Magaalaa Sudaan humnoota RSFtiin marfamtetti daangaan ijaaramaa jiraachuu suuraan saatalaayitii mul'ise

Madda suuraa, Satellite image ©2025 Maxar Technologies
Daangaan biyyoo bal'aan naannawa magaalaa Sudaan el-Faashar Humnoota RSFtiin marfamteetti ijaaramaa kan jiru yoo ta'u, innis namoota magaalicha keessaa kiyyootti galchuuf kan yaadame ta'uu qorannoon Yunivarsiitii Yaale irraa argame ni mul'isa.
Suuraaleen saatalaayitii irraa kaafamerraa, Laabiin Qorannoo Namoomaa yunivarsiitichaa "dallaan biyyoo" km3 ol ta'u akka daangaatti qotamuun beekameera.
Ijaarsi kunis Caamsaa irraa eegalee ala naannawa magaalaa Humnoota Addaa (RSF)n qabametti akka ijaarame adda baaseera.
El-Faashar magaaaa waggaa tokkoo oliif marfamtee turte yoo taatu, erga waraana Ebla 2023 irraa eegalee as, waraanaa biyyattii RSF waliin wal waraanaa jiruuf Daarfuur keessatti bakka guddaa deeggarsa itti qabu kan dhumaati.
Neetworkiin Doktoorota Sudaan, RSF achiitti haleellaa isaa cimseen itti yaadee namoota nagaa irratti xiyyeeffachaa akka jiru BBCtti himeera.
Waldaa ogeeyyii fayyaa irraa Dr Mohaamad Faayisaal Haasaan sagantaa 'BBC Newsday'tti akka himanitti, "Kaleessa giddugala magaalattii gadiitti naannoo namoota siiviilii tokkotti dhukaasni banamee ture, dhumarratti lammiileen nagaa 24tti siqan ajjeesuu fi namoota 55 madaa'aniiru, isaan keessaa dubartoota shanidha."
Haleellaan gabaa giddu galeessaa fi naannoo mana jireenyaa irratti raawwatame ''itti yaadamee'' fi ''jibbisiisoo'' ta'uu himaniiru.
"Guyyaa sadii dura hospitaalota gurguddoo el-Faashar keessaa tokko irratti xiyyeeffatanii dhukkubsattootaa fi hojjettoota yaalaa irratti ajjeechaa guddaa geessisaniiru.
BBC Verify akka jedhaniitti, qaamooleen wal waraanaa jiran lamaanuu dallaa akka tarsimoo ittisaatti itti fayyadamaa jiru jedheera.
Haata'u malee, xinxalaan Laaboraatorii Qorannoo Namoomaa Yaalee (HRL), kan itti dhiheenyaan waraanaa kana hordodaa jiru, RSF ''naannawa el-Faashar'tti saanduuqa ajjeechaa uumaa jira'' jedhan.

Madda suuraa, Yale School of Public Health Humanitarian Research Lab / OpenStreetMap
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
HRL ijaarsa dallaa biyyoo kanaa maappii el-Faashar (armaan olitti) irratti adda baaseera:
- Sarara magariisaa: Km 9 kan ta'u Adooleessa 14 fi 24, 2025 gidduutti ijaaramuu (fakkiin saatalaayitii ganda Alsen kan agarsiisu)
- Sarara keelloo: Km 6 kan ta'u ammoo Hayagga 3 fi 19 bara 2025 jidduutti ijaarame.
- Sarara diimaa: Km 7 kan ta'u ammoo Caamsaa 5 fi Adooleessa 12 bara 2025 gidduutti ijaarame
- Sarara diimaa: Yeroo ammaa Km 9 kan kan ta'u ammoo Hagayya 13-27 bara 2025 gidduutti ijaarsii isaa adeemsifamaa jira.
Gabaasni HRL akka hubachiisutti, daangaa qaamaan ijaarame kunis magaalaa haala marfamtee fi bakka namoonni gara 300,000 jiraatan, tana eenyuu fi maaltu seenuu ykn bahuu jechuun to'achuuf akka ta'e jedhan.
Erga waldhabdeen kun ka'ee as loltoonni RSF fi milishoonni Arabaa gariichaa waliin hiriiranii fi Daarfuur keessa jiran namoota saba Arabaa hin taane irraa dhufan irratti xiyyeeffachuun himatamaa turan.
"Namoonni nagaa tokko tokko magaalattii keessaa miliquuf yaalaa jiru haata'u malee, kan nama gaddisiisu humnoonni RSF'n irratti xiyyeeffatanii ajjeefamaa jiru," jedhu Dr Hasan.
RSF kanaan dura himannaa namoota nagaa irratti xiyyeeffachuun duguuggaa sanyii raawwataa jira jedhuu haalee ture.
Ijaarsii daangaa kun ammoo namoonni nagaa baqachuuf yaalan ykn warra nyaata, qorichaafi meeshaalee barbaachisoo biroo geessuu barbaadaniif haala walxaxaa taasisa.
Dhaabbileen namoomaa baatiiwwaniif El-Faashar keessa seenuu kan hin dandeenye yoo ta'u, namoonni ngaaa achi keessatti hafanis walitti fufiinsaan haleella boombii, hanqina nyaataa fi kunuunsa wallaansa fayyaa argachuutti rakkoon isaan mudataa jira jedhu.
Achii keessaa baqachuun ammoo baayyee isaaniif waan danda'amu miti.












