Hongee Booranaa: 'Horiin waan jalaa dhumeef dhadhaa geessee isaan dibe' Kakuu Maammee

Aadde Maammituu Makuriyaa wayita dubartoota dhadha diban

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasummaa/FB

Ibsa waa'ee suuraa, Aadde Kakuu Maammeen Boorana lafa hongeen jiru soorata geessan. Dubartootas dhadhaa diban.

Ummata Booranaa hongee kibbaafi kibba bahaa Itoophiyaatti hammaateen miidhamaniif mootummaa fi qaamoleen garagaraa garee fi dhuunfaan deeggarsa kennuun cimee itti fufeera.

Haati qabeenyaa Mana Nyaataa Kakuu Maammee Aadde Maammituu Makuriyaa dhihoo ummata hongeen miidhamaniif nyaata kennanii, dhadhaallee dibaniiru.

Rakkoon ummanni kun keessa jiru kan halaala irraa ilaalan caalaa hammaataa ta'uu waan argan irraa ka'uun BBC'tti himan.

''Ummanni Booranaa ummata yoo ati bishaan gaafatte aannan siif kennuudha. Uummata rakkina akkanaa argee hin beeknedha,'' jechuun waa'ee ummatichaa dubbatan.

''Amma rakkoon bokkaa loon, re’ee, gaala isaanii jalaa fixee jira. Lafti gogeera. Kanarraa kan ka’e rakkoo hamaa keessa jiru.''

Biyyoonni Gaanfa Afrikaa Itoophiyaa dabalatee hongee waggoota 40 keessatti hammaataadha jedhee UN ibseen hubamaniiru.

Hongeen kunis hawaasa horsiisee bulaa kan qabeenyi isaa loon ta'an miiliyoonaan galaafate.

Eegasii namoonni bebbeekamoofi qaamoleen hawaasa garagaraa gargaarsa walitti qabuu itti fufaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Rakkoon horsiisee bultoota qunname kan abdii namatti dukkaneessu ta’us hamilee fi abdiin ummatichaa garuu humna namaaf ta’a jedhan garee Aartistootaa uummata Booranaa hongeen miidhaman ilaaluuf deeman.

Uummatni kun rakkoo hamaa keesa jiraachuunsaa nama yaaddessuus gargaarsi mootummaa, jaarmiyaalee adda addaa fi namoota dhuunfaa jiraachuun ammoo abdii namaaf kenna jedhan Aadde Maammituunillee.

Tibbana Booranaaf roobni roobee lolaa lolaase jedhanii namoonni miidiyaa hawaasummaarratti maxxansaa kan turan yoo ta’u, Aadde Maammituu fi artistoonni garas imalanii bakka rakkoon jiru ijaan argan garuu roobni akka hin jirre himan.

Aadde Maammituu Makuriyaa haati qabeenyaa mana nyaataa Kakuu Maammee jedhamuun beekamuu akkuma kanaan dura wayita hawaasi hedduun naannoo Somaaleerraa buqqa’e nyaachisaa turan ammas Uummata Booranaa hongeen miidhame sooraniiru.

Aadde Maammituu Makuriyaa namoota kuma 10 ta’an midhaan sooruu fi warra dubartootaa fi shamarranii dhadhaa dibuu karoorfatanii garas imaluu BBC'tti himan.

‘’Namoota 10,000 sooruu karoorfadheen gara Taltallee deeme. Kanaaf ammoo biddeena ija kuma 10, bidden gogaa (dirqoosha) madaabaraa shan, ittoo fi dhadhaa Finfinneetti qopheessinee qabannee dhufne,’’ jedhan.

Aadde Maammituun dubartootas dhadhaa dibaniiru.

‘’Ummanni kun dhadhaadhaan guddate, dhadhaa hedduu dibatu, baay'ee jaallatu. Horiin ammoo jalaa dhumteetti.

''Kanaaf dhadhaa dibuutu narra jiraata jedheen dhadhaa qabadhee dhufe,’’ jedhan.

Hawaasa Itoophiyaa horii hedduu horsiisu keessaa tokko Booranadha.

Hongeen rooba caamen hammaate garuu hawaasicha aannaniifi dhadhaa bare rakkoorra buuseera.

Sababa hongeen Godina Booranaa aanota 13 keessatti ummanni 800,000 tahu gargaarsa akka barbaadu mootummaan ibseera.

''Mataan dhadhaa bare ammoo dafee goga, kanaaf nyaata caalaa isaaniif kanatu aara galfiidha,’’ jedhan.

‘’Isaan nyaata caalaa hedduu kan isaan gammachiisu isa dhadhaa dibataniidha.’’

Aadde Maammituun namoota kuma 10 gargaaruuf karoorfatanii gara Booranaa imalan keessaa nama meeqa dhadhaa dibuu akka qaban adda baasanii imaluu ibsan.

Kanaafuu hanqinni na mudate hin jiru jedhan.

Fuulduraafis gara Dubluq fi kaanitti imaluun akka gargaarsa itti fufan ibsaniiru.

Aadde Maammituun soorata bilchaataa fi kanneen dafanii baduu danda’an akka dhadhaa fi ittoo qopheessanii wayita garas imalan of eeggannoo fi xiyyeeffannoo guddaan ta’uu dubbatan.

‘’Garee kiyya waliin ta’uun hojjenna. Deeggarsa waanan qabuuf homaa na hin rakkisu. Ni ta’a jedhanii karoorsinaan, sagantaandhaan hojjennaan waanti nama dhibu hin jiraatu,’’ jedhan.

Torbanoota itti aananis achuma Boorana keessa turuun gargaarsa akka taasisan ibsaniiru.

‘’Gargaarsa kanarraa duubatti jechuun hin jiru. Walmalee homaa hin qabnu. Kanatti aansuun gara Dubluq deemna, ittuma fufna malee uummata kana alatti dhiisnee hin gallu,’’ jedhan.

Ummanni kun nyaataa fi dhugaatii caalaa kan isaan gammadan ummanni biratti argamuudha jechuun himu.

‘’Ummata garaansaa dheebote kana dheebuu baasuu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru,’’ jedhan.