Masiriifi Fannoon Diimaa reeffa namoota butamanii Gaazaa keessa barbaaduuf walta'an

Gareen Masiriifi Koree Fannoo Diimaa Idil-addunyaa (ICRC) irraa ijaarame reeffa namoota yeroo haleellaa Onkoloolessa 7 butamanii dua’anii akka barbaadaniif hayyamamuufii aanga’oonni Israa’el mirkaneessan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa fuulli Youtube isaa to'annoosaan ala ta'uu beeksise

    Loogoo Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa

    Madda suuraa, Ethiopian Football Federation

    Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa fuulli Yuutuubii isaa to'annoosaan ala ta'uu beeksise.

    Federeeshinichi karaa fuula miidiyaa hawaasaa isaa akka beeksisetti, "Chaanaaliin Youtube Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa yeroof to'annaa keenyan ala ta'eera" jechuun ibse.

    Deebisuuf yaalii gochaa akka jiru ibsuun hanga guutummaatti deebisutti ergaa karaasaan darbu kan federeeshinicha hin ibsine ta'uus beeksise.

    Gama biraan ammoo gareen biyyaalessaa kubbaa miilaa dubartootaa gulaallii Waancaa Afrikaaf qophii taasisaa akka jiran beeksise.

    Gareen kubbaa miilaa dubartootaa Itoophiyaa bori sa'aati sagalitti garee kubbaa miilaa dubartootaa Taanzaaniyaa waliin morkii cimaa akka taasisanis federeeshinichi ibse.

  2. Odeeffannoon Artistootni biyya alaa lama Finfineetti reebichi irratti rawwatamu ibsan soba- Poolisii

    Artistoota Afrikaa kibbaa

    Madda suuraa, Poolisii Finfinnee

    Ibsa waa'ee suuraa, MAPARA A JAZZ

    Odeeffannoon artistootni Afrikaa kibbaa irraa dhufan lama MAPARA A JAZZ jedhaman muuziqaa isaanii dhiheessuuf gara Finfinnee dhufaan ukkamsaa fi reebichi irratti raawwatamuu fuula feesbuukii isaanii irratti qoodan soba ta’uu Poolisiin Finfinnee ibse.

    Artistootni kunneen muuziqaa isaanii dhiheessuuf gara Finfinnee dhufuun dhugaa ta'uu akka dhufan odeeffannoo poolisii kun kan ibsu.

    Haa ta'uu malee, hojii isaanii xumuranii nagaan gara biyya isaaniitti erga deebi'anii booda reebichi irratti raawwatamuu erga miidiyaa hawaasaa irratti qoodaniin booda poolisiin qorannoo barbaachisaa ta'e gaggeessee akka jiru eera ibsi poolisii Finfinnee kun

    Poolisiin yakka raawwatame jedhame kana adda baasuuf kutaan poolisii fi buufataalee poolisii komiin akkasitti itti gabaafame adda baasuuf yaaleen komiin tokkollee akka hin dhiyaanne kan mirkaneesse yoo ta'u, ragaan viidiyoo, suuraa fi sagalee qorannoo poolisiin walitti qabame, akka agarsiisutti namoonni kunneen ta'e jedhanii hordoftoota baay'ifachuuf odeeffannoo sobaa kana itti yaadanii akka gadhiisan mirkaneessuu eerera.

    Namoonni kunneen Jimaata ALI Onkoloolessa 14, 2018 ukkamsuu fi reebichii nurratti raawwatame jedhanis, guyyaa itti aanutti Onkoloolessa 15 waltajjii itti affeeraman irratti argamuun muuziqaa isaanii haala guutummaatti nagaa ta’een dhiheessanii, nagaan gara biyya isaaniitti deebi’aniirus jedhe poolisiin.

    Namootni kunneen ta'e jedhanii maqaa gaarii biyyatti balleessuuf odeeffanno sobaa waan tamsaasaniif hawaasni dammaqinaan hordofuu fi sirrii ta’uu isaa mirkaneessuu akka qabu ibsi Poolisii Finfinnee kun kan hubachiise.

  3. Xayaaronni waraanaa US lama Kibba Chaayinaatti kufuun caccaban

    Humna Galaanaa US

    Madda suuraa, BBC/Natalie Thomas

    Xayyaaronni waraanaa US lama Kibba Chaayinaatti kufuun caccaban. Xayyaaronni kufanii caccaban kunnee: helikoptara waraanaa tokkoofi xayyaara warraanaa tokko yoo ta'an, lamaanuu kan Humna Galaanaa USti.

    Helikoptarriifi xayyaarri waraanaa kunneen doonii galaanarraa US Galaana Kibba Chaayinaarra jiran irraa ka'uun balalii idilee taasisaa kan turan ta'uu Rooyotars gabaase.

    Xayyaaronni qabeenyummaansaanii kan Humna Galaanaa US ta'e kun caccabuunsaanii yeroo Pirezidaant Doonaald Tiraamp Eshiyaatti daawwannaa taasisaa jiruttiidha.

    Humna Galaanaa US waabeffachuun Rooyitars akka gabaasetti, balaa kanaan namoonni miidhaman hin jiran.

    Tiraamp yeroo gaazexeessitootti akka himetti, sababni balaa kanaa tarii "boba'aa badaa ta'e fayyadamanii" ta'uu akka danda'u ibsuun yeroo dhiyootti sababni isaa sirrii ta'e ifa akka ta'u dubbate.

  4. Himatamtoonni 10 onlaayiniin haadha manaa Makroon irratti qoccollo saalaa raawwatan mana murtitti dhiyaachufi

    suuraa Birigiit Maakroon

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Birigiit Maakroon

    Himatamtoonni 10 kanneen gama onlaayiniitn qoccolloo saalaa haadha manaa pirieezidaantii Faransaay Emanuel Maakroon Birigiit Maakroon irratti raawwachuun himataman torban kana Paaris keessatti dhaddacha irratti dhiyaachuuf jiru.

    Himatamtoonni kun garaagarummaa umurii waggaa 24 Birijiit fi abbaa warraa ishee Amaanu'eel Maakroon gidduu jiru irratti ''yaada hamaa'' kennuu fi dhimma koorniyaa fi saalqunnamtii ishee ilaalchisee ololaa irratti adeemsifamaa tureen kan wal qabatuudha.

    Yoo itti murtaa'e hidhaa waggaa lamaa isaan mudachuu danda'a. Namoota kanneen keessaa qondaalli mootummaa, barsiisaa fi gazexeessitooafaa akka ta'e eerameera.

    Yaadni Birijiit Maakroon dubartii saala jijjiirratte ta'uu ishee ibsu erga abbaan warraa ishee bara 2017 aangoo qabatee as qoodamaa ture.

    Ji'a Hagayyaa darbe himannaan wa'ee saalaa ishee irratti dhiyaate kun bu'ura kan hin qabnee fi dubartii ta'uu isheef "ragaa amansiisaa hunda dhiyeeffachuuf qophii ta'ishee ibsitee ture

    Maakirooni fi Birigiit bara 2007tti kan wal fuudhan yoo ta'u, yeroo sanatti Maakroon umuriin isaanii waggaa 29, yoo ta'u, Birigiit ammoo umuriin isheei waggaa 54 ture.

  5. Raashiyaan misaa'ela nikulara baatufi "sirni ittasaa kamuu hin dhaabu" jette yaaliif dhukaaste

    Misaa'ela Raashiyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Raashiyaan misaa'ela kiruuzii nikularabaatufi "sirni ittisaa kamuu dhaabuu hin danda'u" jette dhukaasuun yaalii milkaa'aa gaggeessuushee maddii oduu Rooyitars gabaase.

    Misaa'elli Raashiyaan yaalif dhukaaste kun Burevestinik kan jedhamu yoo ta'u, sirna ittisaa kamuu darbee bakka yaadame kan haleelu ta'uu Mooskoon beeksifte.

    Raashiyaan misaa'ela kana yaaliif dhukaasuunshee torbee darbe shaakala nikularaa gaggeessaa turteeni.

    Akka gabaasa Rooyotarsitti, Puutiin misaa'ela kiruuzii nikulara baachuu danda'u dhukaasuunshee ejjannoo Puutiin dhiibbaa biyyoota lixaaf akka hin jilbeeffanne ibse kan mirkaneessudha.

    Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp waraanni Yukireen akka dhaabatuuf yaalii garaa garaa godhus hin milkoofne. Yeroo dhiyoo as hariiroon Puutinifi Tiraamp laaffataa dhufuutu himama.

    Yaalii dhukaasa misaa'ela Burevestinik booda ajajaan waliigalaa waraana Raashiyaa Valeerii Geraasmoov misaa'elichi km 14,000 imaluu Pirezidaant Puutiniif gabaase.

  6. Injiinara jaalalaaf jecha iccitii niwukilaraa biyya isaa kenne

    suraa misaa'ela Hindii gejjibsafamaa jiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Injiinarri Laaboraatoorii Qorannoo fi Misooma Ittisaa Hindii keessatti hojjatu tokko waadaa jaalalaa fi gaa'ilaan sossobamee kiyyootti seenuun basaasa niwukilaraa biyyasaa basaastuu Paakistaan waan isa jaalattu fakkeessun itti dhiyaatte ​​tokkoof dabarsee kenneera jechuun himatame.

    Gaazexaan 'Times of India' maddoota poolisii Hindii olaanoo wabeeffachuun akka ibsetti, injinarichi Mallikarjuna Reddy kan jedhamu yoo ta'u, odeeffannoo misaa’ela balistikii ardii qaxxamuruu danda’uu fi misaa’ela kiruuzii galaana jalaa furguggifamuu danda’u dabarsee kennuu isaaf poolisiin barbaadamaa ture.

    Namichi ganna 29 kun Jimaata darbe mana isaatti to'annoo jala ooleera. Himata basaasaa kanas amanee jira. Poolisiin hanga odeeffannoo dabalataa argachuu danda'utti to'annoo jala tursiisuu beeksiseera.

    Bara 2018 irraa eegalee Laaboraatoorii Sirna Galaanaa Ammayyaa Hayidaaraabaaditti argamu keessa hojjechaa ture.

    Basaastuun Paakistaan ​​kun maqaa ishee Naataashaa Raa'oo jette of moggaaste Facebook irratti hiriyyaa Reddy tate. Achiis garaa jaallalaa fi odeeffannoo basaasaa sagantaa niwukilaraa Hindii waliin walqabatu hedduu Reedii irraa akka argattee eerameera.

  7. Hidhattoonni Kurdootaa hidhannoo hiikkachuun daangaa Turkii keessaa bahuu beeksisan

    Hidhattoota PKK

    Madda suuraa, Getty Images

    Hidhattoonni Kurdootaa PKK jedhamuun beekaman hidhannoo hiikkachuuf mootummaa Turkii wajjin waliigaltee godhaniin loltootasaanii Turkii keessaa baasuu isaanii maddi oduu Rooyitars gabaase.

    Hidhattoonni PPK waggoota 40 oliif mootummaa Turkii irratti qabsaa'aa turanis ji'ootan dura waliigaltee Ankaaraa wajjin taasisaniin hidhannoo hiikkachuun siyaasa karaa nagaatti deebi'uuf murteessan.

    Gaggeessaan PKK kan ta'eefi waggoota mana hidhaa Turkii jiru Abdullaah Oklaan ji'a Caamsaa keessa hidhattoonnisaa hidhannoo hiikkachuun karaa nagaatti akka deebi'an waamicha godheeni murtoo kanarra kan gahan.

    PKKn uummata Kurdootaf akka qabsaa'u hima; kanumaafis bara 1984 irraa kaasuun Turkii wajjin waraana gaggeessaa ture. Lolli waggaa 40 oliif mootummaa Turkiifi hidhattoota PKK gidduutti gaggeeffame lubbuu namoota 40,000 olii akka galaafatetu himama.

  8. Manguddoon ganna 92 Pawul Biyaan filannoo Kaameeruun injifachuu labsan

    Manguddoon ganna 92 Pawul Biyaan filannoo Kaameeruun injifachuu labsan

    Madda suuraa, Getty Images

    Manni Maree Heera Mootummaa Kaameeruun Pireezidaantii aangoo irra jiran Pool Biyaa sagalee gara %54 argachuun filannoo pirezidaantummaa injifachu labse.

    Akka anga'ootni jedhanitti Biyaan sagalee dhibbeentaa 53.66 kan argate yoo ta'u, mormituun isaanii guddaa fi michuu isaa duraanii Issa Techiroma Bakary ammoo dhibbeentaa 35.19 argateera.

    ''Biyaan sagalee seera qabeessa kenname keessaa harka caalu argachuun Pirezidaantii Rippabiliikaa ta'uun labsameera," jedhan Pirezidaantiin Mana Maree Heera Mootummaa Kileeman Atanganaa.

    Namoonni miiliyoona afur ol ta’an filannoo kanarratti hirmaatan yoo ta'u biyyaan filannoo kana marroo 8f injifachuu isaaniti.

    Erga bara 1982 aangootti dhufanii booda filannoo mo'amee kan hin beekne manguddoon kun filannoo kanallee injifachuu akka danda'u jalqabarraa kaasee tilmaama guddaa argatee ture.

    Haa ta'u malee bu'aan kunniin himannaa Issa Techiroma kan osoo bu'aan boordii filannoo irraa hin ifoomiin dura filannoo kana injifachuu isaa labse kan faallessudha.

    hogganaan paartii mormituu kun gaaffiifi deebii BBC waliin taasisaniin, filannoon kun waliin dhahamuu fi ifattii hogganaa Pool Biyaa injifachuu isaa cimsee dubbateera.

    Himannaan kun kutaalee biyyattii adda addaa keessatti dheekkamsaa fi mormii kan kaase yoo ta’u, hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni shan ajjeefamuun gabaafameera.

    Mormitoonni hedduun Techiroma injifata seera qabeessa ta'uu isaa cimsanii ibsaa turan

    Mootummaan mormii kana seeraan ala jechuun labsee, hoggantoota mormitootaa fi aktivistoota hedduu to'annaa jala oolcheera.

    Mormii haaraan kun biyya tasgabbii siyaasaatiin beekamtu Kaameeruun gara jeequmsaa siyaasaatti geessuu akka danda’u xiinxaltoonni siyaasaa akeekkachiisaniiru.

    Biyaan jalqaba bara 1982 aangoo kan qabate yoo ta'u, bu'aan filannoo kun amma hanga bara 2032tti aangoo irra akka turu isa taasisa.

  9. Baqataan Itoophiyaa UK miidhaa saalaan itti murtaa'e torbee kana keessa akka ari'amu ibsame

    Haddush Qibaatuu

    Madda suuraa, Met Police

    Baqataan Itoophiyaa miidhaa saalaa raawwachuun yakkamaa ta'ee hidhaa waggaa tokkoon adabame Haddush Gabresillaasee dogoggoraan mana hidhaa UK keessaa erga gadhiifamee booda deebi'ee kan to'atame yoo ta'u, torban kana keessa biyyattii keessaa akka ari'amu Ministirri Haqaa UK Deeviid Laamii ibsan.

    Haddush Qibaatuu ji'a darbe hoteela koolugaltummaa keessa osoo jiraatuu magaalaa Eppiing keessatti shamarree ganna 14 fi dubartii tokko irratti miidhaa saalaa raawwachuu isaatiin hidhaan itti murtaa'ee osoo jiruu ture kan dogongoraan gadhiifame.

    Ministira Muummee UK Kiir Istaarmer dabalatee aanga'oonni olaanoo hedduun dheekkamuun, qorannoo walabaa gaggeessuu dabalatee adeemsa hojii mana-hidhaarratti jijjiiramni akka taasifamuuf ajajaniiru.

    Baqataan Itoophiyaa kun dogoggoraan mana hidhaatii gadhiifamuu dura biyyattii keessaa baafamuuf qophiirra ture.

    Ministirri Muummee kiir Istaarmar dhimma baqataa kanaa ilaalchisee qorannoon gaggeeffamaa akka jiruu fi ''taateen akkanaa lamuu akka hin mudanne gochuu qabna,'' jedhanii turan.

    Haddush yakkoota ittiin himatame hunda haaleera, garuu ji'a darbe balleessaawwan shaniin itti murtaa'ee hidhaa ji'a 12n adabame.

    Waliigalatti guyyaa 108 mana hidhaatti dabarseera. Kana malees waggoota shaniif tuttuqqaa saalquunnamtii walqabatu kamirraayyuu akka of qusatu akeekkachiifameera.

    Kun ammoo yeroo kana keessatti dubartiitti dhihaachuu akka hin qabne isa daangessa.

    Abbaan shamarree waggaa 14 baqataan Itoophiyaa kun dogoggoraan mana hidhaatii gadhiifamuun ''xiinsammuu intalasaa irratti dhiibbaa guddaa akka uume,'' dubbate.

    Gocha itti gaafatamummaa hin qabnedha jechuun dogoggora mudate balaaleffate.

    Haddush yeroo dhimmi isaa ilaalamaa turetti biyyatti deebifamuun ''ejjennoosaa akka ta'e'' manni murtii hubateera.

    Seera UK daangaan walqabatu- UK Borders Act 2007 jalatti lammiin biyya alaa yoo yakka hojjetee fi yoo xiqqaate ji'a 12n adabame biyyaa ari'ama.

  10. Puuntilaan qoontsilaa haaraa Itoophiyaa simachuu beeksiste

    Pirezidantiin Puuntilaand Sa’id Abdullaaii Deenii

    Madda suuraa, Puntland State House

    Pirezidantiin Puuntilaand Sa’id Abdullaaii Deenii Qoontsilaa Itoophiyaa haaraa muudaman Meejer Jeneraal Taaddasee Lambamoo Dimboree simatan.

    Waajirri masaraa mootummaa Puuntilaand fuula X irratti akka beeksisetti, pirezidantiin bulchiinsa Puuntilaand masaraa isaaniitti ture qondaala kana kan simatan.

    Bulchiinsi Puuntilaand naannoolee torba Somaaliyaan akka qama bulchiinsa Federalaasheetti fudhattu keessaa tokko yoo taatu, yeroo baayyee akka nannoo of dandeesse tokkootti of ilaalti.

    Mootummaa federalaa Somaaliyaafi bulchiinsa naannoo Puuntilaand jidduutti yeroo gara garaatti wal dhabdeen umamuun muddama keessa seenuun beekamu.

    Bara darbe Puuntilaand meeshaa waraanaa Turkirraa Somaaliyaaf dooniin dhufaa ture danquusheetiin waldhabdeen gidduu isaanii ture daran hammaatee turuun isaa ni yaadatama.

    Bara darbe mootummaan Federaala Somaaliyaa qontsilaan magaalaa muummee Puuntilaand Gaarooweefi Hargeessaa kan Somaaliilaandiitti argaman akka cufamaniif ajaja dabarsee akka hin fudhanne bulchiinsooti lamaanuu beeksisanii turuun ni yaadatama.

    Mootummaan Puntilaand ajaja waajirri qonstilaa akka cufamuuf dabarfame kan heera mootummaa Somaaliyaa cabseedha jechuun hojiirra akka hin oolchine beeksisuun ture kan ibsa baase.

    Qondaalli Itoophiyaa masaraa mootummaa Puuntilaanditti simataman

    Madda suuraa, Puntland State House

  11. Yoo bofti isin hidde lubbuu keessan oolfachuuf maal gochuu qabdu?

    Harka namaa bofti ciniine

    Madda suuraa, Getty Images

    Akka ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) irraa argame agarsiisutti, guutummaa addunyaarratti waggaatti lakkoofsi namootaa miliyoona 5.4tti tilmaamamu bofaan ni hiddamu.

    Isaan keessaa ammoo miliyoona 1.8 hanga miliyoona 2.7 kan hiddaman bofa summii qabuuni.

    Waggaatti namoonni 81,410 hanga 137,880 ta'an guutummaa addunyaarraa bofaan hiddamuun lubuun isaanii akka darbu ragaan WHO ni mul'isa.

    Kana malees, lakkoofsi namoota bofaan hiddamuun qaamni isaanii irraa muramuufi qaamaa hir'atan baayyeedha.

    Bofa summii qabuun hiddamuun laamsha'uu, arganuu dadhabuu, dhiiga faalamuu, dhibee dhangala'uu dhiigaafi kaleen hojii dhaabuuf nama saaxila.

  12. Ameerikaan lammiileeshee miiliyoona 40 caalanirraa deeggarsa midhaan nyaataa kutuuf

    Namoota gargaarsa kennaa jiran

    Madda suuraa, EPA

    Ministeerri Qonnaa mootummaa US akka jedhetti deeggarsi midhaan nyaataa lammiilee miiliyoona 40 caalaniif kennamaa ture sababa cufamuu waajjiraalee mootummaatiin adda citeera.

    Ministeerichi wayita kana ibsu rakkoo mudateef Dimokiraatota Seenetii keessa jiranitti quba qabe.

    Sagantaa deeggarsa midhaan nyaataa Supplemental Nutrition Assistance Program (Snap) jedhamu kanaan lammiilee Ameerikaa saddeet keessaa tokko ni gargaaramu turan.

    Bulchiinsi Tiraamp jalqaba ji'a kanaa maallaqi sagantaa kanaaf ramadamu balaa uumamaa tasa mudachuu maluuf oola jechuun faayidaan kun akka hafu ibsee ture.

    Warri dimokiraatotaa Pirezidant Doonaald Tiraamp maallaqa sagantaa kanaaf hedame waan biraaf oolchuun sagantaa kana adda kutuu isaa balaaleffataniiru.

    Sababa baajati hin ragga'in hafeef waajiraaleen mootummaa yeroo cufamanii jiranitti Tiraamp maallaqa guddaa Arjantiinaaf ajoomuu fi Waayit Haawus diiguun galma shubbisaa ijaaruus qeeqaniiru.

  13. Raashiyaan akkamiin egeree nukilaraa Afrikaaf abdii taate?

    Hoggantoota Afrikaa fi Raashiyaa

    Raashiyaan sababa waraana Yukireeniin qoqqobbii biyyoota Lixaan irra kaa'amullee fuula ishee gara biyyoota Afrikaatti naaneeffachuun dhiibbaa Ardittii keessatti qabdu guddisaa jirti.

    Fedhii oomisha annisaa Nikuleraa biyyootni Afrikaa kun qaban fayyadamuun, hariiroo jabaa tolfataa jirti.

    Biyyoonni Afrikaa hedduun wal dorgommii fi fedhiin annisaa niwukilaraa qabaachuu isaanii guddachaa dhufuu irraa kan ka'ee Raashiyaa michoomfataa jiru.

    Sababa kanaanis waggoota muraasa darban keessatti qofa Raashiyaan yoo xiqqaate Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa 20 waliin waliigaltee anniisaa niwukilaraa mallatteessiterti.

    Dhaabbanni Annisaa Atoomii Mootummaa Raashiyaa, Roozaatoom,pirojektoota oomisha niwukilaraa kana itti fufiinsaa fi liqaa yeroo dheeran deebi'uun dhiyeessuun isaa Raasiyaa fi biyyootni kanneen waggoota kurnaniif Raashiyaa waliin kan walitti isaan hidhuu akka ta'u xinxaltootni kan himan.

  14. Masiriifi Fannoon Diimaa reeffa namoota butamanii Gaazaa keessa barbaaduuf walta'an

    Konkolaata alafa qotu

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock

    Gareen Masiriifi Koree Fannoo Diimaa Idil-addunyaa (ICRC) irraa ijaarame reeffa namoota yeroo haleellaa Onkoloolessa 7 butamanii dua’anii akka barbaadaniif hayyamamuufii aanga’oonni Israa’el mirkaneessan.

    Mootummaan Israa’el akka jedhetti, gareen kun Gaazaa keessa naannoo “sarara keelloo” jedhamu Humna Ittisaa Israa’eliin (IDF) to’atamee jiruun alattiyyu deemee akka reeffa barbaadu hayyamameeraaf.

    Miidiyaaleen Israa’el Dilbata akka gabaasanitti ammoo, miseensonni Hamaasillee Gaazaa keessa bakka IDF to’atee jiru seenanii barbaacha kana akka gargaaraniif hayyamameeraaf.

    Akka waliigaltee dhukaasa dhaabuu US karoorsitetti Hamaas reeffa namoota butamanii hunda deebisuu kan qabu yoo ta’u, gareen kun hanga ammaa reeffa Israa’eloota butamanii 28 keessaa 15 deebiseera.

    Hamaas amma reeffa namoota hafe barbaachuurratti Masirii waliin akka tumsu beeksiseera.

  15. Finciltoonni RSF waajjira muummee waraana Sudaan magaalaa murteessituu keessa jiru qabachuu himan

    Lammilee Sudan sababa waraanaa buqa'an

    Madda suuraa, Reuters

    Humni Addaa Sudaan (RSF) waajira muummee waraana Sudaan magaalaa murteessituudha jedhamte el-Faasher keessa jiru qabchuu beeksise. Kun ammoo wal waraansa Sudaan keessatti deemaa jiruuf murteessaadha jedhameera.

    Gareen kun ibsa miidiyaa hawaasaarratti baaseen, “konkolaataawwan waraanaa hedduu” barbadeessuun, meeshaalee waraanaa Waajira Muumee Qajeelcha waraanaa 6ffaa harka galfachuu ibseera.

    BBC Verify viidiyoo loltoonni RSF buufata waraanaa keessa jiraachuu miidiyaa hawaasaarra naanna’aa jiru mirkaneesseera.

    Waajirri muummee kun irraa fudhatamuun human waraanaa mootummaatiif kufaatii guddaadha, sababiin isaa ammo el-Fasheer naannoo Daarfur keessatti bakka murteessaa qabatee ture dhumaati. Kun ammo RSF naannicha akka sirriitti to’atu isa taasisa.

    Humni waraanaa garuu waajirri muummee isaa RSFn qabamuu ammallee hin mirkaneessiin jira.

    RSF el-Faasher qabachuun akka injifannoo siyaasaa guddaatti ilaalama.

    Odeeffannoo bal'inaan dhimma kanarratti:

  16. ASHAMAA! Toora oduu kallattiin isiiniif dhiyeessinu haaraan deebineerra.

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa? Toora oduu biyya keessaafi alarraa kallattiin isin biraan geenyu kunoo jalqabneerra.

    Nu hordofaa.

    Galatoomaa!