Haadha ijoollee waliin daandiirra jiraachuu hanga saayintistii beekamtuu tahuu geesse

Madda suuraa, photos du palace
Bara 1990 Ijeewoomaa Uchegibuu shaanxaa tokko qabattee Naayijeeriyaa irraa Landan galte.
Kan dhalatte Landanitti ture. Waggaa 30 booda ijoolleeshee sadii qabatte Landanitti deebite.
Landan galtee torbee muraasaa booda ijoolleeshee wajjin daandiitti bahan.
Amma jireenya daandiirraa kaatee saayintistii naanoopaartiikil taatee jirti. Seenaan ishee seenaa qormaata injifachuufi gootummaati.
Ijeewoomaan Landan akka turtuuf maatiinshee aarsaa kaffalanii jiru.
''Hiikti maqaa maatiin koo naa baasan 'karaa gaarii' jechuu dha. UK keessatti waan hundi qajeelaa akka tahuufi yaadaniiti maqaa kana naaf baasan,'' jetti.
Haatishee yunivarsiitii 'London School of Economics' baratu ture. Abbaanishee ammoo injineera elektrikaal turan.
Maatinshee barnootarra gatii turaniif isheen dhaabbata ijoollee guddisuutti kennamte.
Lammiileen Afrikaa Lixaa ijoollee isaanii dhaabbata guddisaaf kennanii barumsa itti fufuun baratamaa dha.
Waggaa afuriif maatii ishee guddisan waliin jaalalaan jiraatte. Achiin abbaanshee ishee fudhate.
''Dubartii na guddiste Paat jedheen ishee waama. Abbaan koo adaadee Paat jalaa na fudhate. Haadha koorraa adda bahee dubartii biraa wajjin jiraata ture,'' jechuun yaadatti.
Haati biddeenaashee haadhashee dhalootaa akka hin taane kan barte ganna 10tti ture.
'Haadha kan biraa'

Madda suuraa, photos of the palace
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haadha ishee dhalte kan barte ganna 13tti ture.
''Yeroo na argite akka malee gammadduu turte. Sodaattes turte. Yeroo wal-hammannu rom'aa turte. Anaaf garuu keessummaadhuma turte. Garuu Sanbataafi Dilbata waliin dabarsine,'' jechuun yaadatti.
Miseensi maatiishee jaha turan keessaa obboleettiishee xiqqoos barte.
''Gabaa baanee yeroo qodaa tokko argu ''hin barbaaddaa?' naan jetti ture. Garuu haati koo maaliif akka na dhiiste nan gaafadheeni,'' jetti.
Gaaffii kana haadhashee yoo gaafatte haatishee akka itti hin gammanne itti himte.
Haadhashee wajjin wal baranii waggaa tokko booda haati gara Ameerikaa deemte.
Otoo baayyee hin turiin haati waggaa 33tti duute.
''Haati koo du'uushee gaafan dhagahu nan iyye. Lammata otoo ishee hin arginan hafe,'' jetti.
Haadhashee, haadha biddeenaafi dubartii ishee guddiste dhabuun akka ishee miidhe himti.
Abbaanshee ijoollee 11 qabu ture.
''Abbaan koo nama ajaa'ibaati. Guyyaa dhaloota koo takkaa irraanfatee hin beeku.Hunda keenya waliin tapahata. Seenaa nuu dubbisaa, paarkii bineensotaa nu geessa ture,'' jechuun abbaashee ibsiti.
Gara Naayijeeriyaa deebi'uun abjuushee yeroo hundaa ture. Sababa waraana walii- waliinii goolamaa waan turteef abjuunshee hin milkoofne.
Bara 1960 hanga 1970 UK keessa bara sanyiin looguun itti babal'ate keessatti guddatte.
Barsiisaanshee akka ishee irratti amantii guddaa qabuufi waan hunda gochuu akka dandeessu itti hima ture.
Isheen garuu suuqii wayiitti qacaramtee hojjechuu jalqabde.
''Namoonni akka koo ogummaa qabaatanii yeroo hojjetan argee ijaa hin beekneef ogummaa akkan qabaachuu danda'u hin yaadu ture,'' jetti.
Abbaanshee gara Naayijeeriyaatti deebiyuuf yeroo eeyyama argatan jireenyishee geeddarame.
Imala gara Naajeeriyaa
Naayijeeriyaatti akkuma deebiteen sababa alarjii aduutiif manaa gadi bahuu hin dandeenye ture.
Ijeewoomaan Naaayijeeriyaatti barnoota itti fufte. Jiruun garuu akka yaaddee salphaa hin taaneefi.
''Fudhatama argachuuf baayyeen rakkadhe. Afaan koo kan isaanirraan adda ture. Yeroo waraanaa ani UK ture. Yeroo waan hundi tasggabbaa'uu deemuu kootti bada gammadoo hin turre isaan,'' jetti.
Aadaa wal faallessu lama dandamachuunis itti ulfaate.
Biyya reefu waraanarraa haargalfii argatte keessatti bishaaniifi elektiriikii argachuunis rakkisaa ture.
Yeroo UK turte kutaashee keessatti barattuu cimtuu turte. Naayijeeriyaatti garuu seenaa fi ji'oogiraafii barachuun dirqama ture.
''Biyyoota lamaanitti barumsi wal-fakkaatu saayinsiifi herreega qofa ture. Barnoota kana waanin beekuuf isatti cichuun jalqabe jetti.
Landanitti suuqii keessatti qacaramtee hojjechuuf kan turte Ijeewoomaan Naayijeeriyaatti yaadashee geeddarte.
''Akkamiin suuqii keessatti hojjechuuf yaade? Jedheen of komadhe. Yunivarsiitii galuudhaaf murteesse,'' jetti.
Gara jalqabaa itti toluu baatus Naayijeeriyaa deemuunshee abjuu haaraa akka qabaattu gargaareenii.
Daandiirraa gara jaalalaa
Waggaa 16tti barnoota faarmaasii jalqabde.
Digrii lammaffaa xumuruun booda heerumtee ijoollee sadii godhatte. Achiin deebitee gara UK deemte.
Abjuunshee saayintistii tahuu ture. Naayijeeriyaatti abjuu kana fiixaan baasuun salphaa hin turre.
''Namni hundi akka naa hin milkoofne natti hime. Hiyyoomtee Naayijeriyaatti deebita naan jedhan,'' jetti.
Qarshii gahaa qabaachuu baattus ijoolleeshee qabattee Landan galte. Otoo baayyee hin turiin dahoo namoota daandiirra jiraataniif qophaa'e keessa jiraachuu jalqabde.
''Namni 11 mana fincaanii tokko fayyadama. Achi ji'a torbaaf turee yeroon bahu mana hidhaatii hamma bahuuti ture.
Qormaati itti cimus gara Naayijeeriyaa deebi'uu garuu hin barbaanne. UK'tti digrii sadaffaa itti fufuuf tattaafachuu jalqabde.
Damee waa'ee waantota shifii qo'atu filatte. Damee kanaan beekumsa homaatuu hin qabdu ture.
Deeggarsa mootummaan taasisuufin fayyadamaa qo'annooshee itti fufte.
Waggaa sadii booda kora jireenyashee geeddare irratti hirmaatte.
Saayintistii lammii Jarman Andirees Jii Shaaltizan waliin wal barte. ''Sa'atii afuriif haasa'uun booda jaalalli walirraa nu qabe,'' jetti.
Kora sanaan booda garuu deebistee akka isan hin argannetti yaaddi ture.
''Bilbila koo kennuun waan na qaanesseef teessoo poostaa kenneefi. Sin jaaladha jedhee na biraa deeme,'' jetti.
Xalayyaan saayintistii jaalalli irraa qaberraa eegaa turte ishee qaqqabe.
''Xalayaa kanarratti waanin barbaadu hundi barreefameera. Garuu biyya garagaraa jiraanna. Yeroo muraasa booda UK dhufee wajjin jiraachuu jalqabne,'' jetti.

Madda suuraa, Courtesy of Ijeoma Uchegbu
Rifeensa namaarraa dachaa kuma tokko waantota xiqqaatan fayyadamuun namootaaf qoricha argachuu irratti qorannoo taasisaa turte.
''Qorichi kiniiniidhaan ykn lilmeedhaan yoo fudhatamu dhiiga keessa yaa'a. Kutaalee qaaamaas biras ni darba.
Kutaalee qaamaa hunda akka waliingahu barbaadamee garuu milkaa'uu dhiisuu mala.
Kanaaf waantota ani qoradhu shishifii kana fayyadamuun qorichaan iddoo barbaadamu hunda qaqqabuun danda'ama,'' jechuun ibsiti.
Kimooteeraappii yaalii kaansariif kennamu fa'a akka ammayyeesu amanama.
Yeroo ammaa qorichi kuni yaaliirra jira. Copha tokkoon jaamummaa hambisuuf yaaliin taasifameera.
Ijeewoomaa yeroo ammaa Yunversity College of Londontti piroofeesara faarmaasutikaal naanoo saayiins taatee jirti.
Yunivarsiitii Keembriijitti pireezidantii Kooleejii Woolfisaniidha.
Saayinsiin ala komeedii jaalatti. Torbee 10 'f barnoota koomeedii fudhatteetti. Mana tiyaatiraa Landanitti agarsiisa komeedii dhiyeessiti.
Sabooti moggaatti baafaman carraa barnootaa fooyya'aa akka argatan jajjabeessuun sochii taasifti.
''Ijoolleen hawaasa lakkoofsa xiqqaa qaburra dhufan yeroo baayyee qabxii guddaadhaan hin eebbifamani. Dubartoota irratti ammoo dhiibbaan kuni ni jabaata,'' jetti.
''Dubartiin tokko dhuftee ani qaama miidhamtuudha deeggarsa naa taasifteef galatoomi, naan jette, baayyee natti dhagahame,'' jechuun ibsiti.
Muuxannoo jireenyasheerraa ka'uun qarshii argachuuf qofa ogummaa tokko filachuu nurra hin jiraatu jetti.
''Waan jaalattan filadhaa. Namni waan jaalatu hordofnaan abjuusaa fiixaan baasa.''












