Itoophiyaatti lubbuu miiliyeenotaa baraaruuf arjoomni Jeneevaatti qophaa'e karooraa gadi argamsiise

Madda suuraa, UNOCHA/Nitsebiho Asrat
Lubbuu lammiilee Itoophiyaa miiliyona15 ol ta'u atattamaan baraaruuf deeggartootni Itoophiyaa Jeneevaatti waamichi godhameef maallaqa eegamuun gad gumaachan.
Sagantaa arjoomaa Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii, UK fi Mootummaan Itoophiyaa walii ta'uun qopheessan irratti qaamoleen 21 argamanii doolaara miiliyoona 630 arjoomuu UN beeksise.
Sagantaan arjoomaa kun Kibxata Ebla 17, 2024 Siwiizarlaand magaalaa Jeneevaatti kan gaggeefamee yoo ta'u, kaayyoon isaa lammiilee Itoophiyaa miiliyoonaan lakkaa'aman kan sababa hongee, lolaa fi walitti bu'insaan deeggarsi namoomaa atattamaa isaan barbaachisuuf maallaqa oolu walitti qabuu ture.
Akka UN jedhutti lammiileen Itoophiyaa miiliyoona 15.5 ta'an deeggarsa atattamaa barbaadu. Ammoo ji'oota shanan dhufan keessatti deeggarsa barbaachisu dhiyeessuun akka itti fufu doolaarri biiliyoona tokko ta'u waan feesisuuf saganticha atattamaan qopheessan.
UN waliigalatti bara 2024 keessa maallaqa doolaara biiliyoona 3.24 ta'u deeggarsa namoomaaf jecha walitti qabuuf duula godhamu deeggaraa fi qindeessaa jira.
Maallaqni hanga Kibxataatti walitti qabamuu danda'e garuu karoora waliigalaa qabame keessaa dhibbeentaa shan qofa ta'uu ibseera.
Barreessituu ittaantuun Dhimmoota Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamatoomanii, Jooyis Misuyaa, sagantaa arjoomaa kana wayita goolaban ''yeroo namootni walitti dhufnu, akkuma sa'aa booa kana goone, hojiilee guguddoo hojjechuun danqaalerra aanuu dandeenya'' jedhan.
Arjoomtota yoo galateeffatan US arjooma doolaraa miiliyoona 253 gochuuf waadaa galuun biyya guddoo arjoomte ta'uu himan.
Biyyi UN fi Itoophiyaa waliin ta'uun saganticha qindeessite UK ammoo doolaara miiliyoona 125 arjoomuun UStti aanti.
Namoota miiliyoona 15 ol ammatti gargaarsa argachaa jiranitti dabalataan ji'oota hanga Fulbaanaa jiran keessatti namootni dabalataa miiliyoona 10 ta'an hanqina nyaataaf saaxilamuu maluu jechuun Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii tilmaameera.
Dhaabbatichi naannolee Amaaraa, Affaariifi Tigraay dabalatee naannolee kaan keessattis hanqinni nyaata madaalawaa hammaachaa deemuun maallaqni dabalataa akka barbaachisu sababa ta'eera jedha.
'Maallaqni argamuu baannaan hojii lubbuu baraaruu itti fufuu hin dandeenyu'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa ammoo Koleeraa fi busaan biyyattii keessatti hammaachaa waan dhufeef maallaqa amma harkaa qabuun tajaajila lubbuu baraaruu kennuun akka itti cimu ibse.
Hogganaa itti aanaan dhaabbatichaa Dr. Maayik Riyaan koleeraan biyyattii keessatti erga dhalatee ji'a 20ffaarra jira jechuun dubbatan.
Dhibee kanaan namootni 41,000 ol qabamuu himan. Dhibeen busaas namoota miiliyoona 1.1 ta'an irratti argamuu beeksisan.
Dhibeewwan kunniin bakka uummatni hedduun tajaajila fayyaa bu'uraa argachuuf rakkatutti mudachuufi hongeefi balaan lolaas namoota miiliyoonaan lakkaa'aman kanaaf qaqqabuu rakkisaa gochuu ibsan.
''WHO fi deeggartootni fayyaa kaan bakka san jirra, deeggarsa lubbuu baraaru kennaa jirra...maallaqni argamuu baannaan hojii kana itti fufuu hin dandeenyu'' jechuun arjoomtotatti himan.
Hojii lubbuu baraaruu hojjetan itti fufuuf bara kana maallaqa isaan barbaachisu doolaara miiliyoona 187 keessaa dhibbeentaa afur qofa argachuus beeksisan.
Mootummaan Itoophiyaa uummata rakkoolee adda addaarra kan ka'e deeggarsa nyaataa atattamaa barbaadan kanaaf akka oolu doolaara miiliyoona 250 ta'u kan ji'oota muraasa dhufaniif oolu dhiyeenya kana gadhiisuu ibseera.
Itoophiyaa naannolee adda addaa keessatti walitti bu'iinsi waggootaaf gaggeefamaa tureefi ammas gaggeefamaa jiru namoota miiliyoonaan buqqiseera.
Balaan hongee fi lolaanis akkasuma lammiilee biyyattii harka deeggartootaa akka ilaalan dirqisiiseera.












