'Macaafni Qulqulluu macaafa sagadaa malee kan nagadaa ta'uu hin qabu'

Madda suuraa, SM
Qabiyyeen barsiisaa amantii tibbana wayita amantoota fuulduratti ba'uun wangeela lallaban viidiyoon mul'isu tokko ijoo dubbii ta'eera.
Barsiisaan wangeela kunis Taarikuu Dilgaasaa jedhamu, hojjetaa Waldaa Makaana Yasuusii yoo ta'an, bakki isaan itti tajaajilaa turanii fi viidiyoodhaan mul'ate naannawa Finfinneetti.
Barsiisaan amantii waggaa dheeraaf tajaajila wangeelaa keessa turuu himan kun amantoota fuulduratti ba'uun ''namoonni hojjetan malee duroomuu akka hin dandeenye,'' wayita barsiisan viidiyoodhaan mul'atan.
Lallabaan wangeelaa kun BBC waliin dhimma kanarratti wayita turtii taasisaniitti, ''osoo hin hojjetin konkolaataa mitii harreeyyuu bituu hin dandeessan. Lukkuuyyuu qirca qalattu,'' jechuusaanii mirkaneessaniiru.
Jecha isaanii kanaanis qeeqaa fi deeggarsa keessummeessuus ibsan.
Amantiin waan biraadha, hojiin ammoo waan biraadha kan jedhan namni amantii kun ''lamaanuu waldeggeranii deemu malee faallaa walii miti,'' jedhan.
''Waaqayyo raajiisaa uumuu ni danda'a, garuu lafa kanarratti utuu hin hojjetin taa'anii qabeenya eeguun waan hin yaadamnedha.''
Beektonni amantii qajeeltoo amantichaa hordofuun karaa dhugaa ta'een barsiisan akkuma jiran, namoonni ''raajota'' ofiin jechuun uummata dogoggorsan biyyattii keessatti burjaajii guddaa uumuu akka hubatan ibsan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Konkolaataatu harka kee gala jedhanii kanneen saba kana gowwoomsan baayyeetu jiru. Sabni keenyammoo gowwoomsa kana fudhatee hojii dhiisee taa'ee abjuu kana eeggata. Kanaaf animmoo macaaf qulqulluun, dubbiin sagalee Waaqayyoo, waa'ee hojii maal jedhaa? isa jedhun dubbadhe,'' jechuun ibsan.
Maqaa amantiin saba gowwoomsuun kun heddummaateera kan jedhan tajaajilaan kun, ''Sabni keenya gowwoomsaa akkasii keessa oola. Ol utaalaa!, furtuu konkolaataa qabadhaa! jedhuun. Gamoo ykn manuma namaatti quba qabanii 'ilaa! Kun kan kee ta'a jedhuun. Sabni keenya dhugaatti fudhata,'' jechuun haalli kun akka isaan yaaddessu dubbatan.
Aadaa hojii duudhaa Macaafa Qulqulluu [Seera uumamaa] bu'uura godhachuun wayita ibsan ''Waaqayyo yeroo uumama dacheerraa kana uume hamma guyyaa shaniitti waan namni irra jiraatuu fi waan namni hojjetu hundumaa uume.
Guyyaa ja'affaarratti ammoo nama isa hojii hojjetu uume, erga jannata keessa kaa'ee ammoo hojjedhuu tottolchi jedhe malee taa'i nyaadhuu rafi hin jenneen Addaamiin iyyuu,'' jedhan.
''Guyyaa isa torbaffaatti ammoo ni boqote [Waaqayyo]. Sabni keenya garuu torban guutuu torban boqonnaa godheera. Guyyaa hunda sagantaa dhaqa. Buddeena abjuu nyaataa oola. Kanarraa ka'een 'utuu hin hojjetin akkamiin konkolaataan bitama? Harreenuu hojjetan malee hin bitamu, hindaaqqoonuu qirca qalatama jedhe.''
Barreessaa Itti Aanaa Waldaa warra Wangeelaa Makaana Yasuus kan ta'an Luba Fiqaaduu Beenyaa Itoophiyaa keessatti dhuguma hubannaa macaafa qulqulluu dhabuurraa ''joonjiin'' ni mul'ata jedhan.
''Namoonni hiyyummaadhumayyuu akka waan Waaqayyoo jaallatuutti, hiyyeessi waaqa biratti akka waan addatti jaallatamuutti, hiyyummaa akka waaqayyo jaallatutti namoonni lallabanis jiru,'' jedhan.
Rakkoon akkasii kun tajaajiltoota hubannoo ga'aa malee hojiitti seenan ykn ammoo kanneen fedhiisaanii galmaan ga'achuuf hojjetanirraa kan maddudha malee Macaafa Qulqulluu kan bu'uureffate miti jedhu Luba Fiqaaduu Beenyaa.
''Macaafni Qulqulluun macaafa hojiiti. Jannatuma keessatti Waaqayyo jalqaba Addaamiin yeroo uume akkanni jannata tottolchu, akkanni hojjetuuf achi keessa kaa'e malee akkanni harkasaa maratee taa'u qofaaf miti.''
''Ergaa sobaan tuffadhe malee uummata miti''
Tajaajilaan wangeelaa Taarikuu Dilgaasaa wayita lallaba gaggeessan uummata [amantoota] duratti naamusaa fi kabaja barbaachisu hin mul'isne komiin jedhu ka'eera.
Isaanis komiin kun isaan ga'uu fi ammoo kanneen haala gaariin isaan hubatanis jiraachuu ibsan.
Dhimma kanarratti wayita yaada kennan wayita isaan lallaba, viidiyoo gabaabaan irraa waraabamee gadhiifame, kana taasisan uummata qofa osoo hin taane paastaroonni, faarfattoonni, beektonni amantii fi raajonnis dhaggeeffataa akka turan himan.
''Xiyyeeffannaan koo uummanni akka hin gowwoomfamne dammaqsuudha. Namoonni naamusa amantii eeggatanii, abboommii hunda kabajanii hojjetan akkuma jiran kanneen barsiisota amantii fakkaatanii cinaatti ba'uun sharaa hidhatanii mul'ata sobaa namatti himanii, erga maallaqa walitti qabatanii booda achii badan jiru. Isaanirrattin xiyyeeffadhe,'' jedhan.
Ammoo amantoonni ergaa sobaa kana fudhatanii akka waan ergaama kana qofaan duroomaniitti ofitti fudhatanii hojii dhiisanii taa'anis jiru jedhu barsiisaan amantii kun.
''Kanaafuu an kanan barsiisaa ture hojjennaan Waaqayyoo akka nama eebbisudha. Namni hojjennaan oomishnis, konkolaataanis, gamoonis, xiyyaarris ni dhufa. Waan hawwitan kana ergaa duwwaan hin eeggatinaatii itti deemaa hojjedhaa jechaan jira.''
Tajaajilaa Waldaa Makaana Yasuusii ta'uu kan himan tajaajilaam wangeelaa Taarikuu Dilgaasaa bakki isaan lallaba falmii kaase kana itti gaggeessan garuu waldattii keessatti akka hin taane himan.
Namoonni amantii addatti ba'anii waldaa amantii hundeessuun tajaajila amantii akka gaggeessan beekamaadha.
Lallabaan wangeelaa Taarikuu Dilgaasaa garuu waldaa mataasaanii akka hin qabnee fi qabaachuuttis akka hin amanne ibsan.
''An waldaa mataa kiyyaa hin qabu. Akka kootti waldaan kan nama dhuunfaa ta'uu hin danda'u. Ayyaana naaf kenname ittiinan waldaa keessaa tajaajila malee waldaa mataa kootii uummadhee bu'aa mataa koof hojjechuu hin danda'u.''
Barsiisaan kun adeemsi fi naamusi isaan ittiin lallaba gaggeessan miira tuffii of keessaa qaba komiin jedhu irratti ka'us, isaan garuu ''iddoo sanatti kanan tuffadhe ergaa sobaa sabni keenya ittii gowwoomfamedha malee uummata miti,'' jedhan.
''Qabiyyeen barsiisa koo Waaqayyos namnis ga'ee qaba kan jedhu ture. Namni ammoo ga'ee kansaa ba'uu dhiisee taa'ee gaafanni waaqayyoon itti waamu sirrii miti. Nuti ni hojjenna Waaqayyo ammoo nu eebbisa, nu milkeessa jechaan jira malee saba sana tuffachaa hin jiru.''
Barsiisaan amantii Taarikuu Dilgaasaa ''ani wangeelli keenya wangeela nagadaa osoo hin taane wangeela sagadaa akka ta'uufan dubbadha. Malee saba Waaqayyoo tuffadhee miti,'' jedhan.
''Ammayyuu waan Sobaan tuffadha. Waan qulqulluu qofattin amana.''
''Waaqayyotti amanuun jireenyaan oli, gamoo, mana, konkolaataa argachuu gararraadha. Jireenya barabaraati.
Dachee kanarra yoo jiraattu ammoo ni nyaatta, ni dhugda, ni uffatta, mana keessa jiraatta. Kanaafuu amantii kees qabattee hojiis hojjechuu qabda. Garuu namni hojii dhiisee amantiidhumaanin waan hunda argadha jechuutti ka'e. Nama hunda osoo hin taane hedduun.''
Lallabaan wangeelaa Taarikuu Dilgaasaa barnoota Macaafa qulqulluu Beetel Dambi Doolloo Gidaadaatti erga baratanii booda yeroo dheeraaf hojii tajaajilaarra jiru.
Barnoota biyya lafaatiin ammoo Akkaawuntiingii barachuun amma hojii dhuunfaa [daldala] irratti argamu.
''Biyya kana keessatti qulfiin ni gurgurama. Biyyoo warri gurguran jiru. Karameellaas kan gurguran jiru. Zayitiinillee ni gurgurama,'' jechuun wanti maqaa amantiin ta'aa jiru akka isaa yaaddessu himan.
''Keessa ba'anii kobbee (irsaasiifaa) gurguru. Irratti kadhatameera jedhanii gurguru. Barattoonni kan irratti kadhatamedha jedhanii osoo hin qo'atin irsaasii qofa bitatanii kan kufaatiif saaxilaman jiru. Hanga kana deemamaa jira gowwoomsaan. An gowwoomsaa kana jalaa ba'ee namni karaa dhugaan akka amanun barsiisa.''
Bakki isaan itti barsiisaa turan Finfinneema keessa. ''Waldaa Makkaana Yasuus keessa tajaajilus waldaa na waame hunda garuu deemee nan tajaajila. Mulu wangeeliin yoo na waame nan dhaqaa, Assambiliin yoo na waame nan dhaqaa. An konfiransii naanna'een wangeela barsiisa,'' jedhan.
''Hojjechuu, dafqanii nyaachuun duudhaa fi aadaa Macaafa Qulqulluuti''
Luba Fiqaaduu Beenyaa dhibaawummaa fi miirri taa'anii eeggachuu duudhaa Macaafa Qulqulluu akka hin taane ragaadhaan deggeruun dubbatu.
''Hojii hojjechuun, dafqanii nyaachuun aadaa fi duudhaa Macaafa Qulqulluuti. Macaafa dhibaawummaaf iddoo kennuu osoo hin taane kan hojii jajjabeessudha.''
''Fakkeenya boqonnaa 10, lakkoofsa 4-5 tti ergaan Phaawuloos warra Teselonqeef barreessu akkas jedha: Namni dhibaawummaadhaan hojjetu ni hiyyoomaa, namni cimsee hojjetu garuu ni sooroma. Inni bona midhaansaa walitti qabatu ilma hubataadhaa, inni yeroo makaraatti rafu garuu salphina in harkisa jedha,'' jechuun Macaafi Qulqulluun akka hojii jajjabeessu ibsan.
''Gooftaan Yasuus ammoo warra Fariisotaa yeroo komatu Maatiwoos 23 irratti mana haadha hiyyeessaa dhaqxanii kadhannaa dheeressuun warri saamtan isiniif wayyoo jedha. Yoo mana namaa deemtanii kadhannaa gootan yeroodhaan fixaa ba'aa jechuudha. Harkistanii nama hin dhiphisinaa, namarra teessanii namarraa hin nyaatinaa jechuudha.''
''Bara kana namoonni hojii hin jaallanne manuma namarra deemuu kan jireenyasaanii godhatan jiru. Isaan kun sirrii miti,'' jedhu Luba Fiqaaduu Beenyaa.
Isaan kaan ammoo 'raajii' ofiin jedhanii ija jabinaan dubbatu jedhan dureen amantii kun.
''Horii raajii (miracle money)tti amanu. Horiin akkaawuntii keerratti siif gala, amiin jedhiitii fudhadhu! jedhu. Namni yaadu kana hin fudhatu. Eessa dhufee gala horiin (maallaqi)? ''
Luba Fiqaaduu Beenyaa loojikiin akkasii gama naamusaatiinis gama macaafa qulqulluutiinis fudhatama hin qabu jedhan.
''Ati teessee waaqayyoo maallaqa akkaawuntii keerra galchu tokko hin jiru. Hojjechuudhaan maallaqa argatta malee teesseema eeggachuudhaan wanti dhufu hin jiru.
Waaqayyo si eebbisaa, gadi siif harcaasaa, akkaawuntii keetu guuta… waan akkasii hin jiru. Tasuma, macaafa qulqulluu keessa hin jiru. An wagga 38 tajaaileera, kana hin argine,'' jedhan.
Gorsa aadaa hojii fi barsiisa amantii...
Namoonni salphaatti gowwoomfamuu danda'an kanneen hubannoo macaafa qulqulluu hin qabnedha kan jedhan Luba Beenyaa Fiqaaduu ''amantoonni macaafa qulqulluu bilchinaan hubachuu qabu, jechuun gorsu.
Amantoota qofas osoo hin taane dhimmamtoonni kanneen akka lallabdoota wangeelaa, Mana Maree Amantoota Waldaa Wangeelaa fi mootummaanis ga'ee qabu.
''Warri wangeela dhugaa lallaban dhimma kana cimsanii amantootatti dubbachuu qabu. Hojii malee namnis biyyis akka hin guddanne.
Warri nama dogoggorsan ammoo itti gaafatama lama qabu-kan lafarraa fi kan waaqa biraa. Lafarratti rakkoo sababa Kanaan uummatarra ga'uuf akka itti gaafataman beekuu qabu. Itti gaafatamni waaqa biraa ammoo guddaadha. Waan akkasiirraa akka deebi'uu qabanin gorsa,'' jedhan dureen amantii kun
Mootummaanis seera qabsiisuudhaan ga'eesaa ba'achuu akka qabu dhaaman.
''Namni wangeela barsiisu tokko barnoota amantii (theology) baratee yoo xiqqaate digirii jalqabaa qabaachuu qaba. Biyya keenya seerri akkasii hin jiru. Abbaan fedhe lafumaa ka'ee akka itti toletti wangeela lallaba.''
Waldaa dhaabuu fi wangeela lallabuuf yoo xinnaate barnooti tiyooloojii osoo jiraatee gaariidha kan jedhan Luba Fiqaaduu Beenyaa ''Yoo akkas ta'edha wangeela lallabuu qofa osoo hin taane wangeela hawaasaallee kan hubachuun danda'amu,'' jedhan.
''Kanaafuu mootummaan waldaalee waliin hojjechuudhaan rakkoon kun kana caalaa akka hin dagaagne gochuurratti yoo hojjete fala kaa'aa deemuun ni danda'ama.''
''Mootummaan dhimmamtoota keessaa tokko kanan jedheef haalli kun diinagdee biyyaa waan miiduuf. Yoo ta'uu baate haala Kanaan jijjiirama diinagdee hawaasa keenya keessatti mirkaneessuun baayyee nu danqa jedheen yaada,'' jedhan.
Waldaan Kiristaanaa fi taajaajiltoonnis waldubbisaa hojjechuun rakkoo kana hanqisaa deemuu danda'uu qabu jedhan.
Manni Maree Amantoota Waldaa Warra Wangeelaa dhimma kanarratti to'annoo cimsuudhaan, keessattuu yeroo eeyyama kennan waldaa isaanii ilaaluu akka qaban dhaaman.
''Namni waldaa dhaabuuf jedhu kun tiyooloojii barateera, barnoota wangeelaa qabaa? Nama baratedha moo kan akkamiiti isa jedhu osoo seerasaanii keessa galchanii rakkina kana xiqqeessuu keessatti gumaachuu danda'u.''















