‘Filannoon biyyaalessaa yeroosaa eeggatee adeemsifama’ - MM Abiy Ahimad

“Mootummaan filannoo gochuuf humna guutuu qaba” kan jedhan MM Abiy, filannoon biyyaalessaa 7ffaa filannoo fooyyee akka ta’ufi yeroosaa eeggatee akka adeemsifamu dubbataniiru.

Guduunfaa

  • Akkaataan Itoophiyaan ulaa galaanaa itti dhabde rakkoo seerummaa akka qabu MM Abiy himaniiru. Murteen Itoophiyaan ulaa Galaana Diimaa akka dhabdu taasise kaabinee waqtii sana tureen kan hin murtoofne ta'uu himan.
  • 'Filannoon biyyaalessaa yeroosaa eeggatee adeemsifama' - MM Abiyy Ahimad
  • MM Abiy hidhattoota naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessa socha'an ilaalchisuun waan jedhan
  • 'Bara kana galiin birrii tiriiliyona 1 akka ta'u egama' -MM Abiy
  • "Barri darbe seenaa keenya keessatti sharafa alaa olaanaa kan itti argannedha"
  • Manni-maree Bakka Bu'oota Ummataa 6ffaa waggaa 5ffaa yaa'ii idilee 2ffaa gaggeessuu eegale
  • Gaaffii ijoon miseensonni Paarlaamaa MM Abiy akka deebisuuf kaasaa jiran
  • Koolugaltoonni UK kaampiiwwan waraanaa keessa akka qubatan tahuufi
  • Tiraamp hariiroon US-Jaappaan 'bara warqee' haaraa keessa seenuu labsan
  • Masiriifi Fannoon Diimaa reeffa namoota butamanii Gaazaa keessa barbaaduuf walta'an
  • Finciltoonni waajjira muummee waraana Sudaan magaalaa murteessituu keessa jiru qabachuu himan
  • Israa'el reeffa Hamaas kan namoota butamanii Gaazaa keessa turaniiti jette fudhatte
  • Whatsapp , marsariitiin , YouTube akkasumas Facebook irratti nu hordofaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Xiyyaarri namoota 12 qabatee deemaa ture qarqara Keeniyaatti kufee caccabe

    Xiyyaara kufee caccabe

    Madda suuraa, Social media

    Xiyyaarri namoota 12 qabatee balali'aa ture Kaawontii Kiwaalee kan qarqara Keeniyaatti argamtutti kufee caccabuu, Abbaan Taayitaa Aveeshinii biyyattii beeksise.

    Xiyyaarri kun magaalaa qarqara galaanaa Keeniyaa Diyaanii jedhamturraa gara rizoortii paarkii taphaatti akka sa'aatii naannoo sanaatti 05:30 (02:30 GMT) osoo balali'aa jiruu kufee caccabuu Abbaan Taayitaa Sivil aveeshinii Keeniyaa (KCAA) himeera.

    Maddi oduu tokko poolisii eeruun akka gabaasetti, turistootatu xiyyaara kana keessa ture. Miidiyaaleen Keeniyaa bakka xiyyaarri kun itti kufeetti caccabaa xiyyaarichaafi gubachaa jiraachuu agarsiisaniiru.

    KCAAn akka jedhetti, ejensiiwwan mootummaa bakka xiyyaarri kun itti kufee caccabe qaqqabanii balaa kanaaf sababiin maal akka ta'eefi miidhaa qaqqabe qorachaa jiru.

  2. MM Abiy dhimma ulaa galaanaa argachuurratti mnaal jedhan?

    MM Abiy yeroo paarlaamaa seenanii bakka qabataa jiran

    Madda suuraa, Getty Images

    Akkaataan Itoophiyaan ulaa galaanaa itti dhabde rakkoo seerummaa akka qabu MM Abiy himaniiru.

    Murteen Itoophiyaan ulaa Galaana Diimaa akka dhabdu taasise kaabinee waqtii sana tureen kan hin murtoofne ta’uu himan.

    Dabalataan murteen kun mana mareenis ta’e sagalee ummataan kan hin murtoofne akka ta’es kaasan.

    “Karaan (Galaana Diimaa) itti dhabne rakkoo seerummaa akka qabu kan agarsiisu dhaabbileen (murticha) keessatti hin hirmaanne” jedhan.

    Dabalataan ulaa galaanaa “akkamiin akka dhabne kan agarsiisu waraqaa fuula tokkoyyuu hin arganne,” jedhan.

    Dhimma Galaana Diimaa kanas bifa tasgabbaa’eefi mariidhaan itti adeemuun barbaachisaadha kan jedhan MM Abiy, “Itoophiyaan qabsoo waggoota 30 ol fudhateen Galaana Diimaa dhabde.

    Galaana Diimaa argachuuf garuu waggaa 30 ishee barbaachisa jedhee hin yaadu,” jedhaniiru.

  3. ‘Filannoon biyyaalessaa yeroosaa eeggatee adeemsifama’ - MM Abiyy Ahimad

    Dubartii Itoophiyaa filachaa jitu

    “Mootummaan filannoo gochuuf humna guutuu qaba” kan jedhan MM Abiy, filannoon biyyaalessaa 7ffaa filannoo fooyyee akka ta’ufi yeroosaa eeggatee akka adeemsifamu dubbataniiru.

    Qaamoleen “Filannoon osoo hin adeemsifamin hafee barumtaasaatti ‘mootummaa cee’umsaa jenna’ jedhanii kan abjootan jiru” kan jedhan MM Abiy, filannichi akka adeemsifamu dubbatan.

    Qaamolee kunneeniinis “qophaa’aatii dorgomaa” jechuun waamicha dhiyeessan.

    Gama biraatiin filannichaan booda “Manni maree kun bifa yeroo ammaa qabu kana hinqabaatu jedheen yaada” kan jedhan MM Abiy, manni marichaa “Sagaleewwan baay’een kan itti seenan akka ta’u abdiin qaba” jedhan.

    Dabalataan filannicha dimokiraatawaa gochuu akka barbaachisus dubbataniiru.

  4. MM Abiy hidhattoota naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessa socha'an ilaalchisuun waan jedhan

    Hidhattoota WBO

    Madda suuraa, EBC

    MM Abiy hidhattoota naannolee Amaaraafi Oromiyaa keessatti humnootii mootummaan wal waraanaa jiraniin (Faannoofi WBOn) “ergamtoota galma hin qabane” jechuun qeeqan.

    Dhimma nageenyaan walqabatee gaafilee miseensota mana-maree bakka bu’oota ummataarraa dhiyaataniif deebii kan kennnan MM Abiy, “Itoophiyaa keessa ce’umsa aangoo naga-qabeessa qofatu barbaachisa” jedhan.

    Rakkooleen nageenyaa biyyattii keessatti mul’ataniif biyyoonni biroon qooda qabaachuu kan himan MM Abiy, “biyyoonni Itoophiyaan dadhabduu taatee akka jiraattu, Itoophiyaan miila lamaan dhaabbachuu akka hin dandeenye barbaadaniifi hojjetan jiru,” jedhan.

    Biyyoonni kunneen waraanaan nu injifachuu akka hin dandeenye ni beeku kan jedan MM Abiy, biyyoonni kun qaamolee biyya keessatti hidhatanii socho’anitti fayyadamuu himan.

    Gama biraatiin “Itoophiyaa keessa ce’umsa aangoo naga-qabeessa qofatu barbaachisa” kan jedhan MM Abiy, mootummaan qaamolee ‘rakkoo qaba’ jedhu waliin mari’achuu himan.

    Akka fakkeenyaattis “Shanee waliin mari’annee humni Shanee gariin nagahaan galanii aangoorra hin jiranii?” jechuun bifa gaaffiin deebisan.

    Hidhattoota naannolee Amaraafi Oromiyaa keessa socho’an “Shanee Amaaraa fi Shanee Oromiyaa” jechuun kan ibsan MM Abiy, hidhattoonni kun “ergamtoota, galma hin qaban” jedhan.

    Mootummaan qaama kara nagaan dhufu simachuufi waliin mari’achuuf qophii ta’uus himaniiru.

  5. Gosoota nyaataa Jaappaanitti Tiraamp akka filataniif dhiyaateef

    Tiraamp daawwannaaf Jaappaan jira

    Madda suuraa, Waayit Haawus/ YT

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp daawwannaaf Jaappaan jira

    Doonaald Tiraamp daawwannaaf Jaappaan jiru. MM biyyattii Takaachii waliini wal arguun yoo mari'atan michuu walii akka tahan himan.

    Gaggeessitonni biyyoota lameenii wlaiigaltee adda addaa walii mallatteessaniiru. Ameerikaan Jaappaaniif misaa'eloota ammayyaa gumaachiti.

    Jaappaan invastimantii gurguddaa US keessatti gaggeesiti. Dhuma irratti Tiraampiif laaqanni dhiyaateera. Akka keessaa filataniif kan Meenuu irratti barraa'ee dhiyaateeru kanneeni.

    • Risotoo foon lukkuu fi ruuzii Ameerikaa waliin
    • Isteek- Foon diimaa laafaa irraa hojjetamu, fuduraa
    • Dezert- Firuut Jeelii- Vaaniilaa fi ayiskireemii waliin. Waan Naaraa jedhamu naannoo dhaloota Takachi irraa kan argame.
    • Bunaa fi Shaayee

    Tiraamp gaaffii tokko malee ruuziima Ameerikaan hojjetamee fi isteekii filate.

    Warri Jaappaan isinis ruuzii Ameerikaa bitadhaa jedhan.

  6. Waraanni Sudaan magaalaa murteessituu taate el-Fasheer RSFn irraa fudhatamuu mirkaneessee

    Hogganaa humna waraanaa Sudaan Jeneraal Al-Buraan

    Madda suuraa, Reuters

    Humni waraanaa Sudaan magaalaa murteessituudha jedhamte ji'oota 18f qabatee ture garee Humna Addaa Sudaan (RSF)n irraa fudhatamuu mirkanesse.

    Hoganaan Humna Waraanaa Sudaan gama lixa biyyattiin magaalaa dhumaa qabatee ture el-Fasheer keessaa bahuu mirkaneesseera. Kun erga RSF magaalattii to'achuu labseen boodadha.

    Ergaa karaa televizhinii dabarseen, Jeneraal Abdel Fattaah al-Buraan "mancaatiifi ajjeechaa namoota nagaa tooftaan gggeeffamu" hambisuudhaaf gadhiisanii bahuu mirkaneesse.

    Jeneraal al-Buraan akka jedhetti, "gadhiisanii bahanii lammilee nagaafi magaalaattii hafte mancaatiirraa oolchuuf gara bakka naga-qabeessa ta'etti" akka deeman hggantoota naannoo sanaa waliin waliigalaniiru.

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) guyyoota dhiyoo asitti gabaasa ajjeechaa RSF namoota nagaarratti raawwatu yaaddessaa ta'uu kaaseera.

    RSFn garuu namoota nagaa ajjeesaa ture jechuun himannaa dhiyaate haaleera.

    RSFn qabamuun el-Fasher waraana biyya keessaa Sudaan keessatti jijjiirama guddaa ta’uu danda’a, kunis Ebla bara 2023 irraa eegalee lammilee kuma kudhaniin lakkaa’aman kan galaafateefi gara miliyoona 12 ta’an qe’ee isaaniirraa buqqa’eera.

  7. Osoo waraanni ka'ee shakkii tokko malee mo'anna- Tiraamp

    Tiraamp Jaappaan Doonii waraanaa USS Joorji Waashingitan jedhamu irratti loltoota US'n marfamanii

    Madda suuraa, You Tube/Waayit Haawus

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp Jaappaan Doonii waraanaa USS Joorji Waashingitan jedhamu irratti loltoota US'n marfamanii

    Tiraamp daawwannaaf gara Jaappaan deemeera. MM biyyattii Taakaachiin kan simatame Tiraamp, xiyyaarri isaa doonii waraanaa Ameerikaa USS Joorji Waashingitan jedhamu irra qubatte.

    Achitti loltoonni Ameerikaa hedduu isa simataniiru. Dooniin waraanaa Ameerikaa kun xiyyaarota waraanaa hedduu baachuu danda'a. Misaa'elootas ofirraa qaba.

    ''Nagaa cimina keessaan argamu'' jedha barreeffamni doonii waraanaa sana irra jiru.

    'Osoo waraana keessa jirra tahee silaa ni mo'anna ture'' jedhe Tiraamp.

    ''Ameerikaa ittisuu ilaalchisee akka bulchiinsa US darbee siyaasaaf jecha dubbii sirrii taha jenne dubbanna miti. Dhimma irraa hin qabnu, isinoo?'' jedhan Tiraamp.

    ''Amma irraa jalqabee osoo waraana wayii keessa jiraanne ni mo'anna'' jedhe.

    MM Jaappaan Takaachiin, ''rakkoo nageenyaa hin eegamne hamaa keessa jirra'' jette.

    ''Nagaan jechootaan qofa hin dhufu. Kutannoo hin sochoonee fi gochaan dhufa,'' jette.

    Jaappaan Misaa'eloota ammayyaa Ameerikaa irraa argachaa jirti.

    Humna ittisaa ishee jabeessuu fi kana caalaa qophii tahuuf akka hojjetan MM Jaappaan himaniiru.

  8. Waggaa ja'a keessatti manneen miliyoona 1.5 ijaaruuf karoorfameera -MM abiy

    Mana jireenyaa ijaarame

    Madda suuraa, Mayor od Addis Ababa/facebook

    Mana jireenyaan walqabatee namni hundi mana jireenyaa dhuunfaasaa akka qabaatu gochuun kan hin danda’amne ta’uu dubbatan.

    Haata’u malee, ta’uu kan qabu namni mana kireeffachuu yoo barbaade mana hamma humnasaatiin kireeffatu akka argatu gochuudha jedhan.

    Mootummaan waggoota jaha dhufan keessatti manneen jireenyaa miliyoona 1.5 ijaaruuf karoorfachuu kan himan MM Abiy, hojii kanaaf qophii taasisaa turuus himan.

    Pirojektiin kunis yoo xiqqaate birrii tiriliyoona 3 ol kan fixu ta’uu himaniiru.

  9. Buufata Xiyyaaraa Bishooftuu ilaalchisuun MM Abiy kan jedhan

    Buufata Xiyyaaraa Bishooftuu ijaaramuuf jiru

    Madda suuraa, ENA

    Ministirri Mummee Abiyyi Ahimad gaafii piroojeektota gurguddoo ilaalchisee dhiyaateef yemmuu deebisan, hojiin dizaayinii buufata xayyaaraa Bishooftuu xummuramuufi gorsaan qacaramuu himaniiru.

    Qonnaan bultoota sababa pirojektii kanaan buqqa’an rakkoon kana dura mudachaa ture akka hin mudanneef “hojiin bal’aafi nama boonsu” hojjetamuu himan.

    Buufanni xayyaaraa kun dandeettii waggaatti imaltoota miliyoona 100 ol keessummeessu akka qabufi Afrikaa keessatti buufata xayyaaraa isa guddaa akka ta’us himan.

    Dabalataan piroojeektichi yaada Itoophiyaan giddugala geejiba qilleensaa ta’uun Afrikaa kutaalee addunyaa biroo waliin qunnamsiisuuf qabdu milkeessuuf qooda guddaa akka qabu himaniiru.

    Pirojektiin kunis investimantii doolaara biliyoona 10’tti tilmaamamu ta’uu dubbatan.

  10. 'Guddinni Itoophiyaa akka kanaan duraa kan lakkoofsaa miti' -MM Abiy

    Paarlaamaa Itoophiyaa Onkoloolessa 2025

    Madda suuraa, Oromia Prosperity Party

    Guddinni diinagdee Itoophiyaa biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya ta’uu kan himan MM ABiyyi, “Guddinni Itoophiyaa akka kana duraa kan lakkoofsaa miti” jedhan.

    Dabaluunis “Guddina Itoophiyaa yeroo ammaa namni funyaan gaarii qabu fooliidhaan (urgeeffachuun) beeka” jedhan.

    Gama biraatiin qaala’iinsi jireenyaa ALI bara 2000 as guddachaa ture bara darbe keessa tasgabbaa’uu himaniiru.

    Bu’aan kun kan argames hojii dhiyeessii fi walitti hidhamiinsa gabaa irratti hojjetameen ta’uu himan.

    Kana malees, hirphi seeftineetii, xaa’oofi boba’a irratti taasifamefi daballiin mindaa tasgabbaa’uu qaala’iinsa gatiif gumaacha taasisuu himaniiru.

    Qaala’iinsi gatii ji’a Onkololeessaa kanaas 11.7 ta’uu himuun kunis erga rifoormiin hojiirra oolee isa gadi aanaa ta’uu dubbatan.

    Qaala’iinsa gatii gara dijiitii tokkootti gadi buusuuf akka hojjetamus himaniiru.

  11. "Barri darbe seenaa keenya keessatti sharafa alaa olaanaa kan itti argannedha”

    Barri 2017 biyyattiin seenaa keessatti sharafa alaa olaanaa kan itti argatte ta’uu MM Abiyyi, haasaa miseensota mana mareef taasisaa jiraniin himaniiru.

    Sharafni alaa kunis al-ergii meeshaalee, al-ergii tajaajilaa, maallaqa biyya alaatii gara biyya keessaa ergamu (remittance), investimantii alaa akkasumas omishaalee biyya alaatii galan biyya keessatti omishuun kan argame ta’uu dubbatan.

    Barichis kan kuufamni sharafa alaa biyyattii dachaa 10 ol itti guddate ta’uu himaniiru.

    Haaromsa dinagdee taasisaniin Baankii Daldala Itoophiyaa kufaatii irraa oolchu himan.

    Liqaa doolaara biliyoona 900 tahus akka yeroon isaa achi siquuf taasifamuun baankicha kufaatii irraa oolche jedhan.

  12. 'Bara kana galiin birrii tiriiliyona 1 akka ta'u egama' -MM Abiy

    MM Abiy Ahimad gaaffilee miseensonni paarlaamaa gafataniif deebii yeroo kennutti

    Madda suuraa, Prosperity Paarty

    Rifoormiin diinagdee hojiirra oole rakkoolee diinagdee gooroo keessatti mul’atan furaa jiraachuu kan himan MM Abiyyi, galiin biyyattii yeroo gara yerootti guddachaa jiraachuu himan.

    Haaluma kanaan bara kana galiin birrii tiriliyoona 1 akka eegamu himaniiru. Kana malees, al-ergiin biyyattii guddachaa jiraachuu dubbatan.

    Gama liqaatiin liqaan biyyattiirra jiru “Itoophiyaan idaa keessatti argamti kan jedhu sirriidha” jedhan.

    Garuummoo kaanin walbira qabaniifi lakkoofsaan ilaaluun barbaachisaa akka ta’e himuunis biyyoonni diinagdee gurguddaa qaban liqaa Itoophiyaa “dachaa heddu caalu” akka ofirraa qaban himan.

    Haata’u malee, hojii dhimma liqaa irratti hojii hojjetameen biyyattiin “idaa irra jiru ofirraa kaffaluuf rakkoo hoomaayyuu hinqabdu” jedhaniiru.

  13. Ministirri Mummee Abiyyi Ahimad gaafilee miseensota mana mareerraa dhiyaataniif deebiifi ibsa kennaa jiru

    MM Abiy Ahmad

    Madda suuraa, FBC

    MM Abiy Ahimed liqaan Itoophiyaa irra jiru waliigalaan doolaara biliyoona 23 qofa jedhan.

    Isa keessaa gara doolaara biliyoona 4 hanga biliyoona 4.5 kan tahu yeroon kaffaltii isaa akka achi siqu taasifameera jedhan.

    Kaffaltii liqaa boondii ilaalchisee warri nuuf liqeessan dinagdeen keessan saffisaan guddachaa jira waan taheef kaffaluu dandeessu nu jedhan.

    Al-ergiin keessanis waan dabaleef haala sanaan liqaa isinirra jiru kaffaluuf waliigaltee nu gaafattan hin raawwannu jedhanii turan.

    Guddina dinagdee keenya ol kaasanii hubatan.

    Barri 2017 bara milkii akka ture dubbachuun haasaa isaanii kan eegalan MM Abiy, barichi ‘seenaa Itoophiyaa keessatti dhimmoota gurguddoo kan itti milkeessinedha’ jedhan.

    Milkiin kunis rifoormii diinagdee biyya keessaa maddefi biyyattiin hojiirra oolachaa jirtuun kan dhufe akka ta’e dubbatan.

    Rifoormiin kun dameelee ijoo shan qonna, indaastirii, albuuda (mining), tuurizimii fi tekinoloojii irratti adda durummaan kan xiyyeeffatudha.

  14. Bubbeen cimaa addunyaa bara 2025 Jamaayikaa yaaddeessaa jira

    Dubartii wayyaa diimaa uffattee lolaa jilba ishee gaheeru keessa deemaa jirtu

    Madda suuraa, Orlando Barría/EPA/Shutterstock

    Bubbeen rooba makate cimaan addunyaa bara 2025, Jamaayikaa keessatti namoota sadii ajjeese. Raagdonni haala qilleensaa Ameerikaa, bubbeen kuni ''hamaafi lubbuuf kan yaaddeessu tahuu mala,'' jedhan.

    Qilleensi jabaa sa'atiitti km282 bubbisaa adeemu Haarikeen Malisaa jedhamu kuni gosa obonboleettii shan- humna isa cimaa qabudha.

    Odola Kaarabiyaanii kanatti bubbeen cimaa kuni hammaachuun sigiga lafaa fiduu akka danda'u sodaatameera.

    Jamaayikaan alatti Heeytii fi Doominikaan Rippaabliikiitti sababa bubbee kanaan namoonni du'uunis gabaafameera.

    Ogeeyyiin yeroo bubbeen kuni suuta deemu naannichatti roobni yeroo dheeraaf turu roobuu danda'a kunimmoo lolaafi sigiga lafaa balaafamaa tahe hordofsiisuu mala.

  15. Gaaffii ijoon miseensonni Paarlaamaa MM Abiy akka deebisuuf kaasaa jiran muraasa

    MM Abiy Ahmad

    Madda suuraa, FBC screenshot

    Miseensonni mana marichaas Ministira Mummee Abiy Ahimadiif gaafileesaanii dhiyeessuu eegalaniiru.

    Walitti bu’iinsawwan naannolee biyyattii garagaraa keessa jiran, dhimmi gartuu TPLF fi nageenya naannoo Tigraay, dhimmi marii biyyaalessaafi haalli diinagdee biyyattii dhimmoota miseensonni mana marichaa kaasanidha.

    Dabalataan dhimmi piroojeektota gurguddoofi dhiyeessii manneen jireenyaa, malaammaltummaafi hojimaata badaa, qaala’iinsa jireenyaafi filannoo biyyaalessaa 7ffaas ka’aniiru.

    Gaafilee kunneenfii kan biroo miseensonni mana marichaa dhiyeessaniif Ministrri Mummee Abiyyi deebii akka laatan eegama.

  16. Badhadhinni hoggantoota "kuma saddetii olirratti" tarkaafii fudhate, naannoleen jijjiirama hoggansaa taasisan

    Obbo Adam Faaraah

    Madda suuraa, Prosperity Party

    Paartiin badhaadhinaa miseensota guutummaa biyyattii keessa jiran keessa kuma sagalitti kan siqanirratti sababa rakkoo naamusaafi hanqina raawwachiisuutiin tarkaanfii fudhachuu beeksise.

    Pirezidantiin itti-aanaa paartichaa Obbo Adam Faaraah kana kan jedhan murteewan walga'uu koree hoji-raawwachiiftuu Paartii Padhaadhinaa ilaalchisee ibsa yeroo kennanittidha.

    Obbo Adam ji'oota sadan darban keessa hojiin paartii keessaa isaa cimsuu hojjetamaa turuu himuun, mariifi gamagama taasifameen beekamtiin warra maluuf beekamtiin akka kennameefi warra laafan irratti ammoo tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamuu dubbataniiru.

    "Keessumaa tarkaanfii sirreffamaa fudhachuu keessatti walumaa galatti aanga'oota 8,613 ta'an irratti tarkaanfiin disiipplinii fudhatameera."

    Tarkaanfii fudhatame yeroo ibsanittis, miseensota itti-gaafatamummaarraa kaasuurraa jalqabee jijjiirraa hanga taasisuutti ta'uu dubbataniiru.

  17. Manni-maree Bakka Bu'oota Ummataa 6ffaa waggaa 5ffaa yaa'ii idilee 2ffaa gaggeessuu eegale

    Paarlamaa Itophiyaa

    Madda suuraa, FBC

    Ministirri Mummee Abiy Ahimad (PhD) gaaffilee miseensota mana-marichaarraa ka’aniif deebii fi ibsa ni kennu.

    Walgahii idilee kanarratti Ministirri Muummee Abiy (PhD) haasaa baniinsaa Pirezidaantii Taayyee Atsiqasillaaseen yaa’ii waloo Manneen Federeeshinii fi Bakka Bu’oota Ummataa A L I Fulbaana 26, 2018 gaggeeffame ilaalchisee gaaffilee miseensonni mana-marichaa gaafataniif deebii fi ibsa ni kennu.

    Kana hordofuun Manni-marichaa ejjennoo mootummaa erga dhaggeeffatee booda yaada deeggarsa kana ni raggaasisa jedhamee eegama.

  18. Koolugaltoonni UK kaampiiwwan waraanaa keessa akka qubatan tahuufi

    Godaantota galaanarraa bidiruu xiqqoon deemaa jiran

    Madda suuraa, PA Media

    Mootummaan UK koolugaltoonni hooteela keessa akka hin jiraanne gochuuf waan jiruuf kanneen dhibbaan lakkaa'aman kaampiiwwan waraanaa keessa qubasiifamuu danda'u.

    Marii adeemsifamaa jiruun iddoowwan lama kan adda baafaman yoo tahu - tokko Iskootilaand keessa yoo tahu, kaana ammoo kibba Inglaand keessa- kan dhiirota 900 qabachuu danda'u akka tahe gaazexaan Taayims gabaaseera.

    Ministirri Mummee UK Sar Kar Istaamar, Ministeerri Hajaa Biyya Keessaa fi Ministeerri Ittisaa kaampiiwwan waraanaa dhimma kanaaf ooluu danda'an akka adda baasan ajajaniiru.

    Koolugaltoonni hooteelota keessa akka hin turre gochuuf mootummaan biyyaattii kan waadaa seene yoo tahu, godaantonni hoteelota fayyadamuun biyyattii paawundii biiliyoonaan lakkaa'amu kaffalchiisuun dabalataan dhimma ijoo hiriirtoota godaantota mormanis tahaniiru.

    Yeroo ammaa kana koolugaltoonni 32,000 tahan hooteela kan jiraatan yoo tahu isa bara 2023tti 56,000 ture irraa kan baayyee hir'ise yoo tahu isa bara darbe irraa ammoo 2,500 dabaleera.

  19. Tiraamp hariiroon US-Jaappaan 'bara warqee' haaraa keessa seenuu labsan

    US-Jappaan waliigaltee yeroo mallatteessanitti

    Madda suuraa, Reuters

    Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp ministeera muummee Jaappaan haaraa filamte, Sanaa’ii Taakiichii waliin waliigaltee albuudota gati-jabeeyyii misoomsuu mallatteessan.

    Walgahii Takiichiif qormaata jalqabaa ta'erratti hoggantoonni lamaan tokkummaa biyyoota isaanii gidduu jiru 'Bara warqee' haaraati jechuun labsan.

    Omishaaleen amma Jaappaan gara Ameerikaatti ergitu taarifa %15 kan irra kaa'ame yoo ta’u, kanaan dura waliigalteen kaa'amee ture garuu Kibxata ture kan xumurame.

  20. Noonnootti aayyoon hidhattoota Faannoon butamanii 'qalamuuf albeen nadura kaa'ame' jedhan akkamiin bahan?

    Aadde Muluu Alamuu Faannoon butamtee jalaa miliqxe

    Maqaan isaanii Aadde Muluu Alamuu jedhamu. Aanaa Noonnoo Ganda Halloo Dinkii jiraatu. Aadde Muluun haadha ilmaan torbaati.

    Dilbata, Onkololeessa 10, bara 2018 haleellaa hidhattoonni Faannoo raawwataniin namoota seenaa gaddisiisaan isaan mudate keessaayi.

    Aadde Muluun guyyaa sana biyyi nagaa jedhanii ulaa cufatanii ijoollee isaanii xixiqqaa shan waliin mana keessa turan. Irbaata nyaatanii hanga sa'aatiin hirriibaaf ciisan gahutti mucaa xiqqaa hammatanii taa'aa turan.

    Galgala sa'aatiin sadi yoo ta'u garuu waan takkaa isaan hin eegnetu mana isaanii lixe.

    Ulaa manaa isaan cufatanii turan dhiitichoo hidhattoota Faannootiin keesatti cabsamee jarri kilaashii hidhate qiyyaafannaa isaanii Aadde Muluu fi Ijoollee xixiqqaa isaaniirratti taasisan.