Manneen barnoota magaalaa Finfinneetti alaabaa Oromiyaarratti maaliif yeroo kanatti mormiin ka'e?

Madda suuraa, Miidiyaa Hawaasummaa
Yeroo dhiyoo as manneen barnoota mootummaa magaala Finfinnee keessatti argaman keessatti alaabaan Oromiyaa akka hin fannifamnee fi faaruun alaabaa Oromiyaa akka hin faarfatamne mormiin gaggeeffamaa ture.
Manneen barnootaa birootti ammoo hookkora ka'een foddaawwan mana baruumsaa illee akka caccaban poolisiin ibseera.
Kaayyoon mormii kanaa ammoo manneen barnootaa Finfinnee keessatti argaman keessatti alaabaas ta'ee faarun alaabaa Oromiyaa 'humnaan nurratti fe'amuu hin qabu' kan jedhuudha.
Haa ta'u malee, mootummaan dhimma fedhii biraan walqabatedha jechuun ibsa.
Dhaabbileen mormituu bakkeen alaabaa mirmirfamu bakkeewwan barnooti Afaan Oromoo illee itti hin kennamnettidha jechuun ibsu.
Angawoonni magaalaa Finfinnee garuu kana ni mormu. Bakki alaabaafi faaruun Oromiyaa faarfamu bakka barnoonni Afaan Oromoo kennamu qofatti jedhu.
Miseensa paarlaamaa Itoophiyaa kan ta'an Obbo Kiristaan Taaddalaa, "Aangawoonni waa'ee mandara tokkoo faarfadhaa jedhanii dirqisiisu; ijoollen ammoo lakki, waa'ee biyyaa farfaanna jedhu.
''Boriin keenya waa'ee gandaaf kan dhaabatan 'gurguddoota' harka osoo hin taane barruu ijoollee waa'ee biyyaa faarfatan harka" jechuun dhimma alaabaa mormanii fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti barreessan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Manneen barnootaa mootummaa magaalaa Finfinnee keessatti faaruun alaabaa Oromiyaa akka faarfatamu akkasumas alaabaan Oromiyaa kan federaalaa wajjiin akka fannifamu erga taasifamee bubbuleera.
Haa ta'u garuu yeroo kanatti mata duree falmii fi atakaroo maalif ta'e? Hokkorri hoo maaliif ka'e? Hokkara kana duuba maaltu jira jedhanii kan gaafatan danuudha.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee fuula miidiyaa hawaasummaa isaanirratti akka barreessanitti magaala Finfinnee keessatti Afaan Oromoo barsiisun waggaa shan dura bara bulchiinsa ADWUI akka eegaleefi gaaffii ummanni Oromoo kaasaa tureef deebii kennuuf hoggansa yeroo sana tureen akka murtaa'ee kaasan.
Jiraattota magaalaa Finfinnee wajjiin marii gaggeessuu kan barreessan Aadde Adaanach, dhimmi kun akka waan har'a eegalee fi faaruu alaabaa naannoo tokkoo dirqamaan akka waan barattoota irratti fe'ameetti qaamoleen dhiyeessan burjaajii uumufi jedhan.
Gama kaaniin paartileen mormiin sirrii ta'u ibsan, mootummaan gaaffii ummanni gaafatu gurra itti kennuu waan dideefi jedhu.
Hokkara duuba eenyutu jira?
Dhimmi alaabaa fi faaruu alaabaa Oromiyaa gaaffii jiraattota magaala Finfinnee akka hin taane fi ajandaa qaamoleen marii nagaa mootummaan humnoota Tigraay waliin taasisuu isaatti hin gammanne uuman akka ta'e dubbatu Itti Aanaa Hoogganaa Kominikeeshinii Magaalaa Finfinnee kan ta'an Obbo Salamoon Dibaabaa.
"Qaamolee marii nagaa taasifametti hin gammannetu gidduu qarqara goona jechuun dhimma alaabaa Finfinnee keessatti ajandaa gochuu barbaadan.
''Magaalli Finfinnee giddu gala hawaasa idil-addunyaa fi bakkeewwan embasoonni biyyoota garaa garaa jiran waan ta'eef asitti jeequmsa yoo kaasne xiyyeeffannoo addunyaa arganna jedhanii kana godhan," jedhu Obbo Salamoon.
Adde Adaanacha gama isaaniin, "Ajandaa waggoota shan ture waan hoggansi har’a fideefi ajandaa haaraa fakkeessun sabni tokko kan biraa irratti olaantummaa fiduuf waan hojjatamaa jiru fakkeessuun yaadni dhiyaatu, gonkumaa fudhatama akka hin qabne," jiraattota magaala Finfinnee wajjin marii gaggeessaniin walii galuu isaanii ibsan.
Faaruun alaabaa Oromiyaa manneen barnootaa magaalaa Finfinnee keessatti waggoota sadi dura kan jalqabe ta'us amma ta'e jedhanii jeequmsa kaasuf akka ajandaatti akka itti fayyadaman dubbatu Obbo Salamoon.
Kanumaan wal-qabatee Waajjirri Kantiibaa Bulchiinsa Magaala Finfinnee Mudde 12 fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbaatti akka ibsetti namoonni naannoo manneen barnootatti hokkara kaasun shakkaman 72 to'annoo jala oolaniiru.
Mormiin manneen barnootaa magaalaa Finfinnee keessatti mormiin alaabaa fi faaruu alaabaa Oromiyaatin wal qabatu kan ka'e gaaffii jiraattota Finfinnee akka hin taane adda baafachuu himan.
"Kuni gaaffii barattootaa, gaaffii barsiisotaa, gaaffii maatii barattootaa ykn gaaffii jiraattota magaalaa Finfinnee akka hin taane adda baafanneerra. Barattoota fi maatii barattootaa wajjin mari'achuun hundi keenya walii gallee turre.
Fakeeenyaf har'a [Mudde 12] gareen gurmaa'e mana barnootaa tokko ykn lama ta'e jedhanii alaa cabsanii galuudhan jeequmsa gochuuf yaalanii turan, garuu fashalaa'era," jedhan Obbo Solomoon.
'Manneen barnootaa 403 keessatti Afaan Oromoon barumsi ni kennama'
Waggaa shan dura magaala Finfinnee keessatti manneen barnootaa Afaan Oromoon barsiisan afur barattoota 8,000 galmeessun hojii eegalanii turan.
Sana booda manneen barnootaa kun bulchiinsa magaala Finfinnee jala galuun manneen barnootaa mootummaa magaalattii keessatti argaman keessattis kanneen Afaan Oromoon barachuu fedhaniif sirni baruufi barsiisuu eegale.
Gorsaa Sab-qunnamtii Kantiibaa Bulchiinsa Magaala Finfinnee kan ta'an Obbo Alamaayyoo Ijjiguu Mudde 12 EBC irratti dhiyaachun ibsa kennaniin jeequmsi manneen barnootaa magaalaa Finfinnee keessatti taasifamu dhimma alaabaa fi faaruu alaabaa Oromiyaa akka hin taane dubbatu.
"Dhimmichi waa'ee alaabaan Oromiyaa maaliif fannifamaa akka hin taane kan namatti agarsiisu, hokkarri erga ka'een booda mana baruumsatiin alattis faallaa alaabaa Itoophiyaa kan ta'e alaabaa lummuxii mirmirsuun 'alaabaa jechuun kana' jechaa turan," jechuun kaayyon jeequmsa kanaa ajandaa biraa ta'uu kaasu.
Afaan Oromoon barachuun, alaabaa Oromiyaa fannisuufi faarun alaabaa Oromiyaa magaalaa Finfinnee keessatti kan jalqabe waggoota dura ta'us yeroo sana ifatti mormiin jabaan akka ammaa kuni hin mudanne.
Amma manneen barnoota magaalaa Finfinnee heddu keessatti alaaban Oromiyaa ni mirmirfama, faarun alaabichaas faarfatamaa jira.
"Magaala Finfinnee keessatti Afaan Oromoo manneen barnootaa afur keessatti barsiifamuu eegale amma manneen barnootaa 403 keessatti barsiifamaa jira," jedhan Obbo Salamoon Dibaabaa.
Dhimma imaammataa
Manneen barnootaa magaalaa Finfinnee keessatti argaman 557 keessaa manneen barnootaa 403 keessatti Afaan Oromoo barsiifamaa jiraachutu himame.
Bulchiinsi Magaala Finfinnee sirna barnootaa Afaan Oromoo kan mataa isaa hin qopheessine waan ta'eef sirna barnootaa naannoo Oromiyaa fayyadamaa jiraachuu himu Obbo Salamoon.
Akka heera mootummaa naannoo Oromiyaatti manneen barnootaa Afaan Oromoo barsiisan keessatti alaabaa Oromiyaa fannisuufi faarun alaabaa faarfachuun dirqama akka ta'e dubbatu.
"Magaalli Finfinnee sirna barnootaa mataa ishee qopheessaa jirti. Yuunivarsiitii Kotobeetin qorannoowwan garaa garaa gaggeeffamanii amma xumuramaa jira. Yeroo sirna barnootaa mataa keenyaa qabaannu gaaffileen waa'ee alaabaa kun deebii ni argatu," jedhan.
Sirni barnootaa magaala Finfinnees qophaa'aa jiru kun Afaan Oromotiin alatti afaanota biroos kan dabalatuudha jedhame.
Adde Adaanachis, "Sirna barnoota afaanotaa Finfinneef qophaa’e qo’annicha qorannee kan xumurreefi gara murteetti dhufaa waan jirruuf ummannii fi hawaasni barnootaa tasgabbiidhaan shira humnoota badii irraa of eeggachaa akka turu akeekkachiisuun barbaada" jechuun fuula miidiyaa hawaasummaa isaanirratti barreessan.












