Oromiyaatti walitti bu'iinsi damee fayyaa balaarra buuse - Fannoo Diimaa I/Addunyaa

(Suuraa kanaan duraa) Fannoo diimaan Godina Wallaggaa Lixaatti deeggarsa ni taasisa

Madda suuraa, @ICRCETHIOPIA

Waldaan Fannoo Diimaa Idil-Addunyaa walitti bu'iinsi Oromiyaa keessatti irra deddeebiin mudatu bu'uuraalee misoomaa irratti dhiibbaa guddaa qaqqabsiisuu ibse.

Keessattuu dhaabbilee fayyaa fi misoomaa bishaan dhugaatii sababa kanaan akkaan miidhamuu ibse dhaabbati kun.

Akka fakkeenyaatti Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Beegiitti dhaabbileen fayyaa fi pirojektoonni bishaan dhugaatii barbadaa'aniiru jedha ibsi dhaabbata kanaa.

Aanaa kanatti uummata kuma 100 tajaajilaa kan turan dhaabbileen fayyaa 42 sababa walitti bu'iinsi naannawa sanatti hammaateef miidhaan guddaan irra ga'eera yookiin ammoo saamamaniiru.

Dhaabbileen fayyaa miidhaa irra ga'een tajaajila dhaabuu isaaniin namoonni dhibee lubbuusaaniif yaaddessaa ta'een qabamanii tajaajila wal'aansaa dhaban hedduun jiraachuu ibse Waldaa Fannoo Diimaa Idil-Addunyaa.

Ummata aanaalee godinichaa shan keessa jiraataniif tajaajila kan kennu Hospitaalli Sadarkaa jalqabaa Guduruu baaxiin isaa rasaasaan reebamee caccabeera.

Kuusaan bishaaniis barbadaa'eera akka gabaasa jaarmiyaa kanaatti.

Gami Lixa Naannoo Oromiyaa bakkee hidhattoonni WBO kan mootummaan Shanee jedhu bal'inaan sosso'udha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sireen dhukkubsattoonni irra ciisanii yaalaman, meeshaaleen kenniinsa tajaajila fayyaa fi qorichoonni saamamaniiru jedha dhaabbati kun.

Akkasumas namoonni hedduun sababa walitti bu'iinsaa gara magaalaa Beegiitti waan baqataniif lakkoofsi namoota tajaajila wal'aansa fayyaa barbaadanii akkaan dabaluun rakkoo uumaa jiraachuu dhaabbati kun ibseera.

''Namoonni kumaan lakkaa'aman qe'eesaaniirraa buqqaafamanii gara magaalaa kanaatti baqachuu isaaniin ogeeyyiin fayyaa deeggarsa fayyaa hawaasaaf taasisuun humnaa ol itti ta'eera,'' jedhe dhaabbati kun ibsa Kamisa, Waxabajjii 22, 2023 baasen.

''Hanqina qorichaa qabna. Qoricha yeroo balaa tasaaf olkaa'ame hin jiru. Bakki tajaaila wal'aansa fayyaa itti kennanuu hin jiru. Sireen dhukkubsataan irra ciisee yaalamu hin jiru,'' jedhan Meedikaal daarektariin hospitaalichaa Dr Alamaayyoo Kurii.

''Kuusaa bishaaniirra miidhaan waan ga'eef yeroo ammaa hanqina bishaanii qabna. Manni qorichaa barbadaa'eera. Qorichoonni fi meeshaaleen wal'aansaa hunduu saamamaniiru,'' jedhan Dr Alamaayyoon.

Oromiyaa keessatti kutaalee hidhattoonni Waraanni Bilisummaa Oromoo keessa socho'utti rakkoon nageenyaa fi tasgabbii erga hammaatee bubbuleera.

Hidhattoonni Naannoo Oromiyaa keessa socho'an kun wayita qabsoo hidhannoo eegalan lixa Oromiyaa godinaalee wallaggaa akkasumas Gujii fi Boorana keessa bal'inaan socho'aa ture.

Amma garuu qabsoo hidhannoo cimsuun godinaalee ibsamana kunneen irratti dabalataan gara giddu-gala Oromiyaatti babal'ateera.

Waldaan Fannoo Diimaa Addunyaa ibsa isaa keessatti walitti bu'iinsa Oromiyaa keessatti mudataa jiruun lammiileen kumaatamaan lakkaa'aman rakkoo hamaaf saaxilamaniiru.

Kanneen keessaa hedduun gargaarsa hatattamaa barbaadu, akkuma walitti bu'iinsi babal'ataa deemuun lakkoosi namoota gargaarsa namoomaa barbaadanii dabaluu ibse dhaabbati kun.

Jaarmiyaan kun akka jedhutti godinaalee Gujii, Booranaa fi wallaggaa keessatti namoonni deeggarsa hatattamaa fedhan hedduudha.

Fannoo Diimaan Oromiyaa keessatti namoota sababa walitti bu'iinsaa qe'eesaaniirraa buqqa'an gargaaraa tureera.

Ji'oota ja'an darban namoota kuma 62 caalaniif gargaarsa nyaataa, iddoo dahannaa fi maallaqaa taasisuu ibse dhaabbati kun.