'Hospitaalonni Finfinnee Afaan Oromoo wallaaluun dhukkubsattoota balaa lubbuuf saaxilaa jira'- Qorannoo

Waldhaansa baqaqsanii yaaluu

Madda suuraa, Black Lion Specialized Hospital.

Namootni Afaan Oromoo malee hin beekne sababa harki caalaan hospitaalota magaalaa Finfinnee Afaan Amaaraan hojjetuuf danqaa afaanii mudatuun dogongora waldhaansaa hanga du'aa isaan gahuuf saaxilamuu qorannoon ifa godhe.

Magaalaan Finfinnee teessoo biyyaa ta'uurraa kan ka'e tajaajilli fayyaa wayyaa'an gidduugala itti kennamudha.

Waldhaansa fayyaa olaanaa barbaacha kanneen gara magaalittii hedduumminaan dhufan naannolee biyyattii hundarraa ta'us, harki caalu naannoo Oromiyaa irraa akka ta'e qorannooleen ni agarsiisu.

Qorannoon Dr Toomas Makuriyaatiin bara 2019 keessa hojjetamee Amajjii bara 2021 barruu Prime Scholars jedhamurratti maxxanfame Hospitaala guddicha Quddus Phaawulositti dhukkubsataan harki caalu Afaa Oromoo akka dubbatan mul'isa.

Ispeeshaalistiin ulfaafi gadameessaa Dr Toomas qorannoo kana kan gaggeessan muummeewwan waldhaansaa hundarra deemuun dhukkubsattoota jiran keessaa hammamtu Afaan Oromoo qofa beeka, hammamtu ammoo Afaan Oromoos Afaan Amaaraas beeka kan jedhu sakatta'uuni.

Qorannoon isaanii kun ogeeyyii hospitaalichaaf leenjii barnoota Afaan Oromoo kennuuf bu'uura kaahuuf ture.

Akka qorannoo isaanii kanatti dhukkubsattoota 1466 torban tokkotti hospitaalicha dhaqan keessaa dhibbeentaa 56.1 kan ta'an Afaan Oromoo dubbatu.

Kana keessaa dhibbeentaa 55.4 kan ta'an ammoo Afaan Oromoo malee Afaan hojii federaalaa kan ta'e Amaariffaa beekanii hin dubbatan.

''Faallaa kanaan ammoo ogeeyyii hospitaalichaa fi kanneen deeggarsa kennan walumatti 463 qorannoo kanaan ilaalaman keessaa dhibbeentaan 91 Afaan Amaaraa qofaan waliigaluu danda'u'' jechuun BBC'tti himan.

Kanneen Afaan Oromoofi Amaariffaan waliigaluu danda'an dhibbeentaa 8.9 qofa.

Qorannoon biraan ogeeyyii damee fayyaa keessa jiran shaniin hojjetamee fi dhiyeenya barruu BMC Health Service Research jedhamurrattimaxxanfame ammoo hospitaalota magaalaa Finfinnee keessa jiran jaha keessatti rakkoo afaaniin dhukkubsattootarra Afaan Oromoo malee hin dubbanneerra dogoggorri yaala fayyaa gurguddaafi miidhaan diinagdee gahaa jiraachuu ibseera.

Danqaan afaanii dhukkubsattoonni Afaan Oromoo malee hin beekne hangam miidhe?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qorannoon mata duree Impacts of language barriers on healthcare access and quality among Afaan Oromoo-speaking patients in Addis Ababa, Ethiopia jedhuun hojjetame kun Amajjii 16 maxxanfame.

Warreen qorannoo kana irratti hirmaatan keessaa tokko Yunivarsiitii biyya Beeljiyeem Gent jedhamu keessatti barataa digirii sadaffaa kan ta'e Amantii Boruu qorannoo isaanii gosa qualitative jedhamuun gaggeessaniin dhukkubsattoota 27 fi ogeeyyii fayyaa sagal dubbisuu BBC'tti hime.

''Kenninsa tajaajila fayyaa keessatti 80%'n kan dhukkubni itti adda bahu haasaa ogeessi fayyaa dhukkubsataa wajjin godhu irratti hundaa'eeti. Laabraatoorii gargaaramnee dhukkuba adda baasnee furmaata kan keenyu 20%'n qofa'' jechuun gahee guddaa kenna tajaajila fayyaarratti qabu ibsa.

Bakka ogeessi fayyaafi dhukkubsataan afaaniin dubbatanii walii hin galletti waldhaansi kennamu gahee dhibbeentaa 20 qorannoo laabraatoorii irratti hundaa'a jechuudha.

Akka Amantiin jedhutti haala qabatamaa Itoophiyaa keessa jiruun ammoo qorannoon laabraatoorii barbaachisu gochuufiyyuu hanqinni jira.

Afaan walii beekanii dubbachuun danqamuu isaarraa kan ka'e dhukkubsattootni dogongora waldhaansaa hambisuun danda'amuuf saaxilamuu qorannoo isaaniin bira gahuu dubbata.

''Dogoggorri waldhaansaa kun takka takka hanga dhukkubsataan lubbuu dhabutti geessuu danda'a. Dhukkubsataan dogoggoraan yeroo lama yeroo sadii yaala baqaqsaanii waldhaanuuf saaxilamuu danda'a.''

Wal-hubachuu dhabuu rakkoo afaaniin walqabaturraa kan ka'e qorichaa fi gorsa dhibee waldhaanuuf kennamu akka malutti hojiirra oolchuurratti rakkoo qabaachuu qorannoon kun mul'iseera.

Fayyaarratti rakkoo uumuun cinaatti turtii yeroo hospitaalaa dheeressuu fi baasii waldhaansaas itti dabaluu dhukkubsattoota waliin gaaffiifi deebii turtii dheeraa qabu godhan irraa hubachuu Amantiin himeera.

Dabalataanis itti quufinsa tajaajila fayyaa dhabuu fi fedha beellamaafis ta'e waldhaansa dabalataa barbaaduu dhukkubsattootaa miidhuus hime.

Hospitalaa Phaawuloositti namoota nyatani kennamuuf

Madda suuraa, SPHMMC

'Deebi'ee deemuukoorra sireedhumakoorra ciisee du'uukoo naa wayya'

Qorannoo Amantiin fa'aa hojjetan keessatti ogeessi fayyaa Afaan Amaaraa malee hin dubbanne tokko yaada kenneen sababa afaaniin waliigaluu dhabuun dhukkubsatttuun tokko waldhaansa baqaqsanii yaaluu yeroo lama raawwachuu dubbatan.

Dubartii rakkoo sombaa qabdu tokkoof waldhaansa baqaqsanii yaaluuf chest tube galchanii wanna sombarra jiru kaasanis booda chest tube sana baasuuf beellama qabanatanus yeroon beellamaa darbee ji'a sadii booda dhuftee jedhu.

''Baayyee itti hammaateetiu kan deebite. Achii yeroo lammataaf waldhaansa baqaqsanii waldhaanuu goone. Waayee hordoffii gochuu qabduu inni nama afaan hiikutti fayyadamnee himne gaha akka hin taane amanne.''

Dubartiin dhukkaba itti deddeebi'aa tureef hospitaalota magalaa Finfinneetti marmaaraa turte ammoo sababa afaaniin tajaajila qubsaa waan hin arganneef deebitee waldhaansaaf akka hin deemne murteessuu himte

''Dhibeen koo hammamuu hammaataa ta'u deebi'eedeemuurra sireerra ciisee du'uukoo naa wayya jedheen murteesse'' jette.

Ogeeyyiin qorannoo kanaaf yaada kennan sababa afaaniin wal-hubachuu hanqataniif dhukkubsattootni qoricha qajeelchanii fudhachaa akka hin jirre hubachuullee himan.

Ogeeyyii fayyaarra hoo dhiibbaan geessisu hin jiruu?

Afaaniin waliigaluu dadhabuun dhukkubsataa qofa osoo hin taane ogeeyyii tajaajila fayyaa kennan irrattis dhiibbaa qabaachuu qorannoowwan kun mul'isaniiru.

Dr Toomaas dhimma Afaanii hospitaal Phaawuloos irratti qorannoo yoo gaggeessan ofiiyyuu Afaan Oromoo beekanii hin dubbatan.

Rakkoon afaanii kun ogeessi ogummaa isaan sadarkaa barbaachisutti uummata akka hin fayyadne danqaa waan ta'eef dhiibbaa xiinsammuu qabaa jedhu.

Dhukkubsattootni Afaan Oromoo qofa beekan yeroo isaan bira dhufan ''ogeeyyii fayyaa ykn narsoota Afaan Oromoo dubbatan barbaannee akka afaan nuuf hiikan goona'' jedhan Dr Toomas

Dhiibban isaa qoricha ajajuu irraa qabee hanga nyaata soorachuu qabaniifi hin qabne ibsuutti rakkoo guddaa qabas jedhan.

Dargaggoo Amantii gama isaan ogeeyyiin fayyaa Afaan Oromoo hin beekne qorannoo isaaniif yaada kennan dhukkubsattootni Afaan Oromoo male hin beekne yeroo itti dhufan ''miira yaaddahuufi dhiphinaan'' akka guutaman himuu dubbata.

Kanneen Afaan Oromoo beekan muraasni ammoo Afaan hiikuutti hojii dabalataa hojjechaa akka jiran ibsuu jedha.

Furmaatni maali?

Dr Toomas rakkoo Afaanii Hospitaala Phaawuloos keessatti qorannoon argan furuuf Yunivarsiitii Finfiinneetti muummee barnoota Afaan Oromoo waliin ta'uun ogeeyyii fayyaa Afaan Oromoo barsiisuuf piroojektii tolchanii turan.

Pirojeektii kanaan ji'oota sadiif barnotni afaanii barsiisuu kennamuu eegalus dhimmichi dantaa siyaasaaf oolfamee akka ta'utti hojiirra osoo hin ooliin, galmas osoo hin gahiin hafee jedhu.

''Rakkoon bajataa ture, booda ammoo haala siyaasaa tureen piroojekticha ija siyaasaan ilaaluun ture. booda piroojekticha dhaabuuf dirqamne.''

''Kaayyoon isaa maamiltoota keenya afaan beekaniin tajaajiloo qofa akka ta'e hubatamee osoo piroojektichi itti fufee, Afaan Oromoo qofa osoo hin taane afaan biraanis piroojektiin kana fakkaatu osoo naannolee adda addaatti hojiirra oolee yaada gaarii ture.''

Barataan digirii Sadaffaa Yuniversiitii Geent Amantiin ammoo qorannoo isaanii keessatti wantoota akka yaada furmaataatti kaahan keessa tokko Hospitaalota Finfinnee keessatti ogeeyyii afaan hiikan qacaruun akka barbaachisuudha.

''Ogeessi hiika afaanii kennuuf ramadamu waayee fayyaas waayee afaaniis waayee aadaas kan beeku ta'uu qaba'' jedha Amantiin.

Dabalataan ammoo Afaan Oromoo magaalaa Finfinnee keessatti afaan hojii hospitaala mootummaa akka ta'u kan jedhuudha.

Ogeessotni fayyaa gaafa qacaramanis ogeeyyii fayyaa afaan hedduu beekan keessumaa Afaan Oromoo warra dabalataan dubbachuu danda'aniif dursi akka kennamu kan jedhus yaada furmaataa dhiyeessan ta'uu dubbata.