'Hidhattoonni Faannoo Wallagga Bahaatti caasaa mootummaa diiguun kan ofii ijaarrachaa jiru'- Jiraattota

Hidhattoonni Faannoo Godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu gandoota garagaraa to'achuun caasaa mootummaa diiguusanii jiraattonni BBCtti himan.
Hidhattoonni kun gandoota kunneen keessatti caasaa mataasaanii hundeessaa akka jiranis jiraattonni himaniiru.
Waraanni Bilisummaa Oromoo ibsa har'a baaseen ''jeequmsa itti fufinsaan hidhattoonni Faannoo mootummaan deegaramanii fi maqaa ''Faannoo Wallaggaa'' jedhuun of waaman Wallaggaa bahaa keessatti uummata nagaa irratti raawwatan hordofaa tureera,'' jedha.
''Gareen harcaatuun jalqaba mootummaan hundeessee, hidhachiise'' hanga dhiyeenyaatti qaamuma milishaa bulchiinsa Abiy Ahimed tahuun socho'aa turan'' jedhe.
WBO garee kana irratti tarkaanfii fudhachuuf akka jedhus ibseera. Mootummaan waa'ee sochii hidhattoota godina kana keessaa irratti yeroo baay'ee hin dubbatu.
Jiraataan aanaa Kiiramuu BBCtti dubbatan bara kana keessa gandoonni aanichaa deebi'anii akka ijaaraman taasifamus, yeroo dhiyootii as hidhattoonni isaan 'Finxaaleyyii Amaaraa' jedhaniin gandoota ijaaraman diigaa jiraachuu himan.
Ji'a tokko dura ganda Siree Dooroo keessaa caasaa mootummaa buqqisuun gandicha dhuunfachuusaanii kan himan jiraattonni aanichaa, ammas itti fufuun ganda Ashuu Kusaayee jedhamu to'achuusaanii himaniiru.
Jiraataan aanichaa "Siree Doorootti bulchaa gandaa maal maal jedhanii caasaa mataasaanii diriirsaniiru. Jiraattotuma keessaa filatanii bulchiinsa yeroo uumaniiru" jedhan.
Gama biraatiin mootummaan hidhattoota kunneen iddichaa gadhiisisuufi gandicha to'achuuf carraaqqiin taasise akka hin jirre jiraataan kun himaniiru.
"Waraana Faannootti baane"
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jiraataan aanaa Kiiramuu kan biraa ganda Ashuu Kusaayee keessa jiraachaa turan nageenyasaaniif jecha maqaansaanii akka hin eeramne gaafachuun taatee ganda isaaniitti raawwatame BBCtti himan.
Gandi isaanii Wiixata ALI Hagayya 20, 2017 obboroo hidhattoota kanaan weeraramee arguu kan himan jiraataan kun, "Wiixata gara bariitti naannoo sa'aa 9 fi 10'tti kan isaan dhufanii qabatan jedhama. Garuu nuti barii yeroo kaanu isaanumatti baane, waraana Faannootti baane" jedhan.
Itti aansunis hidhattoonni kun jiraattota gandichaa walgahii teesisuun "Abbaan Faannoof gibira gabbaree, qabeenyan qabu keessaa dhibbeentaa 50 kennee, waggaa waggaan immoo gatii rasaasaafi meeshaa bitee nan kenna jedhu as jiraachuu danda'a" jechuun itti dubbachuusaanii himan.
Dabalataan namoota caasaa mootummaa biyya bulchu keessa jiran, milishoota fi Waraana Bilisummaa Oromoo walin hidhata qabanirratti tarkaanfii akka fudhatanis dhaadachuu isaaniis jiraataan kun dubbatan.
"Amma gandi Ashuu Kusaayee (jiraataan) guutummaatti buqqa'ee jira. Lafa sana qabatee kan jiru Faannodha, caasaan mootummaa achii deemera" kan jedhan jiraataan kun, walgahicha booda haadha warraafi ijoollee isaanii qabatanii gara aanaa Giddaa Ayyaanaatti baqachuusaanii himaniiru.
Jiraataan aanaa Kiiramuu inni sadaffaan BBC'n haasofsiise, gandisaanii Siree Dooroo jedhamuu ji'a tokko dura hidhattoota kunneeniin to'atamnaan qe'ee isaaniitii buqqa'uu dubbatan.
"Finxaalessi Amaaraa yeroo darbe jalqabee magaalaa Siree Dooroo keessa alaabaa mataasaa dhaabbatee 'birrii 10,000 fi dhangaa kuntaala 5 yoo fiddan malee hin jiraattan' jedhee ummata rakkisaa jira" jedhan.
Yeroo ammaatti magaalaa aanichaa kan taate Kiiramuutti baqatanii akka jiran kan himan jiraataan kun, hidhattoonni ganda isaanii to'atan gariin gandootuma aanichaa keessaa gariin ammoo naannoo Amaaraa keessaa walitti kan dhufan ta'uu dubbatan.
Gama biraatiin "namni dhufee nu gaafate hin jiru, mootummaan nu gaafate hin jiru" kan jedhan jiraataan kun, hidhattoonni isaan 'Finxaaleyyii Amaaraa' jedhaniin qe'ee isaanirraa buqqa'anitti caasaa diriirsuun bulchaa jiraachuu himaniiru.
Yaaddoon biroo ammoo hidhattoonni kun sochii isaanii gandoota amma to'ataniin ala gara gandoota birootti babal'isuu danda'u jedhu bal'inaan jiraachuu jiraattoonni dubbatu.
"Ammallee gandoonni baay'een sodaa jala jiru. Gandoonni akka Lalistuu Somboo, Qilxuu Aabboofaa kallattii sana kan jiran 'har'a dhufna, boru dhufna' jedhanii doorsisaa jiru" jechuun jiraataan aanichaa BBC'tti himaniiru.
Sochii waggoota afur darbanii
Maqaawwan 'Finxaaleyyii Amaaraa fi Faannoo' jedhaniin jiraattotaafi angawoota aanaalee Wallagga Bahaa tokko tokkon kan waamaman hidhattoonni kun Godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu keessa ALI bara 2014 sochii taasisuu eegalan.
Waggoota darbaniifis ajjeechaa lammiilee nagaafi caasaa mootummaa, akkasumas saamicha qabeenyaan komatamaa turaniiru.
Jiraattonni aanichaa kumaatamaan lakka'amanis sababa hidhattoota kunneeniin qe'ee isaanirraa buqqa'aa turaniiru.
Kaayyoon hidhattoota kanaa weerarafi babal'ifannaa lafaa ta'uu jiraattonnifi angawoonni naannichaa irra deddeebiin himaa turaniiru.
Jiraataan aanaa Kiiramuu BBC'n haasofsiise kaayyoon hidhattoota kanaa inni biraan sochii hidhattoonni Faannoo mootummaa biyyattii bulchaa jiru fonqolchuuf taasisan naannoo Oromiyaa keessatti gaggeessuu akka ta'e dubbatan.
Ji'oota muraasa dura haala nageenyaa aanichaarratti BBC'f yaadasaanii kan kennan Bulchaan aanaa Kiiramuu Obbo Birhaanuu Fiqaaduu, haleellaa hidhattoonni kun aanicha keessatti raawwataniin yeroo tokkotti gandoota aanichi qabu 19 keessaa gandoonni 18 hawaasni guutummaatti irraa buqqa'ee akka ture himanii ture.
Jiraattonni gandoota kunneen keessaa buqqa'anis bara 2016 deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaatiin gara qe'ee isaaniitti deebi'uunsaanii ni yaadatama.
Gama biraatiin haala nageenyaa aanichaa yeroo ammaafi yaaddoo jiraattotaa ilaalchisee yaaliin yaada bulchaa aanichaa argachuuf taasifne hin milkoofne.
Bulchaa aanaa Kiiramuu kan ta'an Obbo Birhaanuu Fiqaaduu walgahiirra jiraachuusaaniifi turree akka bilbilluuf nutti himanillee yemmuu deebisnee bilbillutti bilbila nu jalaa hin kaasne.
Godinni Wallagga Bahaa aanaalee 18 qabdu keessaa Aanaan Kiiramuu ishee tokkodha. Magaala Naqamteerraa kiiloomeetira 144 fagaattee kan argamtu aanaan kun daandiin aspaaltii Naqamteedhaa Amuruu fulla'u keessa qaxxaamuree darba.
Kiiramuun gama tokkoon sulula laga Abbayyaa gama kaaniin ammoo sulula hangariin daangeffamti.
Jiraattonni Godina Wallagga Bahaafi Godina Horroo Guduruu Wallaggaa waggoota afran darban haleellaa hidhattoota mootummaan 'finxaaleyyii Amaara' jedhuun yeroo garaa garaa irratti raawwatamaa tureen qe'eefi qabeenya isaaniirraa buqqa'aniiru.
Sababa hidhattoota Faannoo kanaan gandoonni baayyeen aanaalee Giddaa Ayyaanaa fi Kiiramuu hedduun waggoota shanana darban kana keessa gaaga'ama hamaa keessa jiraachaa jiru.
Hidhattoonni mootummaan 'finxaaleyyii Amaaraa' ittiin jedhu kunneen uummata qe'eerraa buuqqisuu, namoota nagaa ajjeesuu, qabeenya samuufi sarbama mirga namoomaa garaa garaa irratti hirmaataa turuu jiraattota, qondaalota mootummaafi Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa waabeffachuun BBCn gabaasaa ture.












