Qorataa baadiyyaa Horroo Guduruu irraa hanga beekamtii idil-addunyaatti gahe

Dr. Getaa'indaalee Zallaqaa

Madda suuraa, Dr Getainale Zeleke

Getaa'indaalee Zallaqaa Nagaraa jedhama. Lixa Oromiyaa Horroo Guduruu Wallagaa naannoo warshaa sukkaara Fincaa'aatti dhalatee guddate.

Maatiisaatiif ilma hangafaati. Abbaansaa "qabeenyan si dhaalchisu hin qabu, barnootan si barsiisa jabaadhuu baradhu" jedhee ilmasaa gorsaa ture. Ilmis ciniinnatee baratee milkaa'e.

Imalasaa qe'ee warrasaatii jalqabuun addunyaa waliin gahe. Yunivarsiitii Jimmaa irraa gosa barnoota Faarmaasiitiin digirii jalqabaa fudhate. Eebbifamtoota Faarmaasii bara 2015 keessaa qabxii olaanaa galmeessuudhaan akka koollejjii Fayyaatti badhaafamaa warqee [gold medallist] ture.

Waldaa Faarmaasii Itoophiyaa irraas beekamtii fi badhaasa waancaa (Outstanding Cup Award) argateera. Imallisaa achitti hin daangofne. Altokkotti carraa barnoota biyya alaa [Scholarship] jaha argate.

Ardilee shan irra naanna'eera. Dhiyeenya kanammoo dhaabbata 'Waldaa Onnee Ameerikaa' (American Heart Association) jedhamurraa beekamtii guddaa argachuun badhaafameera. Dargaggeessi kun imala barnootaafi milkaa'inasaa irratti BBC waliin turtii taasiseera.

'Ijoollummaarraa kaasee barumsa baay'een jaaladha'

Dr. Getaa'indaalee Zallaqaa

Madda suuraa, Dr Getaindale Zeleke

Barumsaaf jaalala addaa qabaatus, abbaan isaa dafee barnootaan akka milkoofneef kan dubbatu Dr. Getaa'indaaleen erga inni digirii jalqabaafi lammaffaan eebbifamee booda ture kan abbaansaa elektrikaal injinariingiin digirii jalqabaan eebbifaman.

"Ijoollummaa kiyyarraa qabee barumsa baay'een jaaladha. Abbaan kiyyammoo baay'ee na jajjabeessa ture" kan jedhu Geeta'indaaleen (PhD), abbaansaa waan ofiisaa otoo galmaan gahuu barbaaduu dhabetti ilmasaa milkeessuuf dhama'aa akka ture dubbata.

Barnootasaatti qaxalee akka ta'uuf hordoffiifi gorsi abbaasaa qooda guddaa qabaachuu dhugaa baha namni har'a sadarkaa addunyaatti beekamtii argate kun.

Akkuma Faarmaasiidhaan eebbifameen Yun. Jimmaatti barsiisaa ta'ee qacarame. Achumatti barnoota digirii lammaffaasaas goolabe. Boodarras, iskoolarshippii beekamaa akka Erasmus Mundus dabalatee carraa barnoota PhD jaha biyya alaatti barachuuf dorgomee milkaa'e.

Gosa barnoota Keemistirii, Baayolojiifi Seenaa baay'ee jaalata ture. Gosa barnootaa kanneen dhibba keessaa dhibba akka fidus dubbata. Addatti ammoo Baayolojii akkaataa itti lubbu qabeeyyiin hojjetan ilaaluun akka qalbiisaa fudhatu ibsa.

Saayinsiilee uumamaafi hawaasaa waan jaalatuuf, gosa barnootaa kam akka baratu irratti gaaffii keessa kan galuun, boodarra garuu abbaansaa filannoosaa irratti dhiibbaa akka uume dubbata.

"Abbaankoo warshaa sukkaraa keessa waan hojjetuuf elektirikaal injinariingii baay'ee jaalata. Injinara akkan ta'u barbaada" waan ta'eef, saayiinsii uumamaa akkanni baratuuf fedhii qabaachuu abbaasaa hima.

'Gosa barnootaa tokkorraan kan hafe hunda 'A' fide'

Dr. Getaa'indaalee Zallaqaa

Madda suuraa, Dr Getaindale Zeleke

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yunivarsiitii Jimmaa galee Instiitiyuutii fayyaatti ramadamus gosa barnootaa kam akka baratu hin murteessine ture. Boodarra, faarmaasii seenuuf murteesse.

Innis dursee gosa barnoota baayoolojiifi keemistirii waan jaalatuuf Faarmaasiin lapheesaa keessa jiraachuu hima.

Yeroo barachuu eegalan barnoonni Faarmaasii ulfaataadha waan ta'eef, barattoonni achi keessaa ari'amanii galan jirachuu dhaga'uun nama hunda keessatti yaaddoo akka uume kan yaadachiisu namni kun, "caaramuu [ari'amuu] waan hin barbaanneef dubbisuu eegalle" jechuun yaadannoosaa bara barataa waggaa tokkoffaa ture kaasa.

"Naannoorraa fagaannee deemneerra. Yunivarsiitiin Jimmaa haaraadha; naannoo hin beeknedha. Haala qilleensaatti dafnee baruun, haalli jireenyaas [rakkisaa ture], doormiin keenya Saawwaa jedhama ture, kutaa tokko keessa nama 28-30 taanee jiraachaa turre.

''Barattoota amala garagaraa qabantu jira. Tokko halkan ka'ee ibsaa ibsa; tokko halkaniin iyya. Baay'ee ulfaata ture" jechuun qormaata yeroo inni yunivarsiitii seene isa mudate ibsa.

Seemistarri tokkoffaan yeroo xumurame barnoota tokko qofa 'B' kaan hunda A fi A+ fiduudhaan, qabxii olaanaa galmeessisuu dubbata. "Seemisteera tokkoffaa akkuman fixeen barsiisonnikoo na jajjabeessuu jalqaban" jedha Dr. Getaa'indaaleen.

Itti dabalunis, "Jaalalli ani barnoota Faarmaasiif qabus dabalaa dhufe. Kun ammoo akkan jabaadhee baradhu na godhe" jechuun ibsa.

"Ijoollee wajjin barataa turre baay'een deeggaraa ture. Isattan beekaman ture. Nama qo'achiisuun jaaladha. Ammumallee anaaf karaan itti waan tokko sirriitti hubadhu, ergan waan tokko dubbiseen booda namaaf ibsuudhaan'' jedha.

Nama gargaaruuf qofa otoo hin taane, ''ofii kiyyaaf waantan dubbise tokko sammuukoo keessatti kan hafu yoon nama biraaf [ibsedha]. Tokkoffaa barattoonnis haalan itti isaaniif ibsu baay'ee jaalatu; Anis ammoo nan fayyadama" jechuun barattoota kaan deggaraa turuu yaadachiisa.

'Ji'a jaha keessatti gara iskoolaarshiippii jahaa'

Dr. Getaa'indaalee Zallaqaa

Madda suuraa, Dr Getaindale Zeleke

Bara 2020 sababa weerara Kooviid-19'n manatti deebi'uu kan yaadachiisu Getaa'indaaleen (PhD), sun akka inni waraqaa qorannoo garagaraa maxxansiisuuf carraa gaarii akka uumeef hima.

"Haaluma kana keessa otoon jiruun, miidiyaa hawaasaa irratti nama wayii argaa ture. Dr. Bakashoo jedhama amma kaampaanii Faarmaasii guddaa biyya Awustraliyaatti argamu keessaa hojjeta.

Namni sun bara sana barataa PhD ture. Feesbuukii irratti muuxannoo imalasaa maxxansa ture. Takka Jarman, takkammoo Ameerikaa deema. Konfiransii irrattifaa [qorannoosaa] dhiyeessa.

Kunis ''baay'ee na [onnachiisa ture]. Qorannoo hojjedhee, waraqaakoo qabadhee addunyaarra naanna'ee dhiyeessuu baay'een hawwan ture. Nama sana hin beeku, Feesbuukiidhuma irrattan argeen isa qunname; [innis] guyyuma sana naaf bilbilee 'barataa qaxalee ta'ukee nan beeka' naan jedhe'' jechuun ibsa.

Ittaansuunis ''PhD jalqabuuf (iskoolarshiippii argachuufis) CV'n kee gahaa fi dorgomaa cimaa si taasisa naan jedhe. Isa booda kallattii tokko tokko natti agarsiise. Bara 2020 isa qunnamee ji'a jaha keessatti gara iskoolaarshiippii jahaan argadhe" jechuun haala itti carraa barnoota biyya alaa argate ibsa.

Carraa barnootaa hedduu argatuyyuu sababa weerara Kooviid-19'f biyyoonni baay'een cufatanii waan turaniif deemuu akka hin dandeenye hima.

Biyyoota akka Awustiraaliyaa, Beeljiyeem, Jarmaan, Xaaliyaan, Ispeen fi Siingapor irraa iskoolaarshiippii akka argate kan himu qorataan kun, yeroo sanatti biyya kam dhaqee akka baratullee akka hin murteessine dubbata.

Boodarra garuu biyya Awurooppaa dursitee dangaashee bante Xaaliyaanii deemuun tokko jedhee imalasaa eegale.

'Namoonni baay'een maal akka qaban hin beekan'

Dr. Getaa'indaalee Zallaqaa

Madda suuraa, Dr Getaindale Zeleke

"Ani yeroo sanatti maal akkan qabu, maal akka na harka jiru hin beekun ture" jechuun namoonni hedduun carraa dandeettii isaanii guddisu akka quba hin qabne hima.

Yeroo biyyoota gara garaarra imalee baratuufi qorannoosaa dhiyeessu muuxannoosaa fuula miidiyaa hawaasaarratti qoodaa turuu kan ibsu Dr. Getaa'indaaleen, "kun ammoo namoonni baay'een ana arganii akka jajjabaatan godheera" jedha.

Kana cinaatti, namoonni Itoophiyaa jiran gara Awurooppaafi Awustiraaliyaa deemuun akka carraa barnootaa argatan gargaaruusaas ni dubbata. "Akkuma namni biraa na gargaaree iddoo kana gahe, anumtuu namoonni lama sadii carraa PhD akka argatan" gargaareera jedha.

Bara 2021 yoo barnootaaf Kaaba Xaaliyaanii deeme waqtiinsaa birraa [winter] yeroo qorri lafee namaa cabsee seenu ture. Namni qilleensa ho'aa keessa jiraataa ture amoo haala qilleensa biyya sanaatti baruun itti cimee, dhiphina keessa seene.

"Awurooppaa yeroon gahu salphaa hin turre. Haalli qilleensaa ture, baay'ee qorra ture. Qorra qofa otoo hin taane, qorra lafee keessa galee sitti dhaga'ama ture" jechuun rakkoo isa mudate dubbata.

Akkasumas, "koorsii baay'ee qabna, laabiraatooriin jira. Barumsi baay'ee [kan nama dhiphisu] ture. Yeroon Yun. Jimmaatii Faarmaasii baradhullee muuxannoo laabiraatooriitti [shaakaluu] baay'ee hin qabnu turre" kan jedhu Dr. Getaa'indaaleen, haalli barnootaas dhiphina keessa galchuu ibsa.

"Barumsa qofa otoo hin taane [addaddummaan] aadaa" namoota waliin barataa tureenis akka qorame hima.

Sagantaan barnootichaas biyya Xaaliyaaniitti kan xumuramu otoo hin taane biyyoota akka Beeljiyeem, Ispeeniifi Jarmanittifaa sochii (mobility) qabaachuu kaasuun, "barumsasaa caalayyuu qorrisaa baay'ee ulfaata ture. Haala sana keessa taa'ee qorra sana dandamachuun baay'ee natti ulfaachaa dhufe" jedha.

Haala sana keessa osoo jiruu, Awustiraaliyaan dangaashe jalqaba bara 2022 yeroo bantu, barnootasaa Xaaliyaaniitti eegalee ture addaan kutee PhD barachuuf gara Awustiraaliyaattii imale.

'Gara fulduraatti ... dhukkuba lapheerratti hojjechuun barbaada'

Dr. Getaa'indaalee Zallaqaa

Madda suuraa, Dr Getaindale Zeleke

''Pirojeektiin PhD koo inni dhumaa qoricha dadhabbii onnee sababa dhukkuba sukkaraan dhufu wal'anuu danda'urratti hojjedhee argannoo abdachiisaa ta'e agarsiiseera.''

Hanga yoonaatti hantuutota kaayyoo kanaaf qophaa'an irratti qorannoo taasisaa turuu hima qorataan kun. Hojiin itti aanu qorannoo kana namarratti gaggeessudha.

"Yeroon PhD kiyya baradhu badhaasa baay'ee argadheera. Barataa PhD yeroo taatu awwaardii [badhaasa] argachuun baay'ee barbaachisaadha. Awwaardiin kun fudhatama baay'ee siif fida. Gara fuulduraa carraa post-doc [barnoota PhD boodaa], carraa hojii argachuuf barbaachisaadha" jechuun ibsa qorataan kun.

Manni barnootasaa "waggaadhaan research expo" akka qopheessu kan himu qorataan dargaggeessi kun, qorannoo saganticha irratti dhiyeesseen 'best oral presentation senior laboratory research' jedhamuun badhaafamuu hima.

"Waggaadhuma kana keessa, 'Australian Heart Foundation' dhaabbanni jedhamu argannoowwan qoranookoo gara lixa Awustraliyaa magaala Perzii deemen kora 'Cardiac Society of Australia and New Zealand' irratti akkan dhiyyeessuf deeggarsa qarshii (travel grant) guddaa naaf kennee hojii kiyya akkan dhiyeessu" taasiseera jedha qoarataan kun.

Bu'aa qorannoo PhD-saa isa xumuraa kan qoricha dhibee dadhabbii onnee sababa dhukkuba sukkaraan dhufu wal'anuu danda'urratti argateen gara Ameerikaatti imaluun dhaabbata 'American Heart Association' jedhamurraa Awustiraaliyaa bakka bu'uun tokkofaa bahuunis badhaafameera.

Biyyoonni gara digdamaa ta'an badhaasicharratti hirmaachuu kan ibsu qorataan kun dorgomtoonni biyya tokko tokko bakka bu'uun hirmaatu jedha.

Dr. Getaa'indaalee Zallaqaa

Madda suuraa, Dr Getaindale Zeleke

Badhaasni 'Paul Dudley White International Scholar Award' jedhamu kun qorannoo fayyaa onnee [cardiovascular] fi sammuu irratti taasifamu jajjabeessuudhaaf kan kaayyeffatedha.

Dr. White nama jabaa fayyaa onnee fooyyessuuf gumaachaa guddaa bahatan yoo ta'an namoota American Heart Association hundeessan keessaas tokko ture.

"Awwaardii guddaa, kabaja guddaa qabudha" kan jedhu qorataan kun, badhaasni inni argate carraa barnootaa fi qorannoo egereetiif akka isa fayyadu danda'u ibsa.

Qorannoon inni kanaan dura taasise kan 'pre-clinical' jedhamudha. "Laabiraatorii keessatti hantuuta irratti [yaalii] hojjechaa turre. Namarratti miti kan hojjetamaa ture. Kanaafuu, gaaffiin ittaanu waantonni amma hantuutarratti arganne kun namarrattis akkasuma ta'aa (clinical translation) akkami kan jedhudha'' jechuun ibsa.

Namarrattis rakkinoonni dhibee sukkaaraan walqabatanii laphee irratti akkasumas hidda dhiigarratti dhufe dhugumaan namarrattis kan uumamudhamoo miti isa jedhu clinical translation hojjenna.

''Isa kanaaf ammoo human ethics application [dhimma naamusaa sirnaan qabachuu] nu barbaachisa. Koreen dhimmi kana ilaalu jira. Amma achi galee jira. Yoo isaan nuu mirkaneessan, namoota dhibee sukkaaraa qaban laphee akkasumas hidda dhiigaa isaaniirra rakkinoota akkamiitu jira isa jedhu qorannoo keenya itti fufna" jechuun waan kana booda hojjetu ibsa.

Yeroo ammaa akka addunyaatti dhukkubni onnee [cardiovascular disorder] waliin walqabatu du'a namootaatiif sababa hangafaa ta'uu kan ibsu Dr. Getaa'indaaleen, "kaayyoonkoo inni guddaan hojii gurguddaa dhukkuba laphee irratti hojjechuun barbaada" jedha.

Dabalataniis bu'aa qorannoosaa bakka gara garaatti dhiyeessuuf deemsarra jiraachuu hima.

PhD'n beekumsa saayinsii fi dandeettii (skill) qofa miti kan siif kennu. Jireenya keessatti amala fi dandeettii hedduu waantota siif tolchanis si barsiisa.

Inni tokko haala ulfaata keessatti fakkeenyaf qorannoon laabiraatorii keessatti hojjetamu yeroo hojjechu didu abdii kutachuu dhiisun, irra deedebin hojjechuun obsa, cichoominaafi jabina akka qabaattu si gargaara.

Akkasumas ''karaa haaraa yaaduu, rakkoo furuu fi yaada gadi fageenyaan xiinxaluu si barsiisa" jechuun ibsa.

Dargaggeessi baadiyyaa Oromiyaatti dhalatee guddate kun, milkaa'ina argateen "dhaloota duubakoo jiran gargaaruun barbaada" jechuun dubbata.

"Ammas waan kana jabeesseen haala qindaa'een barattoota gargaaruun barbaada" jechuun dabalee ibsa.

Carraa barnootaa qarshii miliyoona kudhanii ol ta'u

"Ani qabeenyan si dhaalchisu hin qabu. Lafan si dhaalchisu hin qabu. Wantan gochuu danda'u yoo jiraate si barsiifachuudha. Jabaadhuu baradhuu, iddoo qabadhu naan jedha ture" jechuun gorsa abbaasaa yaadata.

"Anis har'a dargaggoota duubakoo jiraniif ergaan ani qabu kanumadha. Barumsakoo sadarkaa tokkoffaa qabee hamman PhD baradhutti, cimeetan hojjechuu kiyya, irratti Waaqayyos na gargaareen as gahe. Kanaafuu, namni haala jiru keessatti cichoomina guddaan akka baratun jajjabeessa''.

Barumsi carraa baay'ee, beekumsaafi dandeettii nuti hin qabne nuuf kenna. ''Kunimmoo addunyaan banaa akka nuuf ta'u godha" jechuun faayidaa barnootaa ibsa.

Carraan barnoota PhD inni argate tilmaama waliigalaa "qarshii Itoophiyaatti miliyoona kudhanii ol ta'a" jechuun ibsa Getaa'indaaleen (PhD).

Dargaggeessi mandara baadiyyaa xinnoo keessatti dhalate kun, "har'a Antaartikaafi Ameerikaa Kibbaarraan kan hafe aardiilee shan argeera" jedha.

Milkaa'inni kun hundumtuu "jabaadhee barachuukoo irraa kan ka'edha. Irrattis harki Waaqayyoo na gargaareera; galateeffachuun barbaada. Seenaankoo namoota baay'ee onnachiisa jedheen yaada" jechuun imala milkaa'inasaa ibsa Dr Getaa'indaala Zallaqaa.