Walaayittaatti weerarri dhibee busaa lubbuu namoota 10 galaafate

Bookee busaa

Madda suuraa, Bob Chamberlin

Kibba baha Itoophiyaatti weerarri dhibee busaa ( yellow fever) lubbuu namoota 10 galaafachuu sababeefachuun dhaabbatni fayyaa addunyaa dhibee kana toa'chuu talaallii dandeessisu dhiyeessaa akka jiru beeksise.

Dhaabbatichi mana kuusaa isaa kan yeroo keessaa talaalliiwwan kana fayyadama atattamaaf raabsuu ibseera.

Weerarri dhibee kanaa naannoo kibbaa godina Walaayittaa keessatti ji'a lama dura kan mul'ate yoo ta'u namoonni dhibeedhuma kanaan qabamuu hin oolan jedhamanii shakkaman 35 qoratamaa jiru.

Akka dhaabbatni fayyaa addunyaa jedheetti ''saaxilamni dhibee kanaaf jiru sababab hanqina talaalliitiin yaaddessaa ta'uus'' eereera.

Namoonni dhibee kanaan qabaman mallatoolee o'uu qaamaa, mata bowwoo, dhukkuba irree, ol ol nama jechuufi nafni laafuu kan mul'atu yoo ta'uu kaan irratti miirri dhukkubii hamaa jiraachuu mala.

Namoota dhibee kanaan qabaman keessaa walakkaa kan ta'an guyyoota 7-10 gidduutti du'uu danda'u.

Ogeessa fayyaa hojii ittisa dhibee busaarra jiru

Madda suuraa, CRISTINA ALDEHUELA

Weerrarri dhibee busaa hamaan (yellow fever) guutummaatti kan mul'ate Godina Walaayittaa aanaa Oofaatti yoo ta'u, talaallii ittisaaf aanichatti kennameen booda namni haaraan dhibee kanaan qabame hin jiru jedhameera.

Sababa rakkoo nageenyaa naannichatti mula'atuun dhibeen kun daran bal'achuu mala yaada jedhuun, talaalliin dabalataa miiliyoona 1.45 barfachuu tokko malee akka dhiyaatu hojjetamaa akka jirus dhabbatichi beeksieera.

Itoophiyaan naannoo dhibee busaaf(yellow fever) saaxilaman keessaa tokko yoo taatu hanga bara 1960 taatti weerarri heddun ishee mudateera. Ergasii hanga baara 2013tti naannoo uummatoota kibbaatti namoonni 143 dhibee Kanaan qabamuun gabaafametti dhibeen kun hin mul'anne ture.

Talaallii dhibee busaa hamtuu(yellow fever) waggaa lamaa booda talaalliiwwan gosa biro waliin kennuuf karoorri qabameera.