Itoophiyaan tarree biyyoota liqii kaffaluu dadhabanitti ramadamte

Rakkoon hanqina sharafa alaa Itoophiyaa mudate akkasheen liqii ofirraa kaffaluu hin dandeenye taasiseera

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Rakkoon hanqina sharafa alaa Itoophiyaa mudate akkasheen liqii ofirraa kaffaluu hin dandeenye taasiseera

Itoophiyaan boondii doolaara biiliyoona tokkoon gabaa addunyaarratti gurgurteef dhalasaa doolaara miiliyoona 33 kaffaluu dadhabuun tarree biyyoota liqaa kaffaluu dahabaniitti ramadamte.

Itoophiyaan tarree biyyoota Afrikaa biroo Gaanaa fi Zaambiyaa liqaa kaffaluu hin dandeenye keessatti ramadamte.

Ministeerri Faayinaansii Itoophiyaa ji'a Muddee keessa kaffaltii boondii kaffaluu ''tursiisuun'' maamiloota alaa liqaa kennaniif ''wal qixa ilaaluuf malee kaffaluu dadhabdee miti'' jedhe.

ALI Sadaasa 2007 Itoophiyaan boondii doolaara biiliyoona tokkoon gurgurtee liqii argatteef dhalasaa kaffaltee kan xumuruu qabdu hanga Wiixata darbe (Sadaasa 1, 2016)tti ture.

Guyyaan kun wayita xumuramu mootummaan liqii kana yeroo qabameef keessatti kaffaluu akka hin dandeenye ibse.

Gurgurtaa boondii kanaaf waggaatti dhalli waggaatti kaffalamu dhibbeentaa 6.625 ture.

Shallaggiin kun kan waggaa ta'us kaffaltiin garuu waggaatti yeroo lama yookiin ammoo ji'a ja'a ja'aan raawwatama.

Waggaa kudhaniif kan deemaa jiru gurgurtaan boondii kun, bara dhufu (bara Itoophiyaa 2017) guutummaatti kaffalamee xumuramuu qaba.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Boondiin kun erga gurguramee waggoota kurnan jiran keessatti mootummaan liqeessitotaaf dhala kaffalee xumuruu qaba ture.

Ministeerri Maallaqaa Itoophiya agaruu dhala kana kaffaluu akka hin dandeenye ibseera.

Itoophiyaan yeroo qabameef keessatti dhala gurgurtaa boondii kanaa kaffaluu akka hin dandeenye erga ibsitee booda Kamisa kaleessaa (ALI Sadaasa 4, 2016) abbootii boondii waliin marii karoorsite,

Marii kanaan filannoowwan biroo barbaaduurratti walta'uu barbaaddi Itoophiyaan.

Koreen abbootii boondii ammoo murtee mootummaa Itoophiyaa kanaan ''barbaachisaa kan hin taanee fi gaddisiisaadha,'' jechuu Rooyitarsi gabaaseera.

Mootummaan Itoophiyaa murtee isaa kana hin jijjiiru taanaan garuu daafoon isaa akkaan hammaataa ta'a jedhan warri boondii bitan.

Ogeeyyiin bulchiinsa diinagdee fi maallaqaa Itoophiyaan dhala gurgurtaa boondii yeroo qabame keessatti kaffaluu dandeessimoo hin dandeessu jechuun sodaa keessa turan.

Itoophiyaan dhala kana akka kaffaltuuf guyyaan dabalataa 14 kennamuufii kan kaasan ogeessi bulchiinsa maallaqaa Abdulmannaan Mahammad (PhD), yeroo kennameef kana keessatti maallaqi kun hin kaffalamu taanaan rakkoon ''waliigaltee kabajuu dhabuu'' ishee mudachuu danda'a jedhan.

Liqii kaffaluu dhabuun maali? Akkamiin mudata?

Mootummaan Itoophiyaa boondii gurguree doolaara biiliyoona tokko argatuuf dhalasaa waggaa kudhan keessatti kaffalee xumuruuf liqeessitoota waliin waliigaltee mallatteessee ture.

Waliigaltee kana keessaa hammeentaa dhala maallaqa liqii fi haalli itti kaffalamu isaan ijoo turan.

Shallaggiin dhalaa waggaatti dibbeentaa 6.625, kan kaffalamu ammoo ji'a ja'a ja'aan waggaatti yeroo lama.

Itoophiyaan hanga yoonaa dhala liqii kana kaffalaa turtus, amma garuu sadarkaa kaffaluu hin dandeenyerra ga'uu ministeerri maallaqaa ibseera.

Akkaataa waliigaltee kanaan liqii kana kaffaluu dhabuun ''technical default'' jedhamuu akka danda'u ogeeyyiin diinagdee ni himu.

Dr Abdulmannaan ''akkaataa waliigalameen dhala maallaqa liqii kana kaffaluu dhabuun yookiin liqii guutuu kaffaluu dhabuun ''waliigaltee kabajuu dhabuutti fudhatama,'' jedhan.

Maallaqa liqii gurgurtaa boondiin argame kana kaffaluu hin danda'u jechuun biyyattiin liqii waliigalaa ofirraa qabdu kaffaluuf humna dhabuu agarsiisas jedhan.

Aanga'oonni Itoophiyaa abbootii boondii waliin mari'achuuf karoora Kamisatti qabatan booda dandeettiin Itoophiyaa liqii ofirraa kaffaluuf qabdu sirriitti hubatama.

Mootummaan liqii biyya alaa ofirraa kaffaluuf waan rakkateef liqeessitoota kaan waliinis mari'achuutti jira.

Akkuma liqiiwwan kaanii kan gurgurtaa boondiin argame kunis akka yeroo biraatti dabarfamuuf yookiin hammeentaan dhala isaa akka hir'atuuf barbaada jedhan Dr Abdulmannaan.

Mootummaan qabxiiwwan marii Kamisarratti dhiheesse keessaa tokko hammeentaa dhala maallaqa liqii kanaa dhibbeentaa 6.265 irraa gara dhibbeentaa 5.5 akka hir'atudha.

Dhimmi ijoon kaan ammoo yeroon kaffaltii akka dheereffamudha.

Ogeessi diinagdee maqaansaanii akka eeramu hin feene tokko mariin mootummaa fi liqeessitoota gidduutti gaggeeffamu salphaa akka hin taane himan.

''Gama Itoophiyaan garuu abdiin qaba, waan isheen dhiheeffatte waan fudhatamu fakkaata. Ni milkoofti jedheen yaada,'' jedhan ogeessi diiangdee kun.

Mariin kun yoo hin milkaa'in hafe daafoonsaa maal ta'a?

Ogeeyyiin diinagdeen BBCn dubbise lameenuu marii kanaan waliigalteerra ni ga'ama jedhanii amananis, ''marichi yoo milkaa'uu baate garuu miidhaan isaa salphaa miti,'' jedhan.

Ogeessi maqaasaanii himuu hin feene ''haala diinagdee amma Itoophiyaa keessa jiruun yoo ilaalamu mariin kun liqii isa kana qofa irratti gaggeeffamaa? Liqiiwwan kaanhoo kaffaluu dandeessii?'' jechuun bu'aan armaan gadii tilmaamu.

''Biyyattiin amma dhiibbaa diinagdee jala jirti, haalonni yoo hin mijataniif ta'e rakkoon waliigaltee eeguu dhabuu (technical default) kun gara liqii kaffaluu dadhabuutti (Sovereign default) ce'uu danda'a,'' jedhan.

Dr Abdulmannaan ammoo marichi waliigaltee malee xumuramee, Itoophiyaan dhala maallaqaa yookiin guutummaa liqii boondii kanaa kaffaluu yoo dadhabde ''waliin dubbii liqeessitoota kaan waliin eegalterrattis miidhaa qaba,'' jedhan.

Liqii waliigalaa Itoophiyaan biyya alaatii argattu keessaa walakkaan Chaayinaarraati. Yeroo Itoophiyaan liqii itti kaffaltu waggaa tokkoon dheeressiteetti.

Itoophiyaan liqii kana kaffaluu dhabuun yookiin dadhabuun ''maallaqi IMF irraa biyyattiin argattu yoo jiraate akka baayyee harkifatu taasisa. Biyyoota investaroota irraa barbaannu waliin hariiroon uumnu akkaan laafaa ta'uu mala. Gargaarsa biyyoonni taasisan irrattis dhiibbaa uuma,'' jedhan.

Gargaarsi akkaan harkifatuu waliin walqabatee mootummaan hanqina boba'aa qabu guutuuf jecha mootummaan gara maallaqa ofiisaa maxxansiisuutti seenuu akka danda'u tilmaamu Dr Abdulmannaan.

Kun mataansaa qaala'iinsa jireenyaa yeroo ammaa biyyattii raasaa jiru daranuu hammeessa jedhan.

Ogeessi diinagdee maqaasaanii himuu hin feenee fi diinagdee Itoophiyaa itti dhiheenyaan hordofan liqii kaffaluu dadhabuun Itoophiyaa kun ragaaleen waliiglatee maallaqaa hedduun akka amantee dhaban taasisa jedhan.

''Meeshaalee gabaarraa dhabuu fi gatiin meeshaalee akka malee dabaluun'' haaluma wal fakkaatuun mudachuu danda’a jedhan ogeessi kun.

Akka ogeessonni dinagdee jedhanitti Itoophiyaan liqii irra jiru kaffaluu dhabuunshee damee investiminatii miidha.

Investeroonni dinagdee biyyichaarraa amantaa dhabu, kanaaf maallaqakoo baasee investi godhee gara fuulduraatti maallaqakoo baase deebisee argadha jedhu argachuun ulfaataadha jedhan ogeessi dinagdee.

''Investeroonni duraan jiranii fi hojii isaanii babal’isuuf karoorsan, karoora isaanii haquu danda’u, kanneen haaraa jalqabuuf karoorsanis deebisanii yaada isaanii jijjiiruu danda’u. Kun ammoo Itoophiyaan damee investimantiin akka isheen dorgomtuu hin taane godha,'' jedhan.