Afrikaan Kibbaa karoora Donaald Tiraamp mormite

Tiraamp Afrikaa Kibbaarraa warra Afrikaanars jedhamaniifi adiii ta'an dursa kennanii Ameerikaatti akka fudhatan beeksisaniiru.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Mootummaan Afrikaa Kibbaa karoora Pirezidant Tiraamp qeeqe

    Tiraamp fi Raamaaphosaa

    Madda suuraa, Gett

    Ibsa waa'ee suuraa, Donaald Tiraamp bulchiinsa Afrikaa Kibbaa qeequ

    Tiraamp Afrikaa Kibbaarraa warra Afrikaanars jedhamaniifi adii ta'an dursa kennanii Ameerikaatti akka fudhatan beeksisaniiru.

    Afrikaan Kibbaa immoo himannaan warri Adiirratti hacuuccaan raawwateera jedhu ragaa hin qabu jechuun waakkatte.

    Hawaasi Afrikaanars ijoo ta'anis sochii Tiraamp kana qeeqaniiru.

    Bulchiinsi Tiraamp lakkoofsa baqattoota Ameerikaa seenuun eeyyama argatanii, bara dhufturraa kaasee 7,500tti daangessuufi lammiilee Afrikaa Kibbaa adii tahaniif dursa akka kennamus himeera.

    Guraandhala darbe pireezidantiin US Afrikaa Kibbaadhaaf deeggarsi kennamuu akka dhaabbatu himuun hawaasni adii Afrikaa Kibbaa Afriikaanars- baayyeen isaanii sanyii warra Daachiifi Faransaayi Afrikaa Kibbaa dur qubatan-Ameerikaa akka galan eeyyaman.

    Dabalata:

  2. Turistiin waggaa 60 booda buqqee mataa kaatiidaraala bataskaanaa hate deebise

    Buqqee mataa namaa kaartoonii keessa jiru

    Madda suuraa, St Stephen's Cathedral

    ''Waanuma tasa hin eegne dha,'' jedhe Firaaz Zeheetnar waan saanduqaan saamsamee bataskaana kaatidaraalii Viyeenaa, St Steefaanitti ergame banee yoo buqqee mataa namaa argu.

    Ogeessi kunuunsa galmeewwan kaatidaraalii kanaa buqqeen mataa fudhatamee akka ture amanuun yeroo deebifamu keessa xalayaan ibsa kennu akka keessa ture himeera.

    Namni kaaba Jarman jiraatu waggaa 60 dura dargaggummaatti daawwannaaf Veeyinaa dhaqee hatee fudhachuu himuun, amma deebisee kennuu akka barabades barreeseera.

    Buqqee mataa kana gamoo kaatidaraalichaa jala yeroo daawwataa turetti namoota 11,000 jaarraa 18ffaa keessa awwaalaman keessaati fuudhe.

    Xalayaa isaa keessatti turistiin kuni umriisaa dullumaa keessa gaabbiin nagaa waan dhabeef mataa buqqee kana deebisuuf akka murteesse hime.

    Buqqeen mataa kuni kan eenyu akka tahe beekamuu baatsu, kaatidaraala sana keessa garuu maatiin moototaa Ostiriyaa,Viyeenaa ni awwaalamu.

  3. Akkam bultan?

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Sambataa eegale.

    Oduuwwan biyya keessaa fi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Karaa Whatsapp , marsariitiin , YouTube akkasumas Facebook irratti nu hordofaa.

    Lafa nagaa oolaa!

  4. ''Lakkisaa ani gammachuun qaba'' - Leenjisaa Liivarpuul

    Leenjisaa Liivarpuul
    Ibsa waa'ee suuraa, Liivarpuul booda kana walitti aansee mo'amaa jira

    Liivarpuul rakkoo jabaa keessa jira. Leenjisaan isaanii Arnee Isloot immoo dhiibbaa jala jiru.

    Bara dorgommii baranaa taphoota torba walitti aansanii mo'anis, booda kana kan taphatan torba keessaa jaha mo'amaniiru.

    Kuni Pirimeer Liigiis dabalateeti.

    Dhihoo Liivarpuul Kiristaal Paalaasiin 3fi 0'n mo'amee Waancaa Kaaraabaawoon ala ta'eera.

    Taphicharratti Isloot gara caalu dargaggootaafi garee muuxannoo hin qabne hiriirsan.

    Ta'us, garee isaaniitti gammachuu akka qaban dubbatan.

    ''Waan dhabne hin qabnu,'' kan jedhan Isloot, ''ga'umsa garee keenyaan gammachuu baay'een qaba,'' jechuun dubbatan.

    Dubbiin isaanii kuni garuu dubbii kana dubbataniin wal darba.

  5. Ilmoon namaa Addeessarra hin qubanne jechuu Kiim Kaardaashiyaan Nasa'n kuffise

    Kiim Kaardaashiyaan uffata adiin

    Madda suuraa, Getty Images

    Dubartiin TV beekamtuu Kiim Kaardaashiyaan ilmi namaa bara 1969 yeroo jalqabaaf Adeessarra qubate inni jedhame soba jechuushee Nasa'n kuffise.

    ''Eeyyeen Adeessarra qubanneerra...isayyuu al jaha!'' jechuun bulchaan yeroo Nasa Sheen Duufii miidiyaa hawaasaa isaanii irratti barreessan

    Kaardaashiyaan dhimma kana kan dubbatte sagantaa TV ishee haaraa darbaa jiru irratti dha.

    Saganticha irrattis dubartii biroo waliin jirtutti ergamni Adeessaa bara sanaa ''waan raawwate dha'' jettee akka hin yaadne himti.

    Odeessi shiraa ilmaan namaa Adeessarra qubatanii hin beekan jedhu irra deddeebiin soba tahuu himamus oduun kuni waggoota 50f itti fufeera.

    Bara Miidiyaa hawaasa kana ammoo ittuu hammaateera.

  6. Marsariitiin saal-quunnamtii umriin daangaa kaa'amnaan daawwataan %77 hir'ise jedhe

    Marsariitii Pornhub

    Madda suuraa, Getty Images

    Marsariitiin saal-quunnamtii (Pornhub) UK umrii namoota viidiyoo daawwatanii seerri mirkaneessu ragga'uun booda kanneen marsariiticha daawwatan lakkoofsi isaanii %77 hir'ise jedhe.

    Marsariitiiwwan dhorkaa haaraa umrii irratti bahe hin fudhanne fayyadamoo tahaa jiru jedhe.

    Waan marsariitiin Pornhub jedhamu jedhu kana mirkaneessuu baatus - ragaan Google irraa argame akka agarsiisutti seerrii kuni bahuun booda lakkoofsi mil'annaa marsariitichaa walakkaan hir'iseera.

    Kuni namoonni hamma pornii daawwatan hir'isuu waliinis hidhata qabaachuu mala garuu immoo namoonni VPN fayyadamuun iddoorraa daawwatan dhoksuun daawwachuus danda'u.

    Pornhub marsariitii saal-quunnamtii baay'inaan daawwatamu yoo tahu - marsariitiiwwan akka addunyaatti daawwataman keessaa ammoo sadarkaa 19ffaa irra jira.

    UK keessatti namni marsariitii kana daawwachuu barbaadu nama ganna 18 ol tahuu teeknolojii fuula adda baasu dabalatee umriisaa mirkaneessuun dirqama taheera.

  7. Gamoon bataskaanaa waggaa 100f ijaaramaa jiru dheerinaan addunyaarra tokkoffaa tahe

    Gamoo bataskaan

    Madda suuraa, Getty Images

    Gamoon bataskaan Kaatolikii Saagraadaa Faamiliyaa, Baarseloonaa bataskaan dheeraa addunyaa kanaa tahe. Kunis ijaarsi fannoon Yasuus mataa gamoorra kaa'amuun booda mirkanaa'e.

    Yeroo ammaa kana gamoon kuni meetira 162.91 kan dheeratu yoo tahu rekardii dheerina bataskaana Kaatolikii Jarman Ulm Minster bara 1890 irraa qabee qabame cabseera.

    Arkiteektii beekamaa Antoonii Goodiin saxaxamee Baarselonaa keessatti bataskaanni waggaa 100f ijaaramaa jiru ijaarsisaa waggaa dhufu akka xumuramu eegama.

    Ji'oota dhufan keessatti gamoon fannoon Tower of Jesus Christ yeroo xumuramu dheerinnisaa meetira 172 gaha jedhameera.

  8. Ashamaa! Tamsaasni kallatti Jimaata har'aa eegale

    Dhimmoota addunyaafi biyyi irraa haasa'aa jiran jala, jalaan hordofne isin biraan geenya.

    Nu faana bu'aa!

  9. Yeroo Itoophiyaa waliin muddamni cimetti Masriin Ertiraa bira dhaabatte

    Pirezidantii Ertiraafi Masrii

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidant Isaayyaas yeroo Itoophiyaa waliin muddamni cimetti gara Kaayiroo imalan

    Yeroo muddamni Itoophiyaafi Masrii gidduu hammaate jirutti masaanuun Itoophiyaa Masriin Ertiraa bira akka dhaabbattu beeksiste.

    Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii guyyaa kamisaa daawwannaa guyyaa shaniif gara Kaayiroo imalaniiru.

    Dabalata:

  10. Wayita Itoophiyaan gaaffi Asab cimsaa jirtutti mariin Ertiraa fi Masrii eegamaa jira

    Dureewwan Masriifi Ertiraa

    Madda suuraa, Getty Images

    Dubbi cimaa MM Itophiyaa booda, waamicha pireezidaantii Masrii Abdulfattaah Alsiisiitiin Pirezidaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii daawwannaa guyyoota shaniif Masriitti imalaniiru.

    Isaayyaas Ministira Dhimma Alaa Usmaan Saaleh waliin ta'uun Kamisa waaree booda Kaayiroo galuu Ministirri Odeeffannoo Eertiraa beeksiseera.

    Mariin kun dhimma gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaarratti xiyyeeffachuu akka malu kan xiinxaltootni kaasan.

    Akka ibsa Ministeerichaatti garuu sirna eebba muuziyeemii guddicha biyyattii irratti argamuun hariiroo biyyoota lamaanii irratti akka mari'atan ibsa.

    Kana malees dhimmoota naannoo fi idil-addunyaa irratti ni mari'atu jedha.

    Bara darbe Pirezidaanti Isaayyaas Masrii dhaquun Pireezidant Al Sisii fi Pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad waliin gamtaa garee sadii ijaaranii turan.

    Masriin erga Hidhi guddichi Itoophiyaa xumuramees Itoophiyaatti dhaadachuu hin dhiisne.

    Qondaaltonni Itoophiyaas irra deddeebiin Masriin shiraa fi diinummaa, keessumattuu mormitoota hidhachiisuun himachaa turaniiru.

    Kana malees dhimmi waraanaa sudaanitti hammaate dhimma ijoo marii isaanii ta'uu akka danda'u eeramaa jira.

    Dabalata:

  11. Tiraamp yaalii dhukaasa nikularaa waggaa 30 booda akka eegalu ajaje

    Meeshaa waraana

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp gaggeessitoonni waraanaa biyyattii yaalii dhukaasa nikularaa akka taasisan ajaje kenne.

    Tiraamp yaaliin dhukaasa nikularaa akka gaggeeffamu ajajuunsaa biyyoota akka Chaayinaafi Raashiyaa waliin wal-simsiisufi jedhame.

    US waggaa 30 olitti yeroo jalqabaaf yaalii dhukaasa nikularaa gaggeessuusheeti.

    "Biyyoonni biroo sagantaalee yaalii dhukaasa nikularaa gaggeessaa waan jiraniif, haala wal-qixa ta'een Meeshaalee Nikularaa keenya akka yaalii dhukaasaa gaggeessuuf Dippaartimentii Waraanaa ajajeera," jechuun Tiraamp fuula moodouaa hawaasaa isaa gubbaatti barreesse.

    Tiraamp kana barreessunsaa pirezidaantii Chaayinaa Shii Jiin Piing waliin Kooriyaa Kibbaatti osoo wal-hin argin dura.

  12. Haleellaa Israa'el Gaazaa keessatti gaggeessiteen daa'imman 46 dabalatee namoonni 100 ajjeefaman

    Dubartii daa'ima qabattee bakka haleellaan caccabe keessa jirtu

    Madda suuraa, Reuters

    Haleellaa Israa'el Kibxata galgala Gaazaa kessatti walitti aansuun gaggeessiteen daa'imman 46 dabalatee yoo xiqqaate Filisxeemonni104 ajjeefamuu ministeerri fayyaa Hamaasiin hogganamu beeksiseera.

    Humni waraanaa Israa'el, "wiirtuuwwan shororkeessitootaa hedduufi shororkeessitootarratti" xiyyeeffachuun haleellaa raawwachuu kan mirkaneesse yoo ta'u, tarkaanfii kana kan fudhateefis Hamaas jaarsummaa Ameerikaatiin waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra gahamee ture cabsuufi loltuun tokko ajjeefamuun akka ta'e ibseera.

    Haleellaa walitti aansee Israa'el gaggeessite manneen jireenyaa, manneen-barnootaa fi gadoota kaaba, giddu-galeessaafi kibbaa Gaazaatti argaman rukkuteera.

    Haleelaa kanaan namoonni 250 ol ta'a'nis miidhaan irra gaheera.

  13. Ertiraan ejjennoo Itoophiyaan Galaana Diimaarratti qabdu tibbana ibsaa jirturratti deebii kennite

    Ministira Beeksisaa Ertiraa Yamaanee Gabremasqal

    Madda suuraa, SM

    Mootummaan Ertiraa ejjennoo Itoophiyaan dhimma Galaana Diimaa ilaalchisuun tibbana ibsaa jirtu balaaleffate.

    Ministiirri Odeeffannoo Ertiraa Yamaanee Gabremasqal dubbii Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) Onkoloolessa 28, 2025 ulaa galaanaa Asab dabalatee biyyasaaniif barbaachisummaa Galaana Diimaa ilaalchisuun bakka bu'oota ummataaf ibsan cimsee qeeqeera.

    "Abjuun PP [Prosperity Party] waa'ee Asab yeroodhaa gara yerootti hammaataa waan dhufe fakkaata. Erga as dhiyootiimmoo "rukkina ummataa" kan ilaallatudha. Asab Ertiraa magaalota Itoophiyaa rukkina ummataa (population density) olaanaa qaban waliin yeroo ilaalamu ummata baayyee faffagaateeru qabdi.

    Kun akka kaleessa [Kibxata] walga'ii paarlamaarratti ibsametti, akka PP jedhutti, "Asabiin yoo danda'ame mariin, ta'uu baannaan waraanaan dhuunfachuu ta'uu mirkaneessa," jechuun dubbii MM Abiy paarlaamaarratti taasisan akeekuun deebii kenne.

    Har'a ammoo Pirezdaantiin Ertiraa Isaayyaas Afawerqii affeerraa preezdaantiin Masrii Abdel Fattaah Al-Sisiin taasiseefiin daawwannaa hojii guyyoota shaniif ganama gara Masriitti qajeeleera.

  14. Tiraamp qaraxa meeshaa Chaayinaarraa galanirra kaa’amee ture hir’isuu beeksie

    Doonald Tiraamp fi Shii Jiinping

    Madda suuraa, AFP

    Tiraamp qaraxa meeshaa Chaayinaarraa galanirra kaa’amee ture hir’isuu beeksise.

    Doonaald Tiraamp Kooriyaa Kibbaatti pirezidaantii Chaayinaa Shii Jinping waliin marii taasifte hordofuun Ameerikaan Chaayinaa waliin waliigaltee daldalaa ''yeroo dhiyootti'' mallatteessuu dandeessi jedhe.

    Mariin kun erga waldhabdeen daldalaa biyyoota dinagdee gurguddoo addunyaa lamaan gidduutti deebi’ee hammaatee booda akka boqonnaa tokkootti ilaalama.

    Tiraamp meeshaa Chainaarraa galanirra kaa’amee ture hir’isuu kan beeksise oo ta’u, kunis kan ''battalumatti hojiirra oolu'' ta’a.

  15. Doonaald Tiraamp fi Shii Jiinping: Harka wal fuudhufi walitti hasaasuu

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi Pirezidantiin Chaayinaa Shii Jiiping Kamisa Kooriyaa Kibbaati qaamaan wal argan.

    Yeroo fuulaa fuulatti wal argan kanattis osoo qofaatti adda ba'anii gara bakka saatii lamaaf qofaatti marii gaggeessanitti hin deemiin kaameraa fuulduratti harka wal fuudhanii, walitti hasaasaniiru.

    Hoggatoonni biyyoota gurguddoo lamaan kun waldhabdee daldalaa gidduusaaniitti hammaateen booda qaamaan kan wal argan yoo ta'u, erga bara 2019 kora G20 Jappaan Osaakaatti qophaa'erratti wal arganii booda kun kan jalqabaati.

    Tiraamp Shii waliin wal arguun "milkaa'ina guddaadha" jechuun jajatan.

    Yeroo harka wal fuudhanii gurratti walitti hasasan daawwadhaa.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Yeroo harka wal fuudhanii gurratti walitti hasasan daawwadhaa.
  16. UN muddama Itoophiyaafi Ertiraa gidduu jiruuf maaltu fala jedha?

    Aanga'aa UN

    Madda suuraa, Getty Images

    Itoophiyaafi Ertiraa gidduu yeroo kamuu caalaa muddamni cimeera. Biyyoonni lamaan bara 2018 hariiroo tolfatanii michuu jabaa ta'anii turan.

    Yeroo waraana kaaba Itoophiyaa, Ertiraan mootummaa federaalaa bira gortee humnoota Tigraay lolaa turte.

    Ta'us, Waliigalteen Piritooriyaa akkasumas Itoophiyaan gaaffii ulaa galaanaa dhiheessuun muddama uume.

    Adeemsa keessa wal himachaa, walitti dhaadachaa yoona gaheera.

    Itoophiyaan ulaa galaanaatti ishee baasu karaa nagaan argachuuf dhiibbaa uumuu itti fufteetti.

  17. Taanzaaniyaatti guyyaa filannoorra mormiin ka'ee dhorkaan sochii kaa'ame

    Namoota mormii irratti nama miidhame siree mukaan baatanii deemaa jira.

    Magaalaa guddoo Taanzaaniyaa, Daar es Salaamitti poolisiifi mormitoota gidduu walitti bu'uun uumamuun booda qondaaloti biyyattii dhorkaa sochii kaa'an.

    Maddeen Hospitaala Muhimbiilii dhukkubsattoota baayyee arguu BBCtti himan, kunis yeroo Taanzaaniyaan filannoo pireezidantiifi paarlaamaa geggeessanitti raawwate.

    Filannoo kanaan Pireezidantii biyyattii Saamiyaa Suluhuu fi paartinshee akka mo'atan akeekamaa jira, hogganaan paartii mormituu himannaa biyya ganuun mana hidhaa kan jiran yoo tahu deeggartoonni filannoorratti hirmaachuu lagataniiru.

    Mormitoonni adeemsa filannoo irratti haaromsi akka jiraatuufi sochiin siyaasaa bilisaa akka jiraatu gaafatan konkolaattota ibidda itti kaa'uun bu'uuraalee misoomaa uummataa irratti miidhaa qaqqabsiisaniiru.

    Hogganaan Poolisii Taanzaaniyaa Kaaamilus Waamburaa galgala sa'atii 12:00 irraa dhorkaan akka jalqabu himuun namoonni mana keessa akka turan gorsaniiru. Dhorkaan kuni yoom akka ka'u hin himne.

  18. MootummaanTaanzaaniyaan hojjetoonni manumaa akka hojjetaniif ajaje

    Aanga'aa Taanzananiyaa

    Madda suuraa, Twitter

    Mootummaan Taanzaaniyaa hojjettoonni mootummaa har’a Waxabajjii 30, 2025 mana taa’anii akka hojjetan gaafateera.

    Dubbi-himaan mootummaa, Gerson Misiigwaa, ergaa instaagiraamiisaarratti maxxansuun, akeekkachiisa nageenyaa humni poolisii baase hordofuun jiraattonni magaalaa Daar es Salaam mana taa’anii akka hojjetan beeksise.

    "...kanneen itti gaafatamummaa hojii isaanii akkaataa qajeelfama hojjechiistota isaaniitiin bakka hojii isaaniitti argamuun dirqama ta'e malee , Onkoloolessa 30, 2025 hojjettoonni mootummaa biyyattii hundi mana taa'anii kan hojjetan ta’a."

    Ibsichi hojjechiistonni damee dhuunfaa akeekkachiisa kana akka dhaggeeffatan gorfamuus ibseera.

    Taanzaaniyaatti gaafa 29/10/2025 hoggantoota isaanii filachuuf ummanni sagalee kennaa ooleera. Kana hordofee, mormii mudateen mormitootaan daandiin hedduun cufamee ture.

  19. Ashamaa! Tamsaasa kallattiin oduu isiniif dhiyeessuu eegalleerra.

    Akkam jirtu? Odeefannoo biyya keessaa, ollaa, Afrikaa hanga Baha Giddu-galeessaatti isiniif ta'u qixeessinee asiin isiniif dhiyeessina.

    Dhiyaadhaa!