UN Itoophiyaaf deeggarsi namoomaa dolaarri biiliyoona 4 akka barbaachisu ibse

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) deeggarsa namoomaa lammiilee Itoophiyaa miiliyoona 20 ol biraan gahuuf dolaarri biiliyoona afur akka isa barbaachisu hime.
Dhaabbatichatti qindeessan deeggarsa namoomaa (UNOCHA) lammiileen kuni walitti bu’insaafi jijjiirama qilleensaan gargaarsi atattamaa akka isaan barbaachisu hime.
Maallaqi dhaabbatichi eere deeggarsa bara 2023'f akka isa barbaachisu ibseera.
Kanneen deeggarsi namoomaa atattamaa isaan barbaachisu keessaa miliyoona 4.6 kan ta’an buqqaatota biyya keessaa ta’u ibse.
Biyyoota gaanfa Afrikaa hongee waggoota 40 keessatti hammaata jedhee UN ibseen itti mudate keesaa Itoophiyaan tokkodha.
Waqtiiwwan roobaa shaniif roobni gahaa waan hin roobneef utubaa diinagdee hawaasichaa kan ta’an horiin miiliyoonaan lakkaa’aman lubbuu dhabaniiru.
Sababa waraana kaaba Itoophiyaafi walitti bu’iinsa bakkeewwan biyyattii garagaraatti mudateen kanneen buqqa’an ala hongeenis qe’eerraa kan buqqa’an ni jiru.
Dhaabbati UN ragaa ‘Karoora Deeggarsa Namoomaa Itoophiyaa’ jedhuun ibse keessatti bakkeewwan hongeen mudatetti lakkoofsi namoota gargaarsa fedhanii miiliyoona 13 akka ta’u tilmaama ibse.
Hongeen gama bahaafi kibba biyyattii mudate hanqina nyaataa mudachuun ala carraa weerarri dhukkubaa uumamuu danda’u guddisuu ibseera.
Jiraattonni kana dura BBC'n dubbise weerara gifiraan miidhamuu ibsan.
Naannoo Oromiyaa keessa rakkoo nageenyaa jiruun ala lammiileen miiliyoona 4 deeggarsa akka barbaadan mootummaan naannichaa ibseera.
Kanaafis lammiileen biyyattii tumsa isaanii akka cimsan waamicha taasiseera.












