Afaan Oromoo manneen-barnootaa Finfinnee keessatti akka afaan lammataatti akka barsiifamu murtaa'e

Madda suuraa, CITY ADDIS ABABA
Bulchinsi Magaalaa Finfinnee Afaan Oromoo manneen-barnootaa magaalichaa keessatti akka afaan lamaffaatti akka kennamuuf murteessuu beeksiise.
Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee manneen-barnootaa magaalattii jalatti argaman keessatti Afaan Oromoo afaan Amaaraa waliin akka afaan lammaffaatti akka kennamuuf murtee dabarseera.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Sirna-barnoota Af-daneessaa qorachiise keessatti barattoota afaan dhalootaa isaanii Amaariffa ta’eef, Afaan Oromoo akka afaan lammaffaatti akka kennamuuf murtee dabarseera.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee yaa’ii idlee isaa 8ffaa Amajjii 12, 2023 gaggeeffate irratti murtee dabarseen, barattoonni magaalattii keessatti Afaan Oromootiin barnoota isaanii hordofaa jiran afaan Amaaraa akka afaan dabalataattii akka kennamuuf murteesseera.
Haaluma kanaanis Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee sirna-barnootaa Afaan Oromoo barsiisuuf Naannoo Oromiyaa irraa ergifachuun ittiin barsiisaa ture, sirna-barnootaa haaraadhaan bakka akka buufamu walgahiidhuma kanarratti ibsameera.
Kotobee Metiroopolitaan Yunivarsiitiitti Daarektara Post Giraajuweet Istadiis kan ta’aniifi Sirna-barnoota Af-daneessaa Finfinneef kan qoratan Yoseef Beekoo (PhD), hojiirra oolmaa Sirna-barnootaa Af-daneessaa kanaan uummanni magaalaa Finfinnee, keessattuu barattoonni carraa guddaa kanaan dura dhabanii turan argamsiisaaf jedhan.
Qorannoon isaanii barattoonni afaan dabalataa barachuun carraa dabalataa akka argatan gochuun olitti, guutummaa hawaasaa waloomsuu, carraa dinagdee ballisuufi wal amanuun akka dagaagu gochuuf argannoo bu’uura kaa’u ta’uu dubbatan.
Guddinaafi dagaagina sammuu, beekumsa ballaa horachuu, hariiroo hawaasummaa cimsachuu, carraa dinagdee argachuufi kaan keessatti faayidaa afaan danuu barachuun qabu kaasuun, qorannoo isaan taasisan kun kanarraa ka’uun akka ta’e kaasu Dr. Yoseef.
Haala qabatamaa hawaas-dinagdee biyyattii, akkasumas, muuxannoofi qorannoo sirna-barnootaa af-daneessaa addunyaa waliin qorannoo deemu akka ta’u kan ibsan hayyuun kun, gaaffiiwwan bu’uuraa uummanni Oromoo Afaan Oromoofi Finfinnee waliin walqabsiisuun kaasu deebisuu keessattis waan akeeku qabaachuu BBCtti himaniiru Dr. Yoseef.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Barattoonni bulchiinsa magaalichaa jalatti argaman kutaa torba irraa eegalee gosa barnootaa hunda afaan Ingliiziin akka barataniif murtaa’us yaa'ii kana irratti ibsameera.
Kana malees yaa’ichi umuriin barnoota itti eegalamu wagga afur akka ta’u murteesseera.
Haaluma sirna barrnotaa haaraatti kutaa 11fi 12tti barnoonni hojiifi ogummaa, filamaatawwan adda addaatiin akka baratan haaluma ka’een waan qabeenyaa guddaa gaafatuuf, kolleejjoota ogummaafi teeknikaa waliin kilaastaraan akka kennamuufi haaluma qoratameen gara ijaarsaatti akka seenamu ibseera.
Manneen barnootaa dhunfaa bulchiinsa magaalattii keessatti argamanis hir’ina kitaaba hirisuuf kitaabooleen maxxanfamanii gurgurtaaf akka dhiyaataniif karaa bajanni maallaqa sochotuu birria miiliyoona 250 dabalataan akka hayyamamuuf murte dabarseera.
Murtee kaabineen bulchiinsa magaalaa Finfinnee dabarse kanaan sirni-barnoota af-daneessaa ilaalchisee Yunivarsitii Kotobeetiin qo’achiisaa turuu yaadachuun, bu’aa qorannichaa irrattis mariin gaggeeffamaa akka ture ibseera.
Kana malees, kaabineen kun walgahii isaatiin afaanoonni Arabaa fi Faransaay barattoota sadarkaa lammaaffatiif akka afaan filmaataatti barattoota kutaa sagaliifi kudhaniitiif barnoota ta’e akka itti fufu murteessuu ibseera.
Baatiiwwan muraasaan dura manneen barnootaa Magaalaa Finfinnee keessatti argaman keessatti faaruufi alaabaa naannoo Oromiyaatiin walqabatee mormiin ka’ee turunsaa ni yaadatama.












