Itoophiyaatti iddoowwan hongeen itti hammaate isaan kami?

Hongee Itoophiyaa keessaan horiin miiliyoona 4 ol dhumuu UN ibseera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hongee Itoophiyaa keessaan horiin miiliyoona 4 ol dhumuu UN ibseera

Afrikaa Bahaatti waqtii roobaa shaniif bokkaan dhabamuu isaatiin, hongeen barkurnee afur [waggoota afurtama] keessa isa hamaati jedhame mudateera.

Kanaanis lammileen miiliyoona 36 ol tahan deeggarsa eeggachuuf dirqamaniiru.

Kanneen miiliyoona lama tahan ammoo qe’eerraa buqqa’uu Dhaabbanni Godaansaa Idiladdunyaa (IOM) ibseera.

Kanneen keessaa miiliyoona 24 kan tahan Itoophiyaa keessa kan argaman oggaa tahu, kanneen buqqa’an keessaa ammoo walakkaa miiliyoonaa ol kan tahanis biyyuma kana keessa.

Hongeen hamaan kun naannolee Oromiyaa, Kibbaa fi Somaalee rakkoo guddaaf saaxileera.

Akka gabaasa Dhaabbata Mootummoota Gamtooman – UN'tti, lammiilee Itoophiyaa lolaa fi jijjiirama qilleensaan harka namaa eeggachuuf dirqaman qarqaaruuf, doolaarri biiliyoona afur barbaachisa.

Itoophiyaatti bakkeewwan kam fa’itu hongeen miidhame?

Boorana

Oromiyaatti Godinni horsiisee bulaa Booranaa oolaan akkaan miidhamuunsaa miidiyaalee biyya keessaa fi idiladdunyaan gabaafamaa tureera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Godina kana Aanaa Taltalleetti bulchaa ganda Dibbee Gaayyaa kan ta'an Obbo Dheengee Waariyoo, sababa hongeetin namni dhibee garaa garaaf saaxilamee du'aa akka jiru amma dura BBCtti himanii turan.

"Ganda keenya keessatti ji'a lama keessatti nama torba kan ta'u garaan dhiita'ee du'an. [Jalqaba] miilatu dhiita'a, otuma deemtuu garaan dhiita'ee du'a."

Aanaaleen godinichaa kaanis rakkoo hongee walfakkaataan miidhamaa jiraachuun himameera.

Horsiisee bultoonni loowwan miiliyoonatti lakka’aman jalaa dhumuun harka qullaa akka hafanis gabaafameera.

Turaa Roobaa Aanaa Taltallee ganda Dibbee Gayyaatti horsiisee bulaa loon 150 ol qabu ture; har'a loon inni dur ittiin boonu sun hundi fixeensa ganamaa ta'aniiru.

“Hongeen guddoo nu miite. Nuyi horsiisee bulaa, warra loonin bulu. Har’a loon tokko hin qabnu."

Obbo Turaan loon 150 keessaa loon 146 dhumanii 4 qofti hafteef; kan hafanis har’aa bori duutii jechuun eegaa akka jiran himan.

Godina kana keessa namoonni 876,000 ol tahan qarqaarsi nyaataa hatattamaa akka isaan barbaachisu gabaasni dhiyaateera.

Ammatti godinichatti namoonni 800,000 oli gargaarsaaf harka namaa ilaalaa akka jiran bulchaan godinichaa duraanii Obbo Jaarsoo Boruu BBC'tti himanii turan.

"Mootummaafi qaamolee miti mootummaa waliin taanee assesimentii [qorannoo] gaggeessineen namni 867,140 nyaata hatattamaa barbaada," jedhan.

Hogganaan Buusaa Gonofaa Godina Booranaa Obbo Liiban Saaraa, "Uummati Booranaa guutun wal-fakkaata. Aanaa kanatu irra gooma, kanatu fooyyee qaba kan jennu hin jiru," jechuun ragaan kun ammallee dabalaa akka deemu BBCtti himan.

Somaalee

Naannoo Somaalee keessattuu godinaaleen Daawaa, Afdeeraa fi Liiban hongee hamaaf saaxilamaniiru.

Godina Daawaatti buufataalee dahoo 92 tahan keessa lammileen 52,000 tahan buqqa’anii akka jiran, itti gaafatamaan komunikeeshinii naannichaa Obboo Abdiqaadir Rashiid himaniiru.

Godinaalee Afdeeraa fi Liibanitti jiraattootaaf bakkuma jiranitti qarqaarsi dhiyaachaa akka jirus himan.

‘‘Godina Daawwaa qofatti beeladoonni akka re’ee, looniif gaalaa kuma 334 du’aniiru. Loon kuma 420 ol ta’na ammoo du’atti dhiyaataa jiru’’ kan jedhan yoo ta’u, godinaalee Daawwaan alatti argamaniitti duuti loonii hin eegalle jedhan.

Haala teessuumaafi haala qilleensaa naannoo Somaaleetiin wal qabatee, hirinni bishaanii yoo umamuu, dursa kan miidhaman beeladoota kan jedhan Obbo Abdulqaadiir, godinaalee naannichaa hongeen keessatti umameetti mannoo dhiyeessineera jedhan.

Harargee Bahaa

Hongeen Godina Harargee Bahaa keessa mudate sadarkaa yaaddeessaarra gahuu, miidiyaan biyya keessaa Ahaaduu jedhamu gabaaseera.

Tajaajilli bishaan, fayyaafi kaanis hatattamaan akka barbaachisu dhaabbanni miti-mootummaa ‘Save the Children’ beeksiseera.

“Hongeen mudate rakkoo hamaa qaqqabsiisaa waan jiruuf, aanaalee 35 [baha Itoophiyaa] keessatti qarqaarsa gargaarsa gochuuf hojiileen akka akkaa hojjetamaa jiru,” jedhan dhaabbatichatti hoogganaan damee baha Itoophiyaa Obboo Abdirazaaq Ahimad.

Hongeen kun namaafi beeyladoota irratti miidhaa qaqqabsiisaa akka jiru himuun, lubbuun namaa darbuu garuu odeeffannoo akka hinqabne himan.

Omoo Kibbaa

Naannoo Sabaafi Sablammoota Kibbaa, Godina Kibba Oomootti sababa hongeetiin beeyladoonni 14,000 ol oggaa du’an, lammileen 337,000 ol tahan ammoo hanqina nyaataaf saaxilamaniiru.

Aanaalee godinichaa jaha keessatti gogiinsa hamaa mudateen, loowwan du’an dabalataan, kanneen miiliyoona 2.3 tahan akkaan laafuun isaanii himameera.

Beeyladoonni kun akka fedhan sosocho’uu waan hin dandeenyeef, achumatti margi dhiyaachaafi akka jiru, hoogganaan wabii nyaataa godinichaa Obboo Dubaa yaraa himan.

“Namoonni 337,000 ol tahan rakkoo hanqina nyaataaf saaxilamaniiru,” jedhu angawaan kun.

Aanaalee godinichaa 13 keessaa Maalee, Bannaa Tsamaay, Hamar, Daassanach, Nyaangaatom, fi Silaamaagoo keessa “rakkoon hamaa mudateera”.

Maddi bishaanii aanaalee Bannaa Tsamaay, Alee fi Hamar kan tahe lagni Wayixoo gogusaatiin, hanqinni bishaanii mudateera.

Obboo Duubaan hongee kanaan lubbuun namaa darbuu isaaf gabaasni haga ammaa gabaasni akka hinjirre himaniiru.

“Roobni roobaa hinjiru.Loowwan du’aa jiru. Namni hojii qonnaa hojjechaa hinjiru,” kan jedhan qondaalli kun, qarqaarsi namoomaa ni barbaachisa jedhaniiru.

Aanaalee godina Goofaa

Naannoo Kibbaatti aanaaleen godina Goofaa oomishtummaa isaaniin beekaman kanneen akka: Zaalaa, Ubaa Dabira Tsahaay, Danbaa Goofaatti lammiileen hedduu waan guyyuuf tahullee dhabuun harka qal’ataniiru.

Aanaa Zaalaatti jiraattoota gandoota 15 keessaa walakkaa ol kan tahan, hanqinni nyaataa hamaan isaan mudateera.

Bulchaa ittaanaa Godina Goofaa eeruun gaazexaan Reporter akka gabaasetti, gandoota gammoojjii godinichaa keessatti, maatiin 233,000 tahan qarqaarsi hatattamaa isaan barbaachisa.

ALI Waxabajjii 2014 hanga Guraandhala 2015’tti aanaalee godinichaa keessa hanqinni roobaa hamaan mudachuun isaas himameeera.

Kanaanis keessattuu gandoonni 15 aanaa Zaalaa keessaafi gandoota shan Aanaa Ubaa Dabra Tsahaay keessatti, oomishni guutummaan guutuutti baduun himameera.

Itti gaafatamaan waajira fayyaa Godinichaa Obboo Maarqos Maanotee, aanaa Zaalaatti daa’imman 4,288f yaaliin hanqina nyaataa kennamaa akka jiru himaniiru.

Haadholiin ulfaa fi hoosisan 3,000 ol tahanis yaala fayyaara akka jiranis dubbatan.

Deebiin mootummaa maali?

Mootummaan biyyattii lammilee miiliyoona 21.2 hongee dabalatee rakkoolee kaaniin miidhamaniif qarqaarsa namoomaa dhiyeessaa jiraachuu hima.

Lammiilee kanneeniif qarqaarsi barbaachisu dhiyaachaa akka jiru komishinii hooggansa soda balaa Biyyaalessaa eeruun, Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa gabaaseera.

Lakkoofsi kunis lammiilee miiliyoona 8.3 naannolee Tigraay, Amaaraa fi Affaar keessa qarqaarsi taasifamaafi jiru akka dabalatus himameera.

Balaa uumamaafi nam-tolcheen lammiilee rakkoof saaxilaman deeggaruuf; mootummaan, Sagantaan Nyaata Addunyaa fi dhaabbileen miti-mootummaa hirmaachaa jiraachuunis ibsameera.

Ji’oota lamaan dabranitti godina Booranaatti midhaan nyaataa kuntaalli 204,756 dhiyaachuun isaa komishinichi ni hima.

Wiirtuun qindoomina yeroo hatattamaa naannichaan hoogganamuu fi seektara hunda hirmaachise magaalaa Yaaballootti hundaa’uunis ibsameera.

Daa’imman, haadholii ulfaa fi qaamolee hawaasaa saaxilamoo tahaniif, mootummaan aanaalee 13 keessatti nyaata qaama ijaaru raabsuu isa ani hima.

Kana malees qaamolee qarqaarsa namoomaa taasisan wajjin tahuunis hojjechaa akka jirus himeera.

Kanaanis Tigraay, Affaar fi Amaaraatti qaamoleen 29 qarqaarsa taasisuun hirmaachaa jiru.

Lammiilee hongee dabalatee, rakkoo nam-tolcheen saaxilamaniif, hawaasni biyyattii akka gumaachuufis waamichi dhiyaateera.

Dhimma kanarratti BBCn Komishinii Hooggansa Sodaa Balaa Biyyoleessaa irraa odeeffannoo argachuu yaaluus hin milkaa’in hafeera.