Beelli akkamitti nama ajjeesa, mallattooleen isaa hoo maal fa'i?

Madda suuraa, Getty Images
Hawaasni bakkeewwan Kibbaafi Kibba Bahaa Itoophiyaatti jiraatan waqtii shaniif roobni gahaan roobuu waan dhibeef hongeef saaxilamaniiru.
Hongeen kuni immoo marga gogsee, horii obbaase. Akka UN ibsetti Itoophiyaatti sababa hongeen horiin miiliyoona 4.5 ol du'aniiru.
Bakkeewwan hongeen itti hammaate keessaa tokkommoo hawaasa horsiisee bulaa Booranaadha. Boorana qofatti ummanni 800,000 ol deeggarsa barbaada.
Rakkoo kana furuufis dhaabbileen mootummaafi miti mootummaa, akkasumas namoonni dhuunfaa birmataa jiru.
Hongeen Booranatti hammaatee jireenya lammiilee gaaga'aa jirachuu BBCn jiraattota irraa odeeffate ture.
Jiraattonni loon isaanii hongeen dhabanii ofii isaanifuu ''beelaan'' miidhamaa akka jiran dubbatan.
Aangawoonni garuu rakkoo fayyaa waliin walqabatuun yoo lubbuu dhaban malee hanqina nyaataan kan lubbuu dhabe hanga ammaa hin jiru jechuun mormu.
Ofii hanqinni nyaataa yookiin kan hawaasi beela jedhee waamu akkamitti nama ajjeesa? Mallattoolee akkamiitu irratti mul'ata? Waldhaansa akkamiitu taasifamaaf?
Namni tokko nyaata gahaa dhabee du'e jechuuf agarsiistuun maali?
Jechi beela jedhu akkaataa dhaabbileen gargaarsaa itti ibsaniifi hiika hawaasi kennuuf gargaridha.
Akka Sagantaa Nyaata Addunyaa (FAO)'tti beelaaf sababoonni gurguddoon lama: jijjiirama haala qilleensaa addatti gogiinsaafi, waraana ykn walitti bu'iinsa.
Ragaan Dhaabbata Intarnaashinaal Reskiiwu Komiitii (IRC) akka ibsutti ammoo beelatu mudate jedhanii labsuuf naannoo tokkotti daa'imman 30% ta'an hanqina nyaataatiin kan hubaman ta'uu qabu.
Kana jechuun yeroo beelli labsamutti ijoolleen du'uu jalqabaniiru jechuudha.
Godina Booranaa hongeen miidhamaa jirutti beelatu mudate jechuuf odeeffannoo qabatamaa ragaan deeggarame argachuun rakkisaadha.
Dhaabbileen deeggarsa namoomaas ammatti jecha beela jedhu fayyadamaa hin jiran. Hanqina nyaataa jechuun ibsu.
Aab Galgaloo Boruu Godina Booranaa Aanaaa Dubluqittti ogeessa sirna nyaataati. Haala uummanni Booranaa keessa jiruufi hongee mudateen dhiibbaa uummaticharra gahe itti dhiyeenyaan beeka.
Namni tokko beelaan du'e jedhamuuf akka ogummaa fayyaatti ykn saayinsii nyaataatti ulaagaa akka qabu dubbata.
"Yeroo baay'ee namoonni nuti hanqina nyaataa du'an jennu warreen sagantaa nyaataa keessa osoo jiranuu du'aniidha."
"Fakkeenyaaf daa'ima hanqina nyaataa qabu sadarkaa pilaampileetii [nyaata anniisaa kennu] kennamuufirra jiru tokko yoo du'e, dhibee kamiinuu haa du'uu, hanqina nyaatatiin du'e jenna," jedha Aab Galgaloon.

Madda suuraa, Getty Images
Kana ta'uuf garuu namni kun dursa ulaagaa hanqina nyaataatiin adda bahee isaan bira dhufuu akka qabu hima ogeessi kun.
Haa ta'u garuu bakka hongeen jirutti hanqina nyaataan beela'ee du'aaf kan saaxilamu daa'imman qofa osoo hin taane jaarroleefi namoota kaanisi.
Kan biraa ammoo, "Jaarroleen osoo deeggarsa argataa jiranii ykn deeggarsi bira hin gahin nafni isaanii dhiita'ee du'uu fa'aa danda'u."
"Kan sagantaa gargaarsaa irra jiru yoo du'e, beelumaan du'e jenna akka ogeessaatti," jedha.
Mallattoo nama beela'e
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Beelli waan akka tasaa mudatuufi tasa nama ajjeesu akka hin taane ragaaleen ni mul'isu.
Aab Galgaloon akka jedhutti namni gaafa nyaata dhabu anniisaan ykn gulukosiin qaama namaa keessa jiru hir'ataa deema.
Qaamni namaa "anniisaa ykn gulukosii kallattiin nyaatarraa argamu kan hin arganne yoo taate, deebisee pirotiinii qaama ofii diigee gara gulukoosiitti deebisuun marsaa lammeessoof itti fayyadama."
"Qaamni guutuun kan irraa ijaarame pirotiiniidha, gaafa gulukoosiin nyaata alaa dhufu irraa dhabamu qaama keenya nyaata. Gaafa qaama keenya nyaatu, foon nafa keenyaa caccabee gulukosii ta'a waan ta'eef ni huqqata," jechuun ibsa ogeessi nyaataa kun.
Mallattoon biraa ammoo qaamni dhidhiita'uudha. "Foon qaamarraa waan dhumateef dhangala'aan gaafa alatti bahu bakka foon dhumee sana ciisee nafti ni dhiita'a. Kuni erga beela'ee huqqatee booda sadarkaa kanatti [nafti dhiita'uu] dhufa," jedha Galgaloon.
Dhiitoon qaamaa dhibee biraatiin illee dhufuu akka danda'u kan dubbatu Galgaloon, "[Qaama namaa] gubbaa gara gadiitti dhiita'aa yoo deeme dhibee biraati. Ka hanqina nyaataa [dhiita'uun] faanaa kaasee gara mataa ol deema," jechuun ibsa.
Faayidaan nyaataa qaama namaa ijaaruuf qofa osoo hin taane, qabiyyee achi keessaa argamuun qaamni keenya dandeettii dhibee ofirraa ittisuu horata.
Namni nyaata dhabee gaafa beelaaf saaxilamu qaamni dandeettii dhibee ofirraa ittisuu waan hin qabneef salphaatti dhukkuboota garaa garaaf saaxilama.
Namoonni akkasii addumatti dhibee daranyoo sombaatif akka saaxilaman hima Galgaloon.
"Yeroo beelaa immuniitin [dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu] namaa waan gadi bu'uuf [dhibeen daranyoo sombaa] nama baay'etti ni ka'a," jechuun ibsa.
Itti dabaluunis, sababa hanqina qulqullinaafi bishaan gahaan hin jirreef qaamni namaa nyaata dhabuun laafe salphaatti dhibee akka garaa kaasaafis akka saaxilamu ogeeyyiin ibsu.
Namni nyaata gahaa dhabe hangam turuu danda'a?
Ofii namni tokko beelaaf ykn hanqina nyaataaf saaxilamee yeroo hangamii lubbuun jiraachuu danda'a?
Aab Galgaloon akka jedhutti namni tokko osoo nyaata hin argatiin beelaan guyyaa 30 hanga 90 turuu akka danda'u yoo himu, dandeettii dhibee ittisuu nama sanaafi gosa dhibee namni sun saaxilamuufii irratti akka hundaa'u eera.
"Garuu wanti jidduu kanatti ajjeesu sistamatu (sirna qaamaa) wal-nyaata. Qaamni erga nyaata dhabeen booda, seelota duraan jiran caccabsuu jalqaba.
''Yeroo kanatti tishuu ykn seelii jiraachuu lubbuu namaaf murteessoo ta'an nyaatamuu danda'u."
"Fakeenyaf, tiruun tuqame taanan, dirqama duuta," jedha.
Namni sadarkaa hanqina nyaataa hamaarra gahee tokko bayyanachiisuf nyaata sasalphaa ta'an kan sirna nyaataafi sirna elektirolaayitii qaamaa beelan midhame iddootti deebisutu kennamaaf.
Akka ragaan UNICEF agarsiisutti, keessumaa daa'imman hanqina nyaataa sadarkaa yaaddessaa (Severe Acute Malnutrition (SAM)) irra gahan bayyanachiisuf gosa gosa aannanii F-75 jedhamutu kennamaaf.

Madda suuraa, Getty Images
Akka Galgaloon jedhutti nama beelaan miidhametti nyaata jajjabaa kennuun balaa biraaf illee saaxiluu danda'a.
Keessumaa hongee Boorana mudatee jiruun wal-qabatee yeroo ammaa namoonni hedduun gargaarsaf harka namaa ilaalu.
Gargaarsi godhamu baay'inaan ammoo waan akka daakuufi midhaanii fa'aadha. Ogeessa nyaataa kan ta'e Galgaloo Boruun nyaata lallaafaa fa'aa irratti osoo xiyyeeffatamee jedhee gorsa.
Jaarroleen Booranaa aannaniin nyaachuu baranii yeroo kana danda'anii waa liqimsuufuu akka rakkatan kan dubbatu Galgaloon, "Gargaarsi godhamu osoo waan akka aannan daakuu fa'aa irratti xiyyeeffatee gaaridha" jechuun hima.
Dhihoo ogeeyyiin fayyaa tajaajila kennuuf gara Godina Booranaa imalan roobni tibbana roobe yoo itti fufe dhibeewwan akka garaa kaasaa babal'achuu danda'a jedhaniiru.
Itoophiyaatti weerara dhibee koleeraatiin namoonni 37 du'uu Institiyuutin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa (EPHI) tibbana beeksiseera.
Kunneen keessumaa Naannoo Oromiyaafi Somaalee hongeen hubamanitti baatii jaha keessa lubbuu dhabanidha.
Dhukkubni biraa hongee keessatti mudachuu akka danda'u ogeeyyin ibsan keessaa tokko gifirris baatiiwwan 18 keessa namoota 148 galaafachuu mootummaan ibseera.
Ta'us, rakkinichi to'achuuf akka dalagamaa jiru aangawoonni ibsaniiru.
Dhaabbati Mootummoota Gamtoomanii (UN) Itoophiyaatti lammiilee miliyoona 20 ol gargaaruf dolaarri biliyeena 4 akka barbaachisu ibseera.
Kunneen kan hongeen akkasumas walitti bu‘iinsaan gargaarsa barbaadanidha.
Hongeen waggoota 40 keessatti isa hamaadha jedhame Itoophiyaa dabalatee Somaaliyaafi Keeniyaa keessalle dhaqqabuun isaa ni yaadatama.
*Barreeffama kana keessatti jechoonni 'beela' fi 'hanqina nyaataa' wal jijjiirun fayidaarra oolaniiru.












