Tiraamp Naayijeeriyaatti ajjeechaa Kiristaanota irratti raawwatame jedhameef tarkaanfii waraanaa fudhachuuf doorsisan

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Sambata darbe Naayijeeriyaan dararaa lammiilee ishee kiristaanaa irra ga'aa jiruf dantaa kennaa hin jirtu jechuun erga himatanii booda, Miniteerri Waraanaa biyyattii tarkaanfii waraanaa fudhachuuf akka qophaa'u ajaja dabarsaniiru.
Naayijeeriyaan himannaa Tiraamp irra deddeebitee haaltee jirti.
Tiraamp miidiyaa hawaasaa irratti akka barreessanitti, biyyattii keessatti Kiristaanota irratti ''ajjeechaa jumlaa'' raawwatamaa jira.
Yoo mootummaan biyyattii ''tarkaanfii ariifataa'' hin fudhannes ''gargaarsaa fi deeggarsa Naayijeeriyaa battalumatti addaan kutuuf'' dhaadataniiru.
Jimaata darbes Pirezidaantichi Naayijeeriyaa keessatti gidiraa fi ajjeechaan Kiristaanota bal'inaan raawwatamaa jiraachuu kaasuun biyyattiin "haala yaaddeessaa ta'een xiyyeeffannoo addan ilaalamuu akka qabu" labsuun isaanii ni yaadatama.
Sanbata kaleessaa darbe mootummaan Naayijeeriyaa ibsa karaa Ministeera Dhimma Alaa isaatiin baaseen himannaa Tiraamp kuffiseera.
Ministirri Dhimma Alaa Naayijeeriyaa Ambaasaaddar Yuusuf Tugar ibsa kennaniin ejjennoon Tiraamp dhugaa qabatamaa Naayijeeriyaa keessatti mul'atu kan hin calaqqisiifne ta'uu ibsaniiru.
Tiraamp Jimaata darbe miidiyaa hawaasaa isaanii Tiruuz irratti akka jedhanitti, Naayijeeriyaa keessatti jiraachuun Kiristaanotaa balaadhaaf saaxilameera, Ameerikaan ammoo ''yeroo hammeenyi akkanaa raawwatamu teessee hin ilaaltuu'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezidaantichi, Kiristaanonni kumaatamaan lakkaa'aman ''garee finxaaleyyiin ajjeefamaniiru jedhan
Mootummaan Naayijeeriyaa ibsa Sambata darbe kenneen, ''hokkora gareewwan kutaalee Afrikaa Dhihaa fi Saahel adda addaa keessatti waldhabdee fi qoqqoodinsa akka babal'atu gochaa jiran qolachuuf kutannoo qabu cimsee kan itti fufu'' ta'uu ibseera.
Pireezidaantiin Ameerikaa bakka bu'aa Dhiya Virginiyaa Riley Moore fi bakka bu'aa Oklahomaa Tom Cole dabalatee miseensonni Kongiresii hedduun taatee kana qoratanii kallattiin akka isaaf gabaasan ajajeera.
Akka seera Ameerikaatti, himannii "biyya yaaddoo addaa qabdu" jedhu maloota ittin Waashingitan biyyoota hordoffii addaa jala galchituu keessaa tokkodha.
Maqaan kun Waashingitan biyyoota bilisummaa amantii sarbuun himataman irratti qoqqobbii ykn dhiibbaa dippilomaasii akka kaa'amu kan hayyamudha.
Tiraamp biyyi Afrikaa Dhihaa Naayijeeriyaan ajjeechaa Kiristaanota irratti raawwatamu dhaabuu yoo dadhabde tarkaanfii waraanaa "ariifataa" fudhachuuf akka of qopheessitu akeekkachiisan.
Pireezidaantichi dabalataan deeggarsi fi gargaarsi Ameerikaan biyya boba'aan badhaatuu fi baay'ina ummataa qabdu kanaaf gootu hatattamaan akka dhaabbatu dubbataniiru.
Tiraamp Ameerikaan loltoota ishee yoo ergite garee finxaaleyyii haleellaa suukaneessaa raawwatan dhabamsiisuuf akka ta'u ibsuun, garuu waa'ee ajjeechaa fi dararaa Naayijeeriyaa keessatti Kiristaanota irratti raawwatamaa jiruu ilaalchisee ragaa qabatamaan dhiyeessan hin jiru.
Tiraamp Naayijeeriyaa ''biyya salphoo'' jechuun mootummaan ishee dafee tarkaanfii akka fudhatu akeekkachiisaniiru.
"Yoo haleella fudhanne, hamaa fi hadhaawaa ta'a, akkuma finxaalessitoonni Kiristaanota keenya jaallatamoo irratti raawwatan jechuudha!" jechuun barreessan Doonald Tiraamp.
Abujaan akeekkachiisa Tiraamp tarkaanfii waraanaa fudhachuuf kennaniif hanga yoonaa deebii hin kennine.
Waayit Haawus akkasuma tarkaanfii waraanaa Ameerikaan fudhattu kana ilaalchisee waanti jedhe hin jiru.
Garuu Ministirri Waraanaa Ameerikaa Peet Heggesett fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti waajjirri isaanii "qophaa'aa akka jiru" fi "mootummaan Naayijeeriyaa Kiristaanota eeguu yookaan shororkeessitoota hammeenya fokkisaa kana raawwatan ni ajjeesna" jechuun barreessaniiru.
Biyyi Afrikaa Dhihaa kun turtii Tiraamp yeroo jalqabaa san seera bilisummaa amantaa idil-addunyaa jalatti bilisummaa amantii ukkaamsitee ykn yeroo bilisummaan amantaa cabu calliftee ilaalte jedhamuun Muddee 2020 keessa "biyya yaaddoo xiyyeeffannaa addaan ilaalmuu qabdu " jedhamtee moggaafamte.
Haa ta'u malee, bulchiinsi Baayiden Sadaasa bara 2021, himata kanaaf ibsa tokkollee osoo hin kennin, irraa kaase.
Murteen kun qeeqa dhaabbilee bilisummaa amantii Ameerikaa fi Komishinii Bilisummaa Amantaa Idil-addunyaa Ameerikaa irraa kan ka'e yoo ta'u, ammallee Naayijeeriyaa keessatti bilisummaan amantii sarbamaa jira jechuun falmuu itti fufaniiru.
Tiraamp tarkaanfii waraanaa akka fudhatu doorsisuun dura prezidaantiin Naayijeeriyaa Bola Ahmed Tinubu Sanbata darbe wal danda'uu dhabuu amantii balaaleffachuun, tattaaffii biyyi isaanii bilisummaa amantii eeguuf gootu ibsaniiru.
"Naayijeeriyaan wal danda'uu dhabuu amantiitiin rakkachaa jirti jechuun dhugaa biyyattii hin calaqqisiisu, akkasumas mootummaan bilisummaa amantaa fi amantii lammiilee Naayijeeriyaa hunda eeguuf carraaqqii wal irraa hin cinne gochuu tilmaama keessa hin galchu," jedhan Tinubu.
Itti dabaluunis, ''Lammiilee amantaa hundaa eeguuf wabii heera mootummaatu jira,'' jedhan.
Ministeerri dhimma alaa Naayijeeriyaa finxaaleyyii waliin qabsaa'a akka jirtuu fi Waashingitan michuu dhiyoo taatee akka itti fuftu amantaa qabu ibseera.
"Gosa, amantii fi amantoota osoo adda hin baasiin lammiilee hunda eeguu itti fufna," jechuun ibseera. IItti dabaluun"Akkuma Ameerikaa Naayijeeriyaan humni ishee guddaan, garaagarummaa kabajuu malee filannoo biraa hin qabdu."
Naayijeeriyaan keessumaa kaaba bahaa keessatti waldhabdee garee fi sabaatiin kan rakkatte yoo ta'u, waggoota kurnaniif Bookoo Haraam fi garee finxaaliyyii amantaa Islamaa leellisaniin haleellaa irra deddeebi'anii raawwataa ture.
Gariin mootummaan ummata xiqqaa eegumsa gochuu dadhabeera jechuun yoo himatan, gareewwan mirga namoomaa garuu hawaasni Kiristaanas ta'e Musliimaa walitti bu'iinsa kanaan miidhameera jedhu.
Ministirri dhimma alaa Naayijeeriyaa ibsa sanbata darbe kennaniin, "mootummaan Pirezidaantii Bola Ahmed Tinubu michoota nagaa dhugaa, tasgabbii, bilisummaa fi dimokiraasiitti amanan waliin hojjechuuf kutannoo cimaa qaba" jedhan.












