Oromiyaatti namoonni dhibee busaafi gifiraatiin lubbuu dhabaa jiru- jiraattoota

Madda suuraa, Getty Images
Naannoo Oromiyaa godinaalee adda addaa keessatti weerara busaa fi gifiraa ka’een namoonni du’aa jiraachuu jiraattonni BBC’n dubbise himan.
Jiraataan Wallagga Lixaa aanaa Qondaalaa Nuuraddiin Abduraman, ijoolleen waggaa shanii gadii dhibee gifiraan du’aa jiraachuu dubbatan.
Dabalataan aanicha keessatti namoonni hedduun dhibee busaan akka qabamanis himan.
Biiroo Fayyaa Oromiyaa gamasaatiin, dhibeen busaa naannoo Oromiyaa keessatti argame '‘weerara’’ jedhamee labsamuu hime.
Haala nageenyaa naannicha irraa kan ka’e buufataaleen fayyaa waan tajaajila gahaa kennaa hin jirreef yaala argataa hin jirru jedhan.
Dhibeen talaallii kennuun ittifamu dhibeen gifiraa erga waktii gannaan as lubbuu daa’imanii balleessaa akka jirus himaniiru.
''Dheengaduma guyyaa tokko, sa’a wal fakkaataatti ollaa keenyaatii nama lama du’e awwaalle. Gifiratu hammaate. Afaan kana hanga miilaatti madeessee, waa hin nyaatan, hin dhugan. Akkasiin guyyoota 14 fa’a irra tura,’’ jedhan.
Obbo Nuuraddiin ogeessotni buufatalee fayyaa keessa hojjetan sababa rakkoo nageenyaan bahaniiru jedhan. Hospitaalota keessa ammoo hanqinni qorichaa waan jiruuf yaala gahaa argachuu hin dandeenye jedhan.
Dhibeen gifiraa kun waktii gannaa keessa akka jalqabe himuun irra caalaa kan miidhaa jiru ijoollee waggaa shanii gadiiti jedhan.
Aanaa Qondaalaa keessa hospitaalli tajaajilu kennu hin jiru. Aanittii keessa to’atee kan jiru hidhattoota WBO tahuu kan himan jiraattotni aanichaa BBC’n dubbise, hojjettootni buufata fayyaa tajaajila nuuf kennan hin jiran jedhan.
Biiroon Fayyaa Oromiyaa maal jedhe?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itti Aanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr Darajjee Abdannaa dhibeen busaa naannoo Oromiyaa keessatti argame '‘weerara’’ jedhamee labsamuu himan.
Akka naannoo Oromiyaatti waggoota shan keessatti namoota miliyoona tokkoo gaditu dhibee busaan qabamaa ture.
Dr darajjeen bara darbe qofa namootni kuma 198 akka qabaman himuun bara kana garuu ji’oota sadii keessatti namootni kuma 117 tahan dhibee busaan qabamuu himan.
Dhibeen kun torban torbaniin akka hordofamu kan himan Dr Darajjee yoo namootni kuma 200 qabaman ‘’weerara’’ jedhamee labsama jedhan.
Naannoo Oromiyaa keessaa godinaalee Wallaggaa arfan, Iluu Abbaa Booraa, Shawaa Bahaa fi Baalee keessatti dhibeen kun argameera jedhan.
Dhibeen busaa naannolee Itoophiyaa kaan keessattis bifa weeraraan ka’eera. Sababa guddaan jijjiirama qilleensaa fi rakkoo nageenyaa jiru akka tahes himaniiru.
Dabalataan Godinoota akka Baalee Bahaa, Harargee, Booranaa fi Wallaggaa keessatti dhibeen gifiraa jiraachuu kan himan Dr Darajjeen dhibee kana talaalliidhaan ittisuuf hojjechaa jirra jedhan.
''Namni kudhaniyyuu dhibee gifiraan qabamnaan '‘weerara’’ jedhameeti labsama akka Dhaabbata Fayyaa Adunyaatti. Lakkoofsi isaa guddateef qofa osoo hin taane namootuma xiqqaa irratti yoo argameyyuu akkasiin ilaalama.’’
Hanqina qorichaa fi rakkoo nageenyaa
Ragaan Dhaabbata Fayyaa Adunyaa akka agarsiisutti bara 2020 keessa adunyaa irraa namootni miliyoona 241 tahan dhibee busaan qabamaniiru.
Isaan keessaa namootni 627,000 tahan dhibee kananaan du’aniiru. Haa tahu malee, dhibeen kun %95 ol kan argame biyyoota Saharaan gadii jiran keessattidha.
Dr Darajjee Abdannaa bara kana akka naannoo Oromiyaatti weerarri busaa fi Gifiraa hammaachuu himanii kanaaf sababni guddaan jijjiirama qilleensaa akka adunyaatti jiruu fi addatti ammoo rakkoo nageenyaa godinaalee Oromiyaa tokko tokko keessatti mudatan tahuu himan.
''Naannolee gara Lixaa keessatti rakkoo nageenyaa waan jiruuf namootni tajaajila dhaabbilee fayyaa yeroodhaan argachuu dhabuun jira. Garuu rakkoon nageenyaa jiraates dhaabbata fayyaa adda kan godhu itti fufnee tajaajila fayyaa kennuu keenyadha.’’
Godinaaleen Wallaggaa waggoota arfan darban keessa rakkoo nageenyaa hamaaf saaxilamaniiru. Hidhattootni WBO humna nageenyaa mootummaa waliin wal waraanaan bal’inaan godinaalee kanneen keessa socho’u.
Kun ammoo uummatni tajaajila si’ataa akka hin arganne gufuu taheera.
''Sektara keenya kaan irraa adda kan godhu amaluma isaa tahee yeroo uummanni buqqa’us walumaan buqqa’ee tajaajila kennuu isaati. As keessatti yeroo hojettootni fayyaa miidhamanis jira,’’ jedhan Dr Darajjeen
Wallagga Lixaa aanaa Qondaalaa keessa yeroo waraanni ture tajaajilli adda cite ture amma deebi’ee jalqabeera kan jedhan Dr Darajjeen, dhibee gifiraa ittisuuf ijoolleef talaallii kennuuf qophii xumuree jirra jedhan.
Haa tahu malee, yeroo daandiin adda citufaa hanqinni dhiyeessii qorichaa ni mudata jedhan. Karaa Waldaa Qaxxaamura Diimaa fi geejibaa uummataas fayyadamuun naannolee miidhaman kanneen qorichi akka gahu gochaa ture, garuu yeroo karaan adda citu dhiyeessiin yeroo adda cites jira jedhan.
Uummanni Itoophiyaa %50 ol tahu dhibee busaaf saaxilamaa tahuu Dhaabbanni Fayyaa Adunyaa ni hima.
Haa tahu malee, waggoota kurnan lamaan darban keessa weerarri dhibee gifiraa biyyoota Sahaaraa gadii keessaa hir’ataa dhufeera.
Dhibee kana ijoollee waggaa shanii gadiif talaallii kennuun ittisuun ni danda’ama. Itoophiyaan bara darbe duula talaallii dhibee gifiraa gaggeessuun dhibee kun akka hin babal’anne hojjechaa turte.












