Itoophiyaa biyyi miiliyoonoti deeggarsa barbaadan akkamiin qamadii alatti ergiti?

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaan osoo lammiileen miiliyoona 20 ol gargaarsa barbaadanii seenaa keessatti yeroo jalqabaaf qamadii alatti erguu akka jalqabde beeksifteetti.
Qondaalli olaanaa mootummaa sochii kana ''dhagaa tokkoon simbira lama’’ jechuun ibsan.
Qamadiin kuni kan alatti ergamuu eegale fedhiin biyyaa waan guutameef ta’u mootummaan ibseera.
Hanqinni qamadiifi daakuu garuu akka jiru irra deddeebiin miidiyaalee gabaafamaa turuun ni yaadatama.
Mootummaan Itoophiyaa qamadii bona keessa oomishame dhaabbilee UN lammiilee balaaf saaxilaman sooraniif dolaaraan gurguraa akka jiru ibseera.
Qeeqxonni osoo lammiileen hongeefi walitti bu’iinsa adda addaan deeggarsa fedhanii mootummaan alatti alatti erguu karoora ijoo isaa godhachuu hin qabu jechuun qeequ.
Aangawaan mootummaa dhimma kanarratti BBC’n dubbise, sochiin qamadii alatti erguu lammiilee deeggarsa fedhaniif ''faayidaa olaanaa’’ qaba jechuun ibsu.
Kaayyoo ka'umsa ta'e
Biyyoota Afrikaa oomisha qamadii olaanaa oomishuun beekaman keessaa tokko Itoophiyaadha. Haa ta’u malee, lammiilee ishee sooruuf waggootaaf qamadii alaa galchaa turte.
Kana keessaa gara caalu sharafa alaa baasun bittee, kaanimmoo gargaarsa Ameerikaa irraa argattuun akka galchitu ragaan Tajaajila Qonna Alaa Waajira Qonnaa US ni mul'isa.
Akka dhaabbatichaatti Itoophiyaan kanaan dura fedhii qamadii biyya keessaa %70 kan ta’u biyyumatti omishuun, kan %30 ta’u ammoo biyya alaatii galchiti.
Waggootaa dhihoo as immoo jireenyi qaala’ee, lakkoofsi lammiilee dabalee, hammi qarshii bituu dadhabee fi kaaniin gatiin daabboofi daakuu qaala'eera.
Mootummaan waggoota sadan darban Itoophiyaan oomisha qamadii alaa galchitu akka dhaabdu, darbees alatti akka ergitu gochuuf xiyyeeffatee oomisha qamadii bonaa eegale.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Oomisha qamadii ganna keessa roobaan oomishun alatti bona keessa jallisiin qamadii oomishuun waan kana dura barame hin turre.
Mormiifi shakkiin mudateenii akka ture aangawoonni ni himu.
Karoora tibbanaan garuu bonee bakkeewwan gadi-aanoo kanneen akka Afaariifi Somaaleetti babal’isuun qamadii akka oomishan taasifamaa jira.
Oomishi qamadii bonaa kunneenis irra-deddeebiin aangawoota mootummaan daawwatamaa ture.
Yeroo kuni ta’u keessummaa gama kaaba biyyattiin waraanni adeemaa ture. Waraana kanaan lammiileen miiliyoona lamaa ol ta'an buqqa’aniiru.
Miiliyoona sagal kan ta'anis deeggarsa akka fedhan irra-deddeebiin ibsamaa ture.
Gama Oromiyaa, Ummattoota Kibbaa, Benishaangul dabalatees walitti bu’iinsa sabaafi siyaasaan kuma dhibba hedduun kan lakkaa’aman buqqa’aniiru.
Hongeen waggoota 40 keessatti hamaadha jedhee Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii ibseen immoo horiin miiliyoona afur ol dhumaniiru.
Lammiileen miiliyoona torbaa ol keessumaa gama kibbaafi kibba baha Itoophiyaa argamaniifi horii isaanii hongeen dhaban kunneenis deeggarsa atattamaa barbaadu.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii lammiilee Itoophiyaa miiliyoona 20 ol gargaaruuf dolaarri biiliyoona 4 akka isa barbaachisu ibseera.
Jiraattoti namoonni sababa hongeen du’uu himanis aangawoonni rakkoo fayyaa waliin walqabatuun yoo lubbuu dhaban malee hanqina nyaataan kan lubbuu dhabe hanga ammaa hin jiru jechuun mormu.
Gama kaaniin waraanni Yukireeniifi Raashiyaa gidduu eegalees gatii midhaanii sadarkaa idil-addunyaatti guddiseera.
Egaa mootummaan kana gidduutti ture qamadii alatti akka ergu kan beeksise.
Kaayyoon mootummaa ijoo nyaataan of danda’uufi carraa hojii babal’isuus dabalata.

Sababi biraa dhimma qamadii alaa galuun walqabata.
Kana dura Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad “Rakkoon Itoophiyaa qamadii gargaarsaadha. Qamadii kana waliin dhukkubatu dhufa.”
“Yoo isa dhaabne, rakkoon keenya hedduun ni furama,’’ jechuun dubbatanii turan.
Kunis dhibee qamadiin dhufuun ala sharafa maallaqa qamadii alaa galchuuf bahu xiqqeessuuf akkasumas deeggarsa qamadiif mootummaan taasisu hambisuuf kan yaadame ta’u mootummaan ibseera.
Baatii Guraandhala keessa yeroo jalqabaaf qamadii alatti erguun Godina Baaleetii eegale.
Mootummaan waggaa kana keessa qamadii kuntaala miiliyoona 32 alatti erguun akka danda’amu ibseera.
Sababa waraana kaaba Itoophiyaa fi isa durallee eegalee Itoophiyaan hanqina sharafa maallaqaa qabdi.
Baankiin Addunyaa kana dura lammiilee Itoophiyaa sababa waraanaafi walitti bu’insaan buqqa’aniif Yukireenirraa qamadii bituun dhiheessaa ture.
Qamadii gara alaa
Dhihoo garuu Waldaalee Hojii Gamtaa kan qamadii qonnaan bultoota irraa walitti qabanirraa bitaa akka jiru mootummaan Itoophiyaa ibseera.
Baankiin Addunyaa tibbana ''qamadii metirik toonii kuma 127’’ waldaalee kanarraa bitee lammiileef dhiheessaa akka jiru Ministirri Kominikeeshinii Dr Laggasa Tulluu himaniiru.
''Yeroo jalqabaaf lammiileen gargaarsa namoomaa hin affeelamneefi sanyiif ta’u kan argatan yoo ta’u, mootummaanis al-ergii qamadiirraa yeroo jalqabaaf sharafa alaa argate’’ jedhan.
''Sagantaan Nyaataa Addunyaa haala wal fakkaatuun bakkeewwan hongeen miidhamaniif kan oolu qamadii metiriik toonii kuma 35 bitaa jira.
''Dhaqaa tokkoon simbira lama jechuun kana,’’ jechuun Dr Laggasan ibsan.
Dhaabbileen ala Itoophiyaan biyyootaa ollaa kanneen akka Keeniyaafi Sudaan kan qamadii alaa galchaniif qamadii gurguruuf yaada qabdi.
Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu gama isaaniin dhaabbileen biyyuma keessaa bituun isaanii akka deeggarsi dafee hawaasa bira gahu taasisa jechuun ibsu.
''Hawaasni keenya bakka tokko tokkotti bakkee hongeen miidhaa jiru jira. Kan hongeen miidhamu kana warri WFP kunimmoo bitanii dafanii isaan biraan akka gahan gochuudha.’’
''WFP kan duraan Yukireen irraa bitu sun Itoophiyaa irraa bita jechuudha,’’ jechuun ibsu.
Gama kaaniin, qamadiin alatti kan ergamu oomishi gahaa yookiin fedhiin biyya keessaa waan guutameefi jedheera mootummaan.

Madda suuraa, Getty Images
Obbo Geetuun akka biyyatti waggaatti kuntaala miiliyoona 97 akka barbaachisu himu.
Naannoon Oromiyaa qofti garuu gannaafi bona qamadii kuntaala miiliyoona 103 akka oomishtu dubbatu.
''Qamadiin Oromiyaan misoomsu Itoophiyaa gahee kuntaalli miiliyoona shan irraa hafa,’’ jechuun ibsu.
Osooma mootummaan karoora alatti ergu kana ifa hin godhiin durayyuu gama daangaa qamadiifi midhaan kaan karaa seeraan ala akka bahan ibsamaa ture.
''Wanti guddaa daldalli seeraan alaa, kontirobaandiin baay’ee hamaan jiraachuu isaati agarre,’’ jedhu Obbo Geetun.
Kana to’achuuf dalagamaa akka jiruufi kunis galiin akka argamsiisu himu.
Komii qonnaan bultootaa
Qonnaan bultoonni BBC’n Godina Baaleerraa dubbiseefi bona keessa qamadii qotan simbira tiksurraa eegalee, baasii bishaan jenerataraan baasuu, xaa’oo dabale, fi kaaniin baasiin isaanii akka guddate himu.
Mootummaan qonnaan bultoonni kunneen qamadii kuntaala tokko gatii birrii 3,200 waldaalee hojii gamtaatti akka dhiheessan gatii muruu dubbatu.
Kunimmoo akka isaan miidhu himu.
Ministirri Qonnaa Itoophiyaa Dr Girmaa Amantee qonnaan bultoonni qamadii kuntaala tokko birrii 3,200 gadi akka hin gurgurre, garuu isaa ol gurguruu akka danda’an lafa kaa’amuu himu.
Miidiyaalee biyya keessaaf akka himanitti gatiin kuni baasii isaanii ilaalcha keessa galchuun ta’u himan.
Qaala’iinsa gatii midhaanii Itoophiyaa keessa jiru tasgabbeessuuf ‘’furmaanni ijoo ammayyuu baay’isanii oomishuudha’’ jechuunis dubbatan.












