Daani'eel Dabalaa: Garbummaatti gurguramuu hanga 'barnoota ammayyaa Itoophiyaatti jalqabuutti'

- Barreessaa, Zelalem Tadesse Duressa
- Gahee, Senior Broadcast Journalist
''Itoophiyaatti Mootichi Miniliik osoo barnoota ammayyaa hin jalqabiin dura umurii isaa waggaa 10'niin garbummaatti kan gurgurame Daani'eel Dabalaa nama jedhamutu barnoota ammayyaa Itoophiyaatti jalqabsiise'' jedhu Lubi Fiqaaduu Beenyaa.
Itoophiyaatti barnoonni ammayyaa kan jalqabe bara mooticha Minilik A.L.Itti bara 1906tti akka tahe ragaaleen ni himu.
Yeroo daldalli garbaa Itoophiyaa keessa ture Daani'eel Dabalaa abbaa isaa waliin osoo jiruu Horroo Guduruu keessaa qabamuun garbummaatti gurgurame.
Itti aanaa Barreessaa Waldaa Warra Wangeelaa Makaane Yesuus kan tahaniifi seenaa Daani'eel Dabalaa irratti qorannoo waggoota 10 gaggeessuun kitaaba kan barreessan Luba Fiqaaduu Beenyaa, ''Itoophiyaa keessaa barnoonni ammayyaa Wallaggatti jalqabe'' jedhu.
Itoophiyaa keessaa daandiin daldalaa beekamaan Guduru gabaa Asandaabootii ka'uun Jimma keessa darbuun Gondarii hanga Eertiraatti fulla'u ture.
Yeroon isaa ammoo dhala namaa qabuun garba jedhanii yeroo gurguran ture. Onesmoos Nasib, Aster Gannoo fa'aa dabalatee ijoollee Oromoo seenaa gurguddaa hojjetan tooruma kanarra gurguraman.
Daani'eel Dabalaas warra garbummaatti gurguramanii deebi'uun guca barnootaa Itoophiyaa keessatti qabsiisan akka tahan seenaa isaa qorataa kan turan Luba Fiqaaduu Beenyaa BBC'tti himaniiru.
Daani'eel Dabalaa kun nama akkamiiti? Akkamiin barnoota Itoophiyaatti jalqabsiise?
Garee Akkaadaamii Xiqqoo Oromoo biyya baqaatti
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Daani'eel Dabalaa maqaan dhalootaa isaa Luulluu Dabalaa akka jedhamu Luba Fiqqaduu Beenyaa BBCtti himan.
Bara 1876 bakka dhaloota isaa Horroo Guduruu Wallaggaa, Guduru keessaa lafa gabaa Asandaaboo jedhamuu abbaa isaa biraa qabamuun garbummaatti gurguramuu himu. yeroo sana umuriin isaa waggaa 10 ture.
Asandaaboon yeroo sana gabaa guddaa Itoophiyaa keessatti beekaman keessaa tokko ture.
Luulluu Dabalaa ykn Daani'eel Dabalaa erga gurguramee gara Eertiraatti geeffamuun harka Iswidinootaa gale.
Lammiileen Iswidin yeroo sana tajaajila wangeelaa babal'isuuf Eertiraa akka turan himu. Luulluu Dabalaa umurii isaa waggaa 11'n mana barumsaa 'Swedish Evaangelical Mission' jedhamu gale.
Luulluu Dabalaa barnoota amantaa Kiristaanaas barachuun cuuphamuun maqaa isaa Daani'eel Dabalaatti jijjiirame.
Yeroo sana Onismoos Nasibii fi Aster Gannoo fa'aa akkasuma garbummaan gurguramuun Eertiraatti fudhatamaniiru.
Onesmoos Nasib Iluu Abbaa Booraa aanaa Hurruumoo irraa Aster Gannoo ammoo Jimma aanaa Limmuu irraa qabamuun ijoollummaatti warra gurguramanidha.
Hundi isaanii barnoota isaaniitti jaboo waan tahaniif warri Iswiidin waliin hojjechaa turuu himu Luba Fiqaaduu Beenyaa.
Warri Iswiidin Onesmos Nasibii fi Aster fa'aas harka garbummaatii buusisuuni kan mana barumsaa galchan.
Bara 1877 Daani'eel barnoota isaa eegale. Onkoloolessa 31 bara 1881tti ammoo barnoota amantiin cuuphamee maqaa isaa Daani'eel Dabalaatti jijjiirame.
Daani'eel Dabalaa fi hiriyyoonni isaa akka Onesmoos Nasib fa'aa erga barnoota isaanii xumuranii kaarikulamii barnootaa qopheessuu irratti Iswiidinoota waliin hojjechaa turan jedhan.
Piroofeser Makuriyaa Bulchaa Yuunvarsiitii Finfinnee irraa ''Garee Akkaadaamii Oromoo Xiqaa Biyya Baqaa keessaa'' jedhu barreessuu kan himan Luba Fiqaaduu Beenyaa akkaadamii Oromoo qopheessuutti turan jedhan.
Gareen kun warra Macaafa Qulqulluu gareen hiikaa turanidha. Macaafa Qulqulluu kan hiika Onesmoos Nasib qofaa isaa miti.
Gareen macaaficha yeroo jalqabaaf Afaan Oromootti hiikan Daani'eel dabalaa, Horroo Guduruu irraa, Onesmoos Nasib Iluu Abbaa Booraa irraa, Aster Gannoo, Jimma Limmuu irraa, Hirphee Abbaa Magaal Jimma irraa, Dimboo Garbaa sayyoo Wallagga, Isxifaanos Boonayaa Lamuu keeniyaa irraa, Naatinaa'elii fi Roorroo kan jedhaman ammoo ijoollee Oromooti garuu eessa akka tahan hin baramne ejdhan.
Dr. Tasfaayee Tolasaa Yuunvarsiitii Finfinnee irraa wabeeffachuun kan himan Luba Fiqaaduu Beenyaa lammiin Iswiidin Afaan Oromoo akka gaariitti dubbatus Macaafa Qulqulluu gara Afaan Oromootti hiikaa ture jedhan.
Imala milkaa'e....
Luba Fiqaaduu Beenyaa waggaa 10 dura gara Wallagga Lixaa magaalaa Boojjii deemuun Waldaa Warra wangeelaa Makane Yesus jalqabaa daawwachuu himan.
Waldaan sun maqaa Daani'eel Dabalaa fi Gabre Istaatiwoosiin moggaafameera jedhan.
Isaan namoota jalqabaa waldaa Makane Yesus Itoophiyaa keessatti banan tahuu himan. Dhagaan isaan yeroo jalqabaaf irra ejjetanii ol galan hanga ammaatti kunuunfamee waldaa sana bira jira jedhan.
Mishinaroonni wangeela qabatanii Itoophiyaa galchuuf yaalii shan taasisaniiru. Ergama shan keessaa afur hin milkoofne.
Yaaliin jalqabaa bara 1893 Nugusee nama jedhamuun Jimmatti hojiin wangeelaa babal'isuu jalqabee hin milkoofne.
Nuguseen yeroo sana hojii wangeela babal'isuu jalqabus osoo hin milkaa'iin achumaan hafe jedhan.
Yaalii lammaffaa ammoo Onesmoos Nasibii fi haati warraa isaa duraanii karaa Sudaan goruun Itoophiyaa galuuf yaaluu himu Luba Fiqaaduun.
Mishinaroonni Iswiidin isa waliin imalaa turanii karaa irratti du'anis akka turan himan. Waan osoo hin milkaa'iin hafaniif gara Eertiraa Imakuluu jedhamuutti deebi'an jedhan.
Yaalii ergama Wangeela babal'isuu sadaffaa Onesmoos fa'aa karaa Jibuutii Tajuuraa goruun Itoophiyaa galuuf yaalaniiru.
Yaalii arfaffaan ammoo karaa Keeniyaa Itoophiyaa galuuf kan gaggeefamedha.
Isa kana keessatti Keeniyaa Lamuutti dhalachuun Onesmoos fa'aa waliin wangeela hiikaa kan ture Isxifaanus Boonayaa fa'aa yaalanis hin milkoofne jedhan.
Yaalii shanaffaa irratti Daani'eel Dabalaa haadha warraa isaa qabachuun akkasumas Gabre Istaatiwoosii fi haati warraa isaa bara 1897tti Eertiraa irraa ka'uun bara 1898 Wallagga galuu himan.
''Imala isaanii kana 3G jennee barreessine. Imalli isaanii Eertiraa irraa ka'uun Gondar, Goojjam, Guduru waan galaniifi'' jedhan Luba Fiqaaduu Beenyaa.
Daani'eel Dabalaa akkuma Itoophiyaa galeen bakka dhaloota isaa Guduru deemuun maatii isaa barbaadanii argachuu akka dadhabe himama.
''Waraana humni Minilik fa'aa naannichatti gaggeessan ykn dhukkuba weerara yeroo sana ka'een dhumuu hin hafnes jedhama. Gama biraan ammoo ilmi isaanii garbumaatti gurgurame yeroo jedhamu akka qaaniitti waan ilaalamaa tureef kan keenya kan jedhu dhibees tahuu danda'a,'' jedhan Luba Fiqaaduun.
Daani'eel Dabalaa fa'aa akka erga Guduru keessaa maatii isaa barbaadee dhabee gara Wallagga Lixaa magaala Boojjii ammaatti imaluu himan.
Boojjii yeroo gahan warri Mootii Bakaree godaanaa fa'aa isaan simachuun Boojjiitti qe'ee isaanii keessaa lafa kennaniifii jennaan Waldaa Warra Wangeelaa Makane Yesus banuu himan.
Yuunvarsiitii Finfinnee irraa waa'ee Daani'eel fa'aa irratti qorannoo kan gaggeessan Dr Tasfaayee Tolasaa, Daani'eel Dabalaa gulaalaa wangeelaa tahuu ibseera jedhan Luba Fiqaaduun.
Daani'eel Dabalaa fa'a gara Jimmaa deemuun Gabre Istaatiwos fa'aa waliin walitti dabalamuuni gara Wallaggaa kan deeman jedhan.
Boojjiitti erga waldaa bananii hojii qooddatan. Gabre Istaatiwos hojii afuuraa irratti akak xiyyeeffatu, Daani'eel Dabalaa fi haati warraa isaanii ammoo barnoota ammayyaa irratti akka xiyyeeffatu godhan.''
Luba Fiqaaduun barnootichi qubee Afaan Amaaraan, garuu afaan Oromoodhaan barnoonni kennama ture.
Haati warraa Daani'eel Dabalaa fi haati warraa Gbare Istaatiwos fa'a kaarikulamii barnootaa Eertiraatti qopheessan hojiitti hiikan jedhan.
''Haati warraa Daani'eel dabalaa Aadde Xuruu fi haati warraa Gabre Istaatiwoos Aadde Gumash, qulqullina dhuunfaa fi naannoo, hojii harkaa, akkaataa nyaata itti qopheessan, qabinsa maatii fi jireenya isaanii itti fooyyefatan dabalatee barnoota adda addaa kennaa turan.''
Barnoonni ammayyaa yoom jalqabe?
Luba Fiqaaduun barnoonni qeesonni gara Kaaba Itoophiyaatti kennaa turan akka jiru himuun kaarikulamiin kan qindaa'e hin turre jedhan.
Buruu Sibaa, Saamu'eel Daankii, fayisaa nagaasaa, bushaa Sibaa warra jedhaman fa'aatu jalqaba galmaa'ee barnoota ammayyaa kaarikulamiin qindaa'e jalqabe.
''Barnoonni ammayyaa akka lakkoofsa faranjootaatti bara 1899 Wallagga lafa Boojjii jedhamutti akka Itoophiyaattuu yeroo jalqabaaf eegale. Kan Itoophiyaa Minilik kan jalqabe ALI bara 1906tti. Garaagarummaa waggaa kudhanii olii qabu.''
Onesmoos kan Itoophiyaa seenee Wallaggaa dhaqabe erga waldaan banamee, Daani'eel Dabalaa mana barumsaa banee booda bara 1904ttidha jedhan.
''Seenaan Daani'eelii fi Onesmoos wal hin faalleessu. Onesmoos Eertiraa taa'ee Daani'eel Dabalaa fa'aaf xalayaa barreessaa ture. Namni jalqabaa Itoophiyaatti barnootas tahe waldaa bane Daani'eel Dabalaati.''
Daani'eel Dabalaa hojii gurguddaa kana erga hojjetanii umurii isaa waggaa 38'n dhukubsatee achuma Boojjiitti bara 1904 boqate. Gabre Istaatiwoos dhalataa Eertiraa tahus achuma Boojiitti osoo haadha warraa isaanii waliin achumaa hojjetanii balaa mudateen mana keessatti gubatanii akka du'an himan.
Namoonni isaan barsiisan Itoophiyaa keessatti dhiibbaa gurguddaa uumuu kan himan Luba Fiqaaduun isaan keessaa tokko barataa Daani'eel Dabalaa kan tahan Abbaa Amaanu'eel Gabresillaaseeti. Ilmi isaanii Amaanu'eel Abrahamaan pirezidaantii lammaffaa Makaane Yesusisii turan.
Amaanu'eel Abrahaam ministeera Komunikeeshinii, ministera barnootaa akkasumas ambaasadara tahuun hanga biyya Ingiliziitti nama hojjechaa ture tahuu himan Luba Fiqaaduun.
''Wallagga keessatti barnoonni akka babal'atu kan godhee fi gaggeessitoonni hedduu akka bahaniif sababa kan tahe guca barnootaa Daani'eel Dabalaa yeroo jalqabaaf achitti qabsiisedha.''
Waa'ee Daani'eel Dabalaas tahe maatii isaa hayyoota Iswiidin dabalataa namoonni adda addaa barreessaniiru.
Luba Fikaaduu Beenyaa kitaaba seenaa Daani'el Dabalaa irratti barreessan Adoolessa 31 bara 2025 eebbisiisu.












