Waa'ee barsiiftuu digirii lammaffaan eebbifamtee daandiirratti muduraa gurgurtuu kan beeknu

Barsiiftuu Abbaayinash Hambisaa

Madda suuraa, Abayinesh

Ibsa waa'ee suuraa, Barsiiftuu Abbaayinash Hambisaa

Tibbana suuraan barsiiftuu Magaalaa Dambi Doolloo daandii irratti muduraa osoo gurgurtu mul'isu tokko miidiyaa hawaasaa irratti bal'inaan qoodamaa jira.

Suuraan kunis kan Barsiiftuu Abbaaynash Hambisaa kan godina Wallagga Lixaa Aanaa Yubdootti dhalatanii achumatti guddataniiti.

Barsiiftuun tun dhiyeenya kana Yunivarsiitii Dambi Doolloo irraa mummee barnootaa Herreegaa digrii lammataatiin qabxii olaanaadhaan kan eebbifaman barsiistuun kun, waggoota lamaan darbaniif waqtii gannaa fi guyyaa Sanbataa hojii daldala muduraa hojjechaa akka turan BBCtti himan.

Sababni hojii kana irratti itti bobba'aniif immoo waggoota 13'f darbaniitti hojii barsiisummaarra bobba'anii wayita turanitti mindaan birrii 7,500 ji'atti argatan jireenya isaaniitiif gahaa ta'uu dhabuusaa irraan kan ka'e akka ta'e himu.

"Mindaan argadhu ammoo daa'imakoo jiraachisee, jireenya hawaasummaakoo, barachuu fi miti jiraachuufu kan nuuf hin heeyyamnedha" kan jedhan barsiiftuu Abbaayinash, "Yeroo ammaa kana mindaan hojjetaa mootummaadhaaf kaffalamaa jiru madaalawaa miti, qaala'iinsa duukaas hin deemu" jedhu.

Dabalataan "hojii mootummaa hojjechaa bakka tokko dhaabbachuu osoo hin taanee barachuun dirqama" kan jedhan barsiiftuun kun, barnootasaanii digirii lammaffaa (Maastarsii) kaffaltiin baratan waan ta'eef barsiisummaan cinatti hojii daldala muduraa hojjechuuf dirqamuusaanii himan.

"Mindaan ani ji'atti argadhu kanfaldhee na barsiisaa, daa'imakoo wajjin jireenya hawaasummaa na jiraachisuu hin dandeenye" jedhan.

Daldala muduraa

Hojii daldala muduraa Waxabajjii bara 2015 akka eegalan himan barsiiftuu Abbaayinash Hambisaa, muduraalee akka muuzii, burtukaana, loomii fi avokaadoo magaalaa Dambi Doollootii deemsa daqiiqaa 20 yookiin 25 deemuun bitanii magaalaa keessatti gurguru.

Daldala kanaanis guyyaa gabaatti bu'aa hanaga birrii 200-500 ta'u akka argatan dubbatu.

"Bu'aan argadhe irraa hanga birrii 100 yookiin 200 yoon olkaawwadhe kan hafeen immoo maatiikoof waan isaan barbaadan kan akka saamunaa, sukkaarafi waan tokko tokko ittiinan bitadha" jedhu.

Kan hafe ammoo qusachuudhaan kaffaltii barnootasaaniif oolachaa akka turanis himan.

"Daa'ima lakkuu ji'a sadiitti dhiiseen hojii kana eegale" kan jedhan barsiiftuu kun, maallaqa daldala muduraarraa argataniin waan daa'immansaaniif ta'u kan akka aannanii bituuf akka oolchanis himu.

Hojii daldala muduraa kanaanis jireenyi guyyuusaanii hanga tokko fooyya'uu isaa dubbatan.

Dippiloomaa hanga digirii lammaffaatti

Barsiiftuu Abaraash Hambisaa

Madda suuraa, Aberash

Ibsa waa'ee suuraa, Barsiiftuu Abaraash Hambisaa qabxii olaanaa digrii lammataa isaanii galmeessaniin waraqaa ragaa kennameefiira
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Barsiiftuu Abbaayinash Hambisaa ALI bara 2000 Qormaata Biyyaalessaa kutaa 10ffaa erga qoramanii booda bara 2001'tti Koollejjii Barnoota Barsiisotaa Dambi Doolloo seenuun waggaa sadi booda bara 2004'tti barnoota Herreegaan sadarkaa Dipiloomaatti eebbifamuu himan.

Sana boodas bara 2005'tti Godina Qeellem Wallaggaa aanaa Sayyootti barsiisummaan qacaramanii hojjechuu akka eegalan dubbatu.

Fedhii barnootaa cimaa akka qaban kan himan barsiiftuun kun, barnoota gannaa barachaa ALI bara 2013tti Yunivarsiitii Amboorraa mummee barnootaa Herreegaan digirii jalqabaa saaniitiin eebbifaman.

Ammas barnootasaanii itti fufuudhaan ALI bara 2015tti barnootasaanii Digirii Lammaffaa mummee barnootaa Herreegaan Yunivarsiitii Dambi Doollootti barachuu eegalan.

"Bara 2015'tti eegalee bara 2017'tti digirii lammaffaakoo Yunivarsiitii Dambi Doollootti eebbifame. Kanin eebbifames qabxii gaariidhaan. Meedaaliyaas badhaafameera" jedhan attamiin barnootaan cimtuu akka ta'an yoo ibsan.

Barsiiftuun kun barnootasaanii digirii jalqabaa qabxii 3.55 fiduun kan xummuran yemmuu ta'u, digirii lammaffaammoo qabxii 3.83 fiduudhaan eebbifaman.

Qabxiin digirii lammaffaa kunis akka Yunivarsiitii Dambi Doolloo Kollejjii 'Natural and Computational Sciences' keessatti qabxii olaanaa ta'uu himan.

Gama biraatiin waggoota barumsafii hojiirratti dabarsan kana keessatti ijoollee afur godhachuu kan dubbatan barsiiftuu Abbaayinash, "yeroon baradhutti qormaatawwan garagaraatu ture" jedhu.

"Bara 2016 daa'ima lakkuu godhadheen qormaata qorame" jechuunis haala barnootasaanii digirii lammaffaa itti xummuran ibsu.

Barnoota digirii sadaffaa barachuuf karoora qabaachuu kan himan barsiiftuu kun, daa'imman xixiqqoo qabaachuufii hanqinni maallaqaa qormaata akka itti ta'an himu.

"Barachuu qofa osoo hin ta'in gama maallaqaanis galii amansiisaa qabaachuun barbaadha" jechuunis daldala muduraa isaanii gara mana cuunfaatti ol guddisuun gama diinagdeen jijjiiramuufis fedhii akka qaban himaniiru.