Ortodoksiin mootummaan 'mirga lubbuun jiraachuu lammiilee akka mirkaneessu' gaafatte

Madda suuraa, EOTC
Sinoodosiin dhaabbii Mana Amantii Ortodoksii Itoophiyaa, Naannoo Oromiyaa Godina Arsii, aanaalee adda addaa keessatti haleellaa hordoftoota amantichaarratti raawwatame ilaalchisuun ibsa baasteen, mootummaan mirga lubbuun jiraachuu lammiilee akka mirkaneessu gaafatteetti.
''Haleellaa hidhattoonni eenyummaansaanii adda hin baane'' hordoftoota amantii Ortodoksii Godina Arsii aanaalee Gunaa, Martii, Shirkaa fi Honqolloo Waabee keessatti argaman irratti raawwataniin namoonni 25 ajjeefamuu ibsi sinoodosiin ALI Onkoloolessa 20, 2018 baase ni mul'isa.
Sinoodosiin dhaabbii kun ibs isaa keessatti Onkoloolessa 14 halkan keessa aanaalee Martii fi Gunaa keessatti hordoftoonni amantichaa 17, Onkoloolessa 17 halkan ammoo aanaa Shirkaa keessatti namoonni sadi, akkasumas Onkoloolessa 18 halkan aanaa Honqolloo Waabee keessatti namoonni sadeet ajjeefamuu eere.
Sinoodosiin kun ajjeechaa akkanaa yeroo gara yerootti hammaachuu ibse. Taatee kana ilaalchisee gabaasi Kutaa Lallabaa Arsii Bahaa [Arsii] irraa argate ''akkaan gaddisiisaa fi kan hamilee namaa cabsu'' ta'uu ibse.
Kutaa Lallabaa Arsii irratti taateen akkanaa deddeebi'ee mudachaa akka ture kan ibse Sinoodosiin dhaabbii ''gochi balfamaa akkanaa macaafa qulqulluu keessatti fudhatama hin qabu. Mirga dhala namaas kan sarbudha,'' jedhe.
Ajjeechaan hordoftoota amantichaarratti raawwate mirga bilisummaan amantii ofii gaggeessuu heera mootummaarra taa'e kan sarbudha jedha ibsi kun.
Akkasumas duudhaa wal danda'uun waliin jiraachuu kan balleessu ''gocha kabaja namaa gadi xiqqeessuu fi balaaleffatamuu qabuudha,'' jedhe.
Sinoodosiin dhaabbii Mana Amantii Ortodoksii Itoophiyaa gocha kana cimsee akka balaaleffatu ibsa isaa keessatti eereera.
Qaamoleen mootummaa dhimmi kun kallattiin isaan ilaallatu gocha faallaa mirga dhala namaa ta'e kana balaaleffachuun ''mirga lubbuun jiraachuu fi mirga walabummaa amantii heera mootummaa biyyattiin ragga'e akka hojiirra oolchan,'' gaafateera.
Qaamolee gocha kana raawwatan seeratti dhiheessuun olaantummaa seeraa mirkaneessuu akka qabus mootummaa gaafateera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gara fuulduraattis amantoonni kunneen golgaa seeraa akka argataniif mootummaan dirqamasaa akka ba'u Sinoodosiin dhaabbii kun gaafateera.
Ibsa Sinoodosii dhaabbii Mana Amantii Ortodoksii kana hordofee Yaa'iin Dhaabbilee Amantii Itoophiyaa, mootummaan mirga nagaan ba'anii galuu lammiilee biyyattii mirkaneessuu keessatti hundaa olitti dirqamasaa ba'uu akka qabu dhaameera.
Haleellaa jalqabaa torbee darbe guyyaa Roobii fi Kamisaa kan raawwateen namoonni ajjeefaman ''saddeet maatii tokko keessaa'' ta'uu BBCn maddeen adda addaarraa odeeffateera.
Namoonni hedduun Aanaa Gunaa keessatti kan ajjeefaman yoo ta'u, haleellaa hidhattoonni Roobii fi Kamisa darbe raawwataniin namoonni 14 ajjeefamuu maatiin miidhamtootaa lamaa fi dureewwan amantii ortodoksii naannawa sanaa ibsaniiru.
Dureen amantii olaanaan tokko ammoo bakka ''Abbaa Jamaa'' jedhamutti haleellaa raawwatame waliin walumaagalatti namoonni 17 ajjeefamuu dubbatan.
ALI Onkoloolessa 17, 2018 Aanaa Shirkaatti haleellaa raawwatameen "namoonni sadii" ajjeefamuuf BBC'n odeeffateera.












