Naannoo Somaalee fi Oomoo Kibbaatti namoota kumaatamaaf deeggarsa ariifachiisatu barbaachisa: Aanga'oota

Madda suuraa, Getty Images
Sababii jijjirama qilleensaa bakkeewwan Itoophiyaa garaa garaatti umameen, godinaalee naannoo Somaalee fi Ummattoota kibbaatti argaman keessatti namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman deeggarsi akka barbaachisu aanga’oonni dubbataniiru.
Wayita ammaattis biyyoota baha Afrikaatti argaman keessatti walitti aansuun waggoota arfan darbaniif roobni waqtii isaa eeggatee roobuu dhabuutti hongee umameen, namoonni miiliyoonaan lakkaa’aman balaa beelaa hamaaf saaxilamaniiru.
Itoophiyaattis sababii hongeetiin loon miiliyoonaan lakkaa’aman kan dhuman yoo ta’u, keessattuu naannoo Oromiyaa godina Booranaatti hanqina nyaataa mudateen lubbuun namootaa balaaf saaxilamuun gabaafameera.
Hongee Boorana hir’ina nyaataa hamaaf saaxileen alattis, Somaalee fi Naannoo Kibbaa, Godina Oomoottis hongee mudateen xiyyeeffannaa atattamaa barbaachisa jedhameera.
Aanga’oonni naannichaa sababii hongeetiin beeladoonni manaa baayyeen dhumuusaanii fi namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman ammoo hanqina nyaataatiif saaxilamuu BBCtti himan.
Naannoo Ummattoota Kibbaa, Godina Oomoo Kibbaatti sababii hongeetiin loon kuma 14 dhumuusaanii akkasumas ummanni kumni 337 ol hir'ina nyaataaf saaxilamu, Ittigaafatamaan Waajjira Ittisa Balaafi Wabii Nyaataa godinichaa, Obbo Dubaa Yaraa BBCtti himan.
Itti gaafatamtichi aanaalee jaha godinichatti argamaniitti hongee umameen beeladoota dhumaniin alattis, loon miiliyoona 2.3 baayyee miidhamun socha’uu dadhabuun bakka jiraniitti margi dhiyaachaaf jira jedhan.
‘‘Bara darbes akkasumas baranas roobni gahaan hin argamne. Kunis dhiyeessitiif nyaata looniifi bishaan irratti hanqina olaanaa umeera. Namoota kuma 337 olis hanqinni nyaataa mudateera’’ jedhan Obbo Duubaan.
Aanaalee 13 Oomoo Kibbaatti argaman keessaa aanaalee jaha jechuunis Maalee, Bannaa, Tsamaayi, Haamar, Daasanachi, Nyaangaatoo fi aanaalee Salaamaagootti ‘‘rakkoo olaanaan mudateera’’ jedhan.
Aanaalee Bannaa Tsamaay, Allee fi Hamar’f madda bishaanii kan ture lagni Wayixoowaan gogeef aanaalee kanneeniitti hanqinni bishaanii umameera.
Obbo Duubbaan hongeen naannoosaaniitti mudate hanga ammaatti miidhaan lubbuu namootarran kan gahe ta’un gabaasaa akka hin taasifamne ibsuun, ummata kuma 303 ta’uf ammoo deeggarsi narsaa tokkooffaa baatii tokkoof ta’u mootummaan dhiyaachuf himan.
‘‘Rakkinichi ammas bal’ataa adeemaa jira. Kanaafu namoonni hanqina nyaataaf saaxilaman dabalaa adeemu. Roobni robaa hin jiru. Loonsaanii du’aa jiru. Namni gara hojii qonnaasaa deemaa hinjiru,’’ jechuun Obbo Dubaan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haaluma walfakkaatunis sababii hongee naannoo Somaaleetti mudateen, namoonni kumaatamaan lakkaa’aman qe’esaaniirraa yoo buqqa’na, beeladoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman ammoo du’usaanii sabaa himaan naannichaa BBCtti himan.
Naannoo SOmaaleetti waggoota sadan darbaniif roobni gahaan waan hin roobneef, keessattuu godinaalee akka Daawwaa, Afdeeraa fi Liiban keessatti hongeen mudachu Obbo Abdulqaadiir Rashiid ibsaniiru.
Godina Daawwaatti buufataalee 92 keessa miseensoonni maatii kuma 52 olii dahachuu akka argaman ibsuun, godinaalee sadan keessattu gahaa baatulleen namaafi beeladootaafi nyaanniifi mannoon dhiyaachu dubbatan.
Godinaalee Liibaniifi Afideeraatti ammo namoonni qee’esaanii irraa buqqa’uun waan hin eegalleef bakkuma jiraniitti deeggarsi dhiyaachaa akka jiru himan.
‘‘Godina Daawwaa qofatti beeladoonni akka re’ee, looniif gaalaa kuma 334 du’aniiru. Loon kuma 420 ol ta’na ammoo du’atti dhiyaataa jiru’’ kan jedhan yoo ta’u, godinaalee Daawwaan alatti argamaniitti duuti loonii hin eegalle jedhan.
Haala teessuumaafi haala qilleensaa naannoo Somaaleetiin wal qabatee, hirinni bishaanii yoo umamuu, dursa kan miidhaman beeladoota kan jedhan Obbo Abdulqaadiir, godinaalee naannichaa hongeen keessatti umameetti mannoo dhiyeessineera jedhan.
Waggoota walitti aanan darban keessatti roobni eegamu waqxiisaatti waan hin robneef jecha Itoophiyaa dabalate baha Afriikaa keessattuu Keeniyaa fi Somaaliyaatti hongeen balaa olaanaa qaqabsiiseera.
Kanaan kan ka’es, biyyoota kanneenitti namoonni miiliyoona 20 ol ta’na sababii hongeetii deeggarsi akka isaan barbaachisu mootummaan Gamtoome beeksiiseera.












