Dhibee Busaa: Maxxantuu qoricha busaa artemisinin dandamachuun fayyaa hawaasaaf yaaddeessa

bookee

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Paaraasaayitiin busaa wayita bookeen faalamte nama hidditu daddarba

Maxxantuun (parasite) dhibee busaa nama qabsisuuf ka’umsa taate, qoricha dhibee busaa fayyisu dandamachaa akka jirtu saayintistoonni Ruwaandaatti qorannoo gaggeessan himan.

Qorannoon barruu ‘Nature’ jadhamurratti maxxanfame akka muli’sutti, maxxantuun kun qoricha dhibee busaa wal’aanuuf kennamu artemisinin dandamachuu akka dandeesse eera.

Qorattoonni maxxantuun kun qoricha farra busaa artemisinin dandamachuu akka dandeessu ardii Afrikaa keessatti yeroo jalqabaatiif argan.

Kanaanis qorattoonni kun maxxantuun kun ardicahtti '’yaaddoo fayyaa hawaasaa hamaa tahe uuma,'' jechuunis akeekkachiisan.

Saayintistoonni jaarmiyaa qorannoo Paaster, sagantaa to’annoo dhibee busaa Ruwaandaa, Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, hospitaala Koochiini fi yuunvarsiitii Kolombiyaa wajjiin qindoomuun samuda dhiigaa dhukkubsattoota Ruwaandaatti wal’aanamanirra fudhatame xiinxalaa turan.

Kana jechuun caasaaleen qaccee sanyii maxxantuu kanaa suuta geedderamuun, dhukkubsattoota giddugala fayyaa tokkoo keessatti dhibee busaa tokkotti yaalaman keessaa 7.4% irratti busaan qoricha artemisinin dandamachuun agarsiise.

Jijjiirama tirannaa maxxantuu busaarratti mul’atu

Barreeffamni barruu ‘Nature’ irratti maxxanfame kun akka agarsiisutti, paaraasaayitioonni busaa qoricha dandamatan yookaan ofirraa qolatan kunis ''tarii 1980'oota keessa lubbuun ijoollee miliyoonotaan lakka’aman galaafachuu hin oolle,'' jedha.

Wayita dawaan farra busaa Kilorookiwiin (chloroquine) jalqaba kalaqamu qorattoonni waggoota muraasa keessatti dhibichi guutummaatti akka badu yaadanii ture.

Haa ta’u malee, bara 1950 irra qabee maxxantuun dhibee kun qorichoota walitti fufinsaan hojjataman qolachaa/dandamachaa dhufeera.

Gabaasaan dhimma fayyaa BBC Jeems Gallagher, qoricha dandamachuun kun baayee yaaddeessa fi tarkaanfii dhibee busaa qolachuuf adeemame duubatti deebisa jedha.

Qoricha artemisinin jedhamuus maxxantuun kun duraanuu kibba Eshiyaa keessatti waggoota kudhanii oliif dandamateera.

Naannoo tokko tokkotti dhukkubsattoonni harka 80 tahan paaraasaayitoota busaa qoricha dandamatan kanneeniin qabamaniiru.

Afrikaatti garuu kun yeroo hunda yaaddoo guddaa dha - dhukkubsattoota 10 keessaa sagal kanaan miidhamu.

Dhukkuba busaa yaluun yeroodhaa yerootti cimaa dhufeera.

Dhukkubni busaa akkuma waliigalaatti qorichoota lamaan yaalama - artemisinin fi piperaquine jedhamaniin.