Keeniyaan diroonii fayyadamuun jiisaa busaa ajjeesuu eegalte

Madda suuraa, Getty Images
Keeniyaan dirooniitti fayyadamuudhaan biyyattii keessatti bakkeewwan bookeen busaa itti wal horu adda baasuun sadarkaa jiisaa (larvae) irratti wayita argamaniitti ajjeessuu eegalte.
Ministirri Ministeera Fayyaa Keeniyaa Mutaahi Kaagwee akka jedhaniitti, dirooniitti fayyadamuun eddoowwan qaqabuuf baayyee rakkisaa ta'an gahuuf ni gargaaru.
Akka Ministirittiin jettetti keessattuu kaawwuntiiwwan dhukkuubni busaa keessatti baay'atu qaqabuuf dirooniin mala gaariidha.
Dirooniiwwan tajaajila to'annoo busaaf oolfaman kunneenis bakka bookeen busaan itti wal horu adda baasuu qofaa osoo hin taane, keemikaala jiisaa busaa ajjeesuu oolu raabsuuf illeen ni fayyada jedhan.
Busaa sadarkaa jiisaatti osoo jiruu adda baasuun ajjeessuun kaan ammoo, akka wal hormaanni isaanii itti fufuun hojii ittisaa kan biraa hin gaafaneef oolcha.
Teeknoloojiin kunis Kaawunsilii Busaa - walta'insa hawaasa dhaabbilee dhunfaa fi- ummataa, Keeniyaa keessatti busaa ittisuuf humdeessameen kan motummaaf dhiyaate ta'uu, Ministeerri Fayyaa biyyatti himan.
Dhukkubni busaa keessatti daa'imman umuriinsaanii waggaa shanii ta'an biratti Keeniyaatti madda du'aa sadan olaanoo keessaa tokko.
Teeknolojiin kunis biyyoota Afriikaa biraa keessattilleen tajaajiluma wal fakkaataaf faayidarra akka oolfamu dubbatama.
Taanzaaniyaa fi Maalaawwiin biyyoota Afriikaa ittisa busaatiif dirooniitti fayyadaman keessaa ta'uun barame.
Itoophiyaattis teeknolojiin diroonii sochi weerara awwaanisaa to'achuf taasifamaa ture keessatti tajaajila irra olfamee akka ture ni yaadatama.















