'Haalli Boorana keessaa ilaaluufillee kan ulfaatudha' - Abinnet Kabbadaa

Abinnet Kabbadaa Booranatti deeggarsa yoo kennu

Madda suuraa, Maaster Abinnet Kabbadaa

Hojiin tola ooltumaa inni hojjete qalbii fayyadamtoota miidiyaa hawwaasaa harkiseera. Man haadholii daddhaboo galee isaan jajjabeessera. Dhukkubsattoota hospitaala keessaa nama isaan gaafatu hin qabne dhaqee isaan ilaaleera.

Haadha malee abboota ijollee guddisan, jaarrolee nama isaan gargaaru malee hafan, haadholii ijoollee isaanii waliin daandii irratti kufan gargaaruuf waan danda’e hundaa godheera.

Suuqii geessee uffata bitee, mana nyaataa geessee nyaata isaan waliin maaddiitti taa’eera. Hojiin isaa kun miidiyaa hawwaasaa irratti yaada namoota hedduu hawwateera.

Dargaggoon kun Maaster Abinnet Kabbadaa jedhama. Dhalatee kann guddate naannoo kibbaa, godina Kambaataa Xambaarroo magaalaa Duraamee keessattidha.

Kan ittiin jiraatu ispoortii motor saayikilii ykn doqdoqqeetiinidha.

Agarsiisa doqdoqqeen taasisu irraa galii argatu hojii tola ooltummaa kanaaf oolcha.’’Hojiin tola ooltummaa nama hundaafuu kan eeyyamamedha’’ kan jedhu Abinnet kanas kan eegale ijoollummaa isaa irraa eegaluun akka tahe hima. Maatii isaarraa akka baratee guddates hima.

Abinnet namoota kaanis daddammaqsuu danda’a jedhee hojii tola ooltummaa isaa kana miidiyaa hawwaasaa irratti qooduu kan jalqabe ji’a jaha dura tahuu hima. Isa dura garuu hojii tola ooltummaa baay’ee hojjechaa turuu hima.

''Namoota mana hin qabne 17 tahaniif mana ijaareera. Hojii hojjechuu kan hin dandeenye garuu dandeettii isaa qaban 200 tahaniif carraa hojii uumneerra’’ jedhe.

Hojii kana hundaa kan hojjetru garuu qofaa isaa miti.

Namoota biyya keessaa fi ala jiran irraa deeggarsa akka argatu ni hima. Namoota imaanaa jedhanii itti kennataniif ni dhaqqabsiisa.

Abinnet torban torbaniin namoota torba humna hin qabne daandii irra jiraniif hamma humna isaa deeggarsa akka godhu hima.

Hojii tola ooltummaa kanaaf ji’atti hanga Birrii miliyoona tokkootti baasii akka taasisu hima.

''Hojii kanaaf onnee gaarii fi sooreessa yoo qabaatte qofa hojjetta. Nama gargaaruuf kan si kakaasu onnee gaarii yoo qabaattedha. Waan gaarii hojjechuuf safartuu himaatii hin barbaachisu,’’ jedhe.

Abinnet Kabbadaa Booranatti mana haadholii deeggarsa barbaadabnii deemuun

Madda suuraa, Maaster Abinet Kabbadaa

Haalli Boorana keessaa ilaaluufillee kan ulfaatudha

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Guyyoota shan dura ture Abinnet suuraa onnee nama cabsu tokko miiduyaa hawwaasaa irratti kan qoode.

Haadha Boorana keessaa sababa goginsaan baay’ee miidhaman, foon isaanii lafee isaaniitti maxxanee, walitti butamanii taa’an ture kan suuraadhaan qoode.

Guyyaa keessaa naannoo sa’a 9:00 ture. Suuraan arge boqoannaa isa dhowwee oole. Halkan sana hin rafne ture. ''Waan bari’u natti hin fakkaanne ture,‘‘ kann jedhu Abinnet konkolaataa kontiraata fudhachuun gara Shaashamanneetti imala kann jalqabe.

Halkan sa’a 7:00tti Shaashamannee gahe. Booqnnaa gahaalle osoo hin fudhatiin halkan keessaa sa’a 10:ootti imala isaa gara Yaabellootti jalqabe.

Kuta kuta deemeen magaalaa Yaabelloo gale'' jedhe.

Miidiyaa hawwaasaa irratti kanneen isa beekan‚ ‘namoota gargaaruu dhuftemoo?‘‘ jedhanii na gaafatan jedhe.

''Eeyyee! Namoota sirriitti gargaarsa barbaadan bira na geessaan jedhe.‘‘ Sana booda magaala keessaa achi bahanii yoo deeman namootni gargaars abarbaadan isa inni eegeen ol miidhamanii akka arge hima.

''Lafti isaa gogaadha. Waan nyaatamus tahe dhugamu hin jiru. Horiin isaanii dhumaniiru. Namootnis lafeetti qofa hafaniiru. Ilaaluufillee namatti ulfaata,'' jechuun waan naannichatti taajjabe hima.

Booranatti sababa goginsaan horii dhuman

Madda suuraa, Getty Images

Haadha Suuraa irratti arge barbaacha…

Abinnet haadha suuraa isaanii miidyaa hawwaasaa irratti argee fi hirriba isa dhorke argachuuf barbaacha guddaa akka godhe hima. ‚‘Namootni gaafadhe hunduu lubbuudhaan akka hin jirredha kann natti himan.‘‘

Yeroo kana dhagahu onneen isaa akka malee cabde. Isaaniif dhaaqabee ol isaan qabuuf yaadus kana gochuu dhabuu isaani gadduu malee homaa gochuu hin dandeenye.

''Warri kaanis garuma kanatti deemaa jiru,‘‘ kann jedhu Abinnet gara mana rabsaa shaqaxootaatti deemuun waan humni isaa danda’e bitee isaan gargaaraa akka jiru BBCtti himeera.

Horiin jiru jechuun hin danda’amu. Bakka tahetti qofa horiin tokko lama mul‘atu.Ijoolleen isaanii waan nyaatan dhabanii beela’anii, dhukkubsatanii, ciisaniiru. Haalli namootni itti jiran gaariidha jechuun hin danda’amu.

“Deeggarsi isaaniif dhiyaatu gahaa miti. Namni hunduu irratti hirmaachuu qaba. Mootummaadhaanis qofa waan danda’amu miti.

Waan dandeenye hundaa gochuu qabna‘‘ jechuun dubbata Abinnet.

Godina Booranaa aanaa Taltalleetti bulchaa ganda Dibbee kann tahan Obbo Dheengee Waariyoo, sababa beelaan namootni du’an akka jiran torban darbe BBCtti himaniiru.

Haa tahu malee Itti Gaafatamaan waajjira Ittisa Sodaa Balaa aanichaa Obbo Galmee Moluu, namni beelaan du’e akka jiru odeeffannoon na hin geenye jedhanii haa tahu malee, ijoollee fi manguddootni sababa hanqina nyaataan dhukkuboota saslphaa irraalee bayyaannachuu hin dandeenye jedhan.

Biiroon Komunikeeshinii Oromiyaas sababa beelaan Booranatti lubbuun nama darbee akka hin jirre karaa Feesbuukii isaanii ibsaniiru.

Torban darbe jiraataa aanaa Taltallee kann tahan Obbo Guyyoo Turuu ilmi isaanii waggaa 16 sababa beelaan dhukkubaaf saaxilamee akka boqate BBCtti himaniiru.

Abinnet Kabbadaa haadholii Booranaa waliin

Madda suuraa, Master Abinnet Kabbadaa

“Kaniin oolus tahe bulu haadholii fi abbootii Booranaa waliini

Abinati gara Booranaatti erga imalee kaasee kan raawwatuus ta’e kan dubbatuu abbootiifi haadholii achiitti argaman waliin ta’u dubbata.

Inni akka jedhuutti yoo ta’e, buufataaleen yeroo achitti qophaa’e jira.

‘‘Isan waliin ta’anii dubbachuun mataansaa abdii namaaf kenna. Boqonnaan sammuu amma qabu addadha. Hanga Waaqni rooba roobuuf achuma turuun yaadaa jira’’ jedha.

Haala danda’ameefiitti waan humnisaa danda’u hunda raawwachuun namoota rakkoorratti argaman deeggaru akka itti fufu dubbata.

‘‘Namoonni karaa kiyyaan deeggaru barbaadan bilbilaan na qunnamaa jiru. Karaa koo qofaan guyyaa tokkootti birria miliyoona lama walitti qabameera'' kan jedhu Abinati, deeggarsa namoota tola ooltota ta’aniitiin deeggarsa taasisaa jiraachu dubbata.

Abinati hojii isaa kanas maatiinsaa akka deegaranii fi hanga danda’ameetti namoota rakkatan bira akka dhaabbatuuf akka jajabeessan hima.

‘‘Viidiyoo haala Boorana keessa jiru agarsiisuu ergeefeen ture. ‘‘Deebiite hin dhufiin nan jedhan‘‘ jechuunmaatiinsaa akka isa jajabeessan hima.

Sirummaa obbooleessi isaa xiqqaan fi hiriyaansaa isa waliin hojjachuuf barbaadaa akka jiran hima.

Kanaan dura eddoowwan Itoophiyaa keessa socho’na hundatti hanga humnisaa danda’eetti deeggarsa taasisaa akka ture kan dubbatu Abinat, ‘‘waan gaarii hojjachuudhaaf nannoon si daangeessa jedhee hin amanu’’ jedha.

Abinat namoota deeggarsi barbaachisu bira dhaabachu milkeessuun karoora isaa ta’u dubbata.

Keessattu haadhooliifi abbootii rakkatanii daandiirra jiratan naanoolee adda addaa keessaa kaasuun akkaumas sadarkaa federaalaati dhaabbata tokko hundeessuuf daandii mijeeffachu barbaada. Namoota hojii hin qabneef carraa hojii uumuunis hawwii isaati