Guyyaa Busaa Addunyaa: Akkaataa jijjiiramni haala qilleensaa duula busaa balleessuu itti miidhu

Daa'imni Gahaanaa tokko talaallii busaa yeroo fudhachaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Daa'imni Gahaanaa tokko talaallii busaa yeroo fudhachaa jirtu

Waggaatti dhibeen busaa namoota miliyoona 240 ol kan qabu yoo ta'u, kanneen keessaa biyyoota garaa garaa 60 ta'an keessatti namoota 40,000 caalan ammoo ajjeessaa jira.

Guyyaan Busaa Addunyaa waggaa waggaan Ebla 25 kabajama.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) guyyaa kana tarkaanfii waloo fudhachuun dhibicha addunyaa irraa balleessuun akkaataa danda'amu irratti hubannoo uumuf itti fayyadama.

Duulli dhibicha balleessuu kun talaallii busaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatin ragga'een deeggaramaa kan jiru ta'us, jijjiiramni haala qilleensaafi hoo'inni dabalaa deemun dhibeen hamaan kun naannolee kanaan dura hin turretti akka tatamsa'u taasisa.

Saffisaan tatamsa'uu

"Qilleensi hoo'aan, booken busaa maxxantuuwwan busaa dhibicha fidan baatee akka tatamsaastuf dandeettin ishee akka dabalu taasisa" jedhu Wellcome Trust charity'tti gaggeessaa teeknoolojii odeeffannoo saayinsii kan ta'an Dr. Isabel Fletcher.

Itti dabaluunis, "Jijjiiramni qilleensaa bakkeewwan hedduutti bookee busee dhibicha daddabarsituuf haala mijataa uuma. Hoo'inni adaduma addunyaa irratti dabalaa deemu, dhibeen busaa naannolee haalli teesuma lafaa ol ka'oo fi qorraa ta'anitti babal'taa deema" jechuun akeekkachisan.

Dubartii hirree ishee hooqqachaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mallattoo dhibee busaa keessaa tokko dhukkubbii maashaadha

Dabalaa deemuu haala qilleensaatin alatti roobni, jiidhinsii fi gogiinsi booken busaa naannolee kanaan dura dhibeen busaa hin mul'annetti saffisaan akka babal'atu taasisuu mala jechuun akeekkachiisu.

Gama biraatin ammoo jijjiiramni qilleensaa naannolee kanaan dura dhibee busaa itti heddummatee turetti tatamsa'inni isaa akka hir'atu gochuus mala.

Kanaafidha Dr. Fleechar duula dhibicha ittisuu taasifamaa jiru keessatti dhiibbaa jijjiiramni qilleensaa fidu hubachuun ijoo akka ta'e kan dubbataniif.

line

Mallattooleen dhibee busaa maal fa'i?

Busaan daddarbaa hamaa bookee busaatin tatamsa'u yoo ta'u hatattamaan hin yaalamne taanan du'aaf kan nama saaxiluudha. Mallattoowwan dhibee kanneen:

  • gubaafi ho'a, dafqaafi qorra cimaa
  • bowwuu mataafi burjaajja'uu
  • dadhabbiin baayyee namatti dhaga'amuufi miira hirribaa (keessattuu daa'immaniif)
  • dhukkubbiin namatti dhaga'amuu, miira dhibee garaa keessaa namarratti mul'achuufi garaa kaasaa
  • fedhii nyaataa dhabuu
  • dhukkubbii maashaa
  • gogaan kelloo ta'uufi iji ammoo addaachuu
  • laagaan madaa'uu, qufaasisaafi argansuun nama rakkisuu

Maddi: NHS

line

Milkaa'ina talaallii

Jijjiiramni qillleensaa duula dhibee busaa balleessutiif yaaddoo yoo ta'e illee hojiin gammachiisan hojjatame jira.

Ijoollen miliyoona tokkoo ol biyyoota kka Gaanaa, Maalaawwii fi Keeniyaa keessatti talaallii dhibee busaa jalqabaa doozii tokkoo fi isaa ol akka fudhatan Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) beeksisee jira.

Yaalin talaallii dhibee busaa bara 2019 tti Maalawwidhaan taasifamee ture milkaa'a fi dhibee busaa haalan kan xiqqeessu ta'uu isaa kan mirkaneessedha.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa taalaallichi biyyoota Afrika Sahaaraa gadiitti fi naannolee biroo tatamsa'ina dhibee busaa giddu galeessaa hanga sadarkaa olaanatti qabaniif akka hojiirra oolu akka raggaasisu kan taasise sagantaa yaalii sadarkaa dursaa milkaa'inaan taasifame kanaadha.

Laaboraatoorii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, RTS,S talaallii busaa WHO jalqaba mirkaneessaafi ballinaan yayyadaa jirudha
line

Busaa ittisuuf tarsiimoon WHO maal?

WHO dhibee kana balleessuuf roodmaappii baafateera. Galmi dhaabbatichaas:

  • bara 2030tti busaan qabamuu yoo xiqqaate %90tiin hiri'suu
  • bara 2030tti du'aatii sababa busaa yoo xiqqaate %90 hir'isuu
  • bara 2030tti yoo xiqqaate biyyoota 35 keessaa busaa balleessuu
  • biyyoota busaa irraa bilisa ta'an hunda keessa akka hin seenne ittisuu.

Maddi: WHO

line

Akka tilmaama Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti talaallichi waggaatti lubbuu daa'imman Afrikaa 40,000 hanga 80,000 dabalataan ni oolcha.

Talaallichi akkamitti hojjata? Dhiheessiin gahaan jiraa?

Akka WHOtti, biyyoota sadan yaaliin alqabaa keessatti gaggeeffamaa jiru keessatti daa'imman miliyoona sadii ta'an talaallii busaa addunyaa jalqabaati jedhame kana doozii tokko ykn isaa ol fudhataniiru.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Akka WHOtti, biyyoota sadan yaaliin alqabaa keessatti gaggeeffamaa jiru keessatti daa'imman miliyoona sadii ta'an talaallii busaa addunyaa jalqabaati jedhame kana doozii tokko ykn isaa ol fudhataniiru.

Dhibeen busaa maxxantuu bakka of-buusuf jecha seelii dhiiga namaa balleessudha. Talaallin RTS, S jedhamu kun maxxantuu dhibichaa baay'ee hamaa fi Afrikaa keessatti baramaa ta'e Plasmodium falciparum jedhamu irratti kan xiyyeeffateedha.

Dhibicha ittisuuf akkasumas tatamsa'ina isaa hir'isuuf talaallichi tarsiimowwan biroo wajjin hojiirra ooluu qaba jedhu ogeeyyin fayyaa.

Addumatti biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadiitti fedhiin talaallichaa waggaatti dooziwwan miliyoona 80 ol akka ta'u nan eega jedha Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa.

Yeroo ammaa kanatti talaallii kana kan omishu dhaabbata tokkodha. Innis GlaxoSmithKline (GSK) jedhama.

Karoorri jirus talaallii GSK omishu waggaatti akka doozii miliyoona 15 ta'uuf ol guddisuudha jedhameera.