Ogeeyyiin fayyaa tajaajila kennuuf Boorana hongeen hubeetti bobba'an maal argan?

Madda suuraa, OPhA
Waldaan Hakiimota Oromiyaa uummata Booranaa balaa hongeen miidhamaniif tajaajila wal’aansa fayyaa bilisaan kennaa jiraachuu himeera.
Waldaan kun garee ogeeyyii fayyaa gara godina Booranaa erguun iddoowwan buufati fayyaa hin jirree fi tajaajila fayyaa argachuuf rakkisaa ta’etti tajaajilaa kennaa jira.
Pirezidantiin waldichaa Dr Balaaynee Lataa, hakiimota waliigalaa qabatanii gareedhaan gaafa Sambata xiqqaa (Bitootessa 11, 2023) garas imaluu himan.
Hojii kanaaf tumsi miseensota waldichaa, Waldaa Ogeessotaa Fayyaa Oromoo Idil-addunyaa, waajjiraaleen fayyaa godinarra jiranii fi Biiroon Fayyaa ga’ee olaanaa gumaache jedhan.
Erga gara Booranaa imalanii waajjira fayyaa waliin qindoomina uumuun jalqaba uummata qe'eerraa buqqa'ee bakka tokko qubsiifame jiru irraa eegaluu himan.
''Ulaagaan keenya uummata baayyinaan iddoo tokkotti walitti qabamee jiruu fi fageenyarra iddoo qaqqabuun rakkisaa ta'e jiru tajaajiluudha.''
Magaalaa Godina Booranaa Yaa'abal'ootti dhihoo kan jiru iddoo hawaasa kuma 10 caalu keessa qubatee jiru Aanaa Dubluq irraa tajaajila wal'aansaa kennuu eegalan.
Isa booda Yaa'abal'oo irraa kiilomeetira 200 ol imaluun Aanaa Dhaas iddoo tajaajilli wal'aansa fayyaa hin jiretti namoota 340'f tajaajila fayyaa bilisaan kennuu himan.
Iddoo uwwisni tajaajila fayyaa mootummaa hin qaqqabin kan isaan itti tajaajila wal'aansa fayyaa kennuu himan keessaa kan biraan Aanaa Dirreeti.
''Nuti iddoowwan fageenyarra jiran, buufata fayyaa hin qabne, gara buufata fayyaa deemuufis humna hin qabne tajaajiluurratti xiyyeeffanne,'' jedhan.
Rakkoolee fayyaa hongee booda dhufan...
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hongeen rakkoolee fayyaa hedduuf sababa ijoo ta'uu kan himan Doktar Balaayneen, Boorana deemanii kan arganis haala yaaddessaa ta'uu eeran.
''Hongeen hanqina nyaataa fida. Bishaan qulqulluun waan hin argamneef namni waanuma argate dhuga. Kun ammoo dhukkuba daddarbaa akka garaa kaasaaf isaan saaxileera,'' jedhan.
Sababa namoonni bakka tokkotti walitti qabamanii qubatanii jiraniif qaamni isaanii hedduun madaa'eera kan jedhan ogeessi kuni, hedduunsaanii dhibee daranyoo sombaafis saaxilamaniiru jedhan.
Uummanni kun dhibeewwan gosa garaagaraaf saaxilamee osoo jiruu garuu tajaajila fayyaa argachuuf carraa tokkollee dhabee jira jedhu Doktar Balaayneen.
''Hawaasi kun hanqina nyaataaf saaxilamee waan jiruuf dhukkuba gosa kamiifuu saaxilamee argama,'' jedhan.
''Nutis bakka hawaasi jiru deemnee waan ilaalaa jirruuf laaboraatoorii qabannee waan hin deemneef waanuma qaamasaaniirraa arginerraa hubannee wal'aanaa jirra. Kan dandeenyu achumatti, kaan ammoo hospitaalatti geessaa jirra.''
Waldaan isaanii namootaaf waan isaan ittiin imalan gatii geejjibaa kennuun, waajjirri fayyaa ammoo Ambuulaansii ramaduun iddoowwan garaagaraa imalanii tajaajilaa jiraachuu himan.
'Wal'aansa idilee barbaadu'
Rakkoon fayyaa hawaasi keessa jiru duula yeroo tokkoon kan furamu osoo hin taane tajaajila idilee barbaachisa jedhu Doktar Balaayinee Lataa.
Hawaasumti rakkina keessa jirullee bifa lama qaba jechuun himu.
''Kan buqqa'anii magaalaatti dhihaatanii qubatan xiyyeeffannaa qabu. Kanneen fageenyarra jiran garuu dagatamaniiru.''
Roobni guyyaa muraasaaf roobee ture deeggarsa midhaan nyaataa fi kaan isaaniif kenname haree balleesseera jechuun rakkoo hawaasaa ijaan argan himu.
Roobni kun yoo deebi'ee itti fufe dhibeewwan akka garaa kaasaa babal'achuu danda'u kan jedhan ogeessi kuni, ''dhiheessii bishaanii, iddoo qubannaa fi tajaajila wal'aansaa dhaabbiidhaan diriirsuun barbaachisaadha,'' jedhan.
''Nuti gareen as jirru marsaa duraan tajaajila kennaa jirra, gareen biyya alaa jirullee marsaa itti aanu ni dhufa. Haala kana keessatti hawaasa keenya dhiisnee hin deemnu.''
Rakkoo jiru hundayyuu qorannee adda baasnee qaamolee mootummaaf ibsineerra jedhan.
''Giddugala idileen tajaajila kennu hundeessuu feesisa. Bakka buufati fayyaa hin jirretti giddugala tajaajila wal'aansa fayyaa yeroo hatattamaa hundeessuun dirqama.''
Sababa waraanaas balaa uumamaan akkasumas rakkoo nageenyaa uummanni wayita buqqa'uu fi rakkoo keessa galu xiyyeeffannaa namootaa deeggarsa midhaan nyaataati.
''Tajaajilli wal'aansa fayyaa ni dagatama, garuummoo akkaan barbaachisaadha,'' jedhan Doktar Balaayinee Lataa.
Waggoota dhihoo as kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti sababoota garaagaraan yeroo namoonni qe'eerraa buqqa'an rakkoo namoomaarratti dabalataan dhibeewwan akka busaa, koleeraa, garaa kaasaa, gifiraa fi kaaniin miidhamaniiru.
Garuu jaarmiyaaleen fayyaa tajaajila kennuun irraa eegamu hin kennine jedhu.
''Kanaaf hawaasni keenya biyya alaa fi keessa jiraatan jaarmiyaalee fayyaa- Waldaa Hakiimota Oromiyaa dabalatee hunda cinaa dhaabbatanii tumsuu qabu,'' jedhan.
Doktar Balaayineen akka jedhanitti hojii akkanaaf muuxannoo ga'aa waan qabaniif qorichoota barbaachisan fi meeshaalee wal'aansaa kaan qabatanii imalan.
''Hedduusaanii achumatti wal'aanna, bakka isaan ciisanitti. Kaan ammoo buufataalee fayyaa dhiheenyatti argamanitti geessina. Garii isaaniif kiisii keenyaa baafnee maallaqa isaan ittiin gara mana yaalaa deeman kennaafii jrra. Haala kanaan gargaaraa jirra,'' jedhu.
Dr Balaayneeh hawaasa naannoorraa iyyaafanneerra jechuun akka BBCtti himanitti namoonni rakkoo hanqina nyaataaf saaxilamanii tajaajila wal'aansaa dhabanii lubbuun darban hedduudha.
''Dhimmi ijoon abalu beelaan du'e, daranyoo sombaan du'e osoo hin taane, dhugaan jiru namoonni hedduun tajaajila fayyaa dhabuun lubbuu dhabuusaaniiti,'' jedhan.
Keessattuu jaarsoliin umriinsaanii waggaa 60 ol ta'e dagatamanii waan jiraniif du'aaf saaxilamaniiru jedhan.
''Sagantaan hanqina nyaataa bifa deeggarsaan hawaasa tajaajilu rakkoo hanqina nyaataa daa'imman waggaa shanii gadii, kan dubartoota ulfaa fi harma hoosisan qofa qoratee gabaasa.
''Kanneen sanaan ala jiran namni hordofee gabaasu hin jiru. Garuu du'aa jiru. Bakka namoonni kunneen beela keessa jiranitti osoo qorannoo irratti hin gaggeessin beelaan hin duune jechuun waan deemsisu miti.''
Keessattuu uummata Booranaa biratti jaarroleen umriin jaaran waan akka aannanii irraan kan hafe midhaan nyaataa deeggarsaan kennamuufillee isaaniif ta'aa hin jiru jedhu Dr Balaayineen.
''Kanaafuu sagantaan deeggarsa nyaataa fi dhaabbileen gargaarsaa (NGO) kaan hanqina namoota kunneen mudate qorachuun gabaasanii, soorata qaama isaaniif barbaachisu akka argatan gochuu qabu,'' jechuun dhaamsa dabarsan.
Yoo ummanni kun gama hundaan xiyyeeffannaa hin argatin, yoo tajaajilli saffisaan bifa adda ta'een hin eegalamin gatiin dhumaatii looniin kaffalame namaan nutti dhufa yaaddoo jedhu qabna jedhan Dr Balaayineen.












