Itoophiyaa keessatti 'diinagdeen badhaadhinaa' akkatti hubatame dogoggoraa?

Suuraa saantimaafi alaabaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Ministirri Muummee Abiy Ahimad torban muraasa dura yeroo hojii misoomaa kibba lixa Itoophiyaa, Godina Beench Shakkootti raawwatamu daawwatanitti ''...rakkoon lammiilee Itoophiyaa tokko yaada waa'ee diinagdee qabnudha...'' jedhan.

Dubbii isaaniin yaad-rimeen saayinsii diinagdee rakkoo akka qabutti ibsuun faallaasaa deemuun gara furmaataatti akka geessu eeran.

''Ikoonomiyaa ykn qorannoon Ikoonoomii ofiisaayyuu qorannoo, dhabuu fi hanqinaati. Fayyadamni koo economical miti gaafa jedhamu hanqina tilmaama keessa kan galche mitii jechuu dha.

''Nuti faallaa yaada kanaa deemna. Hanqina irratti osoo hin taane tarfaasa irratti, hiyyummaa irratti otoo hintaane badhaadhina, dhukkuba irratti osoo hin taane fayyummaa irratti qorannoo hundaa'e....gochuun gara furmaataa geessa amantii jedhu qabna,'' jedhan.

Akkaataan isaan ''diinagdee badhaadhinaa,'' itti ibsan garuu ija qorannoo diinagdeen akkamiin ilaalama? Faallaa bu'uura diinagdeetii?

Hayyuu diinagdee kan tahan Dr Guutuu Teessoo jalqaba irratti qajeelfama saayinsii qorannoo diinagdee akka nuu ibsan gaafanne.

''Diinagdeen badhaadhinaa hanqinarratti kan hundaa'e miti kan jedhu ilaalcha diinagdee badhaadhinaa wajjiin kan deemu miti,'' jechuun ibsu.

Bu'uurumaa addunyaa kanarratti qabeenyi muraasa ykn daangeeffamaa yoo tahu fedhiin dhala namaa immoo kan hin daangeffamneefi dhuma kan hin qabnedha jechuun ibsan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Saayinsiin diinagdee kan inni hojjetu qabeenya maatii, biyyaa fi addunyaa murtaa'aa tahe kana fedhii dhala namaa hin daangofneef akkamiin ittiin sirnaan tajaajilamuun danda'ama kan jedhuuni.

Saayinsiin diinagdee qaama beekumsaa bal'aa akka tahes ibsu.

''Qorannoon diinagdee hanqinuma irrratti hundaa'a jechuu miti, waa'een guddinaa, waa'een daldalaa, invastimantii, hariiroo diinagdee idil-addunyaafi dameewwan biroo baay'ee qo'ata,'' jechuun ibsu Dr Guutuun.

Ministirri mummee, ''saayinsin diinagdee hanqina irratti haa hundaa'uyyuu malee nuti badhaadhinaan irratti hundaa'uun hojjenna, '' jedhan.

Mul'atni dinagdee paartii isaaniis ''guddina diinagdee hunda hammataa, fayyadama wal-qixaa mirkaneessuu dha,'' jedha

Akkasumas, ''Guddina hawaasaa badhaadhina waliigalaa mirkaneessuu,'' akka tahe hima.

Dr Guutuun diinagdeen badhaadhinaa (prosperity economics) waan yeroo ammaa qabatamaan Itoophiyaa keessatti hojiirra oolaa jiru wajjiin akka hin deemne himu.

''Diinagdee badhaadhinaa sirumaayyuu kan bu'ureffate hanqina irratti, qabeenya murtaa'aa tahe akka guddatu, akka jabaatu godhee hawaasa bal'aa sadarkaa diinagdee gad-aanaa irra jiruufi hirmaannaa hin qabne bira akka qaqqabamu kan godhu, '' jedhan.

''Biyya kanatti akkatti hubatan garuu namoonni akka isaan qabeenya guddaa horatanii, ofirraa hafani xiyyoo samiirra kan godhu dha.''

Bu'uurumaa dinagdeen badhaadhinaa waa'ee hark-qalleessummaati jedhu ogeessi kuni.

Guddinni biyya tokko keessatti galmaa'e hawaasa sarara hiyyummaa gad jiru gargaaruu dadhabuusaatiin hiyyummaa keessaa baasuun diinadee keessatti qooddattoota akka tahan gochuu irratti kan hundaa'e dha jedhan.

Ammoo biyya kamittiyyuu diinagdeen kan hojjetu galii hanqate guddisuu, qaawwa daldala bahaafi galaa dhiphisuudhaafi jedhan.

''Silaa kan jedhamu qabu diinagdeen badhaadhinaa hanqina jiru kan balleessu, hawaasa bal'aa hirmaataa guddina diinagdeefi misoomaa kan godhu ture,'' jedhan.

Biyyootni Awurooppaa, Ameerikaa fi Eeshiyaa diinagdee badhaadhinaa kan isaan fayyadaman biyya isaanii keessa hawaasa wayyabaa qooddataa diinagdee hin taane waan jiruufi jedhu.

''Hawaasni kunneen qabeenyaafi guddina argame keessatti akka hammatamaniifi hirmaataniif hojii diinagdee hojjetamu dha,'' jechuun ibsu.

Mootummaa misoomawaa fi badhaadhinaa

Mootummaan misoomawaa (Developmental State) inni akka yeroo bulchiinsa paartii duraan Itoophiyaa bulchaa ture, ADWUI, ture bu'uuraan mootummaa badhaadhinaati jedhu hayyuun kuni.

Mootummaan misoomawaa kunis hawaasa carraa misoomaafi guddinaa dhabe bu'uuraalee misoomaa fi tajaajila hawaasummaa diriirsuun guddina diinagdeef hojjeta.

''Kanaaf biyyoonni kanneeen akka Chaayinaa, Singaappooriifi Maleezhiyaan fa'i mootummaan diinagdee guddina biyyaa keessatti shoora jabaa qabaachuun hawaasni moggaatti bahe gara wiirtuutti akka dhufu gochuurratti hojjetu,'' jedhan.

''Diinagdeen badhaadhinaa akkaataa haala qabatamaa biyya keessaa amma hubatamaa jiruun, saayinsii diinagdee Itoophiyaaf barbaachisu miti.''

Yaad-rimeensaa akka jedhutti garuu Itoophiyaadhaaf illee kan fayyadu ture jechuun ibsu.

Amma kan jedhamaa jiru, ''hiyyummaa hin beeknu, irraa hafaa malee,'' jedhama. Haala qabatamaa Itoophiyaa ammaan ''badhaadhinni hin barbaachisu.''

Itoophiyaan biyya leecalloo uumamaan badhaatuufi humna namaa guddaa akka qabdu dubbatu Dr Guutuun.

''Biyya keenyaaf yeroo ammaatti kan barbaachisu guddina diinagdee saffisaa imaammata fiduu danda'u dha. Kanaaf immoo kan barbaachisu diinagdee bu'uura bal'aa (broad based) qabu dha,'' jedhan

Kunis damee tajaajilaa, qonnaa, indaastirii, oomishaa fi kaan irratti akkasumas diinagdee magaalaafi baadiyyaa fa'irratti xiyyeefachuun hojjechuu irratti kan xiyyeefatutu barbaachisa jechuu ibsu.

''Isa kana gaafa yaannu waa'ee badhaadhinaa yaadna osoo hin taane, diinagdeen guddate hawaasni bal'aa carraa hojii argatee hiyyumma keessaa bahuuti Itoophiyaadhaaf kan irratti xiyyeeffatamuu qabu,'' jechuun xiinxala isaanii dhiyeessu.

Biyyoonni biroo garuu guddina barbaachisu erga galmeessaniin booda, qaamni hawaasaa hin hirmaanne waan jiraatuuf, badhaadhina qabnu keessaa hawaasni qooddataa hin turre haa hirmaatu waan jedhurratti hojjetu jedhan.

Biyyootni guddataniifi guddachaa jiran sarara diinagdee badhaadhinaa kana kan hordofanis kanumaafi jedhu.

Guddinni diinagdee hammataa tahe galii argachuu, nyaachuu fi dhuguurra darbee dhimma mirgaa, qabeenya qixxee hirmaachuu, hawaasni qaala'insaan akka hin dararamne gochuutti cehaa dhufa.

Kanaan dura Itoophiyaan waggoota 15'f, moodeeliin mootummaa misoomawaa fayyadamu hanqinaafi danqaa qabu hundumaa wajjiin guddina diinagdee saffisa dijiitii dachaa kan galmeessuu dandeessise ture jechuun ibsu.

''Imaammata diinagdee guddina saffisaafi bal'aa galmeessuutu Itoophiyaadhaaf kan barbaachisu. ''

Erga diinagdeen biyyattii guddatee qabeenyi guddaan uumameen booda, akkamiin guddina argame kana hawaasa hundaaf taha kan jedhuurratti immoo hojjetama jedhu.

''Badhaadhina hordofna jechuun piroojeektiiwwan ija namaa duratti bifaan mul'atan garuu ammoo gabaa biyya keessaa tasgabbeessuu irratti gumaacha muraasa taheefi tamsa'ina qabeenyaa muraasa taheerratti hojjechuun guddina saffisaafi bal'aa hin fidu,'' jedhu.

Itoophiyaan sirna diinagdee amma hordofaa jirtullee ''waan sirriitti beekamu miti, '' jedhu.

Diinagdee badhaadhinaa ittiin guddina fiduuf hin fayyadu ittiin hawaasa sababa garaagaraan fayyadamaafi hirmaataa bu'aa guddina diinagdee hin taane bira gahuuf malee jedhu.

Sirni diinagdee biyyi tokko hordoftu yaad-rimeensaa saayinsiin kan mirkanaa'e malee kan wal-dhiitu ta'uu hin qabu.

''Waggaa shanan darbe keessatti Itoophiyaan sirni diinagdee hordofaa turte maali yoo jedhame, hayyoonni qabatamaan kana jedhanii, kan himan miti, diinagdeen biyyattiis guddachuu didee ititee akka turu waan godhan keessaatis sababa tokko dha,'' jechuun ibsan.

Walumaagaltti diinagdee badhaadhinaa waan jedhamu tokkoffaa, sirriitti hin hubatamnee lammffaa, ''yaadrimee diinagdee ifaafi saayinsii qabatamaa irrati hundaa'e hin qabu, haala Itoophiyaa qabatamaa ammaa kanatti barbaachisaa miti,'' jedhan.

Xiinsammuu hiyyummaa

Leellistootaa fi deeggartoota paartii badhaadhinaa biratti yaadota ka'aniifi danqaa badhaadhuufi guddachuutti ka'an keessaa tokko ''xiinsammuu hiyyummaa,'' dha.

Ilaalcha akkasii kana geeddaruufis haasaa namoota dadammaqsan dhagahuun waan baratamaa dhufe dha.

Dr Guutuun, ''dhalli namaa kamiyyuu xiinsammuu hiyyummaa, dhabuu, jooruu, hanqinaafi waa bira gahuu dadhabuu kan jedhu keessaa bahuu danda'uu qaba,'' jedhu.

Sababiinsaas, ''dhala namaa keessa humni itti hin bu'amne guddaatu jira. Ofitti amanamummaa qabaachuun hiyyummaa keessaa bahuu akka danda'u yaaduun barbaachisaa dha,'' jedhu.

Haa tahu male, ''nuti akka biyyaattii caasaa hawaasaa fi diinagdee biyyaa xiinsammuu dhuunfaa waliin haalli walitti hidhuu yaallu garuu sirrii miti, '' jedhu.

Uummanni biyya kanaa miiliyoona 30 tahu sarara hiyyummaan gadi jiraata.

Kan harka walakkaa ol tahu immoo galiin dhuunfaa guyyaatti argatu dolaara 120 gadi dha.

Haalota akkasii keessatti, ''rakkoon keenya ilaalcha badhaadhinaa qabaachuu dhabuu ykn xiinsammuu hiyyuummaa qabaachuu dha jechuun of gowwomsuu dha,'' jechuun ibsu.

Guddina hawaasaa argamsiisuu fi xiinsammuu namootaarratti hojjechuu waliin laaquun waan adeemsisu mitii jechuun ibsaniiru.

Kanneen, ''rakkoon keenyi xiinsammuu hiyyummaadha jedhan yaadrimee amala namaa geddaruu haasa'u malee akkatti biyyi, hawaasni bal'aan guddachuu danda'u ragaadhaan deeggaranii hin agarsiisan,'' jedhu.