Ijoolleen dubaraa gaggeessitoota Afrikaa jireenya akkamii jiraatu?

Nataashaa Museveenii

Madda suuraa, Natasha Karugire/X

Ijoollen dubaraa gaggeessitoota Afrikaa bebbeekamoofi bara dheeraa angorra turanii tokko tokko jireenya qananiitti dhalatanii guddataniin alatti ofiisaanitinuu namoota bebbeekamoofi dhiibbaa uumtota kan ta'an jiru.

Kaansaanii hojii hojjataniin beekamtii yoo argatan, kaan ammoo akkaataan jireenyasaanii hawaasa irraa qeeqni akka irratti ka'u godheera.

Kaansaanii maqaa abbaa ykn haadha isaanii gaggeessitoota biyyaa ta'aniin ofiifuu maqaa kan horatan yoo ta'a, kaansaanii ammoo hojiidhuma ofiisaanii hojjataniin gurra horatan.

Mee ijoollee dubaraa gaggeessitoota biyyoota Afrikaa torba jireenyisaanii maal akka fakkaatu gabaabsinee haa ilaallu.

Nataashaa Kaarugiiree Museveenii- intala pirezidaantii Yugaandaa

Nataashaa Kaarugiiree mucaa lammaffaa pirezidaantii Yugaandaa Yuweerii Museveeniifi Giiftii Duree Jaaneet Museveeniti.

Masaraa mootummaa keessatti dhalattee kan guddatte yoo taatu, abjuu dizaayinarii faashinii qabdi turte. Daa'imummaarraa kaatee aartiifi aadaa Yugaandaa beeksisuu eegalte.

Aangoo maatiisheerratti maaxxantee jiraachuu osoo hin taane, gara fuulduraatti ofiishee dandeessee jiraachuu murteessite.

Kanuma dhugoomsuuf dhaabbata mataashee Natasha's brand, J&N Couture jedhamu hundeessuun omishaalee Yugaandaa dizaayinii mataasheen dhiyeessun biyya keessaafi addunyaarratti beekamtii horatte.

Nataashaa Museveenii

Madda suuraa, Natasha Karugire Museni/Facebook

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Nataashaa Museveenii hojii aartiifi dizaayiniin qofa osoo hin taane, industirii fiilmii keessattis fudhatama argataa dhufteetti.

Diraamaa "27 Guns" jedhamu kan qabsoo abbaanshee Waraana Waliinii Yugaandaa keessatti gaggeesse seenessu barreessuun daayirekt gootetti.

Bara 2023tti ammoo fiilmii biraa "Those Among US" jedhu hojjachuun gadi lakkisteetti.

Nataashaan hojiisheetiin dubartoota jajjabeessuu, Yugaandaa beeksisuufi dubartoonni gara fuulduraatti dhufanii carraa waan hundumaarratti hirmaachuu akka argatan jajjabeessuu irratti kan xiyyeeffateedha.

Shamarran biyyattii hedduuninis Nataashaa akka intala pirezidaantiitti osoo hin taane, akka fakkeenyatti ishee ilaalu.

Kitaabni isheen barreessite Sowing Mustard Seed jedhamu seenaa qabsoo abbaanshee bosona seenee gaggeessee hanga gaggeessaa biyyaa ta'uuttifi seenaa Yugaandaa seenessu hojiilee aartii isheen hojjate keessaa lammiilee biyyattii biratti heddu kan jaalatameefi jajameedha jedhama.

Habiibaat Oyindaamoolaa Tinuubuu - intala pirezidaantii Naayijeeriyaa

Habiibaat Oyindaamoolaa dubartii ganna 32 yoo taatu intala pirezidaantii Naayijeeriyaa Boolaa Ahmad Tinuubuti.

Intala gaggeessaa biyyaa ta'uun alatti, modelistiifi weellistuuudha. Jireenyishee US yoo ta'u, Berklee College of Music tti muuziqaa baratte.

Dhaabbilee modeelingiifi cosmootiksii kanneen akka Fenty Beauty jedhaman waliin addunyaarra naanna'uun hojii hojjatti.

Haa ta'u garuu jaalattoota saala wal-faakkataaf aktivistii taatee dhiyaachuusheerra kan ka'e lammiilee Naayijeeriyaa biratti dheekkamsa kaasera.

Hojii modeelingii hojjattu keessatti mirga warra saala wal-fakkaataaf akka qabsooftu fuula X gubbaatti barreessitee turte.

Habiibaat Oyindaamoolaa Tinuubuu

Madda suuraa, Habibat Tinubu/Instagram

Habiibaat ijoollee pirezidaant Boolaa Ahmad Tinuubuu torba keessaa ishee lammaffaa yoo taatu, haadha warraasaa lammaffaa Reemii Tinuubuu jedhamturraa kan godhateedha.

Inatalli pirezidaantii Naayijeeriyaa deeggartoota saala wal-fakkaataa ta'uushee ifatti beeksistus, Naayijeeriyaa keessatti jaalalli saala wal-fakkaataa seeran dhorkaadha.

Waanuu Hafiidh Amiir - inatala pirezidaantii Tanzaaniyaa

Waanuu Hafiidh Amiir

Madda suuraa, Mwanu Hafidh Ameir Suluhu/Instagram

Intala pirezidaantii Tanzaaniyaa Saamiyaa Suuluh kan taate Waanuu Hafiidh Amiir akkuma haadhashee nama siyaasaa ta'uun biyyattii keessatti beekamtii horatteetti.

Itanala gaggeessituuu Tanzaaniyaa kan taatuu Waanuu Hafiidh miseensa paartii biyya bulchuu Chama cha Mapinduzin jedhamuuti.

Yeeroo ammaa paartii haadhashee keessatti miseensa Koree Giddu Galeessaa ta'uun nama siyaasaa taatee tajaajilaa jirtui.

Bara 1982 Zaanzibaaritti kan dhalatte Waanuun, qondaala siyaasaa ta'uun bakka garaa garaa hojjatteetti.

Dhaabbata gargaarsaa dubartoota ijoollee barsiisufi aangessuurratti xiyyeeffateefi Women's Initiative Foundation (MIF) jedhamu hundeessuun gaggeessaa jirti.

Chaarliin Ruutoo - intala pirezidaantii Keeniyaa

Chaarliin Ruutoo

Madda suuraa, Charlene Ruto/Facebook

Chaarliin Ruutoo mucaa sadaffaa pirezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoofi Giiftii Duree Reecheel Ruutooti.

Intala gaggeessaa biyyaa ta'uun alatti hojiiwwan dargaggoota biyyattii aangessan hojjachuuf tattaafatti.

Gama biraan ammoo aangoo abbaashee dahoo godhachuun maallaqa uummataa qisaasesiti jedhamuunis heddu komatamti.

Keessumaa Biiroo Intala Pirezidaantii jedhamuuf maallaqni uummataa seeran ala hojiirra oolera jedhamee komii irratti dhiyaate haaluu hordofee hawaasa Keeniyaa biraa qeeqni cimaan irratti dhiyaatee ture.

Seera Keeniyaa keessatti Biiroon Itala Pirezidaantii jedhamu hin jiru. Haa ta'u garuu, abbaanshee Wiiliyaam Ruutoo aangoo qabachuu hordofee, maqaa biiroo kanaan wal-gahiiwwan qondaalonni olaanon irratti hirmaatan heddu gaggeessiteetti.

Mormiin irratti ka'us, hojiiwwan advokeessifi buuzinasii keessatti dargaggootaaf carraa uumurratti hojjataa jirti.

Dhaabbata dargaggoonni qonna ammayyaa keessatti akka hirmaataniif hubannoofi carraa uumu Smart Mechanized Agriculture and Climate Action for Humanity and Sustainability Foundation (SMACHs) jedhamu hundeessuun dargaggoonni ogummaafi dandeettii qonna ammayyaa akka argataniif kurkuraa jirti.

Ange Kaagaamee - intala pirezidaantii Ruwaandaa

Pirezidaantiin Ruwaandaa Pool Kaagaamee ijoollee lamaan qabu keessaa tokko Ange Kaagamedha.

Hojii dubartoota aangomsuu, barnoota babal'isuu, hiyyummaa xiqqeessaa, kunuunsa naannofi duula fayyaa hawaasaa fooyyessuurratti hirmaachuun beekamti.

Biiroo Pirezidaantii Ruwaandaa jalatti kan hogganamu Kaawunsilii Tarsiimofi Imaammataatti daayirektara ittaantuu ta'uun tajaajilti.

Ange Kaagaamee

Madda suuraa, Personal Collection

Ange Kaagaamee walgahiiwwan murteessoo dhimma biyyattiirratti taa'amu irratti hirmaachuun beekamti.

Wal-gahii Kora Biyyaalessaa kan dhimma misooma biyyaalessaafi kaan irratti mariyatu irratti si'a heddu argamti.

Tariiroo Manangaaguwaa - intala pirezidaantii Zimbaabuwee

Tariiroo Manangaaguwaa

Madda suuraa, Tariro Mnangagwa/ Instagram

Tariiroon intala pirezidaantii Zimbaabuwee Emersan Manangaaguwaa yoo taatu, hojiiwwan aartifi fiilmii hojjachuun beekamti.

Keessumaa bara 2020tti fiimii Gonarezhou Sinema jedhamu hojjachuun beekamto horatte.

Gara Afrikaa Kibbaa imaluun ogummaa suura kaasu akkasumas ispoortii erga barattee booda garee farra adamoo seeran alaatti makamuun bineensonni bosonaa biyyattii seeran ala akka hin ajjeefamne hojjataa turte.

Pirezidaant Emersan Manangaaguwaadhaaf mucaa quxisuu yoo taatu, hojii aartiifi kunuunsa bineensota bosonaa irratti bobba'uun beekamti.

Bireendaa Biiyaa - intala pirezidaantii Kaameeruun

Bireendaa Biiyaa

Madda suuraa, Brenda Biya /Instagram

Pirezidaantiin Kaameeruun Pool Biiyaa pirezidaantii dulloomaa addunyaa jedhamuun beekama. Ganna 93tti ammayyuu marsaa saddeettaffaa biyyattii gaggeessuuf filatameera.

Intallisaa Bireendaa Biiyaa jireenyifi hojiinshee faallaa namuusa lammiilee biyyattiiti jedhamuun heddu qeeqamti.

Daa'imummaa kaastee ummaa manneen barnootaa qaalii ta'anitti kan baratte yoo ta'u, maallaqa heddu qisaasuun jireenya jiraattuun qeeqamti.

Mana shubbisaafi dhugaatii baasii olaanaa gaafatutti bashannanuunshee lammiileen Kaameeruun hiyyummaafi rakkoo garaa garaa keessa jiranitti intalli gaggeessaa biyyaa maallaqa uummataa qisaasuun komatamti.

Keessumaa jaalattuu saala wal-fakkaataa ta'uushee ifatti erga beeksiftee booda qeeqni guddaan lammiilee Kaameeruun biraa irratti ka'ee ture.