Godina Arsii Shirkaatti namoonni sagal akkamiin hidhattootaan ajjeefaman?

Godina Arsii Aanaa Shirkaatti ajjeechaan yoo raawwatu kuni kan duraa miti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Godina Arsii Aanaa Shirkaatti ajjeechaan yoo raawwatu kuni kan duraa miti

Naannoo Oromiyaa Godina Arsii Aanaa Shirkaatti hidhattoonni namoota sagal manaa fuudhanii lagatti ajjeesuu maatiifi jiraattonni BBC’tti himan.

Ajjeechaan kun ALI Sadaasa bultii 19, bara 2017 halkan qixxee naannawa sa’aatii 6:00’tti raawwatamuu dubbatan.

Jiraattonni ajjeechaa kana hidhattoota ''Shaneetu'' raawwate jedhan. Hidhattoonni WBO kan mootummaan tarree shororkeessaa jala galche ajjeechaa akkanaaf irra deddeebiin himatamu.

Ajjeechaa tibbanaarratti hidhattooti ibsa baasaniin akka hin raawwanne waakkatan, mootummaan walitti bu'iinsa sabaa uumuuf sosso'a jechuunis himatan.

Ajjeechaa kanarratti gama mootummaan homaa hin dubbatamne. Qondaaloti garuu Bataskaana bakka owwaalchi itti raawwatamu dhufanii ''isin eegna, nu waliin ta’a'' ittiin jechuu jiraattonni BBC'tti himaniiru.

Ajjeechaan kun Aanaa Shirkaa Ganda Faranqasaa jedhamutti kan raawwate yoo ta’u "amantii kan bu’uura godhedha’’ jedhan jiraattoti.

Kanneen ajjeefaman keessaa tokko eessuma isaanii ga’eessa waggaa 42 ta’uu kan himan maatiin BBC’n dubbise, "manaa fuudhanii laga geessuun saglan isaanii tarree galchanii ajjeesan,’’ jedhan.

Akka namoonni BBC’n dubbise jedhanitti, kanneen ajjeefaman "safara tokkooofi’’ firummaa kan qabanidha. Hundi isaanii maatii keenyadha,’’ jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Erga haleellaan raawwatee booda dhaqqabuu kan himan miseensi maatii, kanneen du’an keessaa obboleessi isaanii akka jiru himan.

Hidhattooti barii dhufuun ‘’hunda manaa fudhachuun’’ lagatti ajjeesan jechuun BBC’tti himani.

Hawaasi naannichaa yaaddoo keessa ture ALI Jimaata Sadaasa 20, 2017 lafa dhukaasni dhagahame deemuun laga qarqara ‘’reeffa lafa cicciise’’ arguu himan.

Kanneen du’an keessaa abbaa ijoollee afuriiti namni jedhaman laga Faranqaasaa jedhamu bira reeffi isaanii namoota kaan waliin argamuu maatiin isaanii dubbataniiru.

Jiraataan biraa akka himanitti kanneen du’an keessaa lama maanguddoota ganna 70 ta’anidha. Kaanimmoo umriin isaanii 45 gadi kan ta’aniifi qonnaan jiraatan ta’u himan.

Waa’ee ajjeechaa kanaa ibsa kan baase Paartiin Innaat jedhamu maqaa namoota ajjeefaman jedhaman tarreesseera.

Naannawa kana namoonni ugguramanii maallaqni itti gaafatamu akka jiru kan himan jiraattoti, hidhattooti maatii isaanii yoo halkan fudhatan maallaqaan waan hiikamuuf deeman akka itti fakkaate himu.

'Tooraan owwaalaman'

Owwaalchi namoota ajjeefaman Bataskaana Qul. Mikaa’elii Solee jedhamutti akka raawwatame BBC’n maatiifi jiraattotarraa odeeffateera.

Obboleessi isaanii ajjeefamuu kan himan miseensi maatii haleellaan raawwate ‘’ajjeechaa jumlaadha’’ jechuun ibsan, jiraattotis ‘’gadda hamaa’’ keessa akka jiran dubbatan.

‘’Owwaalchi isaanii [bakka tokko] tooraan raawwatame. Hundu gaddarra jira. Namni boolla qotu dhibe,’’ jechuun jumlaan owwaalamu dubbatan.

Guyyaa ajjeechaan raawwatame namoonni shan biroos butamanii fudhatamuu ibsanii, hanga yoonaa akka hin argamne himan.

Namni owwaalcharra turan tokko reeffa namoota butaman eegaa akka turan eeruun gara fudhatamaniiru jedhame barbaadanis akka reeffi hin argamne dubbatan.

Jiraataan biraammoo kanneen butaman jedhaman ajjeefamuu hin oolle jedhu.

Kana dura waan wal fakkaataa raawwatu isaa eeruun keessumaa kanneen ajjeefaman amantaa isaaniin filamanii ajjeefaman amantaa jedhu qabu.

BBC’n waan dabalataa adda baafate hin qabu. Aanaan Shirkaa Godina Arsii keessatti argamtu garuu hordoftoonni amantaa Kiristaanaas ta’e Muslimaa bal’inaan keessatti jiraatanidha.

Haleellaan akkanaa kana duras raawwatuu kan himan jiraattoti BBC’n dubbise, inni kunis ajjeechaa ‘’marsaa biraati’’ jedhu.

‘’Guyyoota sadii namoonni sadii ykn afur ajjeefamaniiru’’ jechuun yaaddoon akka iru kan dubbatan jiraataan tokko, aanaa isaanii keessa nama butuufi ajjeesuun irra deddeebiin akka raawwatu himu.

Haleellaa kanaanis jiraattoti ‘’qe’eerraa buqqa’uu’’ fi kanneen amma nagaan bu’eera jedhanii midhaan sassaabuu deeman ajjeefamaa akka jiran dubbatu.

Jiraattoti BBC’n dubbise aanaa isaanii keessa hidhattooti WBO kan mootummaan ‘Shanee’ jedhu bal’inaan sosso’u.

Haleellaa garagaraa Oromiyaa keessa lammiilee nagaarratti waan dhaqqabuuf mootummaan lammiilee nagaa tiksaa hin jiru jechuun komatama
Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa garagaraa Oromiyaa keessa lammiilee nagaarratti waan dhaqqabuuf mootummaan lammiilee nagaa tiksaa hin jiru jechuun komatama

Gama kaaniin, Raayyaan Ittisa Biyyaa ganda ajjeechaan itti raawwate, Solee Faranqasaa, akka jiran dubbatu.

‘’Lafa fageenya 2km yoo ta’edha [bakka ajjeechaan raawwateefi humnooti mootummaa jiran]. Yoo xiqqaate dhukaasni dhagahama. Garuu kan nuuf qaqqabe hin jiru,’’ jedhu jiraataan BBC’n dubbise.

Erga ajjeechaan raawwatame booda Bataskaana owwaalchi raawwatametti qondaaloti mootummaafi Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin ta’un akka eegumsa taasisaniif waadaa seenuu namni miseensi maatii duraa ajjeefame BBC’tti himaniiru.

‘’Ni to’anna, ummatni nu waliin haa ta’u,’’ jechuu isaanii dubbatan.

Godina Arsii keessatti ajjeechaan irra deddeebiin kan raawwatu yoo ta’u, waggaa dura ALI Sadaasa 14, 2016 Shirkaatti hidhattooti ‘’ijaaraman’’ jedhaman namoota 17 ajjeesuu Yaa’iin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibseera.

Gama kaaniin, Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa aanaalee Godina Arsii jala argamanitti yeroo garagaraatti hordoftoota isheerratti ajjeechaan irra deddeebiin akka raawwatu ibsaa turte.

Waggaa darbe Bataskaanota sadii Aanaa Shirkaatti argamanitti, hordoftoonnishee 36 ajjjeefamuu beeksisuun ishee ni yaadatama.

Dodolaattimmoo qaamoleen hidhatan tajaajiltoota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa lamaafi maatii isaanii shan irratti raawwataniin ajjeefamuu BBC’n kana dura odeeffatee ture.

Ajjeechaa bakkeen naannoo Oromiyaa adda addaatti raawwatuuf mootummaan lammiilee nagaa tiksaa hin jiru jechuun komatama.

Hidhattooti maqaa sabaa himanii sosso’anis ajjeechaa raawwachuun himannaan irratti dhihaata. Ta’us, ni waakkatu.