Hongee Gaanfa Afrikaa: Dhaabbileen miti-mootummaa maaliif bu'aa barbaadame buusuu hanqatan?

Madda suuraa, Getty Images
Gaanfa Afrikaatti naannoleen hedduu waqtii roobaa shaniif rooba otoo hin argatin rakkoo hamtuu keessa jiru. Kunis qabeenya beeyladaa hawaasichaa miidhuun, lubbuu namaafis yaaddessaa taheera.
Dhaabbileen biyya keessaa fi alaa, Itoophiyaatti lammiileen miiliyoonatti lakka’aman haala yaaddessaa keessa jiraachuu himu. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) namoonni miiliyoona 24 tahan rakkoo jabduu keessa jiru jedha.
Akka UN jedhutti lammiilee biyyattii jijjiirama qilleensaa fi waraanaan qarqaarsa eeggatan dandamachiisuuf, doolaarri biiliyoona afur ni barbaachisa.
Hongeen yeroo dheeraaf ture kun rakkoon qaqqabsiisu otoo beekamuu dhaabbileen mootummaa fi miti-mootummaa dhimmichi isaan ilaalatu maal hojjechaa turan? Ammahoo maal hojjechaa jiru? gaaffileen jedhan kahaa jiru.
Itoophiyaa keessa dhaabbilee fi waldaaleen mit-mootummaa – NGO 4,400 ol tahan galmaa’anii jiru.
Kana keessaa walakkaa ol kan tahan waggoota sadii fi walakkaa darban keessa damee kanarratti hojjechuu feena jechuun kanneen galmaa’an tahuu mootummaan ni hima.
Ooluu roobaa waggoota darban keessa mudate hordofee hongeefi hanqina nyaataa dhalateen, naannolee guddoo miidhaman keessaa, naannoon horsiisee bulaa Godina Booranaa isa tokko.
Godina kana keessa qofa lammileen 800,000 ol tahan qarqaarsi nyaataa saffisaan isaan akka barbaachisu himama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gama hojii mootummaatiin amma dura damee sodaa balaa keessatti, akkasumas yeroo ammaa dhaabbata miti-mootummaa keessa kan hojjetu Aabba Galgaloo Okkotuu Jiloo, walitti qabaa boordii dhaabbata miti-mootummaa haaraa hundaa’e ‘Alchiisoo Pastoralist Up’ jedhamuuti.
Akka tilmaama Galgalootti godina Booranaa keessa qofa dhaabbileen miti-mootummaa biyya keessaa fi alaa 40 ol jiru.
Rakkoon inni duraa NGOn bu’aa barbaadamu buusuu dadhabeef waan ‘donor interest’ jedhamudha jedha.
Kunis “akka fedhii qarqaartota gula deemta jechuudha. Akka barbaadde hojjechuu hin dandeettu.”
Daarektarri ittaanaa Abbaataayitaa Dhaabbilee Waldaalee Sivilii Obboo Faasikaaw Mollaa: “Haala fedhii arjomtotaan hoogganamuu ni agarra," jedhu.
"Dhaabbanni tokko qarqaarsa argannaan fayyaarratti hojjechuu danda’a. [Dhaabbatumti sun] deeggarsa argannaan, barnoota, koorniyaa, kunuunsa naannoo, nagaa… irratti hojjechuu dandaya."
Seerri waldaalee siivilii inni haarayaa, dhaabbilee dhimma akkasiirratti hin hojjetani jedhuu baatuus, yaada “dhimma murtaa’e kanarra odoo xiyyeeffattanii” jedhu laata.
Hedduun garuu ammallee damee akka akkaa irratti hojjechuu filatu jedha mootummaan.
Jiraataan magaalaa Yaaballoo fi hayyuun aadaa Booranaa Aabba Jaatanii Diidaa, dhaabbileen miti-mootummaa, dhiibbaa mootummaa irraa bilisa miti jedhu.
“Waan NGOn hojjettu waan mootummaan hin heeyyamneefitu jira. Hojii dadammaqiinsaa garagaraa hin heeyyamaniifi.
Fakkeenyaaf waa’ee hongee kanaan walqabatee, hojii hatattamaa irratti hojjechuuf… mootummaan mirkaneessee heyyamuuf malee irratti hirmaachuu hin danda’an.”
Haa tahu malee mootummaan dhaabni tokko kaayyoo galmaa’ef ala, faallaa seera Itoophiyaa fi safuu hawaasaa erga hin deemnetti, damee kamirayyuu hojjechuu akka danda’an hima.
Garuu dhaabbileen biyyoota alaa dhimmoota siyaasaa fi filannoo wajjin walqabatan irratti hojjechuu dhorkamaniiru.
Kanaan alatti “dhaabbanni kamuu maddi galiisaa seera qabeessa taanaan, damee seera-qabeessa kamirrattuu hojjechuu dandaya,” jedhu Obboo Faasikaaw.
Aabba Jaataniin gama kaaniin hojjettoonni dhaabbilee kana keessatti akka hojjetaniif hawaasa biratti ramadaman, haala qabatamaa hawaasichaa beekuu dhabuun isaanii bu’a-qabeessa akka hin taane isaan daangessa jedhu.
“Armatti NGO bantee, hoogganaa [iddoo biraatii] gootee arma keettu, rakkoo hawaasi keessa jiru beekuu dhabuu danda’a. Waan amma keessa jiran qofa miti, waan bor dhufaallee akka karoorfachuu malani hin beekan.”
Namni naannoo Tigraayitti NGO biyya alaa hooggananii fi maqaan isaanii akka dhahamu hin feene BBCtti akka himanitti, waggoota 30 dabraniif seektara qarqaarsaa keessa hojjechuu isaanii himu.
Dhimma bu’a-qabeessummaa dhaabbilee kanneen irratti: “haala naannicha keessa tureen, hawaasicha jijjiiruu qofa odoo hin taane, gama hojiiwwan yeroo hatattamaa irrattis gahaa hinturre,” jedhu.
Rakkoo nageenyaa fi ‘marfamuun Tigraay jala turte’, hanqina dhiyeessii uumuun isaas akka sababaatti kaasu.
“Murannoo hojjettootaafi dhaabbilee Mootummoota Gamtoomanii irratti rakkoon jira jedhee hin amanu. Dhimma nageenyaafi marfamuutu walxaxaa taasise. Inumaawuu hojjettoonni dhaabbilee qarqaarsaa hedduu hanga aarsaa lubbuu kanfalaniiru.”

Madda suuraa, Getty Images
'Hirkattummaa barsiisuu'
Qarqaarsaan walqabatee iddoowwan gariitti, dhaabbileen miti mootummaa aadaa hawaasaa jijjiiruun, amalli waa namarraa eeguu yookaan hirkattummaan akka baratamu taasisaniirus jedhama.
Aabba Galgaloon gama kanaan waan taajjaban ennaa himan, NGO’n kunniin maallaqa guddaa baasuun piroojektoota waarawaa tahan hojjechuurra, qarqaarsi namoota dhuunfaaf yookaan garee murtaa’eef taasisan heddummateera jedha.
“Piroojektota gugurdaa kanneen akka hidhaa, haroolee gugurdaa, lafa margaa… waan dheeraaf irratti xiyyeeffachuu odoo hin taane, waanuma xixiqqoo uummataaf kennaa uummati hirkattummaa barate.
Aadaan uummanni duri lafa ofii jabeessu yookaan naannoo kana ittiin bulchu ni badde.”
Aabba Galgaloon akkuma dhuunfaattuu dhaabbata miti-mootummaa hojjetuun gara baadiyyaa deemee yeroo hawaasa mariisisu, yookaan hojii misoomaa hojjechuuf gaafatanitti, hawaasni faayidaa dhuunfaa irraa argannu maali jechuun isaanii rakkoo guddaa tahuu hima.
Hoogganaan Tigraay irraa BBCn haasofsiisees, rakkoon walfakkaataa akka mudatu himuun, deeggarsi dhaabbilee kanaa waan guyyuu taheerraa bahuun, hojiilee waarawaa tahan hojjechuu qabu jedhu.
Dhaabbileen gariin uummata rakkoo keessa jiruufi qarqaarsi isa barbaachisu caalaa, hojjettoota isaaniif mala jireenya fooyya’aatti ittiin cehan tahaniiru jedhu.
Rakkoon guddaan dhibiin ammoo hojiin dhaabbileen kunniin hojjetan walirra bu’uu (overlap) isaati jedha Aabba Galgaloon.
Akka fakkeenyaattis “inni tokko asitti dhimma bishaanii irratti yoo hojjete, NGOn dhibiillee kanuma hojjeta,” jechuun hima.
Dhimmoota akka qulqullinaa, kunuunsa bosonaa, qarshii kennuu, fi kaan irrattis hojiin jarri hojjetan walirra bu’uun isaa guddinni barbaadamu akka hin dhufne danqaa taheera jedha.
Hordoffii fi to'annoo mootummaa
Gama kaaniin ammoo dhaabbileen miti-mootummaa waggoota dheeraaf bakka tokkotti hojjechaa bahanii, garuu jijjiirama kana jedhamu fiduu dadhabuu isaaniitiin komatamu.
Dhaabni tokko waan walfakkaataa waggoota 20 fi 30f hojjechuun isaanii waan nama boonsu miti kan jedhan Obboo Faasikaaw: “Kana akka kufaatiitti ilaalla,” jedhu.
“Dhaabbanni tokko hawaasa wajjin tahuun rakkoo jiruuf fala waarawaa tahe itti kennuun, rakkoon bakka jiru biraa deemee yoo hojjettedha bu’a-qabeessa kan jedhamu.”
Dhimma kanaafis mootummaan sirna hordoffii diriirseera jedha. Kana malees waa mara to’achuurra, dhaabbileen siviilii ofiisaanii to’achuun isaanirra jiraata jedhu.
Kaayyoon to’annoo kanaa garuu adabbiif miti jechuun “deeggaruu irratti xiyyeeffanna. Seerri cabe yoo jiraates akeekkachiisa kennuu, ugguruu fi yoo haqamuun irra jiraates, boordiif dhiyeessuun akka haqamu taasifama,” jedhu Obboo Faasikaaw.
Haaluma kanaan waggoota dabran keessa; dhaabbileen yeroo garagaraaf dhaabsifamuun hanqina qaban sirreessuun hojiitti deebi’an, akkasumas lakkoofsa xinnaa qabanis kanneen haqamanis ni jiru.
Hoogganaan NGO Naannoo Tigraay irraa dubbisnes, hordoffiin walqabatee waltajjiin mootummaan hoogganuufi ‘Emergency Coordination Center’ jedhamu akka jirtu BBCtti himaniiru.
“Hooggantoonni dhaabbileen miti-mootummaa hundi, ejensiiwwan UN fi angawoonni mootummaa torbaniin walarguun, waltajjii walitti dubbannuufi wal madaalludha.
Dhaabbileen kunniinis ji’a sadii sadiin mootummaan gabaasa ni dhiyeessu, yeroo yeroottis seektara mootummaa dhimmichi ilaallatu wajjinis walargu.”
'Qindoominaan hojjechuu'
Irra deddeebiin balaan uumamaa keessattuu hongeen, namoonni rakkoo hamaafi buqqa’insaaf ennaa saaxilaman, dhaabbileen qarqaarsaa iddoowwan kana keessa jiran, dhimmichi haala hammaataarra gahuusaatin dura gahee isaanirraa eegamu bahuunsaanii gaaffii namoota hedduutti.
Akka Obboo Faasikaaw jedhanitti, dhaabbileen qarqaarsaa hawaasni sababa hongeen, lolaan, akkasumas waraanaan rakkoof saaxilamu, eenyuyyuu dursuun qarqaaruun isaanirraa eegama jedhu.
“Akka ilaalcha keenyaatti, dhaabbileen siviilii bal’inaan socho’aniiru. Rakkoo jiruun walgituu baatus, hojii salphaa hintaane hojjetaniiru,” jechuun kanaafis galateeffamuu akka qaban kaasu.
Tibba kana gurra kan horate hongee hamaa Godina Booranaa to’achuuf waamichi dhaabbileef taasifamee, koreen qarqaarsa namoomaa walitti qabuufi qindeessu hundaa’uus himan.
Gama kanaanis hanga eegamu tahuu baatus, hojiileen hedduun hojjetamuusaanii Obboo Faasikaaw BBCtti himan.
Gara miti-mootummaatti seenuun dura hojii mootummaas kan hojjete Galgaloon, hawaasni irra caalaatti angawoota mootummaaf kabaja qabu yookaan xiyyeeffannoo itti kennu jedha.
Kanaafis dhaabbileen qarqaarsaa qaamolee mootummaa wajjin dhiyeenyaafi qindoominaan hojjechuun uummata biratti jijjiirama barbaadamu fiduu danda’u jedha.
Aabba Jaataniis akkasuma dhaabbileen miti-mootummaa hanqina yookaan qaawwa mootummaan gama misoomaan qabu duuchuuf kan tumsanidha jechuun, mootummaa wajjin dhiyeenyaan hojjechuu qabu jedhu.












