziifi Ayarlaand walitti qabate ''warri Itoophiyaa Ayyaan Qillee ykn dhalachuu Yesuus Kiristoos tahuu ni beeku laata?'' jedhee gaafatee ture.

Wellistoonni Boob Gildoofi Maajii Uree weellistoota beekamoo biroo wajjin tahuun muuziqaa baaqqee galii walitti qabuu gadhiisan.

''Do they know it's Christmas?'' ykn ''ayyaana dhalachuu Yesuus tahuu ni beekuu? Waggaa 40 booda deebi'eera.

Gosooti muuziqaa afur qophaa'anii ture.

Haa tahu malee akkatti Afrikaa ibsan kan ardii kana cilaatti dibu dha jedhamuun qeeqameera.

Afrikaan ''homaa kan keessatti hin biqille, rooba kan hin qabne, lagni kan keessa hin yaane'' gochuun dhiyeessuutti ilaalameera.

Lammiileen Afrikaa gargaarsa qofa kan eegan gochuun dhiyeessuudhaanis qeeqameera.

Yeroo beela Itoophiyaa sana qondaala mootummaa kan turan Daawit Giyoorgis, ''ayyaana Qillee tahuu ni beekuu?'' jechuun gaafachuun unuuf arraba dha.

''Dhugaas immoo miti. Lammiilee Itoophiyaa haala sirrii hin taaneen dhiyeessa. Itoophiyaan Kiristaanummaa kan fudhatte Ingiliiz dura dha. Nuti ayyaana dhalachuu Yesuus Kiristoos kan beeknu abaabilee isaaniin dura dha,'' jedhan.

Haala kanaan dheekkamsi itti dhagahame sagalee isaaniirra beeksisa. Hiriyyoota isaanii waliin tahuun akkatti sirba sana qeeqan ni yaadatu.

Gaazexeessaan Ingiliiz Maayikil Bureekiifi ogeessi suuraa lammii Keeniyaa Mohaammad Amiin gabaasni hojjetan yeroo nama baayyee akka lubbuu baraare otoo hin eeriin hin dabarre.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Koomishinii qindeessa gargaarsa Itoophiyaa yeroosii kan turan namni kuni mootummaan yeroosii oduun beelaa yeroosii akka bahu barbaaduu baatus isaan garuu gaazexeessitoota dhoksaan galchan.

Yeroo ammaa biyya Naamibiyaa kan jiraatan Daawit, ''uummanni Ingiliiz gaarummaa agarsiisuun ilaalcha ani namummaaf qabu jabeesseera,'' jedhu.

Baandii Eeyiid jedhamu duuba namoota jiran, ''dargaggoo fi waan dalagan kan jaalatan,'' jechuun isaan ibsu.

Sababa muuziqaa kanaan lubbuun namaa hafe akka jirutti tahee haalli Itoophiyaa fi akka waliigalaatti Afrikaan ibsamte kan gaaffii kaasu dha jedhu.

Dhihoo kana dubbii miidiyaa The Convesation irratti baheen Boob Gildoof '' adeemsa balaafamaa dha,'' jedhamuun qeeqameera. Muuziqaan kuni lubbuu namoota miiliyoonaan lakkaa'amanii baraaree jira,'' jedheera innimmoo.

Lammiileen Itoophiyaa ayyaana Qillee akka kabajan beeknullee sababa beela kanaan, ''ayyaana kabajuun hin danda'amne ture,'' jedha.

Hogganaan faayinaansii Baand Eyiid Kaanoon akka jedhanitti ji'oota torba darbanitti doolaarri miiliyoona 3.8 tahu walitti qabuun Itoophiyaa, Sudaan, Somaalilaandiifi Chaad namoota 350,000 keessatti gargaaruun danda'ameera jedhan.

Boob Gildoofi Miij Uree

Madda suuraa, Getty Images

Kaaba Itoophiyaa waraana waliinii keessa tureef Baand Eyiid, ''birmataa yeroo rakkoo,'' tahuun kaanis gargaarsa akka walitti qaban akka jajjabeesse himaniiru.

Haa tahu malee gaaffii sirba kanarratti ka'u hin hambisu.

Dhukkuba Iboolaa Afrikaa Lixaa ittisuuf muuziqaan hojjetame itti dabalamuu irratti walleen beekamaa Ingiliizii Eed Shiiran torbee darbe dubbatee ture.

Muuziqaan kuni bara 2014tti hojjetamus ''seeneffama fidee dhufe irratti garuu ilaalchi ani qabu geeddarameera,'' jedheera weellisaan kuni.

Raappariin dhalataa Gaanaafi lammii Ingiliiz Fuus Odiijii muuziqaa kanarratti hirmaachuuf eeyyamamaa hin taane ture.

''Addunyaan geeddaramullee Baand Eeyiid hin geeddaramne. Ayyaana Qilee kanatti Afrikaa keessa nagaafi gammachuun hin jiru. Ammallee Afrikaan du'aan marfamtee jirti,'' jechaa jiru.

Yeroo beelli Itoophiyaa gabaafame

''Wagga waggaan Ayyaana Qilleef gara Gaanaa nan deema. Ayyaana Qilee baranaan nagaafi gammachuun Afrikaa keessa akka jiru beekna. Duuti iddoo fe'ee akka hin jirre ni beekna.

Baand Eeyiid rakkoo biyya tokkoo fuudhee kan guutuu Afrikaa gochuun ilaalchi jallataan akka jiru agarsiisa,'' jechuun Raappariin kuni dubbateera.

Akkatti lammiileen Afrikaa muuziqaawwan gargaarsaan dhiyeeffaman dhiibbaa irratti gochuu dubbata. ''Namoonni ana argaa natti qoosu,'' jedha.

Kooleejii Kiingis keessatti barsiisaa kan tahe lammiin Ingiliiz-Naayijeeriyaa Ediwaard Adimooluu dhimmicha irratti qorannoo hojjeteera.

Filmii dhimma kana ilaallatus hojjetee ummataan gaheera.

''Lammiilee Afrikaa wallaalota, foolii badaa kan qabaniifi bineensaa wajjin qixxeessanii ilaaluu dha. Mana barumsaa yeroon jiru hiriyyoonni kuni Afrikaa irraa tahuu isaanii hamma gananitti gahaniiru,'' jedha.

Suuraan namoota akkaan huuqqatanii gargaarsa walitti qabuuf oola.

Muuziqaan baaqqee Baand Eeyid Sar Piitar Bileekiin hojjetame ijoolleen Itoophiyaa wayyaa gurrachaafi adii keewwatanii biskuutii lubbuu baraaraa yeroo nyaatan agarsiisa.

Yeroo konsartiin bara 2004 qophaa'u immoo suuraan daa'ima huqqataa tokko waltajjii duubarraa mul'ata. Hojii muuziqaa miilanaarratti suuraan sun galeera.

Dhaabbilee gargaarsa namoomaa 300 ol walitti qabee kan hojjetu Boond muuziqaan yeroosii akka haaraatti gadhiifamuu qeeqeera.

Ittigaafatamtuun farra sanyummaafi wal-qixxummaa Boond Liinaa Bireehoo, ''dhaaboti kan akka Baand Eeyiid seenessawwan yeroon itti darbe dhageessisu. Sanyummaafi ilaalchota gita bittaa jabeessu. Namoota ofirratti abbummaa qabaachuu fuudhanii kabaja dhorku,'' jetti.

Boob Gildoof Baand Eyiid kan hojjetu ''ilaalcha gita bittaadhaani,'' yaada jedhu akka hin fudhanne kanaan dura dubbateera.

Baand Eeyiid muuziqaa irra deebiin hojjechuu yoo barbaade artiistoota beekamoo Afrikaa waliin tahuun hojjechuu akka danda'u gaazexeessituu Kiriistiin Icheefuu dubbatti.

''Muuziqaan Arikaa geeddarameera. Waan haaraa hojjechuun yeroo barbaadamu Afroobiit ykn Amaapiyaanooo fa'i waliin hojjechuu danda'ama,'' jetti.

''Namoonni hojiin deeggarsaa isaanii seenessa fidee dhufu irraa miliquu hin danda'an. Baand Eeyiid amma dhufee seenessa namoota baraaruu haasa'uu hin danda'u,'' jechuunis dubbatti.

Barsiisaan Kiingis Kooleej lammii Ingiliiz-Naayijeeriyaa Ediwaard Adimooluu immoo ''seeneffama duraanii gara duubaatti deebi'uun sirreessuun barbaachisa.Afrikaan eegduu gargaarsaa qofa osoo hin taane seenaa ofii barreessu dandeessi,' jedha.