Bukaayoo Saakaan Arsenaal Waancaa injifachuu ilaalchisee maal jedhe?

Madda suuraa, Getty Images
Jifataan Arsenaal Bukaayoo Saakaan waa'ee dorgommii bara kanaa fi waancaa injifachuu Arsenaal yeroo dubbatu,''ammallee waa'ee kanaa afaan guutanii dubachuuf yeroon isaa ganaadha'' jedhe.
Haa ta'uu malee "waggoota darban taphoota akka Niwukaastil dirree alaatti taphatame bu'aa gaarii nuuf hin argamsiisne ture. Bara kana garuu kana gochuu dandeenyeerra."
Amma ganaa reefu Onkoloolessa keessa jirra kan jedhe Saakaan ammarra dhaabbatanii dhimma waancaa injifachuu irratti mari'achuun ammallee yeroon isaa jalqaba irra akka jiru dubbate.
Saakaan "waggoota sadan darbaniif qaama dorgommii waancaa ta'een ture. Muuxannoo sana irraa wanti ani baradhe amma caalaa baatii Ebla keessati sadarkaa tokkoffaa ta'uuf yaaluun si barbaachisa. Dursaa deemuu caalaa yeroo barbachisutti dursanii argamuun akkas murteessaa ta'e baradheera.
''Yeroo ammaa kana xiyyeeffannaan dorgommii keessa turuu fi hunma horachuudha. Waggaa kana garee baayyee cimaa ta'uu keenya fi ga'uumsa guddaa akka qabnu natti dhaga'ama. Dhugumaan akkan gochuu dandeenyu akkan amanu na taasisaa jira," jechuun dubbate.












