Kitaabni 'Ida'amuu' arfaffaa MM Abiy Ahimed barreessan maal irratti xiyyeeffata?

MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed

Madda suuraa, FBC

MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed kitaaba isaanii 'Mootummaa Ida'amuu' jedhu arfaffaa barreessuun maxxansiisaniiru.

Paartii Badhaadhinaa yeroo hundeessan falaasama ''biyya keessaati'' kan jedhan Falaamsa Ida'amuu jedhu irratti hundaa'uun akka tahe kan himan MM Abiy kana dura kitaabota sadii maxxansiisaniiru.

''Mootummaa Ida'amuu'' jechuun amma kan maxxansiisan kan mootummaan isaanii irratti xiyyeeffachuun badhaadhina Itoophiyaaf itti fayyadamu tahuus kaasaniru.

Gaaffii fi deebii Faanaa Miidiyaa Korporeeshin waliin taasisan irratti falaasamni Ida'amuu sadarkaa falaasama siyaasaatti hojiirra hin oolle malee ilaalcha durumaan uummata Itoophiyaa keessa turedha jedhan.

Ida'amuu adda kan taasisu galmaa fi adeemsa isaati kan jedhan Dr Abiy ''waanuma uummata keenya keessa ture irraa waan waraabameef falaasama biyya kana keessaa biqiledha kan jennuf,'' jedhan.

Ministirri Muummee Dr Abiy kitaabichi ibsituuwwan mootummaa Ida'amuu kaa'uun akka eegalu ibsaniiru.

Mootummaan Ida'amuu qaawwaaleefi hanqinoota mul'atan sirreessuu fi dhiphisuun kan danda'amu hojiilee sadii sirnaan hojjechuun yoo danda'ame ta'uu kaasaniiru.

Hojiin jalqabaas 'daandii saffisaa Ida'amuu' yoo ta'u guddina dameewwan hedduurratti hojjechuun daandii saffisaarra imaluu akka ta'e dubbataniiru.

Hojii lammaffaan ammoo ' daandii utaalchoo Ida'amuu' yoo ta'u saffisa walfakkaataa yoo imalle, dhimmoonni bira gahuun hin danda'amne jiraachuu kaasanii, jijjiirama qabeenya qilleensaa fi hubannoo namtolchee irratti 'daandiin utaalchoo' hojiirra ooluu fi bu'aan galmaa'uu eeraniiru.

Hojii sadaffaan 'daandii kalaqaa ida'amuu' hiyyummaa keessaa bahuuf meeshaa baay'ee barbaachisaa ta'uu ibsanii, naannawaa hojjennutti agarsiistuu dandeettii dhala namaa kan ta'e kalaqa baay'isuun barbaachisaadha jedhan.

Fageenyi addunyaa waliin qabnu bal'aa waan ta'eef hojimaata barameen ala hojjechuun barbaachisaadha jechuun ibsaniiru.

Kana malees addunyaa saffisaan jijjiiramaa jirtu kalaqa madaqsuun waliin imaluun barbaachisaa ta'uus hubachiisaniiru.

Siyaasa yaadama irratti bu'uureffame

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootummoonni Itiyoophiyaa duraan turan yaadama, karaa ittiin fuulduratti deemanii fi galmoota milkeessuu barbaadan sanadaan qopheesssanii sadarkaa kanatti olkaa'anii akka hin beekne himan.

Kitaabichi addunyaa waliin essatti walbira darbine, cabiinsi siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa essaa eegalan kan jedhuu bal'inaan ibsa jedhan.

Qormaatiileen duubatti hafiinsaaf sababa ta'an maali, hanqinoota nu'i fi addunyaa giddutti uumaman akkamiin dhiphisuu dandeenyaa fi yaada ida 'amuu isa kam yoo hordofnee milkoofna kan jedhuus kitaabichi kan ibsu ta'uu kaasaniiru.

Akkasumas kitaabichi adeemsa baramaa irraa kalaqa ida'amuu ariitii fi karaalee ceesisoo hordofuun barbaachiisaa ta'an kan of keessaa qabudha jedhan.

Mootummaan yaadama ida'amuun hogganamu amaloota akkamii akka qabu fi imaammata hordofuuf bu'aa isa galateeffachiisuu bal'inaan ni kaa'a jedhan.

Walitti dhufeenya biyya keessaa fi alaaf akkasumas magaalootaa fi baadiyyaa ammayyaa akkamiin uumuun danda'ama kan jedhuus of keessatti kan hammate tahuu kaasaniiru.

Ida'amuun qabeenya kuufama gama indaastirii fi tuurizimiin jiran faayidaa biyyaalessaaf olchuun akkamiin akka barbaachiisuus ni ibsa jedhan.

Gama biraan Siyaasni jibbiinsa dhuunfaan osoo hin taane olaantummaa yaadan hogganamuu akka qabu hubachiisa jedhan.

Dr Abiy siyaasni Itoophiyaa keessaa yaadama irratti bu'uureffamuu akka qabu ibsa jedhan.

Siyaasa humnaa, jibbaa osoo hin taane mul'ata irratti kan hundaa'e tahuu qaba jedhan.

Kitaaba isaanii keessatti siyaasa yaadama malee biyya keessa jiru akkamiin keessaa bahuu akka qabnu ibsa jedhan.

Badhaadhinni fedha siyaasaa fi dinagdee ykn ulfina dhuunfaaf hin hojjetu kan jedhan muummichi galmi isaa badhaadhina uummataa tahuu himan.

Seeneffamni siyaasaa Itoophiyaa keessaas akkamiin qajeelfamuu akka qabu ibsa jedhan.

Aangoon argamaa kan ture humnaan akka ture kaasanii ammas yaadama ykn falaasama tokko malee karaa jibbaa fi humnaa kan argachuuf abbalan akka jiran kaasan.

Siyaasni jibbaa fi miiran osoo hin taane olaantummaa yaadan hogganamuu qaba jedhan Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr Abiy Ahimad.

Ida'amuu sadarkaa dhaabbataatti

Kitaaba Mootummaa Ida'amuu caalmaatti barbaachisaa fi bu'a qabeesa kan taasisu muuxannoo fi bu'aa qabatamaa irraa kan waraabame ta'uu isaati jedhan Ministirri Muummee Dr Abiy Ahimad.

Kitaabni Mootummaa Ida'amuu sadarkaalee nama dhuunfaa fi gareetti darbees sadarkaa dhaabbataatti hojiirra ooluu akka danda'us dubbataniru.

Yaad-rimeen Ida'amuu bakkeewwan murata'an irra darbee gara yaadaa fi ejjennoo mootummaatti kan guddates adeemsaan ta'uu ibsaniiru.

Yaadicha kan waloo gochuun namota hedduu biratti fudhatama akka argatuuf leenjiirra darbee maree, ceephoo fi ragaan akka cimuuf ta'eeras jedhan.

Kitaabichi seenaa kan sakatta'u, gara fuuladuraattis deemuun egeree addunyaa keessatti imala qabnu kan xiinxaluudha jechuunis ibsaniiru.

Kitaabichi caalmaatti bu'a qabeessaa fi barbaachisaa kan taasisu ammoo bu'aa fi muuxannoo qabatamaa irraa kan waraabame ta'uu isaa cimsanii hubachiisaniiru.

Kitaabni Mootummaa Ida'amuu firiin kamuu dadhabbii malee akka hin argamne hunda, dadhabbii guddaan kan qophaa'e ta'uus himaniiru.

Seenaa Itiyoophiyaa fi Afrikaa keessatti yaadama mootooleen ittiin hogganaman qabatamaan barreeffamee akka hin argamne dubbatanii, kanaafis hedduuwwaniif daandii kan bane akka ta'e, motummoonni maal yaadanii akkamittiin akka hojjetan uummata isaanii fi seenaaf ragaa kaa'an akka ta'es nan abdadha jedhan.

Jildiin jalqabaa Kitaaba Ida'amuu yaadama waliigalaaf bu'uura kan kaa'u ta'uu eeranii, kanaanis yaadamni ida'amuu fi fedhiin dhala namaa akkasumas siyaasni, dinagdee fi ida'amuu fi dhimmoonni biroon kan ilaalaman ta'uu yaadachiisaniiru.

Kitaaba Ida'amuu Jildii lammaffaa keessattis yaadichi kan waloo akka ta'uuf yaadicha karaa salphaa ta'een fakkeenyaa fi haala qabatamaadhaan hubachiisuuf akka yaalames dubbatan.

Daandii Ida'amutiin, humnoota jijjiiramicha garagalchuu, butuu fi karaa haaromsawaa ta'een deemsisuu barbaadan hubannee saffisa nu qaqqabuu hin dandeenyeen yoo deemne humna dhabanii harca'anii hafu karaa jedhuun waloon kan murtaa'e ta'uus dubbataniiru.

Kitaaba Ida'amuu Jildii 3ffaa keessatti ammoo yaadamni ida'amuu yaada dhalootaa akka ta'uu fi dhaloota yaadama ida'amuun attamiin ijaaruun akka danda'amu kan itti agarsiifame ta'uus kaasan.

Falaasamni Ida'amuu falaasama siyaasaa kaan irraa maaliin adda taha?

Bu'aa fi adeemsa isaatu kaan irraa adda isa godha. Guutummaan guutuutti falaasama kaan irraa addadha ykn tokkodha jechuu hin dandeenyu kan jedhan Dr Abiy galmi isaanii adda tahuu himan.

Galmi inni dhumaa Ida'amuu Itoophiyaa lammiilee Itoophiyaaf kennuudha.

Badhaadhina Itoophiyaa mirkaneessuun yoo lammiilee isheef kenine warri kaan harkaa baafachuu hin danda'an. Kanaaf ammoo ida'amuu qabna jedhan.

Falaasamni Ida'amuu hordofan kun hammataadha jedhan. Garee ykn saba tokko irratti kan hirkate osoo hin taane karaa wal qixa taheen lammiilee biyyattii hunda ija tokkoon ilaala jedhan.

Ida'amuun ilaalcha madaalawaatti amana jedhan. Kana jechuun namni akka barbaade akka jiraatu qofa kan eeyyamu osoo hin taane seera qabeessummaan akka jiraatuu fi al-seerummaa akka hin jiraanne gargaara jedhan.

Ida'amuun rakkoolee walxaxoo hiikuuf, deebii sirnaan deggerame kennuuf kan wixiname yaadama siyaasaa fi dinagdee akka ta'es hubachiisaniiru.

Yaadamni Ida'amuu ''Ubuuntuu'' Afirkaa Kibbaatti beekamu fi falaasamni Giriik irraa adda ta'uu kaasanii, akka Ubuuntuu waa'ee hariiroo namoota dhuunfaa qofa osoo hintaane rakkoolee walxaxoof fala sirnaawaa kennuuf kan yaadamee dha jedhan.

Hanqinni qabeenyaa fi morkiin uumamaan namoota gidduutti uumamu akkasumas namni waan namaa yaaduuf tumsa akka uumu ibsanii, hunduu walqixatti madaala isaanii yoo hin eegne deebisanii rakkoo akka uumanis kaasan.

Ida'amuun hawaasa biyyattii hunda keessa jiraachuu kan dubbatan Dooktar Abiy, kan keenya kan adda baasu yaadama ida'amuu qabnu sana karaa falaasamawaan ibsinee, yaadama siyaasaa fi dinagdee gochuun kaa'uu keenya dha jedhan.

Adeemsi isaas bu'aan isaas adda isa taasisa kan jedhan Dr Abiy dhaabbilee mootummaa keessattis b'aa guddaa galmeessaa jiraachuu himan.

Mootummaa Ida'amuu fi misooma Kooridarii

Mootummaan misooma kooridarii hojjechuun komii jira kan jedhuuf uummata nu filate biraa miti jedhan.

Mootummaan Ida'amuu magaalaa fi baadiyaa irrattis xiyyeeffannoo kennuun hojjechaa jira jedhan.

Dhalli namaa magaala keessa jiraatu gara badhaadhinaatti kan dhiyaate jechuudha jedhan.

Tajaajilli mootummaa hedduun magaala keessatti waan argamuuf jireenya isaanii kan salphisuufiidha jedhan.

Magaalonni aadaa hawwaasa hunda irraa wla make kan itti uumamudha jedhan. Afaan, aadaa fi amantaa adda addaa kan qabantu waliin jiraata jedhan.

Gama dinagdeenis walitti hidhamanii kan jiranii fi teeknoloojii fi saayinsii kamiifuu dhiyoo waan jiraniif xiyyeeffannoon irratti hojjechuun murteessaa tahuu kaasan.

Magaalaa Finfinnee keessatti misoomni kooridarii laggeen irratti hojjetan biyyoota Afrikaa kaaniifiyyuu fakkeenya kan tahudha jedhan.

Manneen jijjiganii fi sababa fincaanii fi bobbaa namaaf karaa nama hin dabarsine qulqulleessineeti miidhagina amma mul'atu kan finne jedhan.

Dhalli namaa haala jireenyaa duraan ture osoo beekuu hojii amma hojjenne morma jennee yaadnu hin jiru kan jedhan Dr Abiy uumata nu filate keessaa miti jedhan.

Misooma kooridarii ilaalchisee qeeqni, arrabni fi yaada adda addaa kennan hedduu turan. Isaan amma waan du'aa deeman natti fakkaata jedhan.

Carraa hojii uumuu fi nageenya uummataa mirkaneessuu keessatti bu'aa guddaa fiduu ibsan.

Mootummaan isaanii magaala irratti xiyyeeffatee hojjechaa ture baadiyaa kan dagate miti jedhan.

Amma qonnaan bulaa irrattis xiyyeeffachuun hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Hoggansi mootummaa isaanii halkanii guyyaa hojjechuun dhoqqee keessa boottii kaawwachuun hojjetanii bu'aa argamsiisanidha jedhan.

Hojii misooma kooridariidhaan isaanii fi hoggansi isaanii kan ittiin boonan tahuu ibsan.

Saffisa, kalaqaa fi dhamaatii guddaan hojjechuun qajeelfamoota mootummaa ida'amuu akka tahan kaasuun bu'aa argamsiisaa jiraachuu himan.