WBO fi Faannoon waa'ee waliigaltee taasifame jedhamee irratti maal jedhan?

Madda suuraa, Miidiyaa hawwaasaa
''Waraanni Bilisummaa Oromoo sududaan ammas kana duras hidhattoota Faannoo waliin mariin gaggeesse hin jiru'' jedhan Gorsaan Ajajaa Olaanaa ABO-WBO, Obbo Jireenyaa Guddataa.
Tibbana miidiyaan 'Africa Intelligence' jedhamu ''diina walii kan tahan hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo fi hidhattoonni Faannoo walitti dhukaasuu dhaabaniiru jedhee gabaase.
Marii Ameerikaatti gaggeeffameen booda walii galteen dhukaasa dhaabuu al-idilee gidduu isaaniitti raawwateera,'' jedhe.
Haa tahu malee, BBC waliin gaaffii fi deebii kan taasisan Obbo Jireenyaa Guddataa waliigalteen gidduu isaaniitti raawwate homaa akka hin jirre ibsan.
''Gabaasni daangaa irratti wal argan jechuun odeeffamme kijiba. Kan bilisummaaf falmu yoo walitti dhufee mari'atellee badii hin qabu. Garuu hanga ammaatti qaamni akka sanaan walitti dhufee mari'ate hin jiru,'' jedhan.
''Faannoo jettee kan Oromiyaa seente, kan mootummaan balbala baneefii hidhachiisee uummata keenya qe'eerraa buqqisaa ture WBO akka diinaatti ilaala,'' jedhan.
WBO hidhattoota Faannoo naannoo Oromiyaa godinaalee akka Wallaggaa keessa socho'uun uummata nagaa irratti haleellaa raawwatan mootummaatu hundeesse, hidhachiise jechuun WBO irra deddeebiin komataa ture.
Mootummaan ammoo WBO fi hidhattoonni Faannoo lafa irratti walitti hin bu'an, waliigalanii uummata irra miidhaa gahu jechuun irra deddeebiin himataa ture.
Obbo Jireenyaan ''kan gaaffiin qaba jedhee biyya isaa keessatti mootummaa falmu [ Faannoo] inni waan biraati. Faannoo gaafa siin jedhu isa biyya isaa jirun siin jedhe. Inni daangaa Oromiyaa seenee uummata keenya buqqisu, inni diina, akkasitti hubatamuu qaba'' jedhan.
Itti dabaluun ''walitti bu'insa cinaatti uumuuf yaalaa turan irraa baqachaa turre. Kan daangaa Oromiyaa ce'ee dhufe akkatti teenyee ilaallu hin qabnu. Inni biyya isaa keessatti gaaffiin qaba jechuun socho'u garuu akka biraatti ilaalama,'' jedhan.
Waraanni Bilisummaa Oromoo sochii hidhattoonni Faannoo naannoo Oromiyaa keessatti taasisan balaaleffate.
Hidhattoonni Faannoo maal jedhan?
Garee Faannoo lama BBC Afaan Amaaraa dubbises gareen isaanii WBO waliin waliigaltee raawwatan akka hin qabne ibsaniiru.
Dhaabbata Faannoo Uummata Amaaraa jechuun kan of waamu WBO waliinis tahe ABO waliin ''hariiroo homaayyuu hin qabnu'' jedhe.
Hogganaa Dhimma Siyaasaa garichaa kan tahan Obbo Geetaa Asraddaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin ''mariin, hariiroon kallattiis tahe al-kallattii ykn waliigalteen gaggeeffame hin jiru'' jedhan.
Humna Biyyaalessaa faannoo Amaaraa jechuun kan of waamu garee hidhachuun Oromiyaa keessa socho'u WBO waliin ''wal dhabdees tahe waliigaltees taasifne hin qabnu jedhe.
Dubbii himaan garichaa Yohaannis Nigusuu, waliigaltee WBO waliin taasifameera jedhame dhugaa miti jedhan.
''Waliin dubbiin kallattiin hanga ammaatti waliin gaggeessine hin jiru. Dhimma tokko irrattiyyuu waliigalteen gaggeessine hin jiru,'' jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gama biraan Waraanni Bilisummaa Oromoo ibsa Kamisa 28/08/2025 baaseen ''jeequmsa itti fufinsaan hidhattoonni Faannoo mootummaan deegaramanii fi maqaa ''Faannoo Wallaggaa'' jedhuun of waaman Wallaggaa bahaa keessatti uummata nagaa irratti raawwatan hordofaa tureera,'' jedha.
''Gareen harcaatuun jalqaba mootummaan hundeessee, hidhachiise'' hanga dhiyeenyaatti qaamuma milishaa bulchiinsa Abiy Ahimed tahuun socho'aa turan'' jedhe.
Kaayyoo mootummaan hidhattoonni kunneen naannoo kana keessa akka socho'an barbaadeef lama jedhe.
Inni jalqaaa uummata Oromoo gidduutti sodaa facaasuu fi dhaabbilee mootummaa morman akka hin deeggare gochuufi jedhe.
Kan lammataa ammoo ummata Oromoo fi Amaaraa, kan biyyattii keessatti lakkoofsaan guddaa tahan gidduu wal dhabdee babal'isuufi jechuun ibse.
Haleellaa Wallaga keessatti hidhattoota Faannoon uummata nagaa irra gahuuf mootummaatu itti gaafatamuu qaba kan jedhe WBO, uummata nagaa tiksuuf tarkaanfii barbaachisu hundaa garee kana irratti akka fudhatu ibse.
Garee kana irratti tarkaanfii barbaachisu fudhachuun dhabamsiisuuf akka hojjetu ibse.
Hidhattoonni Faannoo Godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu gandoota garagaraa to'achuun caasaa mootummaa diiguusanii jiraattonni BBCtti himan.
Hidhattoonni kun gandoota kunneen keessatti caasaa mataasaanii hundeessaa akka jiranis jiraattonni himaniiru.
Dhiyeenya hayyootaa fi namoota siyaasaa Oromoo gidduutti 'Waliigaltee Siyaatil' jedhamuun kan mogga'e tokko waliigalameera.
'Waliigaltee Siyaatil' jedhamuun ibsame irratti xiinxalaa siyaasaa fi miiidiyaa hawwaasaa irrattis dhiibbaa uumuun kan beekamu Obbo Jawaar Mohaammad dabalatee, Obbo Baqqalaa Garbaa fi WBO irraa Obbo Jireenyaa Guddataa fa'aa argamuu suuraa irratti mul'ataniiru.
Isaan booda ammoo Obbo Jawaar Mohaammadii fi namoonni isyaasaa Amaaraa kan akka Lidatuu Ayyaalew fa'aa marii gaggeessaa turuu ibsame.
Waliigaltee namoonni siyaasaa Oromoo fi Amaaraa Ameerikaatti irra gahaa jiru jedhamuun miidiyaa hawwaasaa irratti haasa'amu maal akak tahe bal'inaan hin baramne.

Madda suuraa, Miiidyaa Hawaasaa












