Maanguddoo Arsii waggaa 65tti qormaata biyyaalessaa qoraman

Aaddee Taarikuwaa Ayyaanoo

Madda suuraa, Arsi Un.

"Dararaan narra hin geenye hinjiru. Kadhadhee nyaadheera. Ana bira darbee ijoolleen koos dararamaa turan" jechuun BBCtti himan Aaddee Taarikuwaa Ayyaanoo.

Godina Arsii aanaa Asakootti dhalatanii kan guddatan Aaddee Taarikuwaa Ayyaanoo, ammaan tana maanguddoo umurii waggaa 65ti.

Maanguddoon "onneen koo hin du'u, barnootaaf kutadheera" jedhan kun, waggoota hedduu hawwii fi xiiqii barnootaa keessa turan.

Fedhii malee heerumuu, barnoota jaalatan adda kutuu, rakkoo xin-sammuu diigamuu gaa'elaan dhufu keessummeessuu, rakkatanii kadhachuu dabalatee rakkoowwan jireenyaa heddu dabarsaniiru.

Haata'u malee, torbe kana keessa barattoota umuriin isaan irraa fagoo jiran cinaa ta'anii Yunivarsiitii Arsiitti qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qoraman.

Miira qormaata kana qoramuun itti dhagahames "kana booda yoon du'ellee hingaabbu" jechuun ibsu.

Maanguddoon kun akkamiin as gahan?

Aadde Taarikuwaa Ayyaalew, hawwiinsaanii yeroo ijoollummaa baratanii iddoo gaarii qaqqabuu ture. Kanaafis mana barumsaa seenuun imala barnootaasaanii eegalan.

Haata'u malee, ALI bara 1983 taateen Aadde Taarikuwaa hawwiisaaniirraa maqsu uumame.

Waqtii sanatti barattuu kutaa 7ffaa akka turan kan himan maanguddoon kun, maatiinsaanii fedhiisaanii malee akka heeruman isaan taasisuu dubbatu.

Fedhiisaanii malee heerumuu isaaniitiin dabalataan gaa'elli dhaabbatanis milkaa'aa hinturre.

"Maatiin na herumsiisanii yeroo heddu dararaa keessan ture. Dararaan ani hin agarre hinjiru. Ana bira darbee ijoolleen koos dararamaa turan" jedhu.

Gaa'ela fedhiisaanii malee godhataniin ijoollee afur kan horatan maanguddoon kun, ALI bara 2007 abbaa warraa isaaniin gargar akka bahan himu.

"Bara 2007'tti gargar erga baanee booda ijoolleenkoos osoo of hindanda'in gara biyya garagaraatti faca'an" jedhu.

Boqonnaa jireenyaa haaraa…

Aadde Taarikuwaan rakkoo danuu dabarsuu himu

Madda suuraa, Arsi Un.

Ibsa waa'ee suuraa, Aadde Taarikuwaan rakkoo danuu dabarsuu himu

Aadde Taarikuwaan abbaa warraa isaaniin gargar erga bahanii waggoota muraasa booda ALI bara 2011 hawwiisaanii yeroo dheeraa kan ture barnootatti deebi'an.

Barnootasaanii kutaa 7ffaas achuma magaalaa Asakootti barachuu eegalan.

Haa ta'u malee waggaa tokko booda qormaata sadarkaa naannoo kutaa 8ffaa darbuu hindandeenye. Sababni kufaatii isaaniimmoo gaa'elasaanii diigamedha.

"Abbaan warraakoo waliigaltee gaa'elaa keenya (80) hindiigu jedhee himatarran ture. Ani waa'ee seeraas hinbeeku waan tureef baay'een dhiphadhe, qormaata kutaa 8ffaas nan kufe" jedhu.

Haa ta'u malee bara itti aanutti irra deebiin qoramuun gara kutaa 9ffaatti darban. Barnootasaanii hanga kutaa 12ffaas Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Asakootti baratan.

Gosoota barnootaa Ji'ogiraafii fi Ingiliffaaf jaalala guddaa akka qaban kan himan Aadde Taarikuwaan, torbee kana keessa Yunivarsiitii Arsii seenuun qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qoraman.

Qormaataaf qophaa'aan ture…

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 2017 kanatti barattuu kutaa 12ffaa kan turan maanguddoon waggaa 65 Aadde Taarikuwaan, qormaataaf gara Yunivarsiitii Arsiitti osoo hin imalin dura qophii taasisaa turuu himu.

"Hanga humna kootii qo'achaa qormaataaf qophaa'aan ture. Sana booda qormaataaf gara Yunivarsiitii Arsii dhufe. Qormaanni natti salphateera. Namoonni hundis haala gaariin nasimatan" jedhan.

Bu'aan qormaatasaanii dhaabbata barnoota olaanaa akka seenan kan isaan dandeesisu yoo ta'e Yunivarsiitii seenun barnootasaanii itti fufuuf karoora akka qabanis himaniiru.

Gama biraatiin wayita barnootasaanii sadarkaa lammaffaa baratanitti namoonni yaada garagaraa kennaafii akka turan kan himan Aadde Taarikuwaan, kunneen isaan jajjabeessan akkuma jiran kan isaan qeeqanis akka hindhabamne dubbatu.

"Tokko tokko jabaadhu naan jedhu, kaan immoo 'kan qananiite' naan jedhu" jechuun himu.

Aadde Taarikuwaan gara tokkoon barnootasaanii adda kutuun duubatti hafuunsaanii isaan aarsuus gama biraatiin immoo ijoollee horataniin boonu.

Kana malees deeggarsa barsiisonnifii barattoonni imala barnootaasaanii keessatti taasisaniif olaanaa ta'uu himuunis ni galateeffatu.

Barsiisaan waa'ee Aadde Taarikuwaa maal jedhu?

Barsiisaa Gannanaa Baqqalaa Dura Taa'aa Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Asakoo yemmuu ta'an, Aadde Taarikuwaan nama barattootaafis ta'e namoota biroof fakkeenya ta'an akka ta'an himu.

"Barnootaaf fedhii olaanaa waan qabaniif barfannaan irratti hin mul'atu, hojii manaa ni hojjetu, ergaa manni barumsaa dabarsu hunda fudhatanii ijoolleellee nuuf gorsaa turan" jedhu.

Kanuma ka'umsa gochuunis maanguddoon kun yeroo garagaraatti mana barumsichaan badhaafamaa turuu himan.

Kana malees Aadde Taarikuwaan yeroo keessa barnoota isaaniin cimaa akka dhufan kan himan Barsiisaa Gannana, sirumayyuu gosoota barnootaa tokko tokkoon qabxii olaanaa galmeesisaa turuu dubbatan.

Kana malees Aadde Taarikuwaan miidhaawwan gaa'elli umrii maleefi barnoota adda kutuun qaban barattoota gorsuun milkaa'ina hojii barnootaa mana barumsichaaf gumaacha taasisuu isaaniis Barsiisaa Gannana himaniiru.

Gama biraatiin "Aadde Taarikuwaan miidhaa olaanaa waan qabduuf gargaaramuu qabdi jennee akkaataa saniin barsiisota hubachiisne" kan jedhan barsiisichi, meeshaalee barnootaa dabalatee maaguddoo kanaaf deeggarsawwan garagaraa taasisaafii turuu himaniiru.