Talaalliin busaa seena-qabeessi daa’imman Afrikaatiif kennamuu jalqabuuf

Child being vaccinated

Madda suuraa, WHO

Ibsa waa'ee suuraa, Elian Keenyaa keessatti talaalamuuf daa'ima jalqabaa taatee, Fulbaana 2019 keessa

Daa’imman Afrikaa talaallii farra dhukkuba busaa fudhachuuf. Kunis dhukkuba balaafamaa kana ittisuu keessatti yeroo seena-qabeessa taheettidha jedhameera.

Busaan weerara waggoota kumaaf dhala namaa gidirse yoo tahu, yeroo baayyee daa’imman ajjeesa.

Yaalii jaarraa tokko booda talaallii kana argachuun ogummaa fayyaa keessatti milkaa’ina guddaa dha.

Talaalliin-RTS,S jedhamu waggaa jaha dura ture akka hojjetu kan mirkanaa’e.

Yaaliin dhukkubicharraa madiina baasuu Gaanaa, Keeniyaa fi Maalaawwii keessatti erga milkaa’een booda, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO)n talaallichi biyyoota Afrikaa biyyoota Sahaaraan gadii dabalatee naannolee tamsa’ina guddaa fi gidduugaleessa qabaniif kennamuu jalqabuu qaba jedhe.

Hogganaan olaanaa WHO Dr Teedroos Adhaanoom kun ‘taatee seena-qabeessadha,’ jedhan.

‘’Talaalliin busaa daa’immanii kun saayinsiif, fayyaa ijoolleefi to’annoo dhukkuba busaaf jijjiirama tarkaanfataa dha,’’ jedhan.

‘’Waggaa waggaatti lubbuu daa’imman kumaatamaan lakkaa’amanii oolchuu danda’as’’ jedhaniiru.

Busaan maxxantuu qaama weeraruun seelota dhiigaa balleessuun wal-hortu dha. Dhukkubichi bookee busaa dhiiga xuuxxuunis tatamsa’a.

Qoricha maxxantuu kana ajjeesu, agoobara siree, qorichi farra bookee busaan faa dhukkuba busaa kana hiri’isuuf gargaaraniiru.

Tahus ba’aan dhukkubichaa inni guddaa Afrikaa irra jira, bara 2019 qofa ijoolleen 260,000 tahan dhukkubichaan lubbuu dhabaniiru.

Nurse prepares malaria vaccine

Madda suuraa, Getty Images

Qaamni keenyi sirna madiinummaa tolfachuuf irra deddeebiin dhukkubichaan qabamuu qaba, kanaafis kuni carraa akka malee dhukkubsachuu qofa hir’isa.

Dr Kwame Amponsa-Achiano talaallicha bal’inaan kennuun hojjetaa waan jedhu baruuf Gaanaatti yaalii taasisaniiru.

‘’Kuni unuuf yeroo gammachuuti talaallicha baay’inaan kennuun,tamsa’ina dhukkuba busaa gara lakkoofsa xiqqaatti fiduu dandeenya,’’ jedhan.

Dr Amponsa-Achiano ofii yeroo ijoollummaa isaanii irra deddeebiin dhukkuba busaan qabamuun akka hakiima tahan isaan kakaase.

‘’Torbee torbeen mana barumsaa irraa hafuun baayyee nama dhiphisa ture,dhukkubichi yeroo dheeraaf nurra ture jedhan

'Lubbuu ijoollee baraaruu'

Maxxantuuwwan busaa gosa 100 tahanitu jiru. Talaalliin RTS,S jedhamu isa balaafamaa taheefi Afrikaatti baay’atu kan Plasmodium falciparum jedhamu ittisuuf oola

Yaaliin bara 2015tti gabaafame, talaallichi dhukkubsataa 10 keessaa afur irraa dhukkubich ittisuu danda’a, isaan keessaa warreen haala cimaa keessa jiraniifi dhiigni haaraa gara caasaa qaama isaaniitti darbuu qabu immoo 10 keessaa sadii irratti hojjeteera.

Haa tahu malee talaallichi hojjechuudhaaf doozii afuriin kennamuu ijaa qabuuf hojii irra ooluu danda’a kan jedhu shakkiin jira. Dooziiwwan sadii jalqabaa daa’imni dhalatee baatii shanaffaa, jahaa fi torbatti kennamu qabu, inni dhumaa baatii 18tti kennama.

Bu’aan qorannoo yaalii gareewwan ogeessota WHO lamaan Roobii darbe irratti marii’atameera.

Bu’aan dooziiwwan miiliyoona 2.3 irraa argame:

  • Talaallichi kennamuuf qophii tahuufi dhukkuba busaa harka 30’n akka hir’isu agarsiisa.
  • Daa’imman lama-sadaffaa agoobara siree keessa rafuu hin dandeenye qaqqabeera
  • Talaalliiwwan biroo ykn tarkaanfii biraa dhukkubicha ittisuuf taasifamu irratti dhiibbaa hin qabu.
  • Talaallichi kan baasii guddaa hin barbaannedha.

Dr Pedro Alonso, WHO’tti hogganaa Sagantaa Dhukkuba Busaa Addunyaati. ‘’Gama saayinsiitiin kun jijjiirama guddaa, gama fayyaa hawaasaatiin immoo milkaa’ina seena-qabeessa dha,’’ jedhan.

‘’Talaallii dhukkuba busaa waggaa 100 qorataa turre, amma lubbuu daa’imman Afrikaa oolchuu dandeenya,’’ jedhan.

Talaalliin dhukkuba kanaa waggoota kana hundumaa keessatti maaliif argamuu dadhabe jettanii gaaffii kaasuu maltu.

Dhukkubni busaa maxxantuu vaayirasii Covid caalaa wal-xaxaa fi balaafamtuu taateen uumama. Vaayirasii Covid fi maxxantuu kana dorgomsiisuun hamma namaafi raafuu dorgomsiisuuti.

Maxxantuun kuni namaafi bookee busaa keessatti marsaa jireenyaa wal-xaxaa tahe qabdi. Qaama keenya keessatti immoo boca gegeddaruun seelii tiruufi seelii dhiiga diimaa miidha jechuu dha.