Umuriin namooti jiraatan dabaluu quba qabduu?

Biyyoota addunyaa 195 keessatti dubartootni dhiirota caalaa umurii dheeraa jiraatu. Raashiyaa keessattimmoo gidduugaleessaan waggoota 11 dhiirota caalaa jiraatu.
Umuriin lammiilee Itoophiyaa isa bara 1990 irra waggota 19'n dabaleera.
Uummatni biyyota guddatan ykn umurii dheeraa jiraatan keessa jiraatan ammoo waggota 34'n uummata biyyoota sadarkaa xumuraa irratti argaman caalaa jiraatu.
Qabxiileen kunneen bu'aa qorannoo BBC herrega umurii namootaa [life expectancy calculator] jedhamu odeeffannoo pirojeektii dhiibbaa dhukkuba adunyaa [Global Burden of Disease project] jedhamu Inistitiyuutii safaraa fi madaallii fayyaa irraa argatedha.
Bu'aa qorannoo keenyaas chaartii armaan gadiin qodneerra.
1. Umurii dheeraa jiraaachaa jirra
Hammi jireenya dhala namaa erga bara 1990 as waggota torbaan dabaleera.
Uummatni adunyaa yeroo dheeraa jiraachaa jira, galatni hamma du'atii namootaa dhukkuba onnee biyyota guddatanii fi du'aatii daa'imanii biyyota galii gadi aanaa warra qaba keessa warra hir'isaniif haa tahu malee.
Tajaajilli fayyaa fooyya'aa adeemuu ,qulqullinaa fi yaaliin haalaan fooyya'uun akka bu'aan kun argamu taasiseera.
Umurii[hamma] jireenya namaa: Lakkofsa waggotaa namni tokko fayyaa gaariin itti jiraatu waggota 6.3'n olka'eera.
Hammi guddina dinagdee adunyaas akka du'aatiin salphatu taasiseera.

2. Biyyootni lixa Awurooppaa baay'inaan dursaa jiru
Biyyota 20 gadi umurii jireenyaa dheeraa qaban keessaa 14 kan tahan biyyota Awurooppati.
Garuu biyyotni Baha Eeshiyaa waggaa dheeraa jiraachuun dursaa jiru.
Namni tokko Jaapaan Ykn Siingaapoor keessatti yoo dhalate gidduu galeessan waggaa 84 jiraachuu danda'a jedhamee yaadama.
Biyyootni akka Ingilaandi waggaa 81 jiraachuun sadarkaa 20 keessa galaniiru.
Ayerlaandi kaabaa sadarkaa 32 fffaa, Weelsi 34ffaa yoo tahan uummatni biyyota lamaanii waggaa 80 jiraachuu danda'u.

3. Biyyooni Afrikaa sadarkaa gara xumuraarratti baay'atu
Hunda jechuun danda'ama garuu biyyootni lama sadarkaa hanga 20tti jiru keessa galaniiru.
Daa'imman bara 2016 Leessettoo fi Senteraal Afrikaa keessatti yeroo waraana walii waliinii dhalatan umurii jireenyaa waggaa 50 qabu, waggoota 34 warra Jaappan keessatti dhalatanii gadi jechuu dha.
Waraanni waggota dheeraa, goginsi fi seer-alummaan biyyota Eeshiyaa keessaa Afgaanistaaniin gara sadarkaa gadii keessa akka galtu ishee taasiseera. Kunis waggoota 58 dha.

4. Dubartootni dhiirota caalaa yeroo dheeraa jiraatu
Biyyoota 198 keessaa biyyota 195 tahan keessatti dubartootni dhiirota caalaa yeroo dheeraa jiraachuu danda'u.
Biyyoota tokko tokko keessatti garaagarummaansaa waggota 11 taha.
Biyyoota Baha Awurooppaa keessatti dhiirotni sababa dhugaatii alkoolii fi haala hojii mijataa dhabuu irraa kan ka'e umurii gadi aanaa jiraatu.
Biyyota kan akka Rippublika Koongoo, Mooritaaniyaa fi Kuweet keessatti dhiirotni dubartoota caalaa waggaa dheeraa jiraachu danda'u.

Itoophiyaa keessatti umuriin jireenyaa namni tokko jiraata jedhamee eegamu waggota 19'n dabaleera.
Erga bara 1990 as hammi namni tokko jiraatu dhibbentaa 96'n fooyya'eera.
Sana dura biyyota 11 keessatti namni tokko dhalatee waggaa 50 ol jiraachuu hin danda'u ture.
Isaan kanneen keessaa fooyya'insi kan argame biyyoota jaha keessatti yoo tahu isaanis biyyota gammoojii Sahaaraan gadii keessaati.
Itoophiyaan ammayyuu hongee bara 1990 irraa bayyanataa jirti.
Namni tokko dhalatee hammi jireenyaasaa waggaa 47 ture, amma bara 2016 keessa daa'imni dhalate waggota 19 dabalachuun waggaa 66 jiraata jedhama.
Kunis erga dhukkubootni garaa kaasaa fi vaayiresoonni akka Rota fi Koleeraa dhabamaniiti.

6. Hammi jireenya biyyota saddeetii gadi bu'eera.
Sababa dhukkuba HIV/AIDS irraa kan ka'e Leessetoo, Siwaazilaandi, Afirikaa Kibbaa fi Zimbaabuwee keessatti gadi bu'eera.

Waraanni dhiibaa guddaa qaba.
Bara 2010 Sooriyaan umurii jireenyaa kanaan sadarkaa 65ffaa irra turte, waraanni itti fufuunsaa ammoo akka isheen gara sadarkaa 142 ffaatti buutu taasiseera ragaan 2016 akka agarsiisutti.
Bara waraana duguuggaa sanyii Ruwaandaa 1994 hammi jireenya nama tokkoo waggaa 11 hin caalu ture.

9. Hongee fi balaan uumamaa dhiibbaa wal fakkataa qabu
Hongeen 1994 fi 1998 Kooriyaa Kaabaa keessatti miidhaa fidee ture.
Kunis hanga bara 2000ti umurii jireenya namoota Kooriyaa hir'isee ture.
Socho'insa lafaa bara 2010 Heeyitii keessatti uumameen, namootni kuma 200 ol du'aniiru.
Haa tahu malee umuriin jireenya namootaa yeruma sana fooyya'aa adeeme.

Tilmaama hamma jireenyaa keessan saalaan, umurii fi biyyaan yoo barbaaddan asii banaa ilaalaa Waggaa meeqa jiraattu?













