Rakkoofi yaaddoowwan hanqina kuusaa sharafa alaa Itoophiyaa

Maallaqa biyya alaa

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbanni Ameerikaa Fiich Reeting kan dandeettii liiqaa deebisuu biyyootaa xinxaluudhaan sadarkaa baasufi dhaabbilee damee kanaan maqaa gaarii qaban sadii keessaa tokko.

Dhaabbanni kun gabaasa dhiheenya kana baaseen, dandeettiin liqaa biyya alaa kanfaluuf Itoophiyaan qabdu hir'ateera jedhe.

Itoophiyaan bara bajataa Waxabajjii dhufaa xumuramuutti, idaa doolaara biiliyoona tokkoo kanfaluutu irraa eegama. Kanfaltiin kunis bara 2025tti gara doolaara biiliyoona 2 ol ka’uu akka danda’u tilmaama kaa’eera.

Sababii kanaatiin Itoophiyaan carraan sharafa biyya alaatiin qoramuushee akka dabalu danda’u agarsiisa.

Itti dabalunis, kuusaan sharafa alaa biyyattii bara 2023tti gara doolaara biiliyoona tokkootti hir’achuu kaaseera. Kunis baatii tokkoof qofallee haalaan kan liiqaa biyya alaa kanfaluudhaaf dandeessisu miti jedheera.

Kuusaan sharafa biyya alaa maaliidha?

Kuusaa sharafa biyya alaa jechuun maallaqa, warqee, boondii ykn waan gara biraa gatii jabaa qabuufi mootummoonni sharafa biyya alaatiin haala salphaa ta’een gara maallaqaatti jijjiruu danda’aniidha.

Maallaqni bal’inaan fudhatama qabu doolaara Ameeriikaa waan ta’eef, kuusaan sharafa biyya alaa mootummootaa doolaara kanaan tilmaamama.

Biyyoonnis kuusaa sharafa alaa qabaniin ciminaafi tasgabbii diinagdeesaanii madaalu. Kunis amanummaa liiqaaf, daldalaaf, invastimantiif qaban kan agarsiisudha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kuusaan sharafa alaa kunis bu’aalee hedduu akka qabu gorsaan bizinasiifi oggeessi herreegaa Obbo Xilaahun Girmaa ni dubbatu.

Akka oggeessa kanaatti, kusaan sharafa alaa kun liiqaa biyya alaa dhala waliin kanfaluudhaaf kan dandeessisuudha.

Gabaa addunyaarratti haala hin eegamneen yoo gatiin qaala’u, fakkeenyaaf gatiin boba’aa osoo hin yaadamne yoo dabalu ykn walitti bu’insi biyyoota jidduutti yoo umamuutti, gatiin mi’aa baayyee yoo dabaluutti rakkoo uumamu dandamachuuf ni gargaara.

Kana malees invastarootaaf amanamummaa kennaaf. Investaroonni biyya tokko keessatti hojii invastimantii irratti hirmaachuu yoo barbaadan jalqaba kuusaan sharafa alaa meeqa akka ta’e ilaalu. Akkasumas, haalli qabiinsa sharafa alaaa maal akka fakkaatu ilaalu.

Kusaan sharafa alaa biyyootaa kunis akka oomishaalee, tajaajilootaafi maashinoota biyya alaarraa bitanii biyya keessa galachuun faayidaarra oolchan gargaara.

‘‘Kusaan sharafa alaa biyyattii liiqaa kanfaluuf kan laaffate yoo ta’e, meeshaa biyya alaarraa barbaachisuu galchuuf kan rakkattu yoo taate, sadarkaa yaaddeessaarra geessee jirti jechuudha’’ jedhu Obbo Xilaahun.

Biyyoonni akkaatuma dandeettifi qabeenya diinagdeesaanitti kuusaa sharafa alaa torbanoota, baatiiwwaniifi waggootaaf kan tajaajilu qabaachuu danda’u.

Itoophiyaan haala idileedhaan waggoota darbaniif kuusaa sharafa alaa eeggannoo baatiiwwaniif ga'u caalu qabaattee hin beektu.

Kuusaa sharafa alaa baatii tokkoof gahutu jira yoo jedhamu garuu guyyaa 30n booda ni dhuma jechuu miti. Maallaqni biyya alaarraa ergamu, deeggarsi, liiqaa fi daldala alaarraa argamu ni jiraata.

Kanaafiidha oggeessoonni kuusaan sharafa alaa hir’ateera jechuun wanti hundi dhumeera jechuu akka hin taanee kan himan. Garuu kuusaan yoo hin daballee ta’e yaaddoo uuma. Ta’us ammo dhumeera jechuu miti.

Kuusaan sharafa alaa gahaadha jedhamu meeqa?

Dhimma kanarratti deebiin kana jedhamu hin jiru. Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa (IMF) biyyoonni kuusaa sharafa alaa baatii sadii hanga jahaa gahu akka qabaatan gorsu.

Kan baatii sadiif jedhamus fooyya’uu kan qabaatu malee kan yeroo hunda haala sanaan itti fufuu qabaatu miti.

Biyyoota akka Itoophiyaatiif kuusaa baatii sadii qabaachuun gaarii akka ta’e gorfama.

Ragaalen akka mul’isaniitti, diinagdee Itoophiyaatiif kuusaa sharafa alaa baatii sadii qabachuun haaraa miti. Guyyoota muraasa qofaaf kan gahurras gahee akka beekus ni himama.

Kuusaan sharafa alaa attamiin hir’ata?

Mootummaan kuusaa sharafa alaa jiru ni beeka. Oomishaalee biyyattiin gara biyya keessaa galchiturrattis odeeffannoon jira. Baasii waggaa herreegun guyyaadhan ykn ji'aan baasin hangam akka bahe akkasumas sharafni alaa yeroo hagamiif akka gahu tilmaamun ni danda'ama.

Itoophiyaatti ‘‘oomishi galii waggaan guddataa dhufeera. Daldalli alaa garuu laafaa dhufe’’ jedhu Obbo Xilaahun. Gahee olaanaa kan qabaatu daldala alaati jedhama. Kunis sharafa alaa barbaada.

Kanaafu sharafa alaa argamu caalaa kan daldala alaa galchuuf kanfalamu ni caala. Garaagarummaan kun ammoo karaa liqaa, deeggarsa maddeen garaa garaa irraa argamuu, sharafa alaarraa gara biyyaatti ergamu (remittance) fa'aan kan haguuggamu ta’a.

‘‘Kana ta’uu baatee yoo hir’inni kuusaa sharafa alaa jiraate, biyyattiin idaa keessa galuu dandeessi. Haala akkasitiin kan kuusaan sharafa biyya alaa biyya tokkoo sirriidhamoo sirrii miti jedhamee madaalamu,’’ jedhuun dhiibbaa sharafni alaa qabaatu himu Obbo Xilaahuun.

Kanaafuu daldalli biyya alaa Itoophiyaa laaffachuun ‘‘biyyattiin haala gaariirra akka hin jirree waan agarsiisuufidhaa kan gara sadarkaa yaaddeessaa irratti gadi bu’eef’’ jedhan.

Akka agarsiiftutti kan kaasan ammoo, kanfaltii liiqaa ilaalchisee adeemsa sirreeffama (restructure) kanfaltii haaraa akka jiraatuuf gaafachuusheeti. Yaaliin liiqaa dhaabbilee liiqaa idil-addunyaarraa argachuuf taasiftus ni eerama.

Yoo kuusaan sharafa alaa hir’atu sanadni amanummaa baankii (letter of credit) saaquun meeshaalee alaa galchuun hin danda’amu.

‘‘Wantoota baayyee barbaachisaa ta’an kan akka qorichaafi nyaataa bitachuu hin dandeessu. Liqaalleen kanfaluun cimaa ta’a.’’

Erga kana hunda xiyyeeffannaa keessa galcheen booda dhaabbanni Fiichi dandeettiin Itoophiyaan liqaa kanfaluuf qabdu baayyee gadaanaadha jechuun sadarkaa yaaddoo keessa galche.

Dolaara Ameerikaafi Paawundii

Madda suuraa, Getty Images

Hir’inni kuusaa sharafa alaa maaliin ibsama?

Waggoota darbaniif kuusaan sharafa alaa gadi bu’aa deemuun yerodhaa gara yerotti cimee deemaa jira.

Kanaafis agarsiiftuun kanneen biyya alaarraa meeshaa galchan sharafa alaa barbaadan gaafatanii dhorkamuu ykn hanga barbaadan argachu dhabuusaaniti.

Kanaafuu sharafa alaa baayyee eeggatanii argataniin meeshaa biyya keessa galchan ammoo dacha lamaafi sadiin gabaaf dhiyyeessu.

‘‘Kuusaan sharafa alaa hir’achuun kan mul’atu ammoo yoo baankiif gaaffii dhiyeessaniidha. Biyya alaa deemuuf, wallaansaaf, daawwannaa fi barnootaaf doolaara gaafatanii argachuu yoo hin dandeenye, kuusaan sharafa alaa akka hin jirree agarsiiftuudha,’’ jedhu Obbo Xilaahun.

Sababii kanaatiin yoo liiqaa dhaabbilee biyya alaarraa fudhatan kanfaluu dadhaban ammoo, biyyoonni tokko tokkoo yoo dhaabbiilee akka Dhaabbata Maallaqa Addunyaafi Baankii Addunyaarraa liqaa gara biraafi yeroo kanfaltii akka dheereeffamuuf gaafatan argamu.

Hanga haalli sireeffamuuttis qaamoolee liiqaa kennan waliin mari’achuufi meeshaalee alaa galan dhaabuu ni filatu.

Itoophiyaanis kanaan dura meeshaalee alaa galan 38 akka hin gallee dhorkitee turte. Kunis hir’inni sharafaa jiraachuu agarsiisa.

Haala kanaanis sharafa alaa jiru oomishaalee baayyee barbaachisaa ta’an qofaa alaa galchuu irra akka ooluu gochuu akka ta’e himu Obbo Xilaahun.

Biyyoonni baayyeen indastiriiwwan biyya keessaa sababii hir’ina sharafa alaatiin galtiiwwan oomishaaniif oolan haala gahaa ta’een argachuu waan hin dandeenyeef, dandeettiin gadi oomishaa kan jiran yoo ta’u, kaan ammoo hojii dhaabutti dhiyaataniiru.

Rakkoon sharafa alaa biyyattii yeroo gabaabaa keessatti furmaata yoo hin arganne ta’e, yaaddoon sadarkaa liiqaa kanfaluu dadhabuu ni dabala. Warri liqeessanis maallaqa kennuuf amanuu dadhabu waan ta'eef pirojaktoota gurguddaadhaaf maallaqa argachuun rakkiisaa ta’a.

Furmaanniisaa maali?

Yoo kuusaan sharafa alaa hir’atu tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhatamuu danda’u.

Yeroo gabaabaatti daldala alaa dabaluun cimaa ta’uu mala. Garuu ammo liiqaa biyyattiin kanfaluu qabdu akka dheeratuu gochuun ni danda’ama. Liiqaa dabalataa argachuudhaaf yaaluunis akkasuma.

Kun ammoo, ‘‘liiqeeffatanii liiqaa kanfaluu jechuun… kan dursa irraa liiqeeffannee yoo akka kanfaluuf nu dhiphisutti, kaan irraa liqeeffatanii isa duraaf kanfaluu jechuudha,’’ jechuun ibsu Obbo Xilaahun.

Kun ammo maraammartoo liiqaa uuma. Kanaafuu kuusaa sharafa alaa biyyattii yeroo adeemsa dheeraatiif guuddisuuf furmaanni dursaa oomishaalee alaa galan hir’isuun daldala al-ergii dabaluudha.

Kanneen biyya keessatti oomishamuu danda’an biyya keessatti oomishuu akkasumas indastiriiwwan deeggaruun barbaachisaa ta’a.

Akka fakkeenyaatti, ‘‘Itoophiyaan midhaan zayitaaf ta'a gaarii biyya alaatti erguun zayita qulqullina hin qabne biyya keessa galchaa jirti,’’ jechuun zayita biyya keessatti oomishuun murteessaa ta'uu himu.

Oomishaalee galii caalaa fidan (value added) gara biyya alaatti erguun filannoo gara biraati.

‘‘Itoophiyaan bara Abbaa Jifaarii kaasee hanga MM Abiy Ahimaditti buna dheedhii Jimmaa biyya alaatti ergaa jiraatte. Sun itti fufuu hin qabaatu. Haalli ittiin galii caalmaa itti argamsiisuutti guddiisuun barbaachisaadha,’’ jedhan Obbo Xilaahun.

Dhimmi baraa kaafamuu dhimma imaammataati. Gatii birriin doolaara wajin madaalamu qabu kan tilmaamu baankii biyyaaleessaati. Baankiin Biyyaaleessaa Itoophiyaa tilmaama doolaaraa guyyaa guyyaan murteessee baankootaaf ifa taasisa.

Kunis gatii sirrii doolaarri baankotaan gurguramu bakka hin bu’u. Xinxaltoonni gatii doolaaaraa isa gabaa gurraachaatu caalaa gatii dhugaa agarsiisaa kan jedhan jiru.

‘‘Yoo dandeettiin birriin bituuf qabu hir’atu daldalli biyya alaa ni fooyya’a kan jedhan baayyeedha. Mootummaan ammoo yoo sana raawwadhe qaala’insii gatii ni dabala jechuun yaaddoo qaba. Kunis murtee immaammata mootummaati. Dhimmooti wal qabatan baayyeetu jira,‘‘ jedhan.

Waraanaa badii qaqabsiisan dhaabuus oggeessi kun dhimmota akka furmaataatti kaasan keessaa tokko. Waraanni sababiiwwan qaala’iinsaa waan ta’ef wal dahbdee karaa nagaatiin furuudhaaf eddoo olaanaa kennuu barbaachisa jedhan.

‘‘Rasaasniifi diroonin hundi sharafa alaatiin bitamu. Tiraaktara irra yoo caalaa rasaasaaf kan kanfalamu ta’e rakkoodha… Kanaafuu nagaa buusuun waan guddaadha,‘‘ jedhan.