Itoophiyaan miseensa Hawaasa Afriikaa Bahaa (EAC) ta’uf gaaffii hin dhiyeessine jette

Madda suuraa, MINISTRY OF FOREIGN AFFAIRS OF ETHIOPIA
Itoophiyaan Hawaasa Afrikaa Bahaa (EAC)tti miseensa ta’udhaaf gaaffii akka hin dhiyeessiin Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Nabiyyuu Tadilaa BBCtti himan.
Dubbii Himaan kun akka jedhaniitti, Itoophiyaan ammatti miseensa Hawaasa Afrikaa Bahaa (EAC) ta’udhaaf fedhii hin qabdu, gaaffii miseensummaas hin dhiyeessine.
Miidiyaan mootummaa Keeniyaa KBC tibbana ittigaafatamtuu dhaabbatichaa eeruudhaan, Itoophiyaan miseensa salgaffaa taatee simatamuuf tauu gabaasee ture.
Miidiyichi Hawaasa Afriikaa Bahaatti Barreessituu Ministira Kaabiinee Misooma naannoowwan gammoojjii fi gamtokkoo gammoojjii kan ta’an Peniinaa Malonzaa waabeefachuun Itoophiyaan hawaasichatti makamuuf sadarkaa dhumaarra gahu gabaase.
Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Nabiyyuu Tadilaa garuu, ‘‘odeeffannichi bu’ura maleessa. Namni jedhaman kunis maal irratti bu’urreeffachuun akka dubbatan hin beeknu'' jedhan
Dabaluunis ''Nuti akka biyyaatti dhaabbatichatti makamuuf gaaffii kamuu hin dhiyeessine. Galmeen wal jijjirrees hin jiru’’ jedhan.
Dhimmacharratti gama mootummaa Itoophiyaatiin wanti jedhame akka hin jirre kan ibsan Obbo Nabiyyuun, ammatti xiyyeeffannaan Itoophiyaa hojiirra oolmaa qaxanaa daldala bilisa ardii Afriikaarratti jedhan.

Madda suuraa, SM
Dhaabbanni Hawaasa Baha Afrikaa (East African Community) jedhamu erga hundaa’ee waggoota 30 ol kan lakkoofsise yoo ta’u, miseensummaan biyyoota dabalataa simachaa jira.
Dhiyeenyuma kana Somaaliyaan miseensa hawaasa kanaa ta’uun dhagahamee jira.
Hawaasni Baha Afrikaa (EAC) biyyoota miseensa ta’an gidduutti sochiin bilisaafi walitti dhufeenyi akka cimu kan godhuudha.
Somaaliyaa biyyi hidhattoonni al-Shabaab keessa socho’aniifi ulaa galaanaa dheeraa ta’e qabdu diinagdeeshee cimsachuuf miseensa hawaasa kanaa taatee jirti.
Hawaasni Baha Afrikaa (EAC) eenyudha?
Hawaasni kun jalqaba biyyoota sadi: Keeniyaa, Yugaandafi Tanzaaniyaadhan bara 1999tti kan hundaa’e yoo ta’u, yeroo ammaa biyyoonni walumatti baay’ina uummataa miliyeena 300 ol qaban miseensa ta’aniiru.
Teesson muummee Hawaasa Baha Afrikaa Tanzaaniyaa magaala Harushaa yoo ta’u, yeroo ammaa biyyoonni saddeet hammatee jiru: Keeniyaa, Tanzaaniyaa, Yugaandaa, Ruwaandaa, Dimokiraatik Koongoo, Sudaan Kibbaa, Somaaliyaafi Buruundiidha.
Hawaasa Baha Afrikaatiin alattis biyyoota Baha Afrikaa hedduu miseensummaan kan hammate dhaabbanni IGAD jira.
IGADfi Hawasa Baha Afrikaa (EAC) maaltu wal-fakkeessa? Garaa garuummaansanii hoo?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Lamaansaanituu kaayyoo wal-fakkaataa qabu jedhu Nezarlaanditti qorataa Afrikan Orentaalii kan ta’an Obbo Na’aamin Ashannaafii.
Dhaabbileen kun lamaanuu nageenya lammiilee mirkaneessuufi misooma cimsuurratti xiyyeeffatu. Garuu kaayyonsaanii wal-haa fakkaatu malee kan isaan irratti xiyyeeffatan waan garaa garaa irratti.
Keessumaa IGAD akka haaratti erga hundaa’ee as dhimmoota siyaasaa irratti xiyyeeffataa jira. Hawaasni Baha Afrikaa (EAC) ammoo walitti hidhamiinsa gabaafi diingadee irratti fuulleffachuun biyyoonni naannichaa fayyadamoo akka ta’an gochuurratti hojjata.
“EACn diinagdee irratti xiffaachuun hawaasicha walitti fiduu, fayyadamummaa waloo cimsuu, taarifa fooyyessuu, gumuruukawwan waloo hundeessun…hawaasa diinagdee wal-fakkaataa ijaaruu irratti xiyyeeffateera,” jedhu Obbo Na’aamin.
Faallaasaa ammoo IGAD kan irratti xiyyeeffachuu barbaadu nageenyifi tasgabbiin naannoo Baha Afrikaatti akka mirkanaa’u gochuurratti. Keessumaa gaheen inni Sudaan Kibbaa, Itoophiyaafi Ertiraa godhe akka fakkeenyatti kaasu.
Ammas waraana Sudaan keessa jiru dhaabsisuuf tattaaffii IGAD gochaa jiru akka fakkeenyatti kaasuun siyaasaafi nageenyarratti xiyyeeffatee akka hojjatu ibsu Obbo Na’amiin.
Haa ta’u, garuu miseensonni dhaabbilee kana lamaanituu diinagdeensaanii qonnarratti kan hundaa’e ta’uunsaa biyyoota miseensa ta'an gidduutti wal-dorgommiin mudachuu jiraachuu mala.
Haala amma jiruun biyyoonni miseensa EAC ta'anii miseensa IGAD ta'an akkuma jiran miseensa EAC ta'anii kan IGAD kan hin taanes jiru.
Biyyooni akka Keeniyaa, Ruwaandaa, Somaaliyaafi Sudaan Kibbaa miseensa lamaaniti: IGADfi EAC.
Gama biraan ammoo miseensa IGAD kan ta'an biyyoonni akka Itoophiyaafi Jibuutii Hawaasa Baha Afrikaa (EAC)tti hin makamne.
Somaaliyaa- miseensa haaraa EAC

Sababa al-Shabaab Somaaliyaa keessa socho'uuf biyyattiin biyyoota naannawa Baha Afrikaa jiraniif yaaddoo nageenyati.
"Somaaliyaan gaafa miseensa taatu namoonni bilisaan akka socho'an carraa argatti.
'' Lammiilen Somaaliyaa yaaddoo malee biyyoota kana seenuu danda'u. Shororkeessitoonni biyya biraa seenanii haleellaa banuu danda'u kan jedhu sodaatu ture. Kunis Somaaliyaan akka EACtti hin makamneef danqaa guddaa itti ta'ee ture," Obbo Na'amiin.
Loltoonni nagaa kabachiisaa Somaaliyaa jiran hedduunsaanii biyyoota miseensa IGADfi EAC irraa dhufaniidha.
Yaaddoo nageenyaa jiru ilaalchisee, "deeggarsa keessan na barbaachisa, yaaddoo jirus waliin taanee balleessina," jechuun yaaddoon al-Shabaab uumu kan Somaaliyaa qofa akka hin taane amansiisun miseensummaa EAC argattee akka jirtu himu Obbo Na'amin.
Somaaliyaan qabeenya fayidaarra hin oolle ulaa galaanaa Afrikaa keessaa dheeraa ta'e qabdi. Qarqara galaanaa kanatti walitti dhufeenyi diinagdee ijaaramuu danda'a. Kuni ammoo bu'aa diinagdee guddaa argamsiisa.
Akkasumas Somaaliyaa qabeenya qurxummii guddaa qabdi. Omisha muuzitiinillee ni beekamti ture. Carraa kanatti fayyadamtee qabeenyasheerraas fayyadamuu dandeessi jedhu.
"Somaaliyaan biyyoota naannichaaf omisha qurxummii guddaa ta'e dhiyeessuu dandeessi. Kuni biyyoota naannichaaf gabaa kan uumu yoo ta'u, kaanif fayyadamummaa kan uumudha," jedhu Obbo Na'amin.
Pirezidaantin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad biyyisaanii miseensa EAC ta'uun guddina Somaaliyaaf abdii guddaa kan fidu akka ta'e dubbatanii turan.
Itoophiyaafi Hawaasa Baha Afrikaa (EAC)
Itoophiyaan miseensa Hawaasa Baha Afrikaa (EAC) akka taatuuf irra deddeebin waamichi dhiyaachufii ni dhagama.
Itoophiyaan garee kanatti yoo makamte fayyadamtuu akka taatu amanu Obbo Na'amiin. Itoophiyaan EACtti yoo makamte baay'inni biyyoota miseensa hawaasichaa gara miliyeena 500tti ol guddata.
Hawaasichi uummata hanga kana bakka bu'a jechuun ciminasaa guddisuun walitti hidhamiinsa jiru jabeessaa akka deemu taasisa.
Itoophiyaan miseensa EAC ta'uun fayidaa uummatasheef qofa osoo hin taane, hawaasichaafuu cimina guddaa taati.
Na'amiin akka jedhanitti Itoophiyaan miseensa yoo taate, EACn miseensummaasaa gara biyyoota 9tti guddisa waan ta'eef biyyoonni kun uummata miliyeena hanga kana bakka bu'anii dubbatu jechuun carraan dhiibbaa uumuusaanii bal'aa ta'aa deema.
Dhiyeenya kana ammoo Itoophiyaan ulaan galaanaa akka ishee barbaachisu ifa gootee jirti. Miseensa EAC taatee yoo fudhatamte, carraan filannoo ulaa galaanaa argachuushee bal'aa akka ta'es kaasu.
"Fakkeenyaf, Somaaliyaan miseensa hawaasichaati. [Itoophiyaan] buufata Somaaliyaa fayyadamaa hin jirtu. Itoophiyaan [Hawaasa Baha Afrikaatti] yoo makamte, walitti dhufeenya dippilomaasii jiruun osoo hin taane, yaada fayyadamummaa waloo waan of-keessaa waan qabuuf, Itoophiyaan ulaa galaanaaa ykn buufata doonii dabalataa filannoof ishee gargaaru argatte jechuudha," jedhuun ibsu Obbo Na'amiin.
Dabaluunis, Itoophiyaan miseensa EAC yoo taate, osoo walitti bu'iinsi hin jiraatiin karaa nagaan ulaa galaanaa dabalataa argachuu danda'uu qofa osoo hin taane lammiilee biyyattiifis salphaatti carraan hojii akka argamu ibsu.
Hawaasa Baha Afrikaa (EAC)tti makamuun Itoophiyaaf carraawwan dabalataa akkuma fidu, yaaddowwan dabalataa fidee dhufus qaba. Fakkeenyaf, Keeniyaan akkuma Itoophiyaa diinagdee qonna irratti hundaa'e qabdi.
Biyyoonni lachuu loon gaanfaa hedduufi omisha bunaa qabu. Kun biyyoota lamaan gidduutti wal-dorgommii gabaa cimaa uumuu mala.
Yaaddon biraa daddabarsa namaa karaa seeran alaa taasifamuudha. Itoophiyaan miseensa EAC yoo taate, lammiilen biyyattii salphaadhumatti biyyoota Baha Afrikaa keessa socho'uu waan danda'aniif, daddabarsi seeran alaa dabaluu danda'a.
"Yaaddoo kana hambisuun kan danda'amu, "Itoophiyaan] biyyoota kana waliin ta'uun tasgabbii diinagdeefi gabaa waliin ta'uun hundeessitu akkasumas lammiileesheef carraa hojii banuudhani.
''Daddabarsa seeran alaa hambisuuf ammoo waliin hojjachuu kan jedhu akka furmaatatti dhiyeessuu dandeessi," jechuun yaaddoo jiruuf furmaata kan jedhan kaa'u Obbo Na'amiin.












