Biiroo Fayyaa Oromiyaa: 'Rakkoo nageenyaatiin ummanni tajaajila fayyaa dhabuun rakkachaa jira'

Dr. Darajjee Dhugumaa

Madda suuraa, OROMIA COMMUNICATION BUREAU

Ibsa waa'ee suuraa, Dr. Darajjee Dhugumaa

Sababii rakkoo nageenyaa uumameen uummanni tajaajila fayyaa dhabuun rakkachaa jiraachuu Hogganaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Dr. Darajjee Dhugumaa himan.

Ibsa har'aa gaazeexeessitootaaf keennanin akka jedhanitti godinaalee rakkoon nageenyaa keessatti mul'achaa jiruutti tajaajila fayyaa uummataaf kennuuf rakkachaa jiru.

Yeroo ammaa keessattuu godinaalee Wallagga arfaniifi Gujii Lixaa keessatti rakkoo nageenyaa uumameen ummanni tajaajila fayyaa dhabuun heddu dararamaa jira jedhan aanga'aan kun.

Ogeessonni fayyaa ramadamanis rakkoo nageenyaa jiruun baqatanii bahaa jiru. Dhaabbileen qoricha dhiyeessan sababa rakkoo nageenyaatiin karaa dhiyeessan dhabuudhaan ummata bira qaqqabsiisaa hin jiran jedhan.

Mootummaan godinaalee kanneen keessatti ambulaansoota 70 ramaduus rakkoo nageenyaa jiruun hojii kan dhaaban yoo ta'u ambulaansoonni shan saamamanii hojii biraaf olaa jiraachuusaanii Dr Darajjeen himu isaanii Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibseera.

Piroojeektoonni fayyaa 150 godinaalee kanneen keessa hojjeetamaa jiran keessaa piroojektoonni 50 sababa nageenyaatiin hojii dhaabuusaaniis himaniiru.

Sababa kanaanis haadholiin ulfaa manatti dahaa jiru, daa'imman du'aaf saaxilamaa jiru , namni dhukkubsate tajaajila fayyaa argachuu dhabuusaatiin heddu rakkachaa jiraachuu Dr Darajjeen kan dubbatan.

Bakka nageenyi hin jirreetti fayyummaa ummataa dhugoomsuun hin danda'amu kan jedhan Dr Darajjeen, mootummaan rakkoo nageenyaa jiru ummata waliin ta'uun ariitiidhaan hiikuuf hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.